Dhuguma Iyyasuus (Yesuus) Gooftaadhaa?-Seensa

Offline dubbisuf

Maqaa Rabbii waan hundaa uumee, mararfataa ta’een jalqaba. Namni jireenya keessatti wanti guddaan inni beeku fi sirritti hubachuu barbaadu, waa’ee Gooftaa isa uumeti. “Gooftaan na uume kamiidha? Amaloonni Isaa maalidhaa?” Jechuun of gaafata. Gaafii kanaaf takkaa madda sirrii irraa barbaadun deebii quubsaa argatee jireenya keessatti tasgabbaa’a, takkaa immoo madda sirrii hin taane keessa barbaadun dogongora guddaa keessatti kufa. Deebii quubsa hin argatu. Kanaafu jireenya keessatti tasgabbii dhaba.

Dhugumatti mata dureen, “Iyyasuus Gooftadha moo Gooftaa miti?” jedhu mata-duree hoo’aa mormii fi falmii guddaa kaasedha. Namoota “Iyyasuus Gooftaadha.” Jechuun lallaban irraa deebii fi ragaa quubsaa argachuun garmalee ulfaata. Kanaafu, dhama’iinsa fi dukkana kana ragaa ifaatiin saaqu barbaachisa.

Barbaachisummaa mata duree kanaa:
Dhugumatti mata dureen kuni garmalee barbaachisaadha. Barbaachisummaa isaa asitti tarreessuuf bakki fi yeroon nu hin gahu. Garuu muraasa isaanii ni eerra:
1ffaa-Namoota dhama’iinsa fi dukkana keessatti taraniif dhugaa ibsuu- namoonni baay’een “Iyyasuus Gooftaadha.” Jechuun lallaban, beekumsi fi ragaaleen sirriin isaaniif ifa hin taane. Sabni kee dogongora keessatti lixee dukkanaa fi dhama’iinsa keessa osoo raata’u ati beekumsa sirrii osoo qabdu itti cal’istaa? Wanti kana caalu immoo, dhumarratti wanta isaan qunnamuudha. Dhugumatti, “Iyyasuus Gooftaadha, waaqefadhaa.” Jedhanii lallabuu fi amanuun, shirkii guddaa adabbii cimaatti nama geessudha. Qur’aana keessatti:

Masiih ni jedhe, ‘Yaa ilmaan Israa’il! Rabbii Gooftaa kiyyaa fi Gooftaa keessan ta’e gabbaraa. Dhugumatti namni Rabbitti waa qindeesse Rabbiin isarratti Jannata haraama (dhowwaa) taasiseera. Teessoon isaas ibidda. Miidhaa raawwattootafis tumsitoonni hin jiran. Suuratu Al-Maa’ida 5:72 

Shirkii jechuun Rabbiitti waa qindeessudha. Kana jechuun Rabbiin waliin yookiin Rabbii gaditti wanta biraa waaqefachuudha.

Sabni keenya shirkii kanatti kufuun dhumarratti adabbii cimaatti akka kufu ni jaallannaa? Kanaafu, wanta ofiif jaallannu saba keenyaaf ni jaallanna. Wanta ofiif jibbinu saba keenyaaf ni jibbina. Saba jaallachuun qabeenyaa fi humnaan isaan gargaaru qofa osoo hin ta’in, amantii sirrii isaaniif ibsuun dukkana keessaa gara ifaatti isaan baasudha. Kanaafi, fedhiin guddaan nabiyyootaa sabni isaanii dukkana keessaa gara ifaatti akka bahanii fi adabbii cimaa irraa akka baraaramaniidha. “Yaa qawmii (yaa ummata kiyya)…” jechuun dubbii laafinni fi mararfannaan keessa jiruun gara ifaa fi milkaa’innaatti isaan waamu.

2ffaa-Faallaa haqaa ibsuun haqa hubachuu- dhugumatti wantoonni faallaa isaaniitiin sirritti hubatamu. Imaamu ibn Al-Qayyim ni jedha: “Rabbiin olta’aan kitaaba Isaa keessatti karaa mu’mintootaa bal’innaan, karaa yakkamtootaa (kaafirotaa fi namoota badii hojjatan) bal’innaan, dhuma mu’mintootaa bal’innaan, dhuma yakkamtoota bal’innaan ibsee jira. Warroonni Rabbiin, kitaaba Isaatii fi amantii Isaa beekan, karaa mu’mintoota bal’innaan beekanii jiru, karaa yakkamtootas bal’innaan beekanii jiru. Kanaafu, akkuma nama imala deemuuf karaan gahuumsa yaadetti isa geessu fi karaan wanta isa balleessutti isa geessu ifa ta’eef, karaaleen lamaan kunniin isaaniif ifa ta’anii jiru. Namoonni kunniin uumamtoota hunda caalaa beektota kan ta’aniidha, namootaaf faayda kan buusanii fi dhugaa ta’aniidha. Sababa kanaafi, hanga Guyyaa Qiyaamaa sahaabonni namoota isaan booda dhufan hunda caalan. Dhugumatti, isaan karaa jallinnaa, kufrii fi shirkii keessatti guddatan. Bal’innaan karaa kana ni beekan. Ergasii, Ergamaan Rabbii (Sallallahu aleyh wassallam) dhufuun dukkana cimaa keessaa gara ifa guututti isaan baase. Shirkii keessaa gara tawhiidaatti [isaan baase]. Kanaafu, hamma isa (tawhiida) argatanii fi hamma wanta keessa turanii ni beekan. Dhugumatti, wantoonni faallaadhaan ifa ta’u.

Dhama’iinsi kan uumamuu yommuu beekumsi karaalee lamaanii ykn isaan keessaa tokko dadhabaa ta’uudha. Akkuma Umar (radiyallahu anhu) jedhe: qabannoon Islaamaa tokkoon tokkoon kan diiggamu yommuu namni wallaalummaa (jaahiliyyah) hin beekne Islaama keessatti guddateedha.” Kuni beekumsa guutuu Umar (radiyallahu anhu) irraayyi. Namni karaa yakkamtoota hin beekne fi isaaf ifa hin taane, karaa isaanii garii karaa mu’mintoota akka ta’etti yaadun isaa hin oolu. Dhimmoota baay’ee ilaalchise akkuma ummata kana keessatti uumame…” (gabaabbinnaan, Fawaa’id fuula 101, 102)

Keeyyata armaan oli keessatti himni “Dhugumatti, wantoonni faallaadhaan ifa ta’u.” jedhu xiyyeefannoo keenya harkisa. Dhugumatti bareedinni fi haqni Islaamaa kan beekkamu faallaa isaa yoo beekaniidha. Shirkii fi soba namoonni keessatti lixan namni yoo qorate, dhugaa Islaamaa sirritti hubata. Yaqiinni (mirkaneefannaan) isaa ni dabala. Rabbiif galata galcha. Ta’uu baannan, Islaamni amanti biroo irraa garaagarummaa guddaa akka hin qabnetti ilaala. Inumaa, dhugaa se’ee amanti baaxilaatti seenu danda’a. Sababa kanaa fi kan biroof mata-duree armaan olii ibsuun nurratti dirqama ta’e.

Mata-duree kana ibsuuf Tooftaalee itti fayyadamnu:
Dhugumatti dhimma kana tooftaa sirriitti yoo hin fayyadaminii fi bal’innaan hin ibsin, deebii quubsaa osoo hin argatin karatti hafna. Kanaafu, tooftaalee armaan gadiitti fayyadamuuf karoorfamee jira:
1ffaa-Amaloota Rabbii olta’aa muraasa isaanii ibsuu
2ffaa-Amaloota namaa ibsuu
3ffaa-Iyyasuus Gooftaa/Waaqayyoo akka hin taanee Qur’aanaa fi hadiisa irraa ragaa dhiyeessu
4ffaa- Iyyasuus Gooftaa/Waaqayyoo akka hin taanee Macaafa qulqulluu irraa dhiyeessu
5ffaa- Iyyasuus Gooftaa/Waaqayyoo akka hin taanee wanta beektonni jedhan dhiyeessu
6ffaa-Iyyasuus Gooftaa/waaqayyoo jedhanii amanuu fi lallabuun akkamitti jalqabamee? Yeroo kam jalqabamee?

Tarii adeemsa keessa tooftaalee fi mata-dureen xixxiqoon biroo itti dabalamuu danda’u. Hojiin kuni hojii nama hundaa haqa beekee fi hubate waan ta’eef, namootaaf raabsun haqa haa babal’isnu, dukkana saaquf haa carraaqnu. Dhumarratti akka yaadannootti, wanta tokko irratti murteessuuf ragaalee qorachuu barbaachisa. Akkasi miti ree? Asitti namoonni Kiristaana ta’an, ragaalee amanti isaanii faallessu yommuu dhiyeessinu takkamaan finciluun dubbisuu yoo dhiisan, ragaalee boodarra dhufan kan dhugaa sirritti ibsan osoo hin hubatin hafu. Namni gamni nama ragaalee sirritti hubatee ergasii murteessudha, wanta yaada isaa faallessu irratti murteessuuf hin jarjaru. Obsaa fi tasgabbiin ragaalee hordofuun haqa irra gaha. Ammas, namni gamni wanta namoonni baay’een jedhanii fi amananiin kan masakamu fi hordofu osoo ta’in ragaa ifaatin wanta amanutti amana. Kanaafu, hanga dhumaatti obsaan wanta asitti dhiyaatu akka hordoftan abdiin qaba.

Print Friendly, PDF & Email
Dhuguma Iyyasuus Gooftaadhaa?-Kutaa 1
Hiika Shirkii
Offline dubbisuf

Leave a Reply