Tafsiira Suuratu As-Sajdah-Kutaa 4

Rabbiin (subhaanahu) osoo fedhe nafsee hundaafu qajeelcha ni kennaa ture. Garuu ilmaan namaatiif amaloota kanniin kennuun iddoo qormaata isaan kaa’e. Amaloonni kunniin: fedhii, sammuu ittiin waa hubatuu fi dandeettidha. Iddoon qormaataa addunyaa tana. Namni fedhii ofiitiin karaa qajeelinnaa ykn jallinnaa filachuu danda’a. Garuu dhumarratti bu’aa filannoo isaa ni argata. Namni karaa qajeelaa filachuun waan gaarii hojjate, Rabbiin subhaanahu isa gargaaruun Jannata isa seensisa. Namni karaa jallinnaa filatee hanga du’aatti karaa qajeelaatti deebi’u dide immoo gahuumsi isaa ibidda Jahannam ta’a. Kanaafu, addunyaa qormaataa tana keessatti namoonni filannoo ofiitiin bakka lamatti qoodamanii jechuudha: 1ffaa-mu’mina karaa qajeelaa filatee Gooftaa isaatiif ajajamu, 2ffaa-Kaafira karaa jallinnaa filatee Gooftaa isaa faallessu. Rabbiin osoo fedhee namoota hundaa ni qajeelchaa ture. Garuu Inni kana hin feene. Inni hundarra beeka, wanta hojjatuuf hin gaafatamu.

32:13

Osoo feene silaa nafsee hundaaf qajeelcha ishii ni kenninaafi turre. Garuu Ana irraa jechi “Jinnii fi namoota irraa [kaafirota kan ta’an] hunda Jahannamiin Nan guuta” jedhu mirkanaa’e.” Suuratu As-Sajdah 32:13

Osoo feene silaa nafsee hundaaf qajeelcha ishii ni kenninaafi turre.” Kana jechuun osoo feene namoota hundaa ni qajeelchinaa turre. Kana aayah biraatin haala kanaan ibsuun ni danda’ama:

Gooftaan kee osoo fedhee, silaa kan dachii irra jiran hundi isaanitu ni amanuu turan.”  Suuratu Yuunus 10:99

Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa namoota hundaa qajeelchun ummata tokko ni godhaa ture. Garuu sababa baay’eef kana hin goone. Malaaykonni hundi isaanitu kan qajeelaniidha. Uumamaanu isaan Rabbii olta’aaf ni ajajamu, gonkumaa Isa hin faallessan. Silaa Rabbiin osoo fedhe ilma namaas akka malaaykota gochuu ni danda’a. Garuu ilmaan namaa qormaataf addunyaa keessa waan kaa’ef, kana hin feene. Qormaata booda namni addaan bafaamuun takkaa gara Jannataa takkaa immoo gara Jahannam deemu. Osoo namoonni hundi tawhiida irratti tokko ta’anii silaa mu’minaa fi kaafirri adda ni bahaa? Lakki. Addaan hin baafaman, hundi isaanitu tokko ta’uu turan. Osoo namoonni qajeelinna irratti tokko ta’anii waan gaaritti ajajuun, waan badaa irraa dhoowwuu fi jihaanni (qabsoon) ni dhabamaa ture. 

Wanti barbaachisaan: Rabbiin namoota gosa lama (kaafiraa fi mu’mina) gochuu keessa hikmaa baay’eetu jira. 

“Garuu Ana irraa jechi ‘Jinnii fi namoota irraa [kaafirota kan ta’an] hunda Jahannamiin Nan guuta’ jedhu mirkanaa’e.”
Kana jechuun sababa isaan qajeelinna dhiisanii jallinna filataniif, Ana irraa jechi “Jinnii fi namoota irraa kaafirota hunda Jahannamiin Nan guuta” jedhu mirkanaa’e jira.[1]

Namoonni fi jinniin addunyaa keessatti iddoo qormaataa waan kaa’amaniif kan fedhe karaa qajeelaa filata, kan fedhe immoo karaa jallinnaa filata. Kuni akka barattoota daree qormaataa keessa kaa’amaniiti. Barataan fedhe filannoo isaaf kenname keessaa deebii sirrii filata. Barataan biraa immoo deebii dogongoraa filata. Namoonnis addunyaa tana keessatti akkanuma. Namoonni karaa qajeelaa filatanii irra deeman dhumti isaanii Jannata. Namoonni karaa jallinnaa filatanii jallinna irratti du’an dhumti isaanii adabbii Jahannami. Kanaafi, Guyyaa Qiyaamaa akkana isaaniin jedhama:

32:14

“Qunnamti Guyyaa keessan kanaa waan dagattaniif [adabbii] dhandhamaa. Dhugumatti Nutis isin daganna. Wanta hojjataa turtaniif adabbii yeroo hundaa turu dhandhamaa.” Suuratu As-Sajdah 32:14

Kana jechuun sababa Guyyaa keessan kana (Qiyaamaa) qunnamuuf amanuu fi hojjachuu dhiistaniif, adabbii dhandhamaa. Aayah keessatti, dagachuu jechuun dhiisu fi irraa garagaluudha. “Dhugumatti Nutis isin daganna.” Kana jechuun akkuma isin Guyyaa Qiyaamaatti amanuu fi isa qunnamuuf hojjachuu dhiistan, Nutis adabbii keessatti isin dhiifna. “Al-Jazaa’u min jiinsil amal (jazaan gosa hojiitini).” Jedhamaa miti ree? Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa homaayyu hin dagatu. Garuu asitti dagachuun dhiisu akka ta’e haa hubatamu.[2] Kuni lugaa keessattu ni beekkama. Ati jechi nama tokko erga si mufachiisee ykn si aarse booda yoo aarin sirraa gale, “Ani wanta san dagadhe.” Jetta. Kana jechuun dhiise, irraa garagale.  

“Wanta hojjataa turtaniif adabbii yeroo hundaa turu dhandhamaa.” Kana jechuun sababa wanta addunyaa keessatti hojjataa turtaniif adabbii turaa addaan hin cinne dhandhama. Wanti isaan hojjataa turan Rabbii olta’aatti amanuu dhiisuu (kafaruu), haqa Isarraa dhufe kijibsiisuu, Isaaf ajajamuu diduu fi badii adda addaati.


[1] Tafsiir Sa’dii-768, Tafsiir Muyassar-416, Tafsiiru Qur’aanil Kariim-Suuratu As-Sajdah, Ibn Useymiin- fuula 69
[2] Maddoota olii

Print Friendly, PDF & Email
Tafsiira Suuratu As-Sajdah-Kutaa 5
Tafsiira Suuratu As-Sajdah-Kutaa 3

Leave a Reply