Dubbii Iimaanaa Diigu-Kutaa 4.1

Kutaa darbee keessatti dubbii iimaana diigu ilaalu jalqabne jirra. Har’as itti fufuun dubbii kufrii iimaana diigu ni ilaalla:

Rabbii Olta’aa Arrabsuu fi Isatti qoosu
1-Rabbii olta’aatti amanuun (iimaanni) Isa ol guddisuu fi garmalee kabajuu irratti kan ijaarrameedha. Shakkii hin qabu, Rabbii olta’aa arrabsuu fi itti qoosuun ol-guddisuu kana diiga, gonkuma waliin hin ta’u. Sadarkaa ol-guddisuu (Ta’aziim) ilaalchisee wanta ibn Al-Qayyim jedhe keessaa tokko:

“Sadarkaan kuni beekumsa kan hordofuudha. Hamma beekumsaa irratti hundaa’e Gooftaa olta’aa ol guddisuun qalbii keessatti ta’a. Namni namoota hundaa caalaa Isa beeku, isaan caalaa garmalee Isa ol guddisa, kabaja. Dhugumatti, Rabbiin nama guddinna Isaaf malu hin guddisne, beekumsa Isaaf malu hin beekne, amala Isaaf maluun hin ibsine balaalefate jira. Rabbiin olta’aan ni jedha:

71:13

“Maal taatanitiin guddinna Rabbii hin sodaannee?” Suuratu Nuuh 71:13

Ruuhin ibaadaa: ol-guddisuu fi jaalala. Isaan lamaan keessaa tokko yoo irraa hafe, ibaadan badde. Lamaan kanatti Jaallatamaa Guddaa faarsun yoo dabalame, suni haqiiqaa (dhugaa) Al-Hamd (Faarsu)ti. Rabbiin hundarra beekadha.” (Madaariju as-Saalikiin 2/495)

Ibn Taymiyaan Rabbii olta’aa arrabsuu fi Isatti qoosun tawhiida akka diigu ibsuun akkana jedha: “Namni ibaadaa Rabbii subhaanahu wa ta’aalaa keessatti tokkichummaatti amanee fi, gabrichaa fi Ergamaa Isaatiif ergaa [mirkaneesse], ergasii amanti kana ol guddisuu fi kabajuun hin hordofsiisnee, inumaa amanti qalbii keessa jiru kana hojii ykn dubbiin gadi xiqqeessuu fi tuffachuun wal qabsiisee, jiraachun amanti kanaa akka dhabamuu ta’a. [Gadi xiqqeessu fi tufachuun kuni] badiinsa amantii kanaatii fi wanta faayda qabuu balleessutti geessa. Sababni isaas, amantiin nafsee qulqulleessa, ni fooyyeessa. Yeroma amantin nafsee qulqulleessu fi fooyyessu dhiisu, sababni kanaa homaayyu miti, qalbii keessatti hidda kan hin qabanne ta’uu malee. Nafseef amalaa fi fooyya’iinsa hin taane. (Amantiin nafsee qulqulleessu fi fooyyessu yoo dhiise, sababni kanaa, amantin qalbii keessatti hidda hin qabannee jechuudha.)” (As-Saarimul Masluul-fuula 324)

Warri beekumsa qaban Gooftaa isaanii garmalee ol guddisuu turan. Kabaja Isaaf malu kabajuuf carraaqu. Al-Khaxxaabi ni jedha: “Shekkota keenya irraa namni dhaqqabne xaa’an (Rabbiif ajajamuun) wanta wal qabatu malee maqaa Rabbii dubbachuu baay’ee xiqqeessa.” (Sha’anu Du’aa’i-fuula 18-19)

2-Gara hiika fi hubannoo arrabsuutti yoo dabarree immoo akkuma Raagibu Al-Asfahaani jedhe: As-Sabbu (Arrabsuun)-haala nama rakkisuu fi laalessuun wanta hanqinni fi tuffiin keessa jiruun ibsuudha.

“Kanneen [mushrikoonni] Rabbii gaditti gabbaran hin arrabsinaa, daangaa darbuun beekumsa malee Rabbiin arrabsaniiti.” Suuratu Al-An’aam 6:108

Rabbiin arrabsuun isaanii ifaan ifatti arrabsuu miti. Garuu waa’ee Isaa dubbachuu keessatti lixuun wanta Isaaf hin malleen Isa ibsu. Kana keessa falmiidhaan itti fufuun wanta Rabbiin irraa qulqullaa’en Isa ibsuu ni dabalu.” (Al-Mufradaat-fuula 220)

Ibn Taymiyaan ni jedha: “Arrabsuun dubbii gadi hir’isuu fi salphisuuf yaaddamee [dubbatamuudha]. Garaagarummaa amantii isaanii irratti hundaa’e wanta sammuu namaa keessatti arrabsoo ta’uu hubatamuudha. Kan akka, abaaru, fokkisuu fi kkf. Inni kuni kan jechi Rabbii agarsiisuudha:

“Kanneen [mushrikoonni] Rabbii gaditti gabbaran hin arrabsinaa, daangaa darbuun beekumsa malee Rabbiin arrabsaniiti.” Suuratu Al-An’aam 6:108

Ammas ibn Taymiyaan, daangaan arrabsuu “bartee (aadaa)” akka ta’e ni kaasa. Akkana jedha: Wanti warri bartee (aadaa) akka arrabsoo fi hir’isuu ykn maqaa xureessutti fi kan kana fakkaatanitti lakkaawan arrabsuu irraayyi.” (As-Saarimul Masluul-fuula 561, 531)

Gabaabumatti arrabsuu jechuun dubbii fokkuu salphinnaa fi hir’innatti geessudha.

3-Akkaataa Rabbii olta’aa Arrabsuun Dubbii Kufrii iimaana diigu itti ta’u

Rabbii olta’aa guddaa arrabsuun gosoota dubbiiwwan nama kafarsiisanii fi iimaana diigan keessaa hundarra fokkuu akka ta’etti lakkaawama. Kunis karaa baay’een ilaallamu danda’a:

A)-Rabbii jabaa guddaa arrabsuun iimaana diiga. Akkuma iimaana zaahiraa (gubbaa) arrabaan dubbatamu diigu, arrabsuun azaa (rakkisuu) jechaa dubbii qalbii (dhugoomsu) fi hojii ishii kan akka Rabbiin jaallachu, ol-guddisuu fi garmalee kabajuu diigudha. Sababni isaas, iimaanni Rabbii jabaa guddaa dhugoomsu, Isaaf masakamuu fi gadi jechuu of keessatti qabata. Arrabsuun immoo akkuma ibn Taymiyaan jedhu: salphisuu fi gadi xiqqeessuudha. Ajajaaf masakamuun immoo kabajuu fi jabeessudha. Qalbiin kan masakamtee fi gadi jetteef salphisuu fi gadi xiqqeessun waan hin danda’amneedha. Qalbii keessatti gadi xiqqeessuu fi salphisuun yoo argame, ishii keessa masakamuu fi harka kennuun hin jiru jechuudha. Kanaafu, iimaanni keessa hin jiru. Kuni mataan isaatu kufrii ibliisaati. Dhugumatti, inni ajaja Rabbii dhagayee jira, Ergamaa hin kijibsiifne. Garuu ajajaaf hin masakamne (hin bulle).” As-Saarimul Masluul-fuula 519)

Ammas ibn Taymiyaan ni jedha: “Akkuma qalbiidhaan dhugoomsuun akka jaallatanii fi ol-guddisan nama taasisu, wanta salphisuu fi gadi xiqqeessuun keessa jiru dubbachuu fi hojjachuuf fedhuu irraa nama dhoowwa. Argamuun kanaa fi dhabamuun sanii dhimma seerri Rabbii umamtoota Isaa keessatti ittiin darbeedha…Bu’aan yoo dhabamee sababni dhabamuu barbaachisa. Faallaan yoo argamee faallaan biraa dhabamuu barbaachisa. Dubbii fi hojiin gadi xiqqeessuu fi salphisuu of keessatti qabate dhugoomsuun fayyadaa qabu akka dhabamu, ajajamuu fi harka kennuun akka dhabamu barbaachisa. (Kana jechuun dubbii fi hojiin gadi xiqqeessuu fi salphisu of keessaa qabu yoo argame, dhugoomsun faayda qabu fi ajajamuun hin jiruu jechuudha.)  Kanaafi [Rabbii olta’aa arrabsuun] kufrii ta’e.” (As-Saarimul Masluul-fuula 524)

(Gabaabumatti: Gabrichi bulchaa isaatiif yoo bulee fi ajajame, garmalee bulchaa isaa kabaja. Gonkumaa isa hin arrabsu. Yoo arrabse bulchaan isaa maal isa godhaa? Kuni wanta namni hundu beekudha. Gooftaa addunyaa guutuu bulchu gabrichi yoo arrabse, yakka hangam badaa fi guddaa ta’e raawwataa?)

B)-Rabbiin olta’aan akkana jedhe:

Munaafiqonni suuran wanta qalbii isaanii keessa jiru isaanitti beeksistu isaan irratti bu’uu sodaatu. Jedhi, “Qishnaa godhaa (qoosaa), Rabbiin waan isin sodaattan [ifatti] baasa.” Yoo isaan gaafatte, dhugumatti [akkana] jedhu: “Nuti haasawatti kan seennu fi taphannu qofa turre.” Jedhi, “Sila Rabbiitti, keeyyattoota Isaatti fi Ergamaa Isaatti qoosaa turtanii?” Rakkoo hin dhiyeefatinaa! Erga amantanii booda kafartanii jirtu. Isin keessaa garee tokkoof yoo irra dabarre, garee biraa immoo ni adabna, isaan yakkamtoota waan turaniif.” Suuratu At-Tawbah 9:64-66

Ibn Taymiyaan ni jedha: Kuni keeyyata, Rabbiitti, keeyyattootaa fi Ergamaa Isaatti qoosun kufrii akka ta’e jala muree dubbatuudha. Arrabsuun immoo san caalaa [kufrii ta’a].” (As-Saarimul Masluul-fuula 31)

Halaala godhes dhiisees Rabbiitti qoosun (qishnaa godhachuun) kufrii erga ta’ee, arrabsuun san caalaa kufrii ta’a.

Ibn Taymiyaan ni jedha: Rabbii fi Ergamaa Isaa arrabsuun keessaa fi alaan kufriidha. Namni arrabsu kuni haraama ta’uu amane ykn halaala kan godhu ta’ee ykn amanti isaa kan dagatee ta’ee tokkoma. Kuni ilaalcha fuqahati fi warra Sunnah iimaanni dubbii fi hojiidha jedhaniiti.

Ibn Raahuyah akkana jedhee jira: Namni Rabbiin arrabsee ykn Ergamaa Isaa sallallahu aleyh wassalam arrabsee, kanaan kaafira akka ta’u Muslimoonni irratti wali galanii jiru. osoo wanta Rabbiin buuse kan mirkaneessu ta’eeyyu.

Qaadi Abu Ya’alaa “Mu’tamid” keessatti akkana jedhe: Namni Rabbiin arrabse ykn Ergamaa Isaa arrabsee, dhugumatti inni ni kafara. Arrabsuu isaa halaala godhee dhiisee, [inni ni kafara].” (As-Saarimul Masluul-fuula 512-513=gabaabbinnaan)

Ammas ni jedha: namni osoo hin dirqisiifamin fedhii ofiitiin Rabbii fi Ergamaa Isaa arrabsee ni kafara… keessaa alaan inni kaafira. “Tarii namni akkanaa keessa isaatti Rabbitti kan amanuu ta’uu waan danda’uuf zaahira (gubbaa) qofaan kaafira ta’a” namni jedhee, dhugumatti dubbii fasaada (badaa) ta’uun isaa dirqamaan amantii irraa beekkamu dubbatee jira.” Majmuu’al fataawaa 7/557,558=gabaabbinnaan, ilaali As-Saarimul Masluul-fuula 524, akkasumas Al-Muhallaa-Ibn Hazm 13/498 ilaali)

Kutaa itti aanu keessatti itti fufa….

Madda:
Nawaaqidul Iimaani al-qawliyah wal amalayah” fuula 106-109, Abdulaziz bin Muhammad

Dubbii Iimaana Diigu-Kutaa 4.2
Dubbii Iimaana Diigu-Kutaa 3

Leave a Reply