Dubbii iimaana Diigu-Kutaa 6.7

Kutaa darbe keessatti Rabbiin ala wanta nama fayyadu fi miidhu hin dandeenye waammachuun (du’aayin itti qajeelun) shirkii akka ta’e ilaalle jirra. Har’a kutaa xumura dubbii beektotaatin ni goloobna.

Dubbii Beektotaa irraa Muraasa
Sheykhu Muhammad bin Abdulwahhaab ni jedha: faaydaa fiduu fi miidhaa ittisu keessatti wanta Rabbiin malee homtu hin dandeenye argachuuf namni Rabbiin ala kan biraa kadhate, Rabbiin gabbaruu (ibaadaa) keessatti qindeessee (shirkii hojjatee) jira. Akkuma Rabbiin olta’aan jedhe:

Nama Rabbiin ala wanta hanga Guyyaa Qiyaamaatti deebii isaaf hin deebisne kadhatu caalaa jallataan eenyu? Isaan (warri kadhataman) kadhaa isaanii irraa gaafilota (quba hin qaban). Yommuu namoonni walitti qabaman, isaaniif diinota ta’u, gabbarri (waaqefanna) isaaniis ni mormu.” Suuratu al-Ahqaaf 46:5-6

(Nama Rabbiin alatti gabbaramtoota (wantoota waaqefataman) kadhaa isaa gonkumaa isaaf hin deebisnee kadhatu caalaa namni jallataa fi wallaalan hin jiru. Sababni isaas, gabbaramtoonni kunniin warra du’an ykn mukkeeni ykn dhagaalee fi kkf dha. Kadhaa namoota isaan waaqefatanii quba hin qaban (hin beekan, hin dhagayan). Yommuu namoonni Guyyaa Qiyaamaa qorannoo fi jazaaf walitti qabaman, wantoonni isaan gabbaraa turan kunniin diinota isaanitti ta’u, gabbarri (waaqefannaa) isaanii ni mormu. Akkana jechuun mormu: “Akka nu gabbaran (waaqefatan) isaan hin ajajne. Akka isaan nu gabbaraa jiranis nuti hin beekne. Yaa Gooftaa keenya isaan irraa gara keetti qulqulloofne.”[1])

 Kanneen isin Rabbii gaditti kadhattan wanta hanga qoola haphii ija temiraayyu hin qaban. Yoo isaan kadhattan, kadhaa keessan hin dhagayan. Osoo dhagahaniillee, isiniif deebii hin deebisan. Guyyaa Qiyaamaa shirkii keessanitti ni kafaru (ni mormu). Akka [Rabbii] keessa beekaatti homtu sitti hin beeksisu. ” Suuratu Faaxir 35:13-14

Rabbiin olta’aan Isaan ala wanta biraa kadhachuun (du’aayin itti qajeelun) shirkii akka ta’e ni beeksise. Namni “haajaa kiyya Rabbiitti naaf geessu ykn shafa’aa (jaarsummaa) naaf ta’u ykn Isatti na dhiyeessu” jedhee odeessuun “Yaa Rasuulallah ykn yaa Abdullah ibn Abbaas ykn yaa Abdulqaadir ykn yaa mahjuub” jedhe, kuni shirkiidha.” (Ad-Duraru as-Sinniyatu-2/19)

Ash-Shawkaanii ni jedha: “Tawhiida qulqulleessun hin guuttamu du’aayin hundi Rabbiif yoo ta’e malee. Waamachuun, birmannaa barbaaduun, abdachuun, waan gaarii argachuuf kadhachuun, sharriin namarraa akka ittifamuu kadhachuun Isaaf, Isarraayis. Isaan ala wanta biraatiif miti, Isaan ala wanta biraa irraayis miti. (Kana jechuun kan waammatan (kadhatan), birmannaa irraa barbaadan, abdatan, waan gaarii argachuu fi waan badaa ofirraa deebisuuf kadhataan Rabbiin qofa. Deebiin kadhaa, birmaanna fi waan gaariin kan dhufus Rabbii olta’aa qofa irraayyi. Isaan ala wanta biraatti du’aayin itti qajeelun hin ta’u.)

72:18

Masjidoonni kan Rabbiiti. Kanaafu, Rabbiin waliin eenyullee hin waammatinaa.” Suuratu Al-Jinn 72:18 (Ad-Daru nadiidi fuula 17)

Ammas ni jedha: Dhugumatti shirkiin wanta Rabbii qofaaf ta’e keessatti Isaan ala kan biraa kadhachuudha yookiin wanta Isa malee homtu hin dandeenye keessatti Isaan ala kan biraa dandeetti akka qabu amanuudha. Yookiin wanta gara Isaatti malee homattu ittiin hin dhiyaanneen Isaan ala kan biraatti ittiin dhiyaachudha. (Fkn, sooman ykn silati seenun Rabbiin ala wanta biraatti dhiyaachu. Kuni shirkiidha.)… (Ad-Daru nadiidi fuula 18)

Muhammad Rashiid Ridaa ni jedha: “Namni gara gabbarri nafsee isaatti namoota waame, dhugumatti namoonni Rabbii gadiitti isaaf gabroota akka ta’an waame jira, osoo Rabbiin gabbaru irraa isaan dhoowwu baateyyu. Namni ibaadaa, kan akka du’aayi keessatti ofii fi Rabbiin jidduu giddu-galaa godhe, Rabbii gaditti giddu-galaa kana gabbaree jira. Sababni isaas, giddu-galummaan kuni Rabbii qofaaf hojii qulqulleessu (ikhlaasa) faallessa. Yeroma ikhlaasni badu, ibaadanis bada. Kanaafi Rabbiin olta’aan akkana jedhe:

 “Kanaafu, amantii Isaaf qulqulleessuun Rabbiin gabbari. Dhagayaa! Amantiin qulqulluun Rabbi qofaafi. Warri Isaa gaditti awliyaa’a godhatan, “Gara Rabbiitti akka sirritti nu dhiyeessaniif qofa isaan gabbarra” [jedhu].” Suuratu az-Zumar 39:2-3

Warri Isaa gaditti awliyaa’a godhatan.” Kana jechuun warri Rabbii gaditti wanta biraa gabbaramtoota (gooftota) godhachuun gabbaran (waaqefatan), “Gara Rabbiitti akka sirritti nu dhiyeessaniif qofa isaan gabbarra” [jedhu].”

Gara Isaatti awliyaa’a giddu-galaa godhachuu isaanii Rabbiin olta’aan “Isaa gaditti [gabbaramtoota] godhatan” jedheen.

Ammas ni jedha: Namoota keessaa namoota wanta mushrikoonni hundi hojjatan osoo hojjatanu muwahhidiin (warra Rabbiin tokkichoomsan) ofiin jedhantu jira. Garuu akkuma amantii keessatti balleessaa raawwatan, lugaa keessattis balleessaa raawwatu. Hojiiwwan isaanii kana ibaadaa hin jedhaniin. Garuu tawassula, shafa’aa (jaarsummaa) jechuun moggaasu danda’u. Rabbii gaditti ykn Rabbiin waliin kan waammatan (kadhatan) shariikota hin jedhaniin. Garuu waliyyoota, maanguddoota (jaarsummaa (shafa’aa) namaaf ta’an) jedhanii moggaasu. Qorannoo fi jazaan maqaalee irratti osoo hin ta’in haqiiqaa irratti ta’a.” (Tafsiirul Manaar-3/347, 5/421-422)

Guduunfaa
☝Du’aayi jechuun waammachuu, kadhaadha. Du’aayin amanti keessatti beekkame of gadi qabuu,jaalala, sodaa fi kajeellaa waliin Gabbaramaa irraa wanta tokko kadhachuudha. Du’aayin akkanaa Rabbii Tokkichaaf malee hin ta’u.
✐Shari’aan nama lubbuu qabu sagalee kee dhagayu fi si gargaaruf dandeetti qabu, akka beekumsaan ykn humnaan si gargaaru waamu ykn kadhachuu irraa hin dhoowwu.
✐Garuu wanta nama hin fayyanne fi hin miine kadhachuun shirkii fi dhoowwamaadha. Fkn, nama du’e kadhachuun, nama fagoo dhaqqabu hin dandeenye kadhachuun, siidaa, fakkii fi kkf kadhachuun shirkiidha. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa ni jedha:

10:106

“Rabbii gaditti wanta si hin fayyannee fi si hin miine hin kadhatin. Yoo akkas goote, dhugumatti yoosan ati zaalimoota keessaa taata.” Suuratu Yuunus 10:106
(“Yoo akkas goote” kana jechuun yoo wanta si hin fayyannee fi hin miine kadhatte, warroota nafsee ofii miidhanii fi balleessan keessaa taata. Sababni isaas, Rabbii olta’aa gaditti wanta nama hin fayyannee fi hin miine kadhachuun shirkii waan ta’eef, kasaaraa guddaa fi azaaba (adabbii) cimaatti nama geessa.)


[1] Tafsiiru Muyassar-502-503, Tafsiiru Xabari-21/117
Nawaaqidul Iimaani al-qawliyah wal amalayah” fuula 152-155 Abdulaziz bin Muhammad

Nabiyyii Ilaalchise Dirqama Nurra jiru-1
Dubbii Iimaana Diigu-Kutaa 6.6

One comment

Leave a Reply