Dubbii Iimaana Diigu-Kutaa 7.1
Nabiyyoota keessatti Dubbii Iimaana diigu
3-Murtiin Rasuula sallallahu aleyh wassallam arrabsuu immoo wantoota iimaana diigan kan kufriitti nama geessan irraayyi.
Qaadi Iyaad akkana jedha: “Keeyyattoonni Qur’aanaa fi Sunnah, wali galteen ummataa (Muslimootaa) Rasuula ol guddisuu fi kabajuu akka qaban ni agarsiisu. Kanarra kan ka’e, Rabbiin olta’aan Kitaaba Isaa keessatti isa rakkisuu (azaa gochuu) ni dhoowwe. Muslimoota irraa nama kabaja isaa xiqqeessee fi arrabsee akka ajjeefamu ummanni irratti wali galan. Rabbiin olta’aan ni jedha:
“Dhugamatti kanneen (namoonni) Rabbii fi Ergamaa Isaa rakkisan, addunyaa fi Aakhiratti Rabbiin isaan abaaree jira. Adabbii salphisaas isaaniif qopheesse.” Suuratu Al-Ahzaab 33:57
Ammas ni jedha:
“Ergamaa Rabbii rakkisuu fi niitiwwan isaas isa booda gonkumaa fuudhun isiniif hin ta’u. Dhugumatti, kuni Rabbiin biratti [badii] guddaa ta’eera.” Suuratu Al-Ahzaab 33:53 (Ash-Shafaa 2/926-927)
Ibn Taymiyaan ni jedha: Rabbii fi Ergamaa Isaa arrabsuun keessaa fi alaan kufriidha. Namni arrabsuu kuni haraama ta’uu amane ykn halaala kan godhu ta’ee ykn amanti isaa kan dagatee ta’ee tokkoma. Kuni ilaalcha fuqahati fi warra Sunnah hordofan iimaanni dubbii fi hojiidha jedhaniiti.” (As-Saarimul Masluul fuula 451)
Akkaataa Nabiyyii (SAW) Arrabsuun Kufrii itti ta’u
Nabiyyii Sallallahu aleyh wassallam arrabsuun karaa baay’een kufrii fi wanta iimaana diigu akka ta’etti lakkaawama. Karaalee kanniin keessaa:
(A)– Qur’aana kabajamaa keessatti keeyyattoonni baay’een kufrii nama Rasuula sallallahu aleyh wassallam arrabsee agarsiisan dhufanii jiru. Isaan keessaa:
Jecha Rabbii olta’aa:
“(61)-Isaan keessaa warra Nabiyyii rakkisantu jiru: “Inni gurra” jedhu. Jedhiin, “[Eeyyeen inni] gurra isiniif gaarii ta’eedha. Rabbiitti ni amana, mu’mintootas ni dhugoomsa. Isin keessaa warra amananiif rahmata. Warri Ergamaa Rabbii rakkisan, isaaniif adabbii laalessaatu jira. (62)-Isin gammachisuuf Rabbiin kakatu. Mu’mintoota yoo ta’an, Rabbii fi Ergamaa Isaa gammachisutu caalatti haqa godhata. (63)-Sila nama Rabbii fi Ergamaa Isaa faallesse, keessatti hafaa ta’ee ibiddi Jahannam akka isaaf jiru hin beeknee? Suni salphinna guddaadha.” Suuratu At-Tawbah 9:61-63
“Inni gurra” jedhu. kana jechuun inni wanta isaan jedhan hunda dhageefatee dhugoomsa. “[Eeyyeen inni] gurra isiniif gaarii ta’eedha.” Kana jechuun Nabiyyiin (SAW) waan gaarii dhagayee hojii irra oolcha. Sharrii yommuu dhagayu hojii irra hin oolchu. “Isin keessaa warra amananiif rahmata. Warri Ergamaa Rabbii rakkisan, isaaniif adabbii laalessaatu jira.” Namoonni gosoota azaa (rakkisuu) irraa gosa kaminuu Ergamaa Rabbii Muhammadin (sallallahu aleyh wassallam) rakkisan adabbii laalessaa nama dhukkubsutu isaaniif jira.[1] (Arrabsuun gosoota azaa keessa isa guddaa kan ta’eedha.)
(B)- Jecha Rabbii olta’aa:
“(64)-Munaafiqonni suuran (boqonnaan Qur’aanaa) wanta qalbii isaanii keessa jiru isaanitti beeksistu isaan irratti bu’uu sodaatu. Jedhi, “Qishnaa godhaa (qoosaa), Rabbiin waan isin sodaattan [ifatti] baasa.” (65)-Yoo isaan gaafatte, dhugumatti [akkana] jedhu: “Nuti haasawatti kan seennu fi taphannu qofa turre.” Jedhi, “Sila Rabbiitti, keeyyattoota Isaatti fi Ergamaa Isaatti qoosaa turtanii?” (66)-Rakkoo hin dhiyeefatinaa! Erga amantanii booda kafartanii jirtu. Isin keessaa garee tokkoof yoo irra dabarre, garee biraa immoo ni adabna, isaan yakkamtoota waan turaniif.” Suuratu At-Tawbah 9:64-66
Ibn Taymiyaan ni jedha: Kuni keeyyata, Rabbiitti, aayaata fi Ergamaa Isaatti qoosun kufrii ta’uu jala muree agarsiisuudha. Arrabsuun qoosu caalaa [kufrii ta’a]. Namni dhugaanis ta’i taphaanis ta’i Ergamaa Rabbii arrabse hundi akka kafaru aayaanni (keeyyattoonni) kunniin ni agarsiisu.” (As-Saarimul Masluul-fuula 28)
(C)– Jecha Rabbii olta’aa:
“Yaa warra amantan! Sagaleewwan keessan sagalee Nabiyyiitii ol ol hin kaasinaa. Osoo isin hin beekin hojiiwwan keessan akka isin jalaa hin banneef akkuma gariin keessan garii irratti haasawa ol fuudhutti isa irrattis ol hin fuudhinaa.” Suuratu Al-Hujuraat 49:2
Ibn Taymiyaan ni jedha: “Kufrii malee wanti hojii nama jalaa balleessu hin jiru. Sagalee Nabiyyii caalaa sagalee olkaasun, haasawa isarratti ol fuudhun osoo inni hin beekin abbichi akka kafaruu isaaf sodaatama. Sababa kanaan hojiin isaa jalaa bada. Sagalee olkaasun isa rakkisuu fi isa gadi xiqqeessu of keessatti qabachuu danda’a, osoo namni sagalee olkaasu itti xiyyeefachu baateyyu. Dhugumatti, rakkisuu fi gadi xiqqeessun itti yaaddame san caalaa kufrii ta’a.” (As-Saarimul Masluul fuula 46-48=gabaabbinnaan)
Hadiisonni namni Ergamaa Rabbii sallallahu aleyh wassallam arrabse akka kafaru dhufanii jiru. Hadiisota san asitti dhiyeessuun barreefama waan dheeressuuf dhiisne jirra.
Aalimmanis namni Ergamaa Rabbii sallallahu aleyh wassallam arrabse akka kafaruu irratti wali galanii jiru. Kana ilaalchise dubbiin beektota baay’eedha. Hanga ta’ee boqonnaa “Rabbii olta’aa arrabsuu” jedhu jalatti waan kaasneef irra deebi’uun barreefama hin dheeressinu.
(D)- Ergamaa Rabbii sallallahu aleyh wassallam arrabsuun iimaana kan diigu fi faallessuudha. Sababni isaas, wanta iimaanni of keessatti hammate keessaa tokko: Ergamaa Rabbii sallallahu aleyh wassallam kabajuudha. Shakkii hin qabu, arrabsuun Nabiyyii kabajamaa kana kabaju waliin bakka tokkotti walitti hin dhufu.
Ammas, Nabii Muhammaditti sallallahu aleyh wassallam amanuun isaaf ajajamuu fi harka kennuu of keessatti qabata. Kuni akka isa kabajan nama taasisa. Arrabsuun immoo salphisuu fi gadi xiqqeessudha. Kanaafu, Ergamaa Rabbiitti amanuu fi isa arrabsuun bakka tokkotti gonkumaa waliin hin ta’an.
Gabaabumatti, Ergamaa Rabbii sallallahu aleyh wassallam arrabsuun kufri amanti keessaa nama baasudha. Haddin (adabbii) nama kanaa ajjeefamuudha. Namni Nabiyyii sallallahu aleyh wassallam arrabse ni ajjeefama. Imaamu Ahmad akkana jedha:
“Muslimas ta’i kaafiras ta’i namni Nabiyyi sallallahu aleyh wassallam arrabsee ykn maqaa xureesse, isa irra ajjeechaatu jira.” (Al-Masaa’ilu warasaa’ilu mar’wiyatu ani imaamu Ahmad fiil aqiidati-2/95)
Al-Mardaawi ni jedha: “Namni Rabbiin ykn Ergamaa Isaa arrabse mormi tokko malee kafaree jira.” (Al-Insaafu 10/326)
(Kana ilaalchisee dubbii aalimmanii baay’eedha. Akkuma beekkamu haddi (adabbii seera Islaamaa) hojii irra kan oolchu nama dhuunfaa osoo hin ta’in iimaama ykn hogganaa Muslimootaati. Kanaafu, nama Nabiyyii sallallahu aleyh wassallam arrabse kan ajjeesu imaama ykn hogganaa Muslimootati. Namni dhuunfaa ajjeesutti deemu hin qabu. Kuni balaa guddaa fiduu waan danda’uuf. Garuu imaamni kana raawwatu yoo hin jiraatin, nama nabiyyii arrabsu itti cal’isuu osoo hin ta’in, gocha isaa kanarraa akka of qusatuf karaa adda addaatin yaalu barbaachisa. Akeekachisa cima isa akeekachiisu, gara seeraatti geessu fi kkf gochu.[2])
[1] Tafsiiru Muyassar-196, Zaadul Masiir-591
[2] Qabxii kana bal’innaan ilaaluuf: https://islamqa.info/en/answers/12461/if-a-person-commits-a-crime-which-deserves-a-hadd-punishment-in-a-land-that-is-not-ruled-according-to-that-which-allaah-has-revealed-what-is-to-be-done
https://islamqa.info/en/answers/14305/it-is-essential-to-respond-to-those-who-defame-the-prophet-peace-and-blessings-of-allaah-be-upon-him,
“Nawaaqidul Iimaani al-qawliyah wal amalayah” fuula 164-… Abdulaziz bin Muhammad