Dubbii Iimaana Diigu-Kutaa 6.3

Offline dubbisuf

Kutaa dabre keessatti waa’ee tawhiida al-uluuhiyyah ilaalle jirra. Kutaa kana keessatti immoo ibaadaa keessaa dhuka kan ta’e du’aayi ilaalla. Sababni isaas, yeroo baay’ee shirkiin kan uumamu du’aayi keessatti.

Hiika fi barbaachisummaa Du’aayi
3-Amma gara hiika du’aayi fi birmanna barbaadu fi wanta isaaniin wal qabatutti dabarra. Ergasii barbaachisummaa du’aayi, guddinna dhimma isaatii fi gara Rabbii qofatti qajeelchu akeekna.

Hiikni du’aayi: waamu, kadhaa, gaafachu fi barbaadudha.
Istighaasa jechuun birmannaa barbaadudha.
Isti’aaza (maganfachuu) jechuun immoo eeggumsa barbaadu fi itti dheessudha. Isti’aana jechuun gargaarsa barbaadudha.

Al-Khaxxaabi ni jedha: hiikni du’aayi gabrichi eeggumsaaf, gargaarsa dabalataa argachuuf Gooftaa isaa waammachuudha (kadhachuudha). Haqiiqaan isaa (du’aayi): gara Isaatti haajaa agarsiisuu, tooftaa fi humna ofii irraa of qulqulleessudha. Kuni amala ibaadati. Dadhabinni ilma namaa namatti dhagahamuudha. Ammas, du’aayi keessa Rabbii olta’aa faarsuu fi arjummaa gara Isaatti deebisutu jira.” (Sha’anu Du’aa’i-fuula 4)

Wanta itti akeekun barbaachisu keessaa tokko du’aayin hiika baay’eef itti fayyadaman. Isaan keessaa: ibaadaa, tawhiida, lallabuu, birmannaa barbaadu, gaafachuu, gargaarsa barbaadu fi kanneen biroo.

Barbaachisummaa du’aayi ilaalchisee immoo dubbiin isaa bal’aadha. Garuu qorannoo kana keessatti wantoota armaan gadii irratti of gabaabsun gahaadha: Dhugumatti du’aayin ibaadaa keessa isa guddaa kan ta’eedha. Kanaafi Qur’aana keessatti gara bakka 300 dubbatame. Rabbiin olta’aan [du’aayi] ibaada jechuun moggaase jira. Nama of tuulun du’aayi dhiise Jahannam keessa salphataa ta’ee akka seenu itti zaate. Ni jedha:

40:60

Gooftaan keessan ni jedhe, “Na kadhaa isinifan awwaadhaa. Dhugumatti, isaan Ana gabbaruu irraa boonan, salphattoota ta’anii Jahannam seenuf jiru.” Suuratu Ghaafir 40:60

Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa du’aayi diin (amanti) jechuun waame, akkuma jecha Isaa keessatti:

29:65

“Yommuu doonii yaabbatan, amantii Isaaf qulqulleessun Rabbiin qofa kadhatu. Yommuu gara lafaatti nagaha isaan baase immoo, yeroma san isaan [Rabbitti] qindeessu.” Suuratu Al-Ankabuut 29:65

Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa Isaan ala wanta biraa nama hin fayyannee fi hin miine kadhachuu dhoowwe jira. Ni jedha:

10:106

“Rabbii gaditti wanta si hin fayyannee fi si hin miine hin kadhatin. Yoo akkas goote, dhugumatti yoosan ati zaalimoota keessaa taata.” Suuratu Yuunus 10:106

(“Yoo akkas goote” kana jechuun yoo wanta si hin fayyannee fi hin miine kadhatte, warroota nafsee ofii miidhanii fi balleessan keessaa taata. Sababni isaas, Rabbii olta’aa gaditti wanta nama hin fayyannee fi hin miine kadhachuun shirkii waan ta’eef, kasaaraa guddaa fi azaaba (adabbii) cimaatti nama geessa.)

Nu’maan ibn Bashiir (radiyallahu anhu) akkana jedha: Ergamaan Rabbii sallallahu aleyh wassallam osoo minbara irratti akkana jedhanu dhagayee: “Dhugumatti du’aayin ibaadadha.” Ergasii aayah tana dubbise: “Gooftaan keessan ni jedhe, “Na kadhaa isinifan awwaadhaa. Dhugumatti, isaan Ana gabbaruu irraa boonan, salphattoota ta’anii Jahannam seenuf jiru.” Suuratu Ghaafir 40:60 (Ahmad 3/267, Abu Daawud 1479, Tirmizii 3372)

Barbaachisummaa fi guddinnaa du’aayi ilaalchisee Sheykhu Sa’dii ni jedha: Rabbiin olta’aan ni jedhe:

40:14

“Osoo kaafironni jibbaniillee, amantii Isaaf qulqulleessuun Rabbiin kadhaa.” Suuratu Ghaafir 40:14

Bakka jecha “Du’aayi”, jecha “diin (amantii)” kaa’e. Kuni Qur’aana keessatti baay’eedha. Kuni du’aayin wiirtuu amantii fi ruuhi ibaadaa akka ta’e agarsiisa. Hiikni aayah: yommuu haajaa keessan barbaaddan Isaaf qulqulleessaa (Isa qofa kadhaa). Hojiiwwan toltuu fi xaa’ah Isaaf qulqulleessaa.” (Al-Fawaa’idul Hisaan fuula 155) (Xaa’ah jechuun Rabbiif ajajamuu, Ingliffaan-obedience)

4-Du’aayin ibaadaa keessaa ibaadaa hundarra guddaa ta’uu erga mirkanaa’e, gara Rabbii olta’aa qofatti qajeelchuun dirqama. Sababni isaas, wanta Rabbiin malee eenyullee dandeetti irratti hin qabne keessatti namni Rabbiin ala wanta biraa kadhate ykn birmanna ykn eeggumsaa irra barbaade, dhugamatti kafaree fi amanti keessaa bahee jira. Wanti biraa kuni nabiyyii ta’ii, waliyyii ta’ii, malaykaa ta’ii, jinni ta’ii ykn umamtoota keessaa kan biroo ta’i tokkoma. Akkuma Rabbiin olta’aan jedhe:

“Rabbii gaditti wanta si hin fayyannee fi si hin miine hin kadhatin. Yoo akkas goote, dhugumatti yoosan ati zaalimoota keessaa taata. Yoo Rabbiin rakkinnaan si tuqe, Isa malee kan [rakkoo kana] kaasu hin jiru. Yoo wanta gaarii siif fedhe, tola Isaa kan deebisu hin jiru. Gabroota Isaa irraa isaan nama fedhe tuqa. Inni araaramaa rahmata godhaadha.” Suuratu Yuunus 10:106-107

(Kan rakkoo namarraa kaasu fi waan gaarii namaaf fidu Rabbiin qofa erga ta’e, wanta nama hin fayyanne fi hin miine kadhachuun maaliif barbaachisaa? Namni du’e rakkoo namarraa kaasu fi faayda namaaf fidu danda’aa?)

Rabbiin olta’aan ni jedha:

“Rabbiin bira rizqii barbaadaa, Isas gabbaraa.” Suuratu Al-Ankabuut 29:17

26:213

“Rabbiin waliin gabbaramaa biraa hin kadhatin, warra adabaman keessaa taatati.” Suuratu Ash-Shu’uraa’i 26:213

(Rabbiin waliin gabbaramaa biraa yoo kadhattee fi gabbartee, warra adabaman keessaa taata.)

Ammas ni jedha:

Nama Rabbiin ala wanta hanga Guyyaa Qiyaamaatti deebii isaaf hin deebisne kadhatu caalaa jallataan eenyu? Isaan (warri kadhataman) kadhaa isaanii irraa gaafilota (quba hin qaban). Yommuu namoonni walitti qabaman, isaaniif diinota ta’u, gabbarri (waaqefanna) isaaniis ni mormu.” Suuratu al-Ahqaaf 46:5-6

(Nama Rabbiin alatti gabbaramtoota (wantoota waaqefataman) kadhaa isaa gonkumaa isaaf hin deebisnee kadhatu caalaa namni jallataa fi wallaalan hin jiru. Sababni isaas, gabbaramtoonni kunniin warra du’an ykn fagoo jiran ykn mukkeeni ykn dhagaalee fi kkf dha. Kadhaa namoota isaan waaqefatanii quba hin qaban (hin beekan, hin dhagayan). Yommuu namoonni Guyyaa Qiyaamaa qorannoo fi jazaaf walitti qabaman, wantoonni isaan gabbaraa turan kunniin diinota isaanitti ta’u, gabbarri (waaqefannaa) isaanii ni mormu. Akkana jechuun mormu: “Akka nu gabbaran (waaqefatan) isaan hin ajajne. Akka isaan nu gabbaraa jiranis nuti hin beekne. Yaa Gooftaa keenya isaan irraa gara keetti qulqulloofne.”[1])


[1] Tafsiiru Muyassar-502-503, Tafsiiru Xabari-21/117
Nawaaqidul Iimaani al-qawliyah wal amalayah” fuula 138-139 Abdulaziz bin Muhammad

Print Friendly, PDF & Email
Dubbii Iimaana Diigu-Kutaa 6.4
Dubbii Iimaana Diigu-Kutaa 6.2
Offline dubbisuf

Leave a Reply