Daandiin haqaa kami laata- kutaa 2ffaa

Torbaan darbee keessa daandiin haqaa maal akka ta’ee fi warroota daandii haqaa irra fagaatan addeessuuf yaalle turre. Daandiin haqaa karaa tokkicha ilmi namaa badii fi adabbii adda addaa irraa baraaramuun nageenya, gammachuu fi milkaa’inna dhugaa galmaan itti gahuudha. Daandiin haqaa karaa ifaa fi qajeela ta’ee kan dukkanni fi jallinni keessa hin jirreedha. Daandiin haqaa rakkoo ilma namaatif furmaata guutu kan qabuudha. Kanaafu daandiin haqaa kamiin akka ta’e hubachuuf faaydaa armaan olii kan irraa argannu yookiin isa keessatti kan argamu ta’uu qaba.

Amma bakka dhaabanne irraa itti haa fufnu

Amantii haqaa irraa kan jallatan

Namoonni yeroo baay’ee amantiin haqaa kamiin akka ta’ee hubachuu dadhabuu isaanii irraa kan ka’e dhama’uun dukkana jireenyatti kufu. Amantiin haqaa rakkoo isaanitiif furmaata ta’uu kamiin akka ta’ee addaan baafachuun itti ulfaata, sababoota adda addaa irraa kan ka’e. Wantuma abbootin isaani hordofan qabachuun kuni amantii haqaati jedhanii mormu. Haqni fedhii namaa irratti kan hundooftu osoo hin ta’in madda dhugaa qabdi. Osoo haqni akka fedhii namoota hundaa taatee sila dachii fi samiin badde. Sababni isaas, beekumsa ilma nama gabaaba waan ta’eef wantoota addunyaa keessa jiran guutu hin beeku. Wantuma isa fundura jiruun murtii dabarsuun dachii mancaasa.

Amantiwwan addunyaa tana keessa jiran lakkoofsi isaani baay’eedha. Namni hunduu amantiin ani hordofuu dhugaadha jedha. Namoota biroos gara isaa harkisuuf ni carraaqa. Garuu gaafiwwan akkana jedhan ka’uu danda’a “Amantiin kee maal irratti hundaa’e dhugaa ta’a? ragaan kee maali? Amantii kee irraa bu’aa maal argatte namoota biroo gara keetti harkiistaa?”  Wanti tokko haqa ykn dhugaa ta’uuf ragaa barbaachisa. Ragaa yoo hin qabaatin wantichi soba ta’aa jechuudha. Amantiwwan addunyaa keessatti babal’atan keessaa muraasa isaani ragaa waliin mee haa ilaallu.

Kiristaanummaa fi Yahuudummaa

Amantiwwaan kunniin lamaan amantiwwan walitti dhiyaatanii fi seenaa dheeraa qabaniidha. Yahuudonni Nabi Muusa (Muse) hordofna yommuu jedhan kiristaanonni immoo Nabi İisa (Iyyasuusin) hordofna jedhu. Eeti yeroo durii akkuma Yahudoonni jedhan Nabii Muusa kan hordofan turan, Kiristaanonniis akkasuma. Haa ta’uu malee akkuma yeroon darbuu fi dheeratun, warri kunniin amantii haqaa Nabi Muusa fi Isaa (lamaan isaani irratti nageenya haa jiraatu) barsiisa fi namoota itti waamaa turan irraa jallatu eegalan. Kitaabota qulqulluu isaani Rabbiin irraa buufame kan akka Tawraati fi Injiilin jijjiruu fi walitti naquu eegalan. Sababoota amanti haqaa irraa akka jalatan isaan taasisan keessaa fedhii Mootii isaani hordofuu, qabeenya addunyaa tanaa argachuuf oli gadi fiigu, fedhii ofiiti fi sheyxaana hordofu fi kkf dha. Dhiibbaa kana fi kkf irraa kan ka’ee kitaaba isaani fi aqiida (amantii) sirri diigu eegalan.

Wanta Ergamantoonni isaanii hin barsiisne ummata barsiisu eegalan. Yahuudonni gooftan keenya Uzeeyr jedhan. Kiristaanonni immoo İisan(Iyyasuus) gooftaa keenya jedhan. Yaada amantii (ideology) adda addaa qabachuun kitaaba keessatti katabuu eegalan. Haala kanaan ummataa daandii haqaa irraa jallisan. Qur’aanni gocha isaani kana haala kanaan ibsa. Qur’aanni yahudoota fi kiristaanota ibsuuf gaalee ‘Ahlal kitaab (warroota kitaaba)” jedhu fayyadama.

Dhugumatti isaan keessaa garee arraba isaanitin kitaaba miccirantu jira akka isin kitaaba irraa jettanii yaaddaniif. Garuu inni (wanti dubbatan) kitaaba irraa miti. Osoo inni Rabbiin biraa hin ta’in “Kuni Rabbiin biraayi.” Jedhu. Osoma beekanu Rabbiin irratti kijiba dubbatu.” Suura Ali-Imraan:78

Kiristaanonni fi yahuudonni wanta kitaaba keessa hin jirre kitaabatti dabalan, dhugaa jirus keessaa haaqan. Haala kanaan ummata karaa haqaa irraa jallisan, Rabbiin irratti kijiban. Kitaaba isaani qofa miti jecha Qur’aanatis micciruu barbaadu. Haa ta’uu malee isaani hin milkaa’u.

Akka fakkeenyatti ‘Iyyasuus gooftadha yookiin ilma gooftati.” Jedhanii ummata jallisan. Iyyasuus ta’ii Nabiyyin biraa gonkumaa “ani gooftadha, na waaqefadha.” Jedhe barsiisaa akka hin turre Qur’aanni haala kanaan ibsa.

Ilma namaa tokkoof Rabbiin kitaaba, hukmii (beekumsaa fi hubannoo seera amantii) fi Nabiyyummaa isaaf kennee, ergasii namootan “Rabbii gaditti gabroota naaf ta’aa” jechuun isaaf hin malu. Garuu kan inni isaaniin jedhu “waan kitaaba barsiisaa turtanii fi waan qo’ataa turtaniif jecha beektota beekumsa isaanitin hojjatan ta’aa.”” Suura Ali-Imraan:79

Nabiyyoonni yookiin namoonni biroo “Rabbii gaditti naa waaqefadhu (gabbaraa)” jechuutti mirga hin qaban. Nabiyyin yoo hin jedhin eenyutu akkana jedhe ree? Paappasoonni, qeysoonni, daqoononni daandii haqaa irraa ofii fi namoota biroo jallisan seeraa haarawa tumuu fi Rabbiin ala kan biraa gabbaruun ummataaf karaa godhan. Kitaaba Rabbiin kenneef injiili fi Towraatin ni micciran, jechoota sirrii bakkaa haaqani kan ofii itti dabalan. Ergasii kuni Rabbii irraayi jedhan. Rabbiin warroota kanaaf adabbii hamaa waadaa galeef:

Warra kitaaba harka isaaniitiin katabanii, ergasii isaan(kitaabaan) gatii muraasa bitachuuf jecha “Kuni Rabbi biraa bu’e”jedhaniif badiin mirkanaa’e! Waan harki isaani barreessiteef jecha badiin isaanif haa ta’u! Ammas waan isaan argataniif jecha badiin isaanif haa ta’u!”Suura Al-Baqaraa:79

Wanta xiqqoo qabeenya addunyaa tanaa argachuuf jecha kitaaba keessatti sobaa fi wanta haarawa uuman. Ummata irraa qabeenya walitti sassaaban. Naannoo keenya irraa yommuu namni Kiristaana tokko du’u ykn carraa biraatti fayyadamuun qeysoonni fi pappaasonni qabeenya hangami akka sassaabani fudhatan salphatti hubachuu ni dandeenya. Qabeenya walitti kuusu qofaa miti namoota karaa Rabbii irraa garagalchu. Amala badaa isaani Qur’aani haala kanaan addeessa.

Yaa warra amantan! Dhugumatti irra hedduun hayyoota (amantii) fi moloksee qabeenya namoota haqaan malee nyaatu; karaa Rabbii irraas namoota deebisu. Isaan meetaa fi warqee kuusatan, kan karaa Rabbii irratti hin baasne adaba laaleessaan isaan gammachiisi. Guyyaa ibidda jahannam keessatti ishee (qabeenya walitti kuusaa turan) irratti hoo’ifamu, kan addi isaanii, cinaachi isaaniti fi dugdi isaanii isheen gubamu “Kuni waan isin lubbuu keessaniif kuusaa turtaniidha. Waan kuusaa turtaniif dhandhamaa.” jedhamu” Suura At-tawbaa:34-35

Adaba cimaadhaa mitiree?

Islaamni dhugaa ta’uu osoo beekanu ummata jallisuu fi irraa garagalchuuf dhagaan isaan hin buqqisne hin jiru.

Yaa warra kitaaba (kiristaanota fi yahuudota)! Sila maaliif osoo beektanu jallina ishee(karaa Rabbii) keessa barbaachaf karaa Rabbii irraa nama deebiftu? Rabbiinis waan isin dalagdan irraa dagataa miti.” Jedhi.” Suura Ali-imraan:99

Namoota daandii haqaa irraa nu jallisuuf nu waaman akka hin ajajamneef Rabbiin haala kanaan nuu dhaama.

Yaa warra amantan! Yoo garee warra kitaabni kennameef irra ta’aniif ajajamtan, erga amantanii booda gara kufritti isin deebisu.” Suura Ali-imraan:100

Kabajamtoota hordoftoota amantii kiristaana barruu tana dubbisaa jirtan hundaaf: kaayyoon keenya amantii keessan arrabsuuf yookiin gadi xiqqeesufi miti. Kaayyoon keenya haqaa ummataaf ibsinee, nageenya, gammachuu fi milkaa’inna bara baraa akka argataniidha. Tarii abbootin keessan kiristaana waan turaniif isiniis amantii isaani hordofuu dandeessu. Abbootin keessaniis hanqinna beekumsaa irraa kan ka’ee qeysota hordofuun daandii haqaa irraa jallatuu danda’u. Isin immoo warra baratee fi xinxalle dhugaa fi soba addaan baasu danda’udha. Rabbiin Gooftaa keenya fi keessan ta’e namoota fedhii ofiitin ummata jallisan akka hin hordofne hunda keenyaf dhaamsa armaan gadii nuu dhaama.

Jedhii: Yaa warra kitaabaa! Amantii keessan keessatti dhugaan ala (waan biraatti) amanuun daangaa hin darbinaa. Fedhii ummata duraan jallatanii darbanii, namoota heddus jallisanii fi karaa qajeelaa irraa jallatanii hin hordofinaa.” Suura Al-Maa’ida:77

“Daangaa darbuun isaani kuni kan madde Iyyasuusif kabaja ol’aanaa isaa hin malle kennuudha; kana jechuun Iyyasuusin gara Gooftummaatti olkaasun ‘Gooftaa keenya’ jedhan. Kuni daangaa haqaa darbuudha.

Fedhiin ummata duraan jallatanii immoo mootiin Roomaa wanta haarawa amanta kiristaana keessatti fide. Akkasumas fedhiin qeysoota fi Paappasoota amantii Kiristaana akka micciramu fi wal dhahuu godhanii jiru. Kan yaadatamu qabu Iyyasuus (nageenyi isa irratti haa jiraatu) Ergaa Rabbii haqaan geesse jira. Akkana jedhaa ture: “Yaa ilmaan Israa’il! Rabbii Gooftaa kiyyaa fi Gooftaa keessan ta’e gabbaraa. Dhugumatti namni Rabbitti waa qindeesse Rabbiin isarratti Jannata haraama(dhowwaa) taasiseera. Teessoon isaas ibidda. Miidhaa raawwattootafis tuumsitoonni hin jiran.” Suuraa Al-Maa’ida 5:72 Ergaan kuni ummata kiristaanota fi yahuuda jallinna, wal dhabbii fi fedhii duwwaa hordofuu irraa isaan baraaru fi gargaaruf ergaa isaaniif darbeedha.”

Kanaafu kabajamtoota hordoftoota amantii kiristaana fedhii namoota darbanii amantii keessan jallisan hordofuun dhuma badaa irraa isin baraaru ni danda’a?

Affeerran keenya kana:

Jedhi: “Yaa warra kitaaba! Gara jecha nuu fi isin jiddutti wal qixa taatee koottaa. (Isheenis) akka Rabbiin malee waan biraa hin gabbarre, Isattis waan biraa akka hin qindeessine, gariin keenyas garii keenya Rabbiin alatti gabbaramaa akka hin taasifanneedha.” Yoo isaan kana irraa garagalan “Akka nuti Muslimoota taane ragaa bahaa.” Jedhaan.” Suura Ali-İmraan:64

Kunniin tuqaale wali galteeti. Kana irraa yoo garagaltan isin hin dirqisiisnu. Sababni isaas;

Yaa ilmaan namaa! Dhugaan Gooftaa keessan irraa isinitti dhufee jira. Namni qajeele, kan inni qajeelu lubbuma ofiitif. Namni jallates, kan inni jallatu ofuma irratti. Anis isin irratti bakka bu’aa miti.”jedhi. Suuraa Yuunus: 108

Addunyaa aakhiratti fedhii fi seexana hordofuu osoo hin ta’in Rabbiin hordofutu nama baasa, badhaadhinnaa fi gammachuu fida. Daandii haqaa Islaama irra deemun rakkoo guyyaa guyyaan nama muudatuf furmaata ta’a yoo abbichi beeke itti fayyadame. Daandii haqaa kana irra deemun rakkinna, dhiphinnaa, dhama’iinsa, dukkana keessaa nama baasun gara gammachuu, nageenya fi milkaa’innatti ceesisa.

“… Ergasi yoo Ana (Rabbii) irraa qajeelfamni isinitti dhufe, namni qajeelfama kiyya hordofe hin jallatu (addunyaa kana keessatti), hin rakkatus (jireenya du’aan booda (aakiratti))” Suuraa Xaahaa:123

Kanaafu jallinnaa, dhiphinna addunyaa kana keessaa fi rakkinna aakhiraa irraa baraaramuuf furmaanni keenya karaa qajeelaa hordofuudha.Dhugaa kana hubachuuf Islaama hordofuu fi qo’achuu barbaachisadha.

Gudunfaa

Ilmi nama cal’iseetumaan dachii kana irra kan jiraatu osoo hin ta’in kaayyoo guddaa tokkoof uumame. Kaayyoo san yoo beekan garam akka deeman namatti akeeka. Kaayyoo san wallaalun immoo hurrii jireenya namatti buusa, jireenyi hiika dhabdi. Kunoo kaayyoo ilma namaati fi jinni gabaabumatti kana:

Jinnii fi ilma namaa akka Ana(Rabbi) qofa gabbaraniif(waaqefataniif)  malee hin uumne.”  Suura Az-Zaariyat (51):56

Kanaafu kaayyoon uumama keenya Rabbiin qofa fi qofa gabbaruudha. Rabbiin gabbaruu jechuun salaatu, soomu, zakaa baasu qofa osoo hin ta’in jireenya ilma namaa guutu kan haguugudha. Seera Rabbitti buluu fi Isa sodaachun yommuu wanta badaa irraa dheessitu fi yommuu hojiiwwan gaarii hojjattu, Rabbiin gabbaraa jirtaa jechuudha. Rabbiin gabbaruu jechuun Isaaf bu’aa buusu osoo hin ta’in matama keenya qofaaf bu’aa buusna. Rabbitti bulun wantoota hamaa irraa si tiksa. Isatti buluu diduun immoo wantoota hamaa fi rakkinna adda addaaf nama saaxila. Mee atummaanu yeroo rakkoo hangam akk dhiphattu ilaali. Karaa rakkoo kana keessa itti bahan ni barbaadda. Garuu yommuu karaan hunduu sitti cufamu gara Rabbii deebi’u malee furmaata biraa hin qabdu. Kanaafu daandii haqaa Rabbiin diriirse irra deemun dhiphinnaa fi rakkoo adda addaa irraa of haa baraarru. Namni qajeele ofuma fayyada, kan jallates matama ofii qofa miidha.

Hanga torbaan kutaa itti aanuun walitti deebinutti assalamu aleykum wa rahmatullahi wa barakaatuh.

Print Friendly, PDF & Email
Daandii Haqaa
Daandiin Haqaa kami laata?-kutaa 1ffaa

Leave a Reply