Nabiyyi Ilaalchise Dirqama Nurra Jiru-2

Offline dubbisuf

Nabiyyoota keessatti Dubbii Iimaana diigu
Nabiyyi keenya Muhammad sallallahu aleyh wassallam ilaalchisee
Haqa Nabiyyii sallallahu aleyh wassallam irraa hanga inni ajajuutti, dhoowwutti fi hayyamutti ajajaan, dhoowwan, hayyamaani fi hojiin isa dursuu (darbuu) dhiisudha. Akkuma Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa jedhe:

49:1

Yaa warra amantan! Rabbii fi Ergamaa Isaa dura hin darbinaa. Rabbiin sodaadhaa. Dhugumatti, Rabbiin Dhagayaa, Beekaadha.” Suuratu Al-Hujuraat 49:1

Ibn Al-Qayyim ni jedha: Rasuula sallallahu aleyh wassallam waliin mataan naamusaa: haala guutuu ta’een isaaf harka kennuu, ajaja isaatiif masakamu, osoo yaada sobaatiin ykn shakkii fi faffakkeessaan hin faallessin ykn ilaalcha namootaa hin dursiisin, odeefannoo inni beeksise fudhachuu fi dhugoomsudha…” (Madaarij Saalikiin 2/387) (“Rabbii fi Ergamaa Isaa dura hin darbinaa.” jedhu ilaalchise Ibn Abbaas ni jedha: “Faallaa Qur’aanaa fi sunnah hin dubbatinaa.” (tafsiir Xabarii-21/335))

Haqa Nabiyyii sallallahu aleyh wassallam keessaa Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa isa gargaaruu fi kabajuutti ajaje:

48:9

“Rabbii fi Ergamaa Isaatti akka amantan, isa gargaartan, kabajjanii fi ganamaa galgala Isa (Rabbiin) qulqulleessitaniif [isa ergine]” Suuratu Al-Fathi 48:9

Qaadi Iyaad ni jedha: “Akkuma yeroo jireenya isaa du’aan boodas Nabiyyii sallallahu aleyh wassallam kabajuun barbaachisaa akka ta’e beeki. Kunis, yeroo maqaan isaa dhayamu, yeroo hadiisni fi sunnaan isaa dubbatamu, siiraan isaa dhageefatamu [isa kabajuu], warra mana isaatii fi sahaabota isaa kabajuudha.” (Ash-shafaa 2/595)

Haqa nabiyyiitin sallallahu aleyh wassallam dhaabbachuun, isaaf ajajamuun, isa jaallachuun, isaaf dhugaa ta’uu fi isa kabajuun erga mirkanaa’e, yeroma wal fakkaatu keessatti isa (nabiyyii) keessatti daangaa darbuu fi sadarkaa Rabbiin isa kaa’e ol olkaasu dhiisudha. Kanaafu, gosoota ibaadaa kamiyyuu keessatti Rabbiin waliin hin qindeefamu. Isa (nabiyyi) irraa birmannaa hin barbaadan, Rabbii gaditti qabriin isaa wasana gabbaramu hin godhamtu. Inni sallallahu aleyh wassallam gabricha Rabbiitii fi Ergamaa Isaatii. Haqni daangaa darbaa fi hanqisaa jidduudha.

Ibn AbdulHaadi ni jedha: Ol-Guddisuun (At-Ta’ziim) gosa lama: 1ffaan: wanta guddifamaan jaallatuun, itti gammaduu fi itti ajajuun ol guddisuu. Kuni haqiiqadhaan ol-guddisuudha. 2ffaan immoo wanta ol guddifamaan jibbuu fi irraa dhoowwun ol guddisuu. Kuni ol-guddisuu miti. Kana irra, daangaa darbuu ol-guddisuu faallessuudha. Kanaafi, Raafidan yommuu Aliyyif amala gabbaramaa ykn nabiyummaa ykn dogongora irraa guutumaan guututti eeggamu fi kkf godhaniif, isa ol hin guddifne. Akkasumas, Kiristaanonni Iisaa ilaalchise wanta jedhaniin isa ol hin guddifne. Nabiyyiin sallallahu aleyh wassallam nama wanta inni karaa hin goonen isa guddise irratti jibba cimaa jibbee jira… Musnad Ahmad keessatti Anas ibn Maalik akka gabaasetti namtichi tokko ni jedhe: “Yaa Muhammad, Yaa sayyidanaa, wa ibna sayyidanaa, wa kheyranaa ibna kheyranaa” Ergasii Ergamaan Rabbii sallallahu aleyh wassallam ni jedhe: “Dubbii keessan qabadhaa. Sheyxaanni isin hin gowwoomsin. Ani Muhammad bin Abdullah, Gabricha Rabbiiti fi Ergamaa Isaati. Sadarkaa Rabbiin Azza wa Jalla na kaa’ee ol akka ol na kaastan hin jaalladhu.” (Ahmad 3/153, Abu Na’iim Hilyah 6/252 keessatti)

Ergamaan Rabbii sallallahu aleyh wassallam akkana jedhan:
‏ لاَ تُطْرُونِي كَمَا أَطْرَتِ النَّصَارَى ابْنَ مَرْيَمَ، فَإِنَّمَا أَنَا عَبْدُهُ، فَقُولُوا عَبْدُ اللَّهِ وَرَسُولُهُ ‏”‏‏.‏
Akkuma Kiristaanonni ilma Mariyam faarsu keessatti daangaa darban isinis ana faarsu keessatti daangaa hin darbinaa. Ani gabricha Rabbii qofa. Kanaafu, gabricha Rabbii fi Ergamaa Isaa jedhaa.” Sahiih Al-Bukhaari 3445 (As-Saarimul Mankii fuula 385)

2-Osoo daangaa hin darbinii fi hin hanqisin gama Ergamaa Rabbiitin sallallahu aleyh wassallam dirqamni nurraa eeggamu erga mirkanaa’e, amma gara Nabiyyii sallallahu aleyh wassallam arrabsuu ilaalchise dubbachuutti dabarra. Hiika arrabsoo ibsuun jalqabna. Kutaa darbe keessatti arrabsoon jecha fokkuu salphinna, hir’innaa fi gadi xiqqeenyatti geessudha jennee jirra. Daangaan isaa immoo “barteedha (wanta namoonni barataniidha.)” jenne turre. Akkuma ibn Taymiyaan kana mirkaneesse:

“Lugaa fi shari’aa keessatti arrabsoof daangaan beekkamaan yoo hin jiraatin, isa ilaalchise garri itti deebi’an bartee namootati. Wanti bartee namootaa keessatti arrabsoo ta’e, isarratti kan jecha sahaabotaa fi beektota buusu qabnu.” (As-Saarimul Masluul fuula 477)

Ibn Taymiyaan gosoota fi bifa arrabsoo ni dhiyeesse. Ergasii ni jedhe: “Arrabsoo irraa Ergamaa Rabbiitiif sallallahu aleyh wassallam fakkeenya dubbachuun (dhiyeessun) wanta qalbii fi arraba irratti ulfaatudha. Nuti [arrabsoo] kana dubbachuu irraa of ol guddisna. Garuu murtii kana keessatti jechatti waan barbaadamuuf nuti osoo adda hin baasin haala wali galaatin jechoota lafa keenna. Namni hubataan kanarraa qooda isaa fudhata. Kanaafu, arrabsoon gosa lama jenna: du’aayi (kadhaa) fi odeefannoo.

Gosa 1ffaa– Du’aayi (kadhaa)- fakkeenyaaf namni tokko nama biraatin akkana jechuu: Rabbiin isa haa abaaru ykn Rabbiin isaa haa fokkisu ykn Rabbiin isaa haa salphisu ykn Rabbiin rahmata isaaf hin godhin ykn Rabbiin isarraa hin jaallatin ykn Rabbiin hidda isaa haa kutu. Kuni fi kan kana fakkaatan nabiyyootaa fi isaaniin ala namoota birootiif arrabsoodha.

Gosa 2ffaa-odeefanno: wanta namoonni akka arrabsootti ykn hir’isuutti lakkaawaniidha… Kan akka maqaa harreetin ykn sareetin moggaasu. Yookiin salphinnaa fi gadi xiqqeenyaan isa ibsu. Yookiin inni azaaba keessa akka ta’e beeksiisuu, ykn cubbuun namoota isarra jira jechuun beeksisuu fi kkf. Akkasumas,maqaa xureessuun kijibsiisuu ifatti baasu, fakkeenyaaf, saahira (nama sihrii hojjatu), gowwoomsa… jechuun isa ibsu”

Hanga akkana jedhuutti: jechoota tokkoon tokkoon tarreessun hin daangefamu. Wanti kana walitti qabu, wanti namoonni arrabsoo ta’uu baran, suni arrabsoodha. Tarii haalli, wali galteen, aadaan, akkaatan dubbii fi kkf gargar ta’uu irratti hundaa’e kuni gargar ta’uu danda’a. Dhimmi walitti naqame, fakkaataa isaatti maxxanfama. Rabbiin subhaanahu hundarra beekadha.”  (As-Saarimul Masluul fuula 475-479)

(Gabaabumatti arrabsoon takkaa abaarsan takkaa immoo odeefannoon ta’a. Odeefannoo yommuu jennu dubbii namoonni akka arrabsootti lakkaawaniidha.)

Madda:
Nawaaqidul Iimaani al-qawliyah wal amalayah” fuula 160-165 Abdulaziz bin Muhammad

Print Friendly, PDF & Email
Dubbii Iimaana Diigu-Kutaa 7.1
Nabiyyii Ilaalchise Dirqama Nurra jiru-1
Offline dubbisuf

Leave a Reply