Dubbii Iimaana Diigu-Kutaa 7.2

Offline dubbisuf

Nabiyyoota hafan (nageenyi isaan irratti haa jiraatu)
1-Jalqaba irratti barbaachisummaa Nabiyyootatti amanuu kaasna. Nabiyyootatti amanuun karaa gara Rabbiitti amanuutti nama geessu waan ta’eef barbaachisummaan isaa ifa bahaadha. Nabiyyootatti amanuun malee Rabbii jabaa guddaatti amanuun galma hin gahu.

Ibn Taymiyaan barbaachisummaa Nabiyyootatti amanuu yommuu dubbatu wanti inni jedhe akkam bareedaa: “Ergaan [Rabbii olta’aa irraa dhufu] gabrootaaf dirqama barbaachisaadha. Isaaniif hafuu waan hin qabneedha. Haajaan isaan ergaa kanaaf qaban haajaa wanta hundaaf qaban caala. Ergaan ruuhi, ifaa fi jireenya addunyaati. Fooyya’iinsa maaltu jira yoo ruuhin, iftii fi jireenyi dhabaman? Wanta aduun ergaa (risaalaa) irratti ife malee addunyaan dukkana, abbaaramtuudha. Akkuma kana, gabrichi aduun ergaa qalbii isaa irratti yoo hin ifin, ruuhii fi jireenya [ergaa kanaa] hin argatin, inni dukkana keessa jira. Inni warra du’an keessaayyi. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa ni jedha:

Sila namni du’aa turee ergasii isa jiraachifne ifa isaaf goone fi [ifa] saniin namoota keessa deemu, akka nama dukkana keessa jiru kan isa keessaa hin baane ni ta’aa? Akka kanatti kaafirootaf wanti isaan dalagan miidhagfame.” Suuratu Al-An’aam 6:122

Kuni ibsa mu’minaa dukkana wallaalummaa keessatti du’aa tureeti. Egasii Rabbiin ruuhii ergaatiinii fi ifa iimaanatiin jiraachise. Ifa namoota keessa ittiin deemu isaaf godhe. Kaafirri immoo dukkana keessatti qalbiin isaa tan duutedha.” (Majmuu’al Fataawaa 19/93-94)

Ammas Ibn Taymiyaan (Rahimahullahu) ni jedha: “Gabaabamutti, dachii keessatti diiniin Rabbii kan gadi dhaabbatu karaa Ergamtootatin qofa akka ta’ee namni sammuu qabu beeku qaba. Osoo Ergamtoonni jiraachu baatani, silaa Rabbiin tokkicha shariika hin qabne hin gabbaramu ture. Akkasumas, namoonni maqaalee gaggaarii fi sifaata ol’aanoo irraa wanta Isaaf maluu hin beekanii turan. Shari’aanis dachii irraa ni dhabamaa ture.” (As-Saarimul Masluul fuula 249)

Ibn Al-Qayyiim barbaachisummaa Ergamtootatti amanu akkana jechuun jabeessa: “Addunyaa fi Aakhirah keessatti karaan gammachuu fi adabbi jalaa nagaha bahuutti nama geessu hin jiru harka Ergamtootaa irratti malee. Karaan wanta gaarii fi fokkuu bal’innaan itti beekan hin jiru, jihaa isaanitiin malee. Jaalalli Rabbii gonkumaa hin argamu harka isaanii irratti malee. Hojiiwwan, dubbii fi amaloota irraa wanti qulqulluu fi gaariin hin jiru qajeelcha isaaniiti fi wanta isaan fidan malee. Isaan miizaana kaastota dubbii, hojiiwwan fi amaloota isaanii irratti dubbii, hojiiwwan fi amaloonni [namoota biroo] madaallamudha. Isaan hordofuun warri qajeelinnaa warra jallinnaa irraa addaan baafamu. Haajaan isaaniif qaban haajaa qaamni ruuhitti qabuu fi ijji ifatti qabdu caalaa guddaadha… Yaanni kee maalii, nama qajeelchi isaatii fi wanti inni fide libsuu ijaatiif yoo sirraa hafee fi fagaate, qalbiin tee badde. Akka qurxummii bishaan keessaa bahee fi qaboo keessa kaa’ameeti. Yommuu wanta Ergamtoonni fidan irraa addaan bahu haalli gabrichaa akka haala qurxummii kanaati. Inumaa san caala. Garuu qalbii jiraattu taate malee kana kan beeku hin jiru. “Madaa nama du’aatiif beeksisni hin jiru.”” (Zaadul Mi’aad 1/69)

Akkuma Rabbiin olta’aan karaa godhee, Ergamtootatti amanuun- isaan dhugoomsu fi isaan kabajuu of keessatti qabata. Rabbiin biratti isaan namoota hunda caalu. Beeksisa (wahyii) Isaatiin isaan filate, diinii Isaa ummatatti akka geessan taasise. Beekumsaa fi hojiidhaan namoota hunda caalaa guuttamoodha.

2-Nabiyyoota ilaalchisee dubbiiwwan iimaana diigan immoo bifa baay’ee kan qabanii fi fakkeenya baay’eedha. Isaan keessaa isaan (nabiyyoota) arrabsuu fi maqaa xureessu, isaanitti qoosu, sadarkaa isaanii kuffisuu ykn isaan keessaa nabiyyummaa nabiyyii tokkoo mormuu ykn hoggantoonni isaan caalan jechuun dubbachuu ykn mu’jizaa fi mallattoolee isaanii mormuu.

Dubbii iimaana diigan kanaaf akka fakkeenyaatti isaan arrabsuu yoo fudhanne, murtiin nabiyyoota biroo arrabsu akkuma murtii nabiyyi keenya Muhammad sallallahu aleyh wassallam arrabsuuti. Akkuma warri beekumsa qaban baay’een ibsan. Kanarraa ka’uun, murtiin Nabiyyi keenya Muhammad sallallahu aleyh wassallam arrabsuu ilaalchise bal’innaan irratti waan dubbatameef dhimmicha hin dheeressinu.

Qaadi Iyaad ni jedha: “Namni Muhammadin sallallahu aleyh wassallam gadi xiqqeesse ykn nabiyyoota irraa nabiyyii tokko gadi xiqqeesse ykn isaan rakkisee… akka wali galtee Muslimootatti inni kaafira.” (Ash-Shafaa 2/1069)

Ammas ni jedha: “Murtiin nama Nabiyyoota Rabbii hafan arrabsee fi gadi xiqqeesse ykn wanta isaan fidan keessatti isaan kijibsiise, isaan mormee fi waakkate, akka murtii Nabiyyii keenyaati sallallahu aleyh wassallam. Rabbiin olta’aan ni jedha:

Dhugumatti warroonni Rabbii fi Ergamtoota Isaatti kafaran, jidduu Rabbii fi Ergamtoota Isaa adda baasu barbaadan, “gariitti ni amanna, gariitti immoo ni kafarra” jedhanii fi jidduu sanitti karaa godhachuu barbaadan, Isaan sun warra dhugaan kafaraniidha. Kaafirtootaaf adabbii salphisaa qopheessine.” (Suuratu An-Nisaa 4:150-151)  

Ibn Taymiyaan kana ilaalchisee ibsa quubsaa kenna: Murtiin Nabiyyoota biroo arrabsuu akka murtii nabiyyii keenya arrabsuuti. Kanaafu, namni nabiyyoota beekkamoo Qur’aana keessatti dubbataman ykn nabiyyummaan ibsaman keessaa nabiyyii maqaa isaatiin waamame arrabse… murtiin isaa akkuma darbe. Sababni isaas, haala wali galaatin isaanitti (nabiyyootatti) amanuun dirqama. Haala addaatinis nabiyyoota Rabbiin Kitaaba Isaa keessatti nuuf himetti amanuun dirqama. Isaan arrabsuun kufrii fi Muslima yoo ta’e Islaama irraa duubatti deebi’uudha. Zimmiyy yoo ta’e immoo waraana banuudha…” (As-Saarimul Masluul fuula 565) (Zimmiyy-bulchiinsa Musliimaa jalatti nama Muslima hin taane kan jizyah (gibira) kafaluudha. )

Nabiyyoota keessaa namni nabiyyi tokko arrabsuu akka kafaruu waligalteen (ijmaa’a) akka jiru dubbata: “Wanta nabiyyoota adda godhu keessaa tokko, namni nabiyyoota irraa nabiyyii tokko arrabse, akka waligaltee imaamotatti ni ajjeefama. Murtaddi (nama Islaama irraa deebi’e) ta’a. Akkuma namni isaa fi wanta innii ittiin dhufetti kafare murtaddi ta’u, [namni isa (nabiyyi) arrabsiise murtaddi ta’a]. Iimaanni Rabbiitti, malaaykotaa fi Ergamtoota Isaatti amanuun malee hin guuttamu.” (As-Safdiyyah 1/261)

Ammas ni jedha: Muslimoonni nabiyyoota hundatti ni amanan, isaan keessaa eenyullee adda hin baafne. Nabiyyoota hundatti amanuun dirqama. Namni isaan keessaa tokkotti kafaree hunda isaanitti kafaree jira. Nabiyyoota keessaa namni tokko arrabse, inni kaafira. Akka wali galtee aalimootatti ajjeesu barbaachisa.” (As-Safdiyyah 2/311)

Nabiyyoota arrabsuun wantoota fokkuu baay’eetti nama geessa: waa’ee nabiyyoota dubbii badaan dubbachuun waa’ee tokkichummaa Rabbii, maqaalee, sifaata, jecha, amanti, shari’aa, nabiyyoota, mindaa fi adabbii Isaa ilaalchisee dubbii badaan dubbachuudha. Inumaa akkana jedhama: biyyi sirnaan gadi dhaabbattu hin jirtu nabiyyummaan ykn haftee nabiyyummaatin malee. Dachii keessatti kheeyrin hundi bu’aa nabiyyummaa irraayyi. Ummanni tawhiida qabatu hin jiru hordoftoota Ergamtootaa malee. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa ni jedha:

42:13

‘Amantii gadi dhaabaa, isa keessattis addaan hin babahinaa.’ [jechuun] amanti irraa wanta Nuuhiif dhaamee fi kan gara keetitti buufne, Ibraahiimif, Muusaa fi Iisaaf dhaamne karaa isiniif godhe. Wanti ati isaan itti waamtu mushrikoota irratti ulfaate. Rabbiin gara Isaatti nama fedhe filata, nama [gara Isaatti] deebi’uus gara Isaatti qajeelcha.” Suuratu AshShuurah 42:13

Amantiin Ergamtoonni itti waaman mushrikoota irratti akka ulfaate ni beeksise. Namoonni takkaa Ergamtoota kan hordofan takkaa immoo mushrikoota. Kuni haqa shakkiin keessa hin jirreedha. Kanaafu, Ergamtoota arrabsuu fi maqaa xureessun, burqaa gosoota kufrii hundaati, jallinna hunda kan of keessatti qabateedha. Kufriin hundi damee isarraa baheedha. Akkuma dhugoomsun hundee dameewwan iimaana hundaati fi sababoota qajeelinnaa of keessatti walitti qabe ta’e.” (As-Safdiyyatu-2/311)

Haala kanaan nabiyyoota keessaa nabiyyi kamiyyuu arrabsuun, maqaa xureessuu fi kijibsiisuun kufrii akka ta’ee ifa nuuf ta’a.

Print Friendly, PDF & Email
Dubbii Iimaana Diigu-Kutaa 8.1
Dubbii Iimaana Diigu-Kutaa 7.1
Offline dubbisuf

Leave a Reply