Akkaataa Laa İlaah İllallah Hojii irra oolchan-1

Offline dubbisuf

Yaa ummata koo! Gooftaan keenya Gooftaa tokkicha. Samii torban, dachii fi wantoota isaan keessa jiran hunda kan uume Isa qofa. Kana uumuu keessatti Rabbii tokkicha waliin kan hirmaate ni jiraa? Abadan (gonkumaa) hin jiru. Sababni isaas, Rabbiin alatti wantoonni jiran hundi uumamtoota Isaati. Kana jechuun Isatu uume. Uumamtoonni uumamuun dura kan hin jirre turan. Wanti duraan hin jirre waa hojjachuu danda’aa? Kanaafu, Rabbii Tokkichatu uumamtoota hunda dhabama irraa argamsiise.

Uumamtoota kan uume Rabbii ol’aanu, Tokkicha Fakkaataa hin qabne erga ta’e, uumamtoonni eenyuuf gadi jechuu, of xiqqeessu fi buluu qabuu? Mee naaf himi! Uumamtoota biroo akka isaanii dadhaboo ta’an, wanta hunda too’achuu hin dandeenyeef gadi jechuu fi of xiqqeessuun isaan irraa ni bareedaa? Kanaafu, isaaniif kabajaa fi jabeenya wanti ta’uu Rabbii isaan uumeef, qananiisuuf, aangoo fi too’annaa guutuu addunyaa guutuu keessatti qabuuf gadi jechuu fi buluudha. Kanaan ala wanta isaan hin fayyannee fi hin miineef gadi jechuun, of xiqqeessuun salphinna guddaadha, gadi aantummaadha. Mee ilaali, siidaa, taabotaa fi sibiila hin dhageenyee fi hin argineef gadi jechuu fi kadhachuu maal jettaan? Nama du’e, nabiyyii namarraa fagoo ta’ee fi uumamtoota biraa hin dhageenye, haala namaa hin beekne kadhachuu maal jettaan? Kuni salphinnaa mitii? Sammuun nagaha, eeyyeen kuni salphinna, xiqqeenya jechuun deebisa. Kanaafu, Kan gadi jechuufi, kadhachuu fi garmalee ol guddisuu qaban Rabbii waa hundaa dhagayu, beeku, arguu fi too’atudha.

Dubbii armaan olii kana ibsuuf jechi gabaaban itti fayyadamnu: Laa ilaah illallah dha. Kana jechuun Dhugaan gabbaramaan Rabbiin malee hin jiru. Yommuu ibsa biraatin ibsinu: Kan gadi jedhaniif, of xiqqeessaniif, jaalala daangaa ol’aanaa irra gahee jaallatan, garmalee ol-guddisan, waa hundaa irraa kajeelan, gadi of xiqqeessanii kadhatan Rabbii guddaa malee hin jiru. Jecha gabaaban, ibaadaan Rabbiif malee hin ta’u.

Tawhiinni ibaadaa hundaa Rabbiif qulqulleessuudha, shirkiin immoo ibaadaa kana irraa wanta tokko Rabbiin ala kan biraatiif gochuudha

Maalummaa ibaadaa fi gosoota isaa erga beekne booda, tawhiidu uluuhiyyah jechuun gosoota ibaadaa hundaan Rabbii olta’aa tokkichoomsu fi wantoota Isaan ala jiran hundarraa ibaadaa dhabamsiisuudha. Faallaan kanaa, gosoota ibaadaa irraa hojii tokko Rabbiin ala wanta biraatiif gochuudha. Kuni Rabbii olta’aatti qindeessu (shirkiidha).

Ibaadaa irraa wanta tokko Rabbiin ala wanta biraatiif gochuun hin hayyamamu. Namni ibaadaa irraa hojii tokko Isaan ala wanta biraatiif godhe, uluuhiyyah (ibaadaa) keessatti Rabbiif shariika (hirmaataa) godhee jira. Ibaadaa irraa hojii tokko Rabbiin ala wanta biraatiif gochuun akka ibaadaa hunda wanta saniif gochuuti. Laa ilaah illaallah’n gosoota ibaadaa hunda wantoota Rabbiin ala jiran irraa dhabamsiisti, gosoota ibaadaa hunda Rabbii tokkicha shariika hin qabneef ni raggaasisti (mirkaneessiti). 

Amantiin Islaamaa Rabbii tokkichaaf harka kennuu, Isa tokkichaaf gadi of qabuu fi gosoota ibaadaa hundaan Isaan ala homtu akka hin gabbaramneedha.

Amanti qulqulleessu (Ikhlaasu diin) jechuun gosoota ibaadaa hunda Rabbii tokkicha shariika hin qabneef gochuudha. Kunis, wanta ilmi namaa hojjachuu hin dandeenye irratti Rabbiin malee homtu kadhatamu hin qabu, Isarraa malee birmannaan barbaadamu hin qabu. Rabbiif malee qalmii hin ta’u. Isa malee kan sodaatamu, abdatamu hin jiru. Dhimmoota hunda keessatti Isarratti malee hirkachuun hin jiru. Ibaadaan hundi Rabbii olta’aa qofaafi. Ibaadaa irraa homtu Malaykaa dhiyeefameef, Nabiyyi ergameef, ykn isaan lamaaniin ala uumama kamifiyyuu hin malu. Kuni mataan isaa tawhiida uluuhiyyah Islaamni irratti hundeefamee fi Muslimni kaafira irraa ittiin adda bahuudha. Hiika shahaadaa “Laa ilaah illallah”ti.

Akkuma yeroo darbe jennee Laa ilaah illallah’n arrabaan qofa kan ta’u miti. Kana irra, namni warra Laa ilaah illallah keessaa ta’uu barbaade, hiika jecha tanaa beekuu, amanuu, ragaa bahuu fi hojii irra oolchuun isarraa eeggama.

Yeroo ammaa namoonni baay’een laa ilaah illallah jedhan hiika jecha tanaa hin beekan. Tawhiidaa fi shirkii addaan hin baasan. Rabbiin ala wanta biraa kadhachuun ykn irratti hirkachuun ykn itti maganfachuun ykn wanta saniif wareegu fi silatii seenuun shirkii jechaa laa ilaah illallah diigu fi balleessu ta’uu hin beekan. Akkasumas, shari’aa Rabbiitiin ala seera biraa hordofuu fi ittiin murteessuun shirkii ta’uu hin beekan. (Dimookraasin isaan leellisan shirkii akka ta’e hin beekan. In sha Allah gara fuunduraatti dimokraasin akkamitti shirkii akka ta’e bal’innaan ni ilaalla.)

Yaa gabricha Rabbii tawhiidaa fi shirkii irraa wanta isa faallessuu fi diigu barachuuf itti futi. Kuni dirqamoota jalqabaa keessaa tokko. Hanga tawhiida jechi laa ilaah illallah agarsiistu fi wanta dhabamsiistu fi mirkaneessitu beektutti malee Islaama beekuu hin dandeessu.

In sha Allah kuni ulfaataa miti. Rabbiin gargaarsifadhu, hin dadhabin.

Tawhiinni Rabbii tokkicha gabbaruu yoo ta’u, shirkiin immoo Rabbiin ala wanta biraa gabbaruudha.
Fakkeenyaaf: salaanni ibaadadha. Rabbii qofaaf salaatun tawhiida. Rabbiin ala wanta biraatiif salaatun shirkiidha.
Muwahhid (Namni Rabbiin Tokkichoomsu) nama Rabbii tokkichaaf qofa salaatudha. Namni Rabbii fi wanta biraatiif salaate mushrika ta’a. Gosoonni ibaadaa biroos akkanuma.

Namni Rabbiin ala wanta biraatiif yoo salaate ykn ruku’a bu’e ykn sujuude, Rabbiin gabbaruu keessatti Isaan ala wanta biraa hirmaachisee jira. Haaluma kanaan, itti dhiyaachuuf jecha namni Rabbiin ala wanta biraatiif wareege (qalma qalee), ykn Rabbiin ala wanta biraa kadhate (du’aayi godhe), Rabbiin gabbaruu keessatti Isaan ala wanta biraa hirmaachisee jira.

Kana yoo beekne, hundee amantii Muslimaa fi kaafira, Islaamaa fi kufrii addaan baasu ni beeknaa jechuudha.

Dhimmoota baay’ee barbaachisoo beekkamu qaban:
Kanniin beekun nurraa eeggama:

  • Rabbiif hojii qulqulleessuun ibaada tokko qofa keessatti osoo hin ta’in ibaadaa hunda keessatti ni barbaachisa.
  • Tawhiinni sirrii hin ta’u hanga ibaadaan hundi Rabbiif ta’utti malee
  • Shirkiin ibaadaa tokko Rabbiin ala wanta biraatiif gochuun ni argama, osoo ibaadaa hafan keessatti shirkii hojjachuu baateyyu.
  • Ibaadaa malaykaaf ykn nabiyyiif ykn jinniif ykn sheyxaanaaf ykn dhagaaf ykn mukaaf ykn sheykhaaf ykn abbaa murtiif gochuu keessa garaagarummaan hin jiru. Kuni hundi isaanitu shirkiidha. Namni malaykaa, nabiyyoota, saalihoota gabbaree fi namni sanama, jinni, aduu, ji’a gabbare wal qixa. Kunniin hundi isaanitu mushrikoota.

Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa ni jedha:

Namni qunnamti Gooftaa Isaa abdatu, hojii gaarii haa hojjatu, Gooftaa isa gabbaruu keessattis eenyullee hin qindeessin.” Suuratu Al-Kahf 18:110

Asitti “eenyullee” yommuu jedhu, Rabbiin ala wantoota jiran hunda gabbaruu akka hin qabne agarsiisa. Ammas ni jedha:

“Rabbiin gabbaraa, homaa Isatti hin qindeessinaa.” Suuratu An-Nisaa 4:36

Akkuma yeroo darbe jenne laa ilaah illallah’tti amanuun dhimmoota sadiin galma gaha: Rabbiin malee gabbaru hin qabnu, homaa Isatti qindeessu hin qabnu, wantoota Isaa gaditti gabbaraman hundatti amanuu diduu, mormuu fi irraa fagaachu. Kunnin sadan amanuun, dubbii fi hojiin ta’u.

Dhimmoota lamaan kana akkamitti galmaan geenyaa: Rabbiin malee homaa gabbaruu hin qabnuu, Homaa Isatti hin qindeessinu?

Ibaadaa hundaan Rabbii olta’aa malee homaa gabbaruu hin qabnu. Rabbiin qofa yoo gabbaree fi wanta biraa gabbaruu yoo dhiisne, nuti mawahhiduun (warra Rabbiin tokkichoomsan), Laa ilaah illallah’tti amanan taana. Yoo Rabbiin gabbarree fi wanta biraas gabbarre, mushrikootaa laa ilaah illallah’tti hin amanne taana.

Amma akkamitti tawhiida hojii irra akka oolchinuu fi shirkii irraa qulqulloofnu beekuuf himoota armaan olii keessatti jecha “gabbaruu” jedhu gosoota ibaadaa kutaa darbe keessatti tarreessineen bakka haa buusnu.

Salaata:
Fakkeenyaaf saganni ibaadadha.
*Tawhiinni– Rabbiif malee homaafu hin sagannu, Isaan ala wanta biraatiif hin sagannu. Rabbii Tokkichaaf sagaduu
Rabbii qofaaf yoo sagannee fi wanta biraatiif sagadu yoo dhiisne, nuti warra Rabbiin tokkichoomsan, laa ilaah illallah’tti amanan taana.
*Rabbiif yoo sagannee fi Isaan ala wanta biraatifis yoo saganne, mushrikoota warra laa ilaah illallah’tti hin amanne taana.Kanaafu, Rabbiin alatti wanta biraatif sagaduu hin qabnu (Isatti homaa hin qindeessinu)

Du’aayi:
Du’aayin ibaadaadha.
*Tawhiinni – wanta Rabbiin malee namni dandeetti irratti hin qabne argachuuf Rabbiin irraa malee homaayyu kadhachuu dhiisudha. Rabbii Tokkicha kadhachuu
Rabbiin qofa yoo kadhannee fi wanta biraa kadhachuu yoo dhiisne, nuti warra Rabbiin tokkichoomsan, laa ilaah illallah’tti amanan taana.
* Wanta Rabbiin malee namni dandeetti irratti hin qabne argachuuf yoo Rabbiin kadhannee fi Isaan ala wanta biraatis kadhannee, mushrikoota warra laa ilaah illallah’tti hin amanne taana. Wanta Rabbiin malee namni dandeetti irratti hin qabne nama irraa kadhachuun mushrika nama taasisa. Fakkeenyaf, nama du’e kadhachuun mushrika nama taasisa. Kanaafu, Rabbii gadiitti wanta biraa hin kadhannu (Isatti homaa qindeessu hin qabnu.)

Ibaadawwan biroos haala kanaan ilaalu dandeenya.

Guduunfaa

Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa ni jedha:

10:106

Rabbii gaditti wanta si hin fayyannee fi si hin miine hin kadhatin. Yoo akkas goote, dhugumatti yoosan ati zaalimoota keessaa taata.” Suuratu Yuunus 10:106

Sanamas ta’i, nama du’es ta’i, wanta si hin fayyannee fi hin miine kamiyyuu Rabbii olta’aa gaditti hin kadhatin. “Yoo akkas goote” kana jechuun yoo wanta si hin fayyannee fi hin miine kadhatte, warroota nafsee ofii miidhanii fi balleessan keessaa taata. Sababni isaas, Rabbii olta’aa gaditti wanta nama hin fayyannee fi hin miine kadhachuun shirkii waan ta’eef, kasaaraa guddaa fi azaaba (adabbii) cimaatti nama geessa.

Kitaaba wabii:
al-Jaami’ul Mufiid liduruusi ta’allumi tawhiidi-fuula 118-124

Print Friendly, PDF & Email
Akkaataa Laa İlaah İllallah Hojii irra oolchan-2
Gosoota Ibaadaa Ragaa waliin-Kutaa 3
Offline dubbisuf

Leave a Reply