Dubbii Iimaana Diigu-Kutaa 6.5

Offline dubbisuf

Akkaataa Rabbiin ala wanta nama hin fayyannee fi miidhaa hin deebisne kadhachuun shirkii fi wanta iimaana diigu itti ta’uKutaa 2
Kutaa darbe keessatti Rabbiin ala wanta biraa du’aayin itti qajeelun akkamitti akka shirkii ta’uu fi iimaana diigu ilaalu jalqabne jirra. Ammas itti fufuun ni ilaalla. Wallaalummaa irraa kan ka’e namoonni gariin nama du’e kadhachuun shirkii amanti keessaa nama baasu akka ta’etti hin ilaalan. Kanaafu, dukkanaa fi dhama’iinsa kana oofun barbaachisadha:

(B)-Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa Isaan ala wanta nama hin fayyannee fi hin miine waammachuu (kadhachuu) shirkii fi kufrii jechuun waame. Kuni aayata baay’ee keessatti dhufee jira. Isaan keessaa:

Jedhi, “Mee naaf himaa! Osoo adabbiin Rabbii isinitti dhufee yookiin Qiyaamaan isinitti dhufte, dhugaa kan dubbattan yoo taatan, Rabbiin ala waan biraa ni kadhattuu?” Dhugumatti Isa qofa kadhattu. Yoo fedhe waan isin itti kadhattan san isin irraa kaasa. Wanta [Isatti] qindeessitan ni dagattu.” Suuratu Al-An’aam 6:40-41

Ammas ni jedha:

“Qananii (ni’imaa) irraa wanti isin bira jiru Rabbuma irraayi. Ergasii yeroo rakkoon isin tuqe garuma Isaatti warwaattu. Yommuu rakkoo isin irraa kaasu, yeroma san isin keessaa gareen wayii Gooftaa isaanitti qindeessu. Suuratu Nahl 16:53-54

Ammas ni jedha:

Kanneen isin Rabbii gadiitti kadhattan wanta hanga qoola haphii ija temiraayyu hin qaban. Yoo isaan kadhattan, kadhaa keessan hin dhagayan. Osoo dhagahaniillee, isiniif deebii hin deebisan. Guyyaa Qiyaamaa shirkii keessanitti ni kafaru (ni mormu). Akka [Rabbii] keessa beekaatti homtu sitti hin beeksisu. ” Suuratu Faaxir 35:13-14

(C)Makhluuqa (uumamaa) waammachuuni fi du’aayif itti qajeelun makhluuqa dadhabaa Khaaliqa abbaa humnaa fi danda’aa ta’een wal fakkeessudha. Du’aayin haqa qulqulluu Rabbii qofaaf waan ta’eef. Namni Rabbiin ala kan biraa waammate (du’aayin itti qajeele), kabaja Gooftaa olta’ee hanqise, zulmii hundarra guddaa fi fokkuu ta’etti kufe. Rabbiin olta’aan ni jedha:

“Dhugumatti, shirkiin zulmii (miidhaa) guddaadha.” Luqmaan 31:13

Ammas, namni wanta Rabbiin malee eenyullee dandeetti irratti hin qabne keessatti makhluuqa kadhate, inni gosoota mushrikoota Arabaa malaykota, nabiyyootaa fi siidaa kadhatan irraayyi. Akkasumas, gosoota Kiristaanota Iisaa fi haadha isaa kadhataniiti.  

Ibn Al-Qayyim haqiiqa fakkeessu kanaa akkana jechuun ifa godha: “Haqiiqan shirkii Khaaliqattii of fakkeessuu fi makhluuqa Isatti fakkeessudha. Kuni haqiiqaadhan fakkeessudha… Mushrikni amaloota Gabbaramaa qofaaf ta’an keessatti makhluuqa Khaaliqatti fakkeessa. Amaloota Gabbaramaa (Rabbii) keessaa:Aangoo rakkisuu fi fayyaduu, kennuu fi dhoowwachuu irratti adda ta’uudha. Kuni kadhaa, sodaa fi abdii Isa qofarratti akka rarraasan nama taasisa. Namni wantoota kanniin uumamtootatti rarraase, makhluuqa Khaaliqatti fakkeesse. Fakkeessun hunda caalaa fokkuu ta’e, mataa isaatiin dadhabaa hiyyeessa ta’e Danda’aa Zaata Isaatiin Dureessa ta’etti fakkeeessudha.

Amaloota gabbaramaa qofaaf ta’an keessaa kan biraa: gara hundaan guutumaan guututti guutuu ta’uudha. Gara kamiiniyyuu hir’inni Isa keessa hin jiru. Kuni ibaadan hundi Isaa qofaaf akka ta’uu dirqama godha. Ol-Guddisuun, garmalee kabajuun, sodaan, du’aayin (kadhaan), abdachuun, tawbaan, tawakkulli, gargaarsa barbaadun, jaalala guutuu waliin gadi of qabuun, kunniin hundi akka sammuutti, shari’aa fi uumamaatti (fixraatti) Isa qofaaf ta’uu qabu. Isaan ala wanta biraatiif ta’uu irraa ni dhoowwama. Namni ibaadaa kanniin keessaa wanta tokko Isaan (Rabbiin) ala kan biraatiif godhe, kan biraa kana fakkaataa Kan hin qabnetti fakkeesse jira. Kuni fakkeessu hundarra fokkuu fi soba ta’eedha. Shirkiin garmalee fokkuu waan ta’ee fi zulmii daangaa ol’aanaa irra gahee waan of keessaa qabuuf, Rabbiin subhaanahu rahmata Of irratti katabu waliin shirkii akka hin araaramne gabroota Isaa beeksise.” (Al-Jaawubul Kaafi-fuula 182-183)

Ammas ibn Al-Qayyim ni jedha: “Wanta hunda irratti Danda’aa, wanta hunda irraa Dureessa, Ar-Rahmaan Ar-Rahiim rahmanni Isaa wantoota hundaa waliin gahe, Isaa fi uumamtoota Isaa jiddu giddu-galaa seensisuun haqa Gooftummaa, gabbaramummaa fi tawhiida Isaa keessatti hir’inna fi waa’ee Isaa yaada badaa yaadudha. Kana gabroota Isaatiif kaa’un waan hin danda’amneedha. Sammuu fi fixraa keessattis hin danda’amu. [Shirkiin] wanta hunda caalaa fokkuu fokkinni isaa uumama qulqulluu keessatti hidda qabateedha. Wanta kana kuni ifa godha: gabbaraan Gabbaramaa isaa ol-guddisa, isaaf gadi jedha, isaaf gadi of xiqqeessa. Garmalee ol-guddisuun, kabajuun, gabbaruu fi gadi of qabuu guutuun Gooftaa Tokkicha qofaaf ta’a. Kuni haqa qulqulluu Isaati. Zulmiin hundarra fokkuun haqni Isaa wanta biraatiif kennamuudha ykn Isaa fi wanta biraa jidduutti qoodamuudha.” (Al-Jawaabul Kaafi-fuula 186)

Ibn Taymiyaan yommuu waa’ee Rabbii olta’aa fi uumamtoota Isaa jidduu giddu-galaa (waasixa) dubbatu, wanta jedhe keessaa: Rabbii fi uumamtoota Isaa jidduu giddu-galaa yoo mirkaneessitan, akkuma balbala eegan (waardiyaan) mootii fi lammilee jidduu ta’uun haaja namootaa mootitti geessu, giddu galaan isin mirkaneessitanis “haajaa uumamtoota gara Rabbiitti geessu, Rabbiin karaa giddu galaa qofaan gabroota qajeelcha, rizqii kennaaf. Namoonni jiddu-galtoota kadhatu, giddu galtoonni immoo Rabbiin kadhatu.” jechuu keessani. Moototatti dhiyoo waan ta’aniif jiddu galtoonni namootaaf mootii irraa haajaa kadhatu. Yookin jiddu galtoonni kunniin moototatti dhiyoo waan ta’aniif namoonni nafsee ofiitin mootii kadhachuu irra jidduu galtoota kana kadhachuutu isaaniif caala. Namni akkaataa kanaan Rabbii fi uumamtoota jidduu giddu-galaa godhe, inni kaafira mushrika. Akka tawbatu ni gaafatama. Yoo tawbate tawbate, ta’uu baannan ni ajjeefama. Namoonni kunniin warra Rabbiitti waa fakkeessaniidha, makhluuqa Khaaliqatti fakkeessan…” (Majmuu’al fataawaa 1/126)

(Namoonni kunniin yommuu giddu-galaa Rabbii fi uumamtoota jiddu godhan, Rabbii olta’aa mootii namootaatin wal fakkeessan. “Akkuma mootiin namootaa haajaa namootaa waan hin beeknef nama haajaa kana isatti geessu barbaadu, Rabbiinis nama haajaa isatti geessu barbaada” jechuun yaadan. Dhugumatti kuni, fakkeessu qofaa miti sifaata Rabbii olta’aa dhabamsiisudha. Sifaanni kunis, waan hundaa beeku, arguu, dhagayuu fi mararfachuudha. Yommuu isaan jiddu-galaa godhan, akkuma mootin namaa dhimma namoota hundaa hin beekne, hin arginee fi hin dhageenye, Rabbiinis subhaanahu hin beeku, hin dhagayu, hin argu jechuun yaadan. Dhugumatti, kuni waa’ee Rabbii olta’aa ilaalchisee yaada fokkuu fi badaa yaadudha. Qur’aana keesatti: “Garuu Rabbiin wanta hojjattan baay’ee kan hin beekne ta’uu yaaddan. Suni yaada keessan kan isin Gooftaa keessan ilaalchise yaaddantu isin balleesse. Kanaafu, warra kasaaran keessaa taatan.” Suuratu Fussilat 41:22-23)

Ammas Ibn Taymiyaan ni jedha: “Giddu-galaa akka moottotii fi lammilee jidduutti ta’u namni Rabbii fi uumamtoota Isaa jidduutti giddu-galaa mirkaneesse (godhe), inni mushrika. Inumaa kuni amanti mushrikootaa sanamoota gabbaraniiti. Akkana jechaa turan: “sanamoonni kunniin siidaa nabiyyootaa fi namoota gaggaariti. Karaa isaanitiin gara Rabbii dhiyaanna.”  Kuni shirkii Rabbiin kiristaanota irratti jibbee fi mormeedha. (Majmuu’al fataawaa 1/134-135)

Ammas ni jedha: wanti nama ajaa’ibsisuu namni sammuu qulqulluu qabu Jiraataa hin duunee irraa birmannaa kadhachuu dhiisee nama du’aa irraa birmaanna kadhachuudha. Isaan keessaa tokko ni jedha: mootii biraa haajaa yoo qabaatte, karaa nama isa gargaarutin isatti dhiyaatta. Akkuma kana sheekkonis karaa gara Isaa ittiin dhiyaataniidha.” Kuni dubbii warra shirkii fi jallinnaati. Dhugumatti mootiin haajaa namootaa hin beeku, adda ofiitin haajaa kana guutuu hin danda’u. Rabbiin immoo wantoota hundaa kan beekudha, iccitii fi wanta garmalee dhokate beeka. Inni waan hundaa irratti danda’aadha.” (Majmuu’al fataawaa 18/322)

Madda:
Nawaaqidul Iimaani al-qawliyah wal amalayah” fuula 146-149 Abdulaziz bin Muhammad

Print Friendly, PDF & Email
Dubbii Iimaana Diigu-Kutaa 6.6
Dubbii Iimaana Diigu-Kutaa 6.4
Offline dubbisuf

Leave a Reply