Dubbii Iimaana Diigu-Kutaa 8.3

Offline dubbisuf

Nabiyyummaa Himachuu
Kutaa darbe keessatti sobaan nabiyyummaa himachuun Rabbii olta’aa irratti kijiba uumuu akka ta’ee fi iimaana akka diigu ilaalle jirra. Ammas itti fufuun akkaataa iimaana itti diigu haa ilaallu:

(B)-Nabiyyummaa himachuun wanta Qur’aana keessa jiru kijibsiisuudha. Qur’aanni Muhammad (sallallahu aleyh wassallam) xumura nabiyyoota akka ta’e jala muree dubbata. Isa booda nabiyyiin hin jiru. Rabbiin olta’aan ni jedha:

33:40

Muhammad dhiirota keessan irraa abbaa nama tokkootu hin taane. Garuu inni Ergamaa Rabbiitii fi xumura Nabiyyootaa kan ta’eedha. Rabbiinis waan hundaa beekaa ta’eera.” Suuratu Al-Ahzaab 33:40

Ibn Kasiir ni jedha: “Aayanni tuni isa booda nabiyyiin akka hin jirre jala murtee dubbatti. Isa booda nabiyyiin erga hin jirre ergamaan hin jiru jechuudha. Sababni isaas, sadarkaan Ergamaa sadarka nabiyyi caala. Ergamaan (Rasuulli) hundi nabiyyiidha, garuu Nabiyyiin hundi rasuula miti.” (Tafsiir Ibn Kasiir 3/474)

(C)– Nabiyyummaa himachuun wanta Ergamaa Rabbii (sallallahu aleyh wassallam) irraa dhufe kijibsiisuu fi mormuudha. Nabiyyummaan Muhammadin (sallallahu aleyh wassallam) xumuramee jira. Namni odeefannoo sirritti mirkanaa’e kana mormee kaafira. Nabiyyummaan Muhammadin (sallallahu aleyh wassallam) xumuramu dhimma amanti keessatti shakkii tokko malee beekkamuudha.

Abdulqaahir Bagdaadi ni jedha: “Namni nabiyyummaa Nabiyyii keenya Muhammad(sallallahu aleyh wassallam) mirkaneesse hundi, inni xumuraa nabiyyoota fi Ergamtoota akka ta’e ni mirkaneessa. Akkasumas, shari’aan isaa akka turuu fi hin shaaramne ni mirkaneessa. Nabiyyi keenya irraa odeefannoon wal jabeessanii fi namoota baay’een gabaafaman jecha isaa kanaan dhufe jire: “Ana booda nabiyyiin hin jiru.” Namni ragaa Qur’aana fi Sunnah deebise (fudhachu dide), inni kaafira.” (Usuul Diini-fuula 162-163)

Ibn Kasiir ni jedha: “Rabbiin tabaaraka wa ta’aala kitaaba Isaa keessatti, Ergamaan Isaas (sallallahu aleyh wassallam) Sunnah mutawaatira keessatti, isa booda nabiyyiin akka hin jirre beeksisee jira. Namni isa booda sadarkaa kana (nabiyyummaa) himate hundi garmalee kijibaa, dajjaal, jallataa nama jallisuu akka ta’e haa beekaniif, [isa booda nabiyyiin akka hin jirre beeksisee].” (Tafsiir Ibn Kasiir 3/475)

Mee hadiisota kana keessaa muraasa haa dhiyeessinu: Sawbaan radiyallahu anhu akka gabaasetti Ergamaan Rabbii sallallahu aleyh wassallam akkana jedha: “Ummata kiyya keessatti kijibdoonni soddomni ni dhufu, hundi isaanitu nabiyyi akka ta’e odeessa. Ani xumura nabiyyootati. Ana booda nabiyyiin hin jiru.” Jaami’u Tirmizi 2219, Abu Daawud 4252

Abu Hureeyran radiyallahu anhu akka gabaasetti Ergamaan Rabbii sallallahu aleyh wassallam akkana jedhe: Ilmaan Israa’il nabiyyoonni isaan bulchaa fi qajeelchaa turan. Akkuma nabiyyiin tokko du’uun nabiyyiin bira bakka bu’a. Dhugumatti, ana booda nabiyyiin hin jiru.” Sahiih Al-Bukhaari-3455

Jaabir ibn Abdullah ni jedha: Ergamaan Rabbii sallallahu aleyh wassallam ni jedhan: “Fakkeenyi kiyyaa fi fakkeenyi nabiyyoota na duraa akka namticha mana ijaaree ergasii kornari isaa tokko irraa bakka bilooketti tokkoo malee gaarii godhee fi bareechiseeti. Namoonnis mana kana irra naanna’uun ajaa’ibsiifatu. Ni jedhus: “Maaliif bilookettin tuni hin sirreefamnee?” Ergasii Ergamaan Rabbii sallallahu aleyh wassallam ni jedhan: Ani bilooketti sani. Ani xumura Nabiyyootati.” Sahiih Muslim 2286, Sahiih Al-Bukhaari-3535

Fi hadisota biroo

(D)-Nabiyyummaa himachuun wantoota diini Rabbii olta’aa, aayaata fi ergamtoota Isaa faallessu fi diigu of keessatti qabata. Nabiyyummaa himachuun haqiiqaa guuttamuu amantii diiga. Rabbiin olta’aan akkana jedhee jira:

Har’a amanti keessan isiniif guutee, qananii Kiyyas isin irratti guutee, Islaama akka amantiitti isiniif jaalladhe.” Suuratu Al-Maa’idah 5:3

Ibn Kasiir ni jedha: “Kuni ummata kana irratti qananii hundarra guddaa Rabbii olta’aa irraa ta’eedha. Rabbiin amanti isaanii isaaniif waan guuteef, isaan ala amanti biraatti hin hajaman, Nabiyyi isaaniitiin ala nabiyyi biraattis hin hajaman. Kanaafi, Rabbiin xumura nabiyyootaa isa godhe, namootaa fi jinniitti erge. Halaalli hin jiru wanta inni halaala godhe malee, haraamni hin jiru wanta inni haraama godhe malee.” (Tafsiir Ibn Kasiir 2/13)

Nabii Muhammadin sallallahu aleyh wassallam booda namni nabiyyummaa himate (ani nabiyyidha ofiin jedhe) kaafira akka ta’e Muslimoonni irratti wali galanii jiru.

Mullaa Aliyy Qaarii ni jedha: “Nabiyyii keenya sallallahu aleyh wassallam booda nabiyyummaa himachuun akka wali galtee Muslimootatti kufriidha.” (Sharih Fiqhul Akbar fuula 244)

Al-Uluusi ni jedha: “Ergamaan Rabbii sallallahu aleyh wassallam xumura Nabiyyoota ta’uun wanta Qur’aanni dubbatee, sunnaan ifatti baasee fi ummanni (Muslimoonni) irratti wali galaniidha. Namni faallaa kanaa odeessu ni kafara. Yoo didee itti fufe, ni ajjeefama.” (Ruuhul Ma’aani-22/41)

An-Nawawi ni jedha: Nabiyyii keenya sallallahu aleyh wassallam booda nabiyyummaa yoo himate ykn nama nabiyyumma himate dhugoomse… kuni hundi kufriidha.” (Rawdaatu Xaalibiin 10/64-65)

Ibn Qudaamah ni jedha: Namni nabiyyummaa himate ykn nama kana himate dhugoomse, [Islaama irraa] duubatti deebi’ee jira. Sababni isaas, yommu Museylimaan nabiyyummaa himatuu fi namoonni isaa isa dhugoomsan, isaan sababa kanaan murtaddiin (namoota Islaama irraa duubatti deebi’an) ta’an. Haaluma kanaan, Xalhiyyah Al-Asadi fi kan isa dhugoomse [murtaddiin ta’u]. Nabiyyiin sallallahu aleyh wassallam akkana jedhan: “Qiyaaman hin dhaabbattu hanga kijibdoonni soddomni bahanitti malee. Hundi isaanitu Ergamaa Rabbii akka ta’e odeessa.” (Al-Mughnii 7/150)

Mansuur Al-Bahuuti ni jedha: “Namni nabiyyummaa himate ykn nama nabiyummaa himate dhugoomse kafaree jira. Sababni isaas, aayah tana kijibsiisaa jira: Garuu inni Ergamaa Rabbiitii fi xumura Nabiyyootaa kan ta’eedha.” (Suuratu Al-Ahzaab 33:40) Akkasumas hadiisa kana kijibsiisa: “Ana booda nabiyyiin hin jiru.”…” Sharih Muntahal Iraadaati 3/386)

Guduunfaa
Nabiyyummaa himachuu jechuun “Ani Nabiyyiidha, wahyiin Rabbiin irraa natti bu’a, na hordofaa.” jechuun odeessudha.
Nabii Muhammad (Sallallahu aleyh wassallam) booda nabiyyiin haarofti dhufu hin jiru. Kanaafu, namni Nabii Muhammadin (Sallallahu aleyh wassallam) booda “Ani Nabiyyiidha” jedhe ni kafara. Namni nama kana dhugoomses ni kafara. Sababni isaas, Qur’aanaa fi hadiisa sahiih kijibsiisaa jira. Kanaafi, yeroo Abu Bakr Siddiiq (radiyallahu anhu) Museylimaan kijibaan yommuu nabiyyummaa himatu, Muslimoonni isaa fi hordoftoota isaatti ni duulan. Sababni isaas, Islaama irraa duubatti deebi’anii jiru (murtaddii ta’anii) jiru.

Madda:
Nawaaqidul Iimaani al-qawliyah wal amalayah” fuula 189-198 Abdulaziz bin Muhammad

Print Friendly, PDF & Email
Dubbii Iimaana Diigu-Kutaa 9.1
Dubbii Iimaanaa Diigu-Kutaa 8.2
Offline dubbisuf

Leave a Reply