Dhuguma Iyyasuus Gooftaadhaa?-Kutaa 1

Offline dubbisuf

Amaloota Rabbii
Amalli wanta tokko wanta biraa irraa adda kan baasudha. Jalqaba namni Gooftaa isaa haqaa beekuuf amaloota Isaa qorachuu qaba. Amaloota Gooftaa nama uumee sirritti addaan baase yoo hin beekin jallinnaa fi dhama’iinsa adda addaatti tara. Amaloota kanniin yommuu qoratu qabxii lama dagachuu hin qabu. 1ffaa- amaloonni Rabbii amaloota ilma namaatiin wal hin fakkaatan. Amaloota Rabbii fi amaloota ilma namaa yoo wal fakkeesse jallinna hangana hin jedhamnetti tara. 2ffaa-Rabbiin amaloota hanquu hunda irraa qulqulluudha. Amaloonni Isaa hundi guutuudha.

Mee amma amaloota Isaa muraasaa haa qorannu:
1-Rabbiin Tokkicha. Lama ykn sadii ykn sanii oli miti. Qur’aana keessatti ni jedha:

112:1

“Jedhi “Inni Allaah dha, Tokkicha” Suuratu Al-Ikhlaas 112:1

Macaafa qulqulluu Kiristaanota keessattis akkana jechuun dhufee jira
Yaa Israa’el dhaga’i! Waaqayyoon gooftaan keenya Waaqayyoo isa tokkicha!” Seera Keessa Deebii 6:4

2-Rabbiin hin dhalanne, hin dhalle. Abbaa haadhas ilmoos hin qabu. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa (qulqullaa’e olta’e) ni jedha:

“Jedhi “Inni Allaah dha, Tokkicha. Rabbii Of danda’aa hirkoo waa hundaati. Hin dhalle hin dhalannes. Qixxaatan (fakkaatan) tokkollee Isaaf hin jiru.” Suuratu Al-Ikhlaas 112:1-4

19:35

“Rabbiif ilma taasifachuun hin malu. Inni qulqullaa’e. Dhimma tokko yoo murteesse, “Ta’i” isaan jechuu qofa, wanti sunis yoosu ta’a.” Suuratu Mariyam 19:35

3-Rabbiin yeroo hunda jiraataa gonkumaa hin duunedha. Qur’aana keessatti:

25:58

[Yeroo hundaa] Jiraataa gonkumaa hin duune irratti hirkadhu. Faaruu Isaatiniis Isa [faarsii] qulqulleessi.Badii gabroota Isaa keessa beekuu keessatti Isumatu gahaadha.”  Suuratu Al-Furqaan 25:58

Macaafa qulqulluu keessattis haala kanaan ni arganna:
“Ani bara baraan Jiraataadha.” Seera Keessa deebii 32:40

4-Rabbiin fakkaataa hin qabu. Wanti Isa fakkaatu tokkollee hin jiru. Qur’aana keessatti:

“Wanti Isa fakkaatu tokkollee hin jiru. Inni Dhagayaa, Argaadha.” (Suuratu Ash-Shuura 42:11)
“Qixxaatan (fakkaatan) tokkollee Isaaf hin jiru.” (Suuratu Al-Ikhlaas 114:4)

Macaafa qulqulluu keessattis akkana jechuun dhufee jira:
There is no one like the God of Jeshurun”  Seera Keessa Deebii 33:26 (https://www.biblegateway.com/passage/?search=Deuteronomy+33&version=NIV )  

5-Rabbiin Haqa gonkumaa hin jijjramnee fi hin banneedha. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa ni jedhe:

22:6

Suni Rabbiin Haqa waan ta’eefi, Inni kanneen du’aan waan jiraachisuufi, Inni wanta hundaa irratti Danda’aa waan ta’eefi.” Suuratu Al-Hajj 22:6
Haqa jechuun jiraataa fi yeroo hundaa turaa, gonkumaa kan hin jijjiramne fi hin banneedha.[1]

6-Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa hin rafu, hin mugu. Qur’aana keessatti:

“Allaah, Isa malee haqaan gabbaramaan hin jiru, [Inni] al-Hayyul-Qayyuum. Mugaatinis ta’e hirribni Isa hin qabu.” Suuratu Al-Baqarah 2:255

Macaafa qulqulluu keessattis akkana jechuun dhufee jira:
Gargaarsi kiyya Waaqayyoo irraa dhufa, Inni Kan bantiwwan waaqaa (samii) fi lafaa uumeedha. Inni miilli kee akka sigigaatu hin godhu. Inni si eegu hin mugu. Dhugumatti, Israa’elin kan eegu hin mugus, hin rafus.” Macaafa Faarfannaa 121:2-4 (https://www.biblegateway.com/passage/?search=Psalm+121&version=NIV)

7Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa hin nyaatu hin dhugu. Qur’aana keessatti ni jedha:

Jedhi, “Rabbii Uumaa samiwwanii fi dachii ta’een ala Tiiksaa godhadhaa? Inni ni nyaachisa, hin nyaachifamu.” Suuratu Al-An’aam 6:14

Rabbiin uumamtoota Isaa hunda nyaachisa. Garuu kan Isa nyaachisu hin jiru, Inni hin nyaatu, hin dhugu. Ammas ni jedha:

“Jinnii fi ilma namaa akka Ana qofa gabbaraniif malee hin uumne. Rizqii homaatu isaan irraa hin barbaadu, akka Ana nyaachisanis hin barbaadu.” Suurat Az-Zaariyaat 51:56-57

8Rabbiin waan hundaa sirritti beeka, wanti Isarraa dhokatu tokkollee hin jiru, waan hundaa irratti danda’aadha, wanti Isa injifatu tokkollee hin jiru.
9-Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa addunyaa kana keessatti hin mul’atu. Ilmi namaa addunyaa tana keessatti Rabbiin arguu hin danda’u. Qur’aana keessatti ni jedha:

Agartuun (Ijji) Isa hin dhaqqabdu (hin agartu). Inni immoo agartuu hunda ni arga. Inni Mararfataa, Keessa Beekaadha.” (Suuratu Al-An’aam 6:103) Ammas ni jedha:

Yommuu Muusaan beellama Keenyaaf dhufee fi Gooftaan isaa isa dubbise, ni jedhe, “Gara kee ilaalaa natti [Of] agarsiisi.” [Rabbiinis] ni jedhe, “Na hin argitu, garuu gara gaaraa ilaali. Yoo bakka isaatti ragga’e (ture), Na argita.”  Yommuu Gooftaan isaa gaaratti mul’ate, daakamaa isa godhe, Muusaanis of wallaalee kufe. Yommuu of beeku, “Ati qulqulloofte! Ani gara Keetti deebi’e, anis mu’mintoota jalqabaati.” jedhe.” Suuratu Al-A’araaf 7:143

Yommuu Muusaan yeroo murteefameetti dhufee fi Gooftaan isaa wanta isatti dubbatu dubbate, Rabbiin ilaaluu dharra’e, gara Isaatti akka ilaalu ni gaafate. Rabbiinis akkana isaan jedhe: “Na hin argitu.” Kana jechuun addunyaa tana keessatti Na arguu hin dandeessu. Garuu gara gaaraa ilaali. Yommuu Ani gaara kanatti mul’adhu, bakka isaatti yoo ture, na argita.” Yommuu Gooftaan isaa gaaratti mul’atu, daakkamaa lafaan wal qixxaate isa godhe. Muusaan gaggabee kufe. Yommuu gaggabbii irraa dammaqee of beeku, “Yaa Rabbii! Wanta guddinna Keetiif hin malle irraa Ati qulqulloofte. Jireenya addunya tana keessatti gara kee ilaalu Si gaafachu irraa gara Keetti deebi’e (tawbadhe). Ummata kiyya keessaa ani warra Sitti amanan jalqabaati.”[2]

Macaafa qulqulluu keessattis Waaqayyoo Muusen akkana jedhe: “Namni fuula koo arge jiraachu waan hin dandeenyef ati fuula koo argu hin dandeessu.” Seera Ba’uu 33:20

Kanaafu, ilmi namaa addunyaa tana keessatti gonkumaa Rabbiin arguu hin danda’u. Gaarri daakamee biyyee erga ta’e, namni akkamitti Rabbii olta’aa ilaalu danda’aa?

Amaloota Namaa
Namni uumamtoota Rabbii keessa isa tokkoodha. Namoonni hundu uumamtoota fi gabroota Rabbiiti. Amaloota wanta biraa irraa ittiin adda bahan isaaniif kennee jira. Amaloota kanniin keessaa: waa beekuu fi hubachuu, arguu, waa hojjachu, rafuu, muguu, dheebochuu, nyaachu, dhuguu, dadhabbii, fuudhu, heerumu, wal horuu, du’uu fi kkf. Hundi keenyaa nama waan taanef amaloota namaa sirritti beekna.

Tolee, amaloota Rabbii fi amaloota namaa haala kanaan erga addaan baasne, gara mata-duree keenyaatti haa deebinu: “Dhuguma Iyyasuus Gooftaadhaa?”

Asitti Gooftaa jechuun Kan waan hundaa uumee, too’atu, jiraachisuu, ajjeesu, fayyisuu fi wanta hundaa irratti dandeetti qabuudha. Waan hundaa uumuu, too’achuu, jiraachisuu, ajjeesu, fayyisuu fi wanta hunda irratti dandeetti Kan qabu Rabbiidha ykn Waaqayoodha. Akkasi miti ree?

Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa Qur’aana keessatti ni jedha:

“Wanti samiiwwanii fi dachii keessa jiru hundi Rabbiin qulqulleessa. Inni Injifataa, Ogeessa. Mootummaan samiiwwanii fi dachii kan Isaati; ni jiraachisa ni ajjeesa. Inni waan hundaa irratti Danda’aadha.” Suuratu Al-Hadiid 57:1-2

Macaafa qulqulluu keessattis haala kanaan dhufee jira:
Amma ilaalaa! Waaqayyo anuma, ana malee Waaqayyoo kan biraa hin jiru; ani nan ajjeesa, ani nan jiraachisas, ani nan madeessa, ani nan fayyisas; homtinuu harka koo keessaa baasuu kan danda’u hin jiru.” Seera keessa Deebii 32:39

Asi olitti “Waaqayyo anuma, ana malee Waaqayyoo kan biraa hin jiru” jedhu sirritti itti xinxallaa. Kuni jecha “Laa ilaah illallah” jedhuun walitti gala. “Laa ilaah illallah” jechuun Haqaan Gabbaramaan (kan waaqefatamu) Rabbiin malee hin jiru.

Rabbiin Waaqayyoo (Gabbaramaa) tokkichaa fi Isa malee waaqayyoo biraa kan hin jirre erga ta’e, Iyyasuus Waaqayyoo ta’uu danda’aa? Asi olitti Ana malee waaqayyoon biraa hin jiru jedha. Kuni wanta Qur’aana keessatti irra deddeebi’un mirkaneessudha:

20:14

Dhugumatti, Ani Allaah dha. Ana malee dhugaan gabbaramaan hin jiru. Ana gabbari. Yaadannoo Kiyyaaf salaatas sirnaan salaati.” Suuratu Xaahaa 20:14

Akkuma jalqaba irratti jenne maalummaa wanta tokko beekuf amaloota isaa qorachu qabna. Akkasi miti ree? Mana barnootatti maalummaa asidootaa fi beezotaa akkamitti beeknaa? Dhugumatti, amaloota isaanii qoranna. Kanaafu, “Iyyasuus Gooftadha moo Gooftaa miti” jenne murteessuuf amaloota Rabbii (Waaqayyoo) isa keessa barbaanna.

Mee haa qorannu:
A-Rabbiin Tokkicha fakkaataa hin qabneedha. Homtu Isa hin fakkaatu. Iyyasuus tokkicha fakkaataa hin qabneedhaa? Dhugumatti akkuma kitaaba amantii fi seenaa irraa dubbisnu, Iyyasuus (nageenyi isarratti haa jiraatu) nama fakkaata. Akkuma namaa miila lama, harka lama, funyaan, afaani fi qaamolee biroo qaba. Kanaafu, Iyyasuus fakkaataa ni qabaa jechuudha.
B-Rabbiin hin dhalanne, hin dhalle. Iyyaasuus dhalate moo hin dhalannee? Dhugumatti, garaa haadha isaa Mariyam keessa erga turee booda dhalatee jira. Kana eenyullee hin mormu.
C-Rabbiin addunyaa tana keessatti hin mul’atu, namoonni Isa arguu hin danda’an. Iyyasuus (nageenyi isarratti haa jiraatu) namoonni isa argaa fi ilaalaa turan. Namoota waliin oola.
D-Rabbiin samii, dachii fi wantoota isaan keessa jiran kan uumeedha. Iyyasuus immoo samii fi dachiin erga uumamanii booda uumame. Kanaafu, samii fi dachii hin uumne.

Haaluma kanaan amaloota hafan Iyyasuusin keessa yommuu barbaannu, amaloota Rabbii guutuu ta’an isa keessatti hin arginu. Kana irra, amaloota namaa isa keessatti argina. Iyyasuus (nageenyi isarratti haa jiraatu) ni nyaata, ni dhuga, ni rafa, ni dadhaba.

Macaafa qulqulluu keessatti kana hunda ni arganna:“Yesus garuu bidiricha keessa gara duubaatiin waa boraafatee rafaa ture. Barattoonni isaa isa dammaqsanii “Barsiisaa! Dhumuun keenya si hin dhibuu?” jedhan.” Maarqos 4:38

Rabbiin (Waaqayyoo) immoo hin rafu, hin mugu: “Inni si eegu hin mugu. Dhugumatti, Israa’elin kan eegu hin mugus, hin rafus.” Macaafa Faarfannaa 121:3-4

Kanaafu, amaloonni Rabbii Iyyasuus (Yesus) keessatti waan hin argamneef, Iyyasuus Gooftaa miti jennee dhibbaan dhibbatti ni mirkaneessina. Iyyasuus amaloota namaa waan qabuuf ilma namaati jenna. Dabalataan waa’ee Iyyasuus ilaaluuf: https://sammubani.files.wordpress.com/2020/01/iisaa-iyyasuus.pdf


[1] Tafsiir Qurxubii 13/326 [2] Tafsiiru Muyassar-167
Macaafa qulqulluu kana fayyadame jira: http://fynsystems.com/bible/ fi https://www.biblegateway.com/

Print Friendly, PDF & Email
Miidhaa, Fokkinnaa fi Soba Shirkii-Seensa
Dhuguma Iyyasuus (Yesuus) Gooftaadhaa?-Seensa
Offline dubbisuf

Leave a Reply