Dubbii Iimaana Diigu-Kutaa 6.6

Offline dubbisuf

Akkaataa Rabbiin ala wanta nama hin fayyannee fi miidhaa hin deebisne kadhachuun shirkii fi wanta iimaana diigu itti ta’uKutaa 3

Rabbiin ala wanta biraa waammachuun (du’aayin itti qajeelun) gosa hojii kaafiroota akka ta’e Ibn Taymiyaan ni dubbata: Namni gara qabrii nabiyyii ykn saaliha (nama gaarii) deemuun wanta Rabbiin malee homtu dandeetti irratti hin qabne haajaa nama awwaalame irraa kadhatu, fakkeenyaf dhibee isaa ykn dhibee beellada isaa akka isarraa kaasu ykn liqaa isarraa kafalu ykn diina isaa irraa akka isaaf haaloo bahu ykn nafsee fi maatii isaa nagaha taasisu fi kkf irraa kadhachuu, kuni hundi shirkii ifa bahaadha. Abbichi akka tawbatu ni gaafatama. Yoo tawbate tawbate, ta’uu baannan ni ajjeefama.”

Yoo akkana jedhe, “inni na caalaa Rabbitti dhiyoo waan ta’eef dhimmoota kana keessatti akka jaarsummaa (shafa’aa) naaf ta’uuf isa kadha. Akkuma sulxaanatti (abbaa aangootti) namoota addaa fi isa gargaaraniin isatti dhiyaatan, anis isaan (nabiyyi ykn saaliha kanaan) gara Rabbiitti dhiyaadha.” Kuni hojii mushrikootaati fi kiristaanotati. Hayyootaa fi moloksee isaanii jaarsummaa akka godhatan odeessu. Wanta barbaadan keessatti isaanin (hayyootaa fi molokseen) jaarsummaa barbaadu. Akkuma kana, mushrikoonni akkana akka jedhan Rabbiin beeksise:

“Gara Rabbiitti akka sirritti nu dhiyeessaniif qofa isaan gabbarra” [jedhu].” Suuratu Az-Zumar 39:3 (Majmuu’al fataawaa 27/82)

(D)- Wanta Rabbiin malee homtu dandeetti irratti hin qabne keessatti namni Rabbiin ala kan biraa waammate (kadhate) ykn birmanna irraa barbaade, inni kaafira, amanti Islaamaa keessaa kan bahee ta’uu warri beekumsa qaban irratti wali galanii jiru.

Ibn Taymiyaan (rahimahullahu) ni jedha: “Namni malaykoota yookiin nabiyyoota giddu-galaa (intermediary) gochuun isaan kadhatu, isaan irratti hirkatu, wanta nama fayyadu argachuu fi wanta nama miidhu ofirraa deebisuuf isaan kadhatu, fakkeenyaf, araarama cubbuutiif, qajeelcha qalbiitif, rakkoon akka deemuuf, hiyyummaan akka namarraa ka’uuf isaan kadhate, akka wali galtee Muslimootatti inni kaafira.” (Majmuu’ al-fataawaa 1/124)

Sheykh Suleymaan bin Abdullah bin Muhammad bin Abdulwahhaab kana irratti dabaluun ni jedha: “Suni wali galtee sirrii ta’eedha. Amanti irraa dirqamaan kan beekkamuudha. Mazhaba afrani fi kanneen biroo irraa aalimman boqonnaa murtii murtaddi (Islaama irraa duubatti deebi’ee) keessatti namni Rabbitti qindeesse kaafira akka ta’e jala muranii dubbatanii jiru.” (Taysirul Aziizil Hamiid-fuula 229)

Ibn Taymiyaan ni jedha: nabiyyis ta’ee kan biraas ta’ee nama du’aa fi nama fagoo dhaqqabu hin dandeenye kadhachuun akka wali galtee Muslimootatti wantoota dhoowwamanii fi fokkuu ta’an irraayyi. Rabbiin itti hin ajajne, Ergamaan Isaas itti hin ajajne. Imaamota Musliimaa irraayyis eenyullee hin hojjanne. Kuni amanti Muslimoota irraa wanta dirqamaan beekkamuudha. Mushrikoota kanniin keessaa rakkoon yommuu isatti bu’uu ykn haajaan isatti dhufte, nama du’aan, “Yaa ebalu kiyya! Ani sirratti hirkadhe. Yookiin haajaa kiyya naaf guuti.” Jedhaan. Sahaabota keessaas eenyullee du’a isaatiin booda Nabiyyi (sallallahu aleyh wassallam) irraa birmannaa [ykn gargaarsa] hin barbaanne. Isaan ala nabiyyota biroo irraayyis birmannaa fi gargaarsa hin kadhanne, qabrii isaani birattis, yommuu irraa fagaataniis hin kadhanne.” (Ar-Raddu alal bakrii-fuula 231)

Ibn AbdulHaadi ni jedha:  osoo namni siree nama du’aa bira dhufuun Rabbii gadiitti isarraa (nama du’e kanarraa) birmannaa barbaadee, akka waligaltee Muslimootatti kuni shirkiidha, dhoowwamaadha.” (As-Saarimu mankii fuula 436)

Dubbii Beektotaa irraa Muraasa

6-Amma qorannoo kana keessatti dubbii warra beekumsa qabanii irraa muraasa isaa akka armaan gadi kanatti dhiyeessina:

Ibn Taymiyaan ni jedha: namni kamiyyuu nama jiraataa ykn nama gaarii tokko keessatti daangaa darbuun gabbarrii (ibaadaa) irraa waa isaaf godhe, fakkeenyaaf akkana jechuu: “Yaa ebalu kiyya naaf araarami ykn rahmata naaf godhi, ykn na gargaari ykn rizqii naaf kenni ykn naaf birmadhu ykn na baraari, ykn sirratti hirkadhe, ykn ati naaf gahaadha fi kkf”, kuni hundi shirkii fi jallinna. Abbichi akka tawbatu ni gaafatama. Yoo tawbate tawbate, ta’uu baannan ni ajjeefama. Dhugumatti Rabbiin Ergamtoota kan ergee fi kitaabban buusef Rabbii tokkicha shariika hin qabne akka gabbaranii fi Rabbiin waliin gabbaramaa biraa akka hin goonefi.” (Majmuu’ al-fataawaa 3/395)

Ammas ni jedha: Wanta Ergamaan ittin dhufe erge barree booda, namoota du’an irraa nabiyyotas ta’ii, saalihotas ta’i, namoota biroos ta’ii jecha birmannaa barbaadutin ykn jecha biraatin akka kadhatan ummata isaatiif karaa akka hin goone dirqamaan ni beekna. Akkuma nama du’ee fi hin duuneef sujuuda karaa hin goone (hin hayyamne), [namoota du’anis kadhachuu Nabiyyiin (SAW) ummata isaa itti hin ajajne]. Kana irra, dhimmoota kana hunda irraa akka dhoowwe beekna. Kuni (Namoota du’an kadhachuun) shirkii Rabbii fi Ergamaan Isaa haraama godheedha. Garuu namoota gara boodaa dhufan baay’ee keessatti wallaalummaan waan babal’ateef, haftee ergaa Rabbii subhaanahu beekun waan xiqqaatef, hanga wanta Rasuulli (SAW) ittiin dhufee fi wanta isa faallessu isaaniif ibsamutti kanaan isaan kafarsiisun hin turre…”  (Ar-Raddu alal bakrii-fuula 376)

Amiiru Sana’aani ni jedha: “Namni halkanii guyyaa, dhoksaa fi ifatti, sodaa fi kajeellan, Rabbiin kadhate, ergasii Isa waliin wanta biraa kadhate, ibaadaa keessatti qindeessee jira (shirkii hojjate jira). Dhugumatti, du’aayin ibaadaa irraayyi. Rabbiin olta’aan “Na kadhaa isinifan awwaadhaa” erga jedhee booda du’aayi jecha Isaa keessatti ibaadaa jechuun moggaase:

 “Dhugumatti, isaan Ana gabbaruu irraa boonan, salphattoota ta’anii Jahannam seenuf jiru.” Suuratu Ghaafir 40:60 (Taxhiirul I’itiqaadi-fuula 24)

(Hubachiisa: Asi olitti aalimman “ta’uu baannan ni ajjeefama” yommuu jedhan, adabbiin shari’aa isarratti dhaabbataa jechuudha. Adabbii ajjeesu kana kan raawwatu nama dhuunfaa osoo hin ta’in hogganaa Muslimootaati. Kanaafu, namni dhuunfaa gocha akkanaatti tarkaanfachu irraa of eegu qaba. Sababni isaas, badiin guddaan hawaasa keessatti ni babal’ata waan ta’eef.)

Madda:
Nawaaqidul Iimaani al-qawliyah wal amalayah” fuula 150-153 Abdulaziz bin Muhammad

Print Friendly, PDF & Email
Dubbii iimaana Diigu-Kutaa 6.7
Dubbii Iimaana Diigu-Kutaa 6.5
Offline dubbisuf

Leave a Reply