Dubbii Iimaana Diigu-Kutaa 4.2

Akkaataa Rabbii olta’aa Arrabsuun Dubbii Kufrii iimaana diigu itti ta’u
Rabbii olta’aa guddaa arrabsuun gosoota dubbiiwwan nama kafarsiisanii fi iimaana diigan keessaa hundarra fokkuu akka ta’etti lakkaawama. Kunis karaa baay’een ilaallamu danda’a. Kutaa darbe keessatti karaalee muraasa ilaalle turre. Har’as itti fufuun karaalee hafan ni ilaalla:

(C)– Arrabsuu keessa kabaja Rabbii olta’aa hir’isuutu jira. Inumaa kafaru qofa caalaa arrabsuun garmalee fokkuu fi guddaa kan ta’eedha. “Arrabsuun diinummaa keessatti daangaa darbuu fi faallessu keessatti daangaa ol’aanaa irra gahu waan ta’eef. Maddi isaa kaafirri garmalee gowwaa ta’uu, amanti balleessuu fi hordoftoota miidhuuf fedhii guddaa qabaachu isaati.” (As-Saarimul Masluul-fuula 569)

Kufri qofa irra arrabsuun hamma dabalataa akka ta’ee wanta ifa godhu keessaa, jecha Rabbii olta’aa:

Kanneen [mushrikoonni] Rabbii gaditti gabbaran hin arrabsinaa, daangaa darbuun beekumsa malee Rabbiin arrabsaniiti.” Suuratu Al-An’aam 6:108

Akkuma beekkamu mushrikoonni warra Ergamaa Rabbii kijibsiisanii fi osoo beekanu faallessaniidha. Ergasii Muslimoonni wanta Rabbiin arrabsuutti nama geessu hojjachuu irraa ni dhoowwaman. Kanaafu, Isatti waa qindeessu, Ergamaa Isaa kijibsiisuu fi diina itti ta’uu caalaa Rabbiin arrabsuun Isa biratti guddaa akka ta’e bekkamee jiraa jechuudha. (As-Saarimul Masluul-fuula 551=gabaabbinnaan)

(D)-Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa akkana jedhee jira:

“Dhugamatti warroonni Rabbii fi Ergamaa Isaa rakkisan, addunyaa fi Aakhiratti Rabbiin isaan abaaree jira. Adabbii salphisaas isaaniif qopheesse. Warroonni wanta isaan hin hojjanneen mu’mintootaa dhiiraatii fi mu’mintoota dubartii rakkisan, dhugumatti cubbuu fi badii ifa bahaa baadhatanii jiru.” Suuratu Al-Ahzaab 33:57-58

Aayat lamaan kanniin keessa karaa baay’een namni Rabbiin arrabse akka kafaru ragaatu jiru. Karaalee sanniin keessaa:

1-Rakkisuu Rabbii fi Ergamaa Isaatii, fi rakkisuu mu’mintoota dhiiraa fi dubartii addaan baase. Mu’mintoota rakkisu irratti cubbuu fi badii ifa bahaa baadhate jechuun kaa’e. Rabbii fi Ergamaa Isaa rakkisu irratti immoo addunyaa fi Aakhiratti abaaru fi adabbii salphisaa qopheessu godhe. Akkuma beekkamu mu’mintoota rakkisuun badii gurguddaa irraa ta’uu danda’a. kana keessa reebutu jira. kanaa ol kufrii fi ajjeechaa malee homaa hin jira.” (As-Saarimul Masluul-fuula 41)

2-Addunyaa fi Aakhiratti akka abaaree fi adabbii nama salphisu qopheesseef dubbata. Abaaru jechuun rahmata irraa fageessudha. Addunyaa fi Aakhiratti rahmata Isaa irraa darbamuun kaafiraf malee hin ta’u. Mu’minni yeroo garii itti dhiyaachu danda’a. Garuu dhiigni isaa halaala kan ta’uu miti. Sababni isaas, haqni dhiigaa [eeggamuun] Rabbiin irraa rahmataa guddaadha. Kanaafu, haqa isaa (mu’minaa) keessatti hin mirkanaa’u.

3-Rabbiin olta’aan akkana jedhe: “Adabbii salphisaas isaaniif qopheesse.” Qur’aana keessatti azaaba (adabbii) nama salphisuu qopheessuun kaafirotaaf malee hin dhufne. Qur’aana keessatti: “Warroonni aayata Keenyatti kafaran, isaan saniif adabbii salphisaatu jira.” (Suuratu Al-Jaasiyat 9) Ammas jecha Isaa: “Aayaata ifa bahan buusnee jirra. Kaafirotaaf adabbii salphisaatu jira.” (Al-Mujaadalah 58:5) Azaabni (adabbiin) guddaa mu’mintoota sodaachisuuf dhufee jira. (Ilaali As-Saarimul Masluul-fuula 52-53)

(E)- Aalimman (beektonni) namni Rabbiin arrabse kaafira ta’uu isaa irratti wali galanii jiru. Dhimma kana ilaalchisee dubbii isaanii kunoo siif dhiyeessina:

Is’haaq ibn Raahuuyah akkana jedha: “Namni Rabbii jabaa guddate arrabse ykn Ergamaa Isaa sallallahu aleyh wassallam arrabse ykn wanta Rabbiin buuse deebisee (fudhatu dide) ykn nabiyyoota Rabbii keessaa nabiyyii ajjeese, kana waliinu wanta Rabbiin buusee kan mirkaneessu [osoo] ta’eelle, inni kaafira akka ta’e aalimman irratti wali galanii jiru.” (At-Tamhiid 4/226-Ibn Abdul Barr)

Qaadi Iyaad ni jedha: “Muslimoota keessaa namni Rabbii olta’aa arrabse kaafira dhiigni isaa halaalefamu akka ta’u wal dhabbiin (khilaafni) hin jiru.” (Ash-Shafaa 2/582)

Ibn Hazm ni jedha: “Rabbii olta’aa arrabsuun kufrii akka ta’e Muslimni dachii irra jiru hin faallessu… Wanta qalbii isaa keessatti dhokate kan Rabbiin malee enyullee hin beekneen osoo hin ta’in jecha inni jedheen isarratti murteefama.” (Al-Muhallaa13/498)

Ammas, Ibn Hazm namoota kana faallessan irratti akkana jechuun deebisa: “Jechi isaanii, “Rabbii olta’aa arrabsuun kufrii miti, akkasumas, Ergamaa Rabbii sallallahu aleyh wassallam arrabsuun kufrii miti” jedhu, oduu odeefamuudha. Sababni isaas, Rabbiin akkana jedha:

“‘Homaa hin jenne” [jechuun] Rabbiin kakatu, dhugumatti jecha kufrii jedhanii jiru, Islaama [fudhachuu] isaanii boodas kafaraniiru. Wanta galmaan gahuu hin dandeenyes itti yaadan.” Suuratu At-Tawbah 9:74 (Al-Fasl 3/244)

Ibn Qudaaman ni jedha: “Kan taphatu ta’ee kan itti xiyyeefatu ta’ee namni Rabbii olta’aa arrabsee kafare.” (Al-Mughnii-10/113)
Al-Mardaawi ni jedha: “Namni Rabbiin arrabse mormii tokko malee kafare.” (Al-Insaaf 10/326)
Al-Bahuuti ni jedha: “Namni Rabbiin arrabse kafare. Sababni isaas, mormaa (kaadi) yoo ta’e malee Isa hin arrabsu.” (Kashaaf al-qanaa’i 6/168)
Mullaa Ali Qaari ni jedha: “Namni wanta Isaaf hin malleen Rabbiin ibse, kafare.”  (Sharihu Al-Fiqhu Al-Akbar-fuula 227)

Rabbii olta’aatti Qoosu
Murtiin Rabbii olta’aatti qoosu murtima Rabbii olta’aa arrabsuu ta’a. Garuu wanta darbeetti wantoota armaan gadii dabaluu dandeenya.

A)-Hiika Istihizaa’a (اِسْتِهْزاء)– Istihizaa’a jechuun itti qoosu, qishnaa godhachuu, akka salphaa fi xiqqaa ta’etti ilaalu (gadi xiqqeessudha.) (Afaan Oromoo keessatti naannoo irraa naannootti hiikni wal haa fakkaatu malee jechoonni itti fayyadaman garagaraatu jira. Naannoo gariitti nama tokko yoo itti baacanii fi akka xiqqaatti ilaalan “qishnaa godhate” jedhan. Naannoo biraatti immoo itti qoose. Ingiliffaan “Mock, ridicule, scorn” jechuun hiikan.)

Daangaan qoosu maalidhaa? Dubbiin tokko dubbii qoosaa (qishnaa) ta’uu akkamitti beekkamaa?

Sheykhul Islaam ibn Taymiyah (rahimahullahu) ni jedha: “Maqaan tokko lugaa ykn shari’aa keessatti daangaa yoo hin qabaatin, daangaa isaa keessatti gara bartee deebi’an. Kan akka qabuu, eeggumsa, gurgurtaa, dirqisiisu fi kkf. Kanaafu, rakkisuu fi arrabsuu keessatti gara bartee deebi’uun barbaachisaadha. Wanta namoonni bartee isaanii keessatti arrabsoo, gadi hir’isuu ykn maqaa xureessu fi kan kana fakkatutti lakkaawan suni arrabsoo irraayyi….

Arrabsoof lugaa fi shari’aa keessatti daangaan beekkamaan yoo hin jiraatin, kan itti deebi’an gara bartee namootati (wanta namoonni baraniidha).…

Guduunfaan kanaa: wanti namoonni arrabsoo ta’uu beekan, suni arrabsoodha. Tarii kuni garaagarummaa haalotaa, wali galtee, aadaa, akkaataa dubbii fi kkf irratti hundaa’e gargar ta’uu danda’a. Wanti wal fakkaate, fakkaataa isaatti qabsiifama.” (As-Saarimul Masluul-fuula 532, 541,543)

“Shekhul Islaama irraa mirkaneessu ifaa kana booda jecha “Istihizaa’a (qoosu) ykn arrabsoo ykn hir’isuu” jedhu daangaa wanta hunda of keessatti hammatu kaa’un wanta salphaa miti. sababni isaas, boqonnaa bal’aa Rabbii olta’aa, Ergamaa Isaa fi amanti Islaamaa rakkisuun (azaan), maqaa xureessun, tuffachuun, gadi xiqqeessun keessa seenudha. Kana ilaalchise garri itti deebi’an gara bartee namootati. Kanaafu, wanti namoonni arrabsoo fi qoosa (qishnaa) ta’uu baratan, suni arrabsoo fi qoosa ta’a. (Al-Istihizaa’u Biddiin, Ahkaamuhu waasaaruhu-78)

(B)-Rabbii olta’aatti qoosun wantoota iimaana diigan keessaa tokko ta’uu wanta agarsiisu keessaa wanta jecha Haqaa keessatti dhufeedha:

“Munaafiqonni suuran wanta qalbii isaanii keessa jiru isaanitti beeksistu isaan irratti bu’uu sodaatu. Jedhi, “Qishnaa godhaa (qoosaa), Rabbiin waan isin sodaattan [ifatti] baasa.” Yoo isaan gaafatte, dhugumatti [akkana] jedhu: “Nuti haasawatti kan seennu fi taphannu qofa turre.” Jedhi, “Sila Rabbiitti, keeyyattoota Isaatti fi Ergamaa Isaatti qoosaa turtanii?” Rakkoo hin dhiyeefatinaa! Erga amantanii booda kafartanii jirtu. Isin keessaa garee tokkoof yoo irra dabarre, garee biraa immoo ni adabna, isaan yakkamtoota waan turaniif.” Suuratu At-Tawbah 9:64-66

Ibn Taymiyaan ni jedha: “Keeyyattoonni kunniin Rabbiitti, aayaata fi Ergamaa Isaatti qoosun kufrii ta’uu jala muranii dubbatu.” (As-Saarimul Masluul-fuula-31)

Ibsa aayah tanaa ilaalchisee Fakhru Raazi ni jedha: “Haala kamiiniyyuu haa ta’uu, amantiitti qoosun Rabbitti kafaruudha. Kunis, qoosun wanta tokko akka salphaatti ilaalu (gadi xiqqeessu) agarsiisa. Iimaana keessatti utubaan guddaan garmalee Rabbiin ol-guddisuudha. Lamaan isaanii (itti qoosu fi ol-guddisuu) bakka tokkotti walitti fiduun waan hin danda’amneedha.” (At-Tafsiirul Kabiir-16/124)

Aayaata tannin ilaalchisee wanta Ibn Arabiin jedhee keessaa: “Wanti munaafiqonni jedhan takkaa dhugaan (xiyyeeffannoon) jechuu takkaa taphaaf jechuu keessaa hin bahu. Wanti isaan jedhan haala kaminiyyuu haa ta’u kufriidha. Dhugumatti, kufriidhaan taphachuun kufriidha. Kana ilaalchisee ummata (Muslimoota) jidduutti khilaafni (garaagarummaan yaadaa) hin jiru. Mirkaneessuun obboleessa beekumsaati fi haqaati. Taphni immoo obboleessa wallaalummaati fi sobaati.” (Ahkaamul Qur’aani 2/964)

Ibn Al-Jawzi ni jedha: “Kuni jecha kufrii ifatti baasu keessatti xiyyeefannoon [dubbachuu] fi taphaan [dubbachuun] wal qixa akka ta’e agarsiisa.” (Zaadul Masiir 3/465)

As-Sa’diin ni jedha: “Rabbii fi Ergamaa Isaatti qoosun kufrii amantii keessaa nama baasudha. Sababni isaas, hundeen amantii Rabbiin ol-guddisuu, amantii fi Ergamtoota Isaa kabajuu irratti hundaa’e. Kanniin keessaa wanta tokkotti qoosun hundee kana kan faallessuu fi diiggaa cimaa kan diigudha.” (Tafsiiru Sa’dii-3/259)

Kanarratti dabalatee, dhugumatti qoosun iimaana diiga. Sababni isaas, iimaanni Rabbii jabaa guddate dhugoomsu, Isaaf masakamuu fi gadi jechuudha. Namni Rabbiitti qoose, ajaja Isaatiif kan masakamu ta’u hin danda’u. Masakamuun ol guddisuu fi kabaju waan ta’eef. [Itti qoosun] immoo akka salphaatti ilaalu, salphisuu fi gadi xiqqeessudha. Kunniin lamaan (Ol-guddisuu fi (salphisuun, gadi xiqeessuun)) faallaa waliiti. Yeroma lamaan keessaa tokko qalbii keessa qubatu, kan biraa ni bada. Kanaafu,akka salphaatti Isa ilaalu fi gadi xiqqeessun iimaana akka faallessu beekkame jira. (As-Saarimul Masluul-fuula 521)

Guduunfaa
Gabaabumatti namni dhugaanis ta’e taphaan Rabbii olta’aa arrabsuu fi itti qoosu irraa of eeggachu qaba. Sababni isaas, kuni kufri hojii hojjatan nama jalaa balleessuu fi adabbii cimaatti nama geessudha. Rabbii olta’aa arrabsuu fi itti qoosu keessaa badaa kan ta’e maal akka ta’e beektu? “Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa ilma qaba” jechuudha. Kuni arrabsoo guddaadha. Ragaan: Hadiisa Abu Hureeyran gabaase keessatti, Nabiyyiin sallallahu aleyh wassallam ni jedhan: Rabbiin ni jedha: Ilmi Aadam Na arrabsee jira, Na arrabsuun isaaf hin malu. Na kijibsiisee jira, [Na kijibsiisuun] isaaf hin malu. Arrabsoon isaa Ani ilma akka qabu dubbachuu isaati. Kijibsiisuun isaa immoo “akkuma jalqaba na uume deebisee na hin uumu” jechuu isaati.” Sahiih Al-Bukhaari 3193

Madda:
Nawaaqidul Iimaani al-qawliyah wal amalayah” fuula 110-115, Abdulaziz bin Muhammad

Print Friendly, PDF & Email
Dubbii Iimaana Diigu-Kutaa 5.1
Dubbii Iimaanaa Diigu-Kutaa 4.1

Leave a Reply