Dubbii Iimaanaa Diigu-Kutaa 8.2

Offline dubbisuf

Nabiyyummaa Himachuu
Nabii Muhammadin (SAW) booda nabiyyummaa himachuun wanta iimaana diigudha.

3-Nabiyyummaa himachuun namni dhuunfaa tokko takkaa of danda’uun takkaa immoo nabiyyi biraa waliin hirmaachuun kijibaan nafsee ofiitiif “Ani Nabiyyiidha” jedhee himachuun ta’a. Ammas, nama nabiyyummaa himate dhugoomsun ykn nabiyyummaan Muhammadin sallallaahu aleyh wassallam erga xumurame booda hayyamama akka ta’e dubbachuun, yookiin nabiyyummaa argachuun ni danda’ama jedhee odeessuun ykn beeksisni (wahyiin) isatti akka buufamu himachuun ykn nabiyummaan Muhammadin sallallaahu aleyh wassallam hin xumuramne jedhee mormuun ta’uu danda’a. Bifoonni kuni hundi fi wantoonni kana fakkaatan nabiyyummaa keessatti dubbii iimaana diigu irraayyi. Kunis karaa baay’een ta’a. Isaan keessaa:

(A)-Sobaan nabiyyummaa himachuun zulmii zulmii hunda caale fi Rabbii olta’aa irratti kijiba uumuu hundarra guddaa ta’an irraayyi. Nama Rabbiin irratti kijiba uumee caalaa zulmii fi yakkaan guddaa kan ta’e hin jiru. Osoo isa hin ergin, Rabbiin akka isa erge odeessa. Kijiba uumuun kuni amaloota kaafirotaa kijibdoota ta’an kanneen keeyyattoota fi mallattoole Rabbiitti hin amanne akka ta’e Qur’aanni mirkaneesse jira. Kanarra kan ka’e, isaan caalaa adabbii cimaa kan adabamu hin jiru. Rabbiin olta’aan nama sobaan nabiyyummaa himate adabbii nama salphisu waadaa galeefi jira. Akkuma Ibn Taymiyaan jedhe: “Qur’aana keessatti adabbii salphisaa qopheessuun kaafirotaaf malee hin dhufne…” (As-Saarimul Masluul fuula 52)

Akkasumas gosoota namoota kanaa irraa milkaa’inna ni dhabamsiise. Shinqiixin akkana jedhee jira: “Nama kheeyrin keessa hin jirre irraa malee milkaa’inni guutumatti dhabamsiisu wali galaa hin dhabamsiifamu. [Kan milkaa’inni guutumatti irraa dhabamsiifamu] kaafira.” (Adwaa’ul Bayaani 4/442)

Wanta darbe kana irratti keeyyattoonni Qur’aana kabajama ni agarsiisu. Jecha mufassirootaa waliin muraasa isaanii mee haa dhiyeessinu:

Rabbiin olta’aan ni jedha:

Nama Rabbiin irratti kijiba uumee yookiin osoo homtu isatti hin buufamin, “Wahyiin (beeksisni) gara kiyyatti bu’eera” jedhee fi nama “Fakkaataa wanta Rabbiin buusee nan buusa” jedhe caalaa namni zaalimni eenyu? Yommuu zaalimoonni haguuggi du’aa keessatti ta’anii malaaykonni harka isaanii diriirsuun “Lubbuu teessan baasaa, dhugaan ala Rabbiin irratti waan jechaa turtanii fi aayata Isaa irraa of tuulaa turtaniif har’a adabbii salphisaa mindeefamtu.” [jedhan] osoo argite, [wanta rifachiisaa argitaa turte.]” Suuratu Al-An’aam 6:93

Sa’dii ni jedha: “Nama Rabbiin irratti kijibe caalaa zulmii fi yakkaan guddaa kan ta’e hin jiru. Dhugumatti, inni dubbii ykn murtii Rabbiin irraa qulqulluu ta’e Rabbii olta’aatti maxxanse. Namni kuni namoota hunda caalaa zaalima kan ta’eef dubbii isaa kana keessa kijiba, hundee fi damee amantii jijjiruu fi kana gara Rabbiitti maxxansuun waan jiruufi. Kuni badiiwwan hunda caalu irraayyi.

Kana keessa nabiyyummaa himachuun ni seena. Kana keessatti kijibaa ta’ee osoo jiru Rabbiin wahyii gara isaatti akka buusu [odeessa]. Rabbiin irratti kijibuu isaatii fi guddinnaa fi aangoo Isaa irratti gootomuu waliin namoonni akka isa hordofan isaan dirqiisiisa. Kana irratti isaanitti qabsaa’a. Dhiigaa fi qabeenya namoota isa faalleessanii halaala godha. Aayata tana keessa namni nabiyyummaa himate hundi ni seena, kan akka Museylima kijibaa, Aswad Ansii, Muktaar fi kanneen biroo amaloota akkanaatin of ibsan.” (Tafsiiru As-Sa’dii-2/434)

(Namni nabiyyummaa himatu kijibaan ani nabiyyiidha jedha. Ergasii hundee fi damee amanti jijjiruun “Rabbii olta’aatu kanatti ajaje” jechuun odeessa.  Kuni badiiwwan hunda caalu irraayyi. Mee itti yaadi seenaa Kiristaanaa keessatti wanta Phaawulos hojjate. Gooftaan natti dubbate jechuun hundee fi damee amanti balleesse. Linkii kanarraa ilaalun ni danda’ama: Eenyutu yeroo jalqabaaf Iyyasuus ilma waaqayyoti jedhee?)

Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa ni jedha:

6:124

Yommuu aayanni (ragaan, mallattoon) isaanitti dhuftee, “Fakkaatan wanta Ergamtoota Rabbiitif kennamee nuufis hanga kennamutti hin amannu.” jedhan. Rabbiin ergaa Isaa eessa akka kaa’u hunda caalaa beeka. Sababa isaan shira (dhara) baasaa turaniif Rabbiin biratti xiqqeenyi fi adabbiin cimaan warra yakka hojjatan ni tuqa.” Suuratu Al-An’aam 6:124

Ibn Kasiir ni jedha: Nama Ergamtoota Isaa hordofuu fi wanta isaan fidaniif masakamu irraa of tuuleef kuni Rabbiin irraa adabbii cimaan waadaa galuu fi itti dhaadachu (zaachaa) garmalee mirkanaa’edha. Dhugumatti, Guyyaa Qiyaamaa Rabbiin fuunduratti gadi xiqqeenyi turaan isatti bu’a.” (Tafsiiru Ibn Kasiir 2/165)

Kana ilaalchisee aayaanni Qur’aana baay’eetu jira. Kanniin keessaa:

16:105

“Kijiba kan uumu aayaata Rabbitti kanneen hin amanne qofaadha. Warri suni isaanumatu kijibdoota.” Suuratu An-Nahl 16:105

Kana jechuun kan kijiba uumuu fi sobuu namoota ragaalee fi beeksisa Rabbiitti hin amanneedha. Sababni isaas, dhugaa dubbachuu isaanitiif mindaa hin kajeelan, kijiba dubbachuu isaanitiif adabbii hin sodaatan. Isaan warra kijiba uumaniidha.[1]

Kanaafi, ibn Taymiyaan ni jedha: Namni kijibaa ta’ee osoo jiruu nabiyyummaa himate, inni kaafirota hunda caalaa kaafira, zaalimota hunda caalaa zaalima, uumamtoota Rabbii olta’aa hunda caalaa nama dharaati. Rabbiin olta’aan ni jedha:

Namoota beekumsa malee jallisuuf Rabbiin irratti kijiba uumee caalaa namni zaalimni eenyudhaa? Dhugumatti, Rabbiin namoota zaalimota hin qajeelchu.” Suuratu Al-An’aam 6:144

(Nama wallaalummaa isaatiin karaa qajeelaa irraa namoota jallisuuf jecha Rabbiin irratti kijiba odeesse caalaa namni miidhaa guddaa hojjate hin jiru. Dhugumatti, Rabbiin olta’aan nama daangaa Isaa darbuun Gooftaa isaa irratti kijibee fi namoota jallise qajeelinnaaf hin wafaqu (hin milkeessu).)[2]

Rabbiin olta’aan ni jedha:

39:60

“Guyyaa Qiyaamaa warroota Rabbiin irratti soban fuulli isaanii gurraacha’ee argita. Sila of tuultootaaf iddoon jireenyaa Jahannamin keessa mitii?” Suuratu Az-Zumar 39:60 (Al-Jawaabu Sahiih 1/30, 4/272)


[1] Tafsiiru Xabarii-14/371 [2] Tafsiiru Muyassar-147
Nawaaqidul Iimaani al-qawliyah wal amalayah” fuula 186-189 Abdulaziz bin Muhammad

Print Friendly, PDF & Email
Dubbii Iimaana Diigu-Kutaa 8.3
Dubbii Iimaana Diigu-Kutaa 8.1
Offline dubbisuf

Leave a Reply