Dubbii Iimaana Diigu-Kutaa 9.1

Kitaabban Buufaman ilaalchisee
1-Kutaa darbe keessatti Nabiyyootatti amanuu keessatti dubbii iimaana diigu ilaalle jirra. Kutaa kana keessatti immoo Kitaabban Rabbii olta’aa irraa buufaman keessatti dubbii iimaana diigu ilaalla. Akkuma beekkamu kitaabban Rabbiin irraa ergamtoota Isaa irratti bu’anitti amanuun arkaana iimaana keessa tokkoodha. Rabbiin olta’aan ni jedha:

2:136

Jedhaa “Nuti Rabbitti amannee jirra; waan gara keenyaatti buufame, waan gara Ibraahim, Ismaa’il, Is’haaq, Ya’aquubi fi Asbaaxatti buufames [amanne jirra]. Wanta Muusaa fi Iisaaf kenname fi Gooftaa isaanii irraa wanta Nabiyyootaaf kennamettis [amannee jira]. Isaan irraa tokko fi kan biraa jiddu garagara hin goonu. Nutis warra Isaaf bitameedha (Muslimoota).” Suuratu Al-Baqarah 2:136
Asbaaxa jechuun sanyii ilmaan Ya’aquub kudha lamaan

Ammas ni jedha:

“Yaa warra amantan! Rabbitti, Ergamaa Isaatti, kitaaba Ergamaa Isaa irratti buusettii fi kitaaba san dura buusetti amanaa. Namni Rabbitti, Malaaykota Isaatti, Kitaabban Isaatti, Ergamtoota Isaatti fi Guyyaa Aakhiraatti kafare, dhugumatti jallinna fagoo jallatee jira.” Suuratu An-Nisaa 4:136

Gama mu’minaatin dirqamni kitaabban kanniinitti amanuu dhimma ifaa ragaa hin barbaachisneedha. Kitaabbanitti amanuu jechuun kitaabban buufaman kunniin hundi Rabbiin irraa Ergamtoota Isaa irratti akka bu’anii fi isaan (kitaabban kunniin) jecha Rabbii olta’aa akka ta’an dhugoomsudha. Murtiiwwan kitaabban kanniin keessa jiranitti amanuun ummata kitaabban kunniin irratti bu’an irratti dirqama. Akkasumas, isaaniif masakamuu fi wanta isaan keessa jiruun murteessun dirqama.

Kitaabban Rabbii olta’aatti amanuun haala wali galaatin kan ta’e haala wali galaatin amanuu, wanta bal’innaan ta’e immoo bal’innaan amanuun barbaachisadha. Wanta bal’innaan itti amanu qaban keessaa tokko: Qur’aana dhugoomsuun, hordofuu fi isaaf dhugaa ta’uun Qur’aanatti amanuudha. Qur’aanaaf dhugaa ta’uu ilaalchise akkuma Ergamaan Rabbii (sallallahu aleyh wassallam) jedhaniidha: “Amantiin dhugaa ta’uudha” (si’a sadii). Ni jenne, “Yaa Ergamaa Rabbii! Eenyuf?” Innis ni jedhe, “Rabbiif, Kitaaba Isaatiif, Ergamaa Isaatiif, hoggantoota Muslimootaa fi wali gala isaanitiif.” (Sahiih Muslim 55, Sunan an-nasaa’i 4198)

An-Nawawin hiika Kitaaba Isaatiif dhugaa ta’uu ilaalchise yommuu ibsu akkana jedha: “Kitaaba Isaatiif dhugaa ta’uun immoo Qur’aanni kalaama (jecha) Rabbii olta’aa fi Isarraa akka buufame, dubbii uumamtoota irraa homtu isa akka hin fakkaannee fi uumamtoota irraa eenyullee wanta isa fakkaatu fiduu akka hin dandeenye amanuudha. Ergasi isa ol guddisuu fi dubbisa sirrii isaaf maluu dubbisuu, bareechisuu, yeroo dubbisan tasgabbaa’udha. Akkasumas, dubbisa keessatti qubeewwan sirnaan gadi dhaabu. Warroota hiika jallisanii fi maqaa xureessan irraa isa eegu, wanta isa keessa jiru dhugoomsu, murtiwwan isaa waliin dhaabbachuu, beekumsaa fi fakkeenyota isaa hubachuu, gorsoota isaa irraa barnoota fudhachuu, ajaa’iba isaatti xinxallu, hiika isaa ifa ta’etti hojjachuu, kan ifa hin taanef immoo harka kennu, walii gala isaatii fi murtaa’a isaa qorachuu, beekumsa isaa babal’isuudha.” (Sharih sahiih Muslim 2/38)

2-Dubbiin kitaabbanitti amanuu diigan bifa baay’ee fi fakkeenyaa baay’ee lakkaawun ulfaatu qabu. Isaan keessaa: Kitaabban kanniin ykn muraasa isaanii kijibsiisuu fi mormuu. Yookiin arrabsuu fi maqaa xureessu ykn itti qoosu fi gadi xiqqeessu. Yookiin kijibaan uumaman jechuun odeessu…

Amma dubbiin keenya wantoota iimaana diigan kanniin keessaa fakkeenya tokko irratti kan gabaabbate ta’a. Innis kitaabban buufaman mormuu fi itti qoosudha. Hiikni “mormuu”- waakkachuu fi amanuu diduudha. Itti qoosu jechuun immoo itti baacuu fi gadi xiqqeessudha.

Akkaata Kitaabban Rabbii olta’aa irraa bu’an mormuun ykn itti qoosun kufrii itti ta’uu
Akkaatan kitaabban Rabbii olta’aa irraa buufaman mormuun ykn isaanitti qoosun kufrii fi wantoota iimaana diigan keessaa itti ta’u karaa baay’een ilaallamuun ni danda’ama. Isaan keessaa:

(A)-Dhugumatti mormuun ykn itti qoosun kuni Qur’aana kijibsiisuudha. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa aayaata (keeyyattoota fi ragaalee) isaa mirkaneessuu fi dhugoomsu, tapha akka hin godhanne waan ajajee jiruuf. Ammas, akkuma azaaba salphisaan itti zaate, Rabbiin subhaanahu nama aayaata Isaa kijibsiisee kufrii irratti murteesse jira. Nama aayaata Rabbii kijibsiisee caalaa namni zaalimni akka hin jirree, balballi samii akka isaaniif hin banamnee fi Jannata gonkumaa hin seenne ni beeksise.

Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa ni jedha:

Dhugumatti, warroonni aayaata Keenyatti kafaran, gara fuunduratti ibidda isaan seensifna. Dhawaatuma gogaan isaanii gubatuun, akka adabbii dhandhamaniif gogaa biraa isaaniif jijjirra. Dhugumatti, Rabbiin Injifataa, Ogeessa ta’eera.” Suuratu An-Nisaa 4:56

Dhugumatti namoonni keeyyattoota Kitaaba Rabbiin buusee, ragaalee fi mallattoolee Isaatti amanuu didanii fi morman, ibidda hoo’insa isaa baadhatan isaan seensifna. Akkuma gogaan isaanii gubatuun, adabbiin isaanii akka itti fufuuf gogaa biraa isaaniif jijjira. (Tafsiiru Muyassar-87-التفسير الميسر)

Madda:
Nawaaqidul Iimaani al-qawliyah wal amalayah” fuula 198-200 Abdulaziz bin Muhammad

Print Friendly, PDF & Email
Dubbii Iimaana Diigu-Kutaa 9.2
Dubbii Iimaana Diigu-Kutaa 8.3

Leave a Reply