Nabiyyii Ilaalchise Dirqama Nurra jiru-1

Offline dubbisuf

Kutaalee darbe keessatti gosoota tawhiida sadan keessatti dubbii iimaana ilaalle turre. Har’a immoo itti fufuun Nabiyyoota keessatti dubbii iimaana diigu ni ilaalla.

Nabiyyoota keessatti Dubbii Iimaana diigu
Nabiyyi keenya Muhammad sallallahu aleyh wassallam ilaalchisee

1-Seensa qorannoo kanaa keessatti Nabiyyii fi jaallatamaa keenya Muhammad sallallahu aleyh wassallam ilaalchisee dirqama nurra jiru akeekna. Dhugumatti Rabbiin subhaanahu Nabiyyi Isaa Muhammad amaloota addaa baay’een adda godhee jira. Inni hogganaa ilmaan Aadami, xumura nabiyyootati, namoota hundaaf ergame. Akkuma Rabbiin olta’aan jedhe:

Jedhi, “Yaa namoota! Dhugumatti, ani Ergamaa Rabbii gara hunda keessaniitti [ergameedha].” Suuratu Al-A’araaf 7:158

Ammas, Nabii Muhammad (sallallahu aleyh wassallam) Guyyaa Qiyaamaa nama jalqabaa siraaxa irra darbuudha, nama jalqaba balbala Jannataa dhadhayuu fi seenudha. Al-Maqaamul Mahmuud (Dhaabbata Faarfamaatu) isaaf jira. Nama jalqabaa shafa’aa (jaarsummaa) ta’uudha.

Shakkii hin qabu, gama Nabiyyii kabajamaa kanaan dirqamoota baay’ee bakkaan gahuu qabnutu nurra jira. Kunniin waan hafuu hin qabneedha: wanta inni beeksise keessatti isa dhugoomsu, wanta ajaje keessatti isaaf ajajamuu, wanta inni dhoowwe irraa fagaachuu fi shari’aa inni fide qofaan Rabbiin gabbaru. 

Wantoota barbaachisoo gama jaallatamaa keenya Muhammad sallallahu aleyh wassallam dirqamoota nurra jiran keessaa amantiin, dubbii fi hojiin jaalala isaa galmaan gahuudha. Isa jaallachuu nafsee, ilma, abbaa haadhaa fi namoota hunda jaallachu caalaa dursisuudha.

Rabbiin olta’aan ni jedhe:

“Jedhi, ‘Abbootin keessan, ilmaan keessan, obboleeyyan keessan, niitiwwan keessan, firoonni keessan, qabeenyi isin horattan, daldalli isin hir’achuu isaa sodaattanii fi manneen isin jaallatan Rabbiin, Ergamaa Isaatii fi karaa Isaa keessatti qabsaa’u caalaa isin biratti jaallatamoo yoo ta’an, hanga Rabbiin ajaja Isaa fiduutti eegaa.’ Rabbiin namoota finciltoota hin qajeelchu.” Suuratu At-Tawbah 9:24

Anas ibn Maalik akka gabaasetti, Nabiyyiin sallallahu aleyh wassallam akkana jedhan: Namni wantoonni sadii isa keessa jiran, mi’aa iimaanaa argate: Rabbii fi Ergamaan Isaa wantoota biroo caalaa isa biratti jaallatamoo ta’u. Nama tokko jaallachuu fi Rabbiif qofa isa jaallachuu. Akkuma ibiddatti darbamu jibbu kufriitti deebi’u jibbuu.” (Sahiih Al-Bukhaari 16)

Dhugumatti sahaabonni (radiyallahu anhum) Ergamaa Rabbii sallallahu aleyh wassallam jaallachuu keessatti fakkeenya gaarii ta’anii jiru.

Aliyy ibn Abi Xaalib (radiyallahu anhu) “jaalalli isin Ergamaa Rabbiif sallallahu aleyh wassallam qabdan akkam turee?” jedhamuun gaafatame. Innis ni jedhe: Rabbiin kakadhe! Qabeenya, ijoollee, abbooti, haawwanii fi dheebu irratti bishaan qorraa caalaa nu biratti jaallatamaa ture.” (Ilaali Al-Shafaa-2/567-570, Al-Qaadi)

Amr ibn Aas (radiyallahu anhu) akkana jechaa ture: “Ergamaa Rabbii sallallahu aleyh wassallam caalaa namni tokkollee na biratti jaallatama fi ija kiyya keessatti guddaa hin turre. Garmalee isa kabajuu irraa kan ka’e ija guutee isa ilaalu hin danda’u ture. Akka isa ibsu osoo gaafatame, hin danda’u. Sababni isaas, ani ija guute isa hin ilaalu ture.” (Sahiih Muslim 121)

Rasuula sallallahu aleyh wassallam jaallachuun hojiiwwan gurguddoo qalbiiti fi dameewwan iimaanaa keessaa tokko erga ta’e, isa jibbuun immoo badiiwwan hundarra fokkuu fi balaa fidan keessaa tokkoodha. Dhugumatti Rabbiin olta’aan akkana jedhee jira:

108:3

“Dhugumatti kan si jibbu isuma kan qacceen cite.” Suuratu Al-Kawsar 108:3

Aayah kabajamtu tana ilaalchise wanta ibn Taymiyaan jedhe keessaa: dhugumatti Rabbiin olta’aan nama Ergamaa Isaa jibbe kheeyri hundarra kute. Yaadannoon isaa, maatii fi qabeenyi isaa ni cita. Aakhiratti kana ni kasaara. Jireenyi isaas ni citti, itti hin fayyadamu. Ishii (jireenya isaa) keessaa iddoo deebii (Aakhirah) isaatiif hojii gaarii siinqi hin godhatu. Qalbiin isaas ni citti, kheeyri hin qabattu. Warra Isa (Rabbiin) beekan, jaallatan fi Ergamaa Isaatti amanan keessaa hin godhu. Hojiiwwan isaas jalaa kuta, Isaaf ajajamu keessatti itti hin fayyadamu.  Gargaartota irraa isa kuta, kanaafu kan isa gargaaru fi deeggaru hin argatu. Wanta gara Isaatti nama dhiyeessani fi hojii gaggaarii hundarraa isa kuta, mi’aa isaanii hin dhandhamu. Osoo gubbaan hojjatteyyu qalbiin isaa isarraa tan dheessituudha.

Saniifi, Abu Bakr bin Ayyaash akkana jedhe: “Warri Sunnah ni du’u, yaadannoon isaanii immoo ni hafa. Warri bid’as ni du’uu, yaadannoon isaanis ni du’a. sababni isaas, warri Sunnah hordofan wanta Rasuulli sallallahu aleyh wassallam ittiin dhufee jaallatan. Kanaafu jecha Rabbii kana irraa qoonni isaaniif ta’e:   

94:4

Maqaa kee siif ol-kaasne.” Suuratu Ash-Sharh 94:4

Warri bid’aa wanta Rasuulli sallallahu aleyh wassallam ittiin dhufe ni fokkisan. Kanaafu jecha Rabbii kana irraa qoonni isaaniif ta’e:

108:3

“Dhugumatti kan si jibbu isuma kan qacceen cite (kheyri hundarraa cite).” Suuratu Al-Kawsar 108:3 (Majmuu’al Fataawaa 16/526-528)

Ammas, Nabiyyiif sallallahu aleyh wassallam dhugaa ta’uun nurra jira. Akkuma Rabbiin olta’aan jedhe:

9:91

Dadhabdoota, dhukkubsattootaa fi kanneen waan kennatan hin arganne irra diliin (cubbuun) hin jiru yoo Rabbii fi Ergamaa Isaatiif dhugaa ta’an. Toltuu hojjattoota irra karaan [komii] hin jiru. Rabbiin araaramaa, rahmata godhaadha.” Suuratu At-Tawbah 9:91

Yoo Rabbii fi Ergamaa Isaatiif dhugaa ta’anii fi shari’aa Isaatiin hojjatan, dadhabdoota, dhukkubsattoota fi hiyyeeyyi qabeenya gara duulaa bahuuf ittiin of qopheessan hin arganne, duula irraa duubatti hafuu isaanitiif diliin isaan irra hin jiru.[1]

Tamimi Daari (radiyallahu anhu) akka gabaasetti, Ergamaan Rabbii sallallahu aleyh wassallam akkana jedhan: “Ad-diinu Nasiiha (Amantiin dhugaa ta’uudha).” (si’a sadii). Ni jenne, “Yaa Ergamaa Rabbii! Eenyuf?” Innis ni jedhe, “Rabbiif, Kitaaba Isaatiif, Ergamaa Isaatiif, hoggantoota Muslimootaa fi wali gala isaanitiif.” (Sahiih Muslim 55, Sunan an-nasaa’i 4198)

Ibn Rajab ni jedha: “Rasuulaaf sallallahu aleyh wassallam jireenya isaa keessatti dhugaa ta’uun: isaaf ajajamuu, isa gargaaru fi deeggaru keessatti humna baasu, yeroo fedhetti qabeenya baasuu fi isa jaallachuutti ariifachuudha. Du’a isaatiin booda immoo: Sunnah isaa barbaadutti xiyyeefachuu, akhlaaqa (amaloota) fi naamusa isaa qorachuu, ajaja isaa ol guddisuu fi isaan dhaabbachutti maxxanuudha. Nama faallaa Sunnah isaatti bule irraa garagaluu fi garmalee jibbuu. Nama addunyaa jallachuu isaatiif Sunnah isaa gatee irratti dallanu. Namoota isa waliin turan kanneen akka firoota isaa, soddoota isaa, Islaama irratti isa gargaarani fi isa waliin hiriyooman jaallachuudha.” (Jaami’ul Uluumi wal-hikami 1/221-222)


[1] Tafsiiru Muyassar-201
Nawaaqidul Iimaani al-qawliyah wal amalayah” fuula 157-160 Abdulaziz bin Muhammad

Print Friendly, PDF & Email
Nabiyyi Ilaalchise Dirqama Nurra Jiru-2
Dubbii iimaana Diigu-Kutaa 6.7
Offline dubbisuf

Leave a Reply