Dubbii Iimaana Diigu-Kutaa 6.4

Offline dubbisuf

(Bifoota ibaadaa gurguddoo keessaa inni tokko du’aayidha. Akka lugaatti du’aayin waamu ykn kadhachuudha. Shari’aan nama lubbuu qabu sagalee kee dhagayu, akka beekumsaan ykn humnaan si gargaaru waamu irraa hin dhoowwu. Kuni du’aayi asitti dubbannu miti. Kana irra, du’aayin asitti barbaanne fi dhuka ibaadaa ta’e, “sababa qabatamaa ifatti mul’atuun alatti faaydaa argachuu fi miidhaa ittisuuf kadhachuudha.” Du’aayin kuni jiddu-gala tokko malee qajeelloon Rabbiin qofarraa barbaadamu qaba.[1]

(Sababa mul’atutti osoo hin fayyadamin nama fayyadu kan danda’u Rabbiin qofa. Mee itti yaadi: namni sababa mul’atutti osoo hin fayyadamin nama fayyadu ykn miidhuu danda’aa? Fakkeenyaf, ogeessi fayyaa qorichatti fayyadamee nama fayyada. Qorichi sababa mul’atuudha. Qoricha malee nama fayyisu kan danda’u Rabbiin qofa. Kanaafu, fayyaan Rabbiin qofarraa kadhatamu qaba.))

Ergamaan Rabbii sallallahu aleyh wassallam akkana jedhan:
“‏ مَنْ مَاتَ وَهْوَ يَدْعُو مِنْ دُونِ اللَّهِ نِدًّا دَخَلَ النَّارَ ‏”
“Namni Rabbii gadiitti nidda osoo kadhatu du’e ibidda seene.” Sahiih Al-Bukhaari 4497

(nidda jechuun fakkaata, dorgomaa, qixxaataa. Hiikni hadiisaa: namni wanta biraa Rabbiif qixxaata ykn fakkaataa gochuun wanta biraa kana osoo kadhatu du’e ibidda seene. Hadiisa kana hadiisa biraatin ifa gochuu dandeenya: “Namni Rabbiin waliin waan biraa osoo gabbaruu du’e ibidda seene.” Sahiih Al-Bukhaari-1238 )

Kanaaf ibn Taymiyaan akkana jedha: diinummaa, daangaa darbuu, gadi xiqqeenyaa fi salphinna hundarra guddaa keessaa tokko Rabbiin ala wanti biraa kadhatamuu (gabbaramuu)dha. Dhugumatti kuni shirkii irraa waan ta’eef. Rabbiin waa Isatti qindeefamu hin araaramu. Dhugumatti shirkiin zulmii guddaadha.

“Namni qunnamti Gooftaa isaa abdatu, hojii gaarii haa hojjatu, Gooftaa isaa gabbaruutti eenyullee hin qindeessin.” Suuratu Al-Kahf 18:110 (Ar-Raddu Alal Bakrii-fuula 95)

Ibn Al-Qayyim fokkinna shirkii kanaa akkan jechuun ifa godha: Gosoota [shirkii guddaa] keessaa namoota du’an irraa haajaa barbaadu, isaan irraa birmanna kadhachuu, isaanitti qajeeluudha. Kuni hundi shirkii addunyaatti. Dhugumati, namni du’e hojiin isaa addaan cite jira. Nama birmannaa fi haajaa isarraa barbaade ykn akka Rabbiin biratti jaarsummaa isaaf ta’u isa kadhate fayyaduu dhiisitii ofuyyu fayyadu ykn miidhaa ofirraa deebisu hin danda’u. Kuni Rabbiin biratti nama jaarsummaa ta’u fi jaarsummaan kan godhamuuf wallaalu irraa kan maddeedha.” Madaarija saalikiin 1/346)

Kuni beekkamu qaba: namni Rabbiin ala wanta biraa du’aayin ykn maganfannaan itti qajeele inni kaafira, kan itti qajeelee dhimmoota ni qindeessa, dhiibbaa fida, uumuu ni danda’a jedhee osoo amanuu baateyyu. (Namni wanta Rabbiin malee eenyullee hojjachuu hin dandeenye argachuuf ykn ofirraa deebisuuf Rabbiin ala wanta biraa kadhate ykn eeggumsaa fi gargaarsa irraa barbaade, kaafira ta’a. Fakkeenyaf, nama du’e kadhachuun, sanama, muka, jinnii fi kkf kadhachuun kaafira nama taasisa. Sababni isaas, kuni shirkii guddaa amantii keessaa nama baasudha.)

Akkaataa Rabbiin ala wanta nama hin fayyannee fi miidhaa hin deebisne kadhachuun shirkii fi wanta iimaana diigu itti ta’uKutaa 1

5- Rabbiin ala wanta biraa nama hin fayyannee fi miidhaa hin deebisne kadhachuun ykn eeggumsaa, birmannaa fi gargaarsa irraa barbaadun wantoota iimaana diigan keessaa ta’uun karaa baay’een ilaallamu danda’a:

A)-Akkuma beekkamu Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa Ilaah (Gabbaramaa) haqaati. Hiikni “Laa ilaah illallah (Rabbiin malee haqaan gabbaramaan hin jiru)” jedhu “Inni gosoota ibaadaa hunda haqa kan godhatuudha. (Ibaadan hundi Isa qofaaf ta’a.)” jechuudha. Du’aayin ibaadaa gurguddoo keessaa tokko. Rabbiin olta’aan du’aayi ibaada jechuun waame.

40:60

Gooftaan keessan ni jedhe, “Na kadhaa isinifan awwaadhaa. Dhugumatti, isaan Ana gabbaruu irraa boonan, salphattoota ta’anii Jahannam seenuf jiru.” Suuratu Ghaafir 40:60

Nu’maan ibn Bashiir (radiyallahu anhu) akkana jedha: Ergamaan Rabbii sallallahu aleyh wassallam osoo minbara irratti akkana jedhanu dhagayee: “Dhugumatti du’aayin ibaadadha.” Ergasii aayah armaan olii dubbise. (Ahmad 3/267, Abu Daawud 1479, Tirmizii 3372)

Rabbii tokkicha kadhachuun iimaanaa fi tawhiida. Isaan ala wanta biraa du’aayin itti qajeelun kufriidha. Namni Rabbiin ala [wanta isa hin fayyannee fi hin miine irraa] birmanna barbaade Rabbiin waliin gabbaramaa godhate. Haala nama shirkii hojjate ilaalchisee ni jedha:

Yommuu nama rakkinni tuqu, gara Isaatti deebi’uun Gooftaa isaa kadhata. Ergasii yommuu qananii Isa irraa kennuuf, wanta duraan itti kadhataa ture dagatee karaa Isaa irraa jallisuuf Rabbiif qixxaattota taasisa. “Kufrii keetitti xiqqoma fayyadami. Dhugumatti ati warra ibiddaa irraayyi.” jedhiin.” Suuratu Az-Zumar 39:8

Du’aayin ibaadaa erga ta’ee Rabbiif malee wanta biraatti qajeelchuun hin hayyamamu. Namni wanta Rabbiif malee homaafu hin taane kan biraatiif mirkaneesse, inni kaafira. Akkuma kutaa darbe keessatti jenne, daangaan shirkii guddaa: ibaadaa irraa gosa tokko Rabbiin ala wanta biraatiif gochuudha.

Sheykh Muhammad bin Abdulwahhaab akkana jedha: “Gosoota ibaadaa keessaa tokko du’aayidha. Mu’mintoonni (warri amanan) halkanii guyyaa rakkoo fi toltuu keessatti Rabbii tokkicha kadhatu. Kuni gosoota ibaadaa keessaa tokko ta’u eenyullee hin shakku. Rabbiin rahmata siif haa godhuutii, yeroo amma rakkoo fi toltuu keessatti Rabbiin ala wanta biraa waammachu namoota keessatti umame mee itti yaadi. Namoota kanniin keessaa nama tokko rakkoon galaana ykn lafa keessatti isa qunnama. Ergasii, akka isa baraaruuf Abdulqaadir ykn Shamsaani ykn nabiyyi ykn waliyyi irraa birmannaa barbaada. Jaahila (wallaalaa) kanaan akkana jedhama: ilaah jechuun gabbaramaa ta’uu yoo beekte, du’aayin ibaadaa irraa ta’uu yoo beekte, Rabbii Jiraataa Of danda’aa wantoota hundaa dhaabe, mararfataa, waa hundaa irratti danda’aa ta’e kadhachuu dhiistee akkamitti makhluuqa du’aa kadhattaa?” (Ad-Duraru As-Sinyatu 2/54)

Kitaaba At-Tawdiihu an tawhiidil Khallaaqi (fuula 129)” jedhu keessatti akkana jechuun dhufe: “Wanta Rabbiin malee eenyullee dandeetti irratti hin qabne keessatti namni Rabbiin ala wanta biraa kadhate, ibaadaa Isa qofaaf ta’u keessatti, uumamtoota Isaa irraa Rabbiif fakkaataa godhee jira. Kuni akka wali galtee ummataati kufriidha. Sababni isaas, ibaadan Rabbii olta’aa qofaaf mala (ta’a). Inni gabbaramaa qalbiin Isa abdattuu fi yeroo rakkoo gara Isaatti dheessuun gabbartuudha.  Isaan ala wanti jiru hundi Isaaf gadi jedhaa fi injifatamaadha. Kanaafu, akkamitti wanti kuni gabbaramaa waa irraa kajeelan, sodaatanii fi kadhatan ta’uu danda’aa?”

Shekh Abdurahmaan ibn Hasan namoota du’an kadhachuun shirkii ta’uu akkana jechuun ibsa: “Namoota du’anii fi namoota fagoo karaa kaminu wal qunnamu hin dandeenye irraa gargaarsa kadhachuun shirkii guddaa Rabbiin hin araaramneedha. Gargaarsa kadhachuun ibaadaa waan ta’eef. Ibaadaa irraa homaayyu Rabbiin ala wanta biraatiif gochuun hin hayyamamu. Gargaarsa barbaadu irraa wanti argamu: irratti hirkachuudha. Irratti hirkachuun hiika tawakkulaa Gabbaramaa qofaaf ta’uudha.” (Ad-Duraru As-Siniyatu 9/152)

Namni gosoota ibaadaa irraa wanta tokko Rabbiin ala kan biraatiif godhe, wanta biraa kana gabbaree fi gabbaramaa godhatee jira. Haqa Isa qofaaf ta’e keessatti Rabbiin waliin shariika godhee jira. Osoo hojii isaa kana “gabbarri, ibaadaa fi shirkii” jedhee moggaasu irraa dheesseyyu. Akkuma nama sammu qabu hunda biratti beekkamu, dhugaan wantootaa maqaalee isaanii jijjiruun hin jijjiramu. Shirkiin kan dhoowwameef mataan isaa fokkuu waan ta’ee fi Gooftaa arrabsu, kabaja Isaa hanqisuu fi uumamtootatti Isa fakkeessa waan of keessatti qabateefi. Wantoonni badaan kunniin maqaalee isaanii jijjiruun itti fufanii jiru. Maqaalee kanniin keessaa tawassula, jaarsummaa (shafa’aa), saalihoota ol guddisuu fi kkf jechuun moggaasu. Jaallate jibbee mushrikni mushrika….” (Ad-Duraru As-Siniyatu 2/143-144)

[1]Ta’ariifu Aammi bidinil Islaami-Ali Xanxaawi-fuula 76
Nawaaqidul Iimaani al-qawliyah wal amalayah” fuula 142-146 Abdulaziz bin Muhammad

Print Friendly, PDF & Email
Dubbii Iimaana Diigu-Kutaa 6.5
Dubbii Iimaana Diigu-Kutaa 6.3
Offline dubbisuf

Leave a Reply