Dubbii Iimaana Diigu-Kutaa 9.2

Akkaata Kitaabban Rabbii olta’aa irraa bu’an mormuun ykn itti qoosun kufrii itti ta’uu
Akkaatan kitaabban Rabbii olta’aa irraa buufaman mormuun ykn isaanitti qoosun kufrii fi wantoota iimaana diigan keessaa itti ta’u kutaa darbee keessatti ilaalu jalqabne jirra. Ammas itti fufuun ni ilaalla. Kitaabban Rabbiin irraa bu’anitti qoosun ykn mormuun kufriidha.

Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa ni jedha:

7:36

“Dhugumatti, warroonni aayaata (keeyyattota) Keenya kijibsiisanii fi isaan irraa of tuulan, isaan sun warra ibiddaati. Isaan yeroo hundaa achi keessa turu.” Suuratu Al-A’araaf 7:36

Ammas ni jedha:

“Kaafiroota malee keeyyattoota Keenya kan mormu hin jiru.” Suuratu Al-Ankabuut 29:47

Qoostota ilaalchise aayaata dhufan keessaa:

45:9

Yommuu keeyyattoota keenya irraa waa beeke, qishnaa (qoosa) isaan godhata. Isaan sun adabbii salphisaatu isaaniif jira.” Suuratu Al-Jaasiyah 45:9

Ibn Taymiyaan ni jedha: “Waa’ee nama aayaata (keeyyattoota) Rabbii irraa wayitti baace (qoose) ilaalchisee Shaafi’in ni gaafatame. Innis “kaafira” jechuun deebise. Akka ragaatti aayata tana dhiyeesse:  “Yoo isaan gaafatte, dhugumatti [akkana] jedhu: “Nuti haasawatti kan seennu fi taphannu qofa turre.” Jedhi, “Sila Rabbiitti, keeyyattoota Isaatti fi Ergamaa Isaatti qishnaa (qoosaa) turtanii?” Rakkoo hin dhiyeefatinaa! Erga amantanii booda kafartanii jirtu.” Suuratu At-Tawbah 9:65-66

Ibn Taymiyaan ni jedha: kuni Rabbiitti, aayaata (keeyyattoota) Isaatti fi Ergamaa Isaatti qoosun kufrii akka ta’e aayah (keeyyata) jala murtee dubbattuudha.” (As-Saarimul Masluul fuula 513, fuula 31)

(B)-Kitaabban buufamanitti amanuun isaan mirkaneessuu fi dhugoomsu of keessatti qabata. Shakkii hin qabu, isaan mormuun mirkaneessuu fi dhugoomsu kana diiga. Kitaabban bu’an mormuun dubbii qalbii diiga. Dubbiin qalbii kunis dhugoomsudha. Akkasumas, dubbii arrabaa diiga. Dubbiin arrabaa kunis mirkaneessudha.

Ammas, kitaabban buufamanitti amanuun isaan ol guddisuu fi kabajuu of keessatti qabata. Dhugumatti, kitaabban kanniinitti qoosun ol guddisuu fi kabajuu kana waliin bakka tokkotti hin ta’an. Akkuma iimaana alaa arrabaan dubbatamu diigu, hojii qalbiis diiga.

(C)-Kitaabban samii bu’an mormuun sifaata Rabbii olta’aa keessa sifata (amala) dubbii mormuu of keessatti qabata. Sifata kana dhabamsiisuun maqaalee Rabbii keessatti jallachuu, waa’ee Rabbii ilaalchisee yaada badaa qabaachu fi guddinna Isaaf malu ol guddisuu dhiisu irraayyi.

(Namni akkana jechuun gaafi gaafachu danda’a, “Kitaabban akka Tawraat, Zabuur, Injiil harka namootaatin jijjiramanii jiru. Akkamitti kanniinitti amanuun ta’aa?” Deebiin isaa kana fakkaata: Kitaabban darbanitti amanuun amanuu dimshaasha ta’eedha. Kana jechuun, qalbiidhaan kitaabban akka tawraat, zabuur fi injiil jijjiramuun dura Rabbiin akka buuse amanuu fi isaan keessatti odeefannoo dhugaa hin jijjiramne dhugoomsudha.[1])

(Qur’aanatti amanuun immoo amanuu (iimaana) bal’innaan ta’uudha. Kana jechuun qalbii fi arrabaan Qur’aana kana mirkaneessu, wanta isa keessatti dhufe hordofuu fi dhimma xiqqaa guddaa keessatti murtii isarraa barbaadudha.[2]Qur’aanni kitaabban darban hunda waan shaaref, haala guutuu ta’een isatti amanuun dirqama.)

Aalimman namni Qur’aana irraa waa kijibsiise akka kafaruu irratti wali galanii jiru. Mee isaan keessaa dubbii isaanii muraasa haa eerru.

Aliyy ibn Abi Xaalib radiyallahu anhu ni jedha: Namni Qur’aana irraa qubee takkatti kafaree, guutuu isaatti kafaree jira.” (Hikaayatul Munaaziratu fiil Qur’aani ma’a ba’adi ahlil Bid’i-fuula 33)

Abdullah Ibn Mubaarak n jedha: “Namni Qur’aana irraa qubee takkatti kafaree, guutuu isaatti kafaree jira. Namni “ani laam tanatti hin amanu” jedhe, kafaree jira.” (Fataawaa ibn Taymiyah 4/182)

Ibn Baxxah ni jedha: “Akkuma kana wanta Ergamtoonni Rabbiin irraa fidan hundatti amanuu fi dhugoomsun dirqama ta’uu, wanta Rabbiin azza wa jalla jedhe hundatti amanuu fi dhugoomsun dirqama ta’a. Inni haqa barbaachisaa ta’eedha. Osoo namtichi wanta tokko malee wanta Ergamtoonni fidan hundatti amanee, wanta kana deebisuu (itti amanu diduu) isaatiif aalimmaan hunda biratti kaafira ta’a.” Ammas ni jedha: Namni Qur’aana irraa aayah takkatti ykn qubee takka kijibsiise. Yookiin wanta Ergamaan Sallallahu aleyh wassalam fidee irraa waa deebise, inni kaafira.” (Al-Ibaanatu Sughraa fuula 211, 201)

Ibn Taymiyaan ni jedha: “Namni Qur’aana irraa aayaatni hir’atan ykn dhokfaman jedhe, kufrii isaa keessa kilaafni (garaagarummaan yaada) hin jiru.” (As-Saarimul Masluul fuula 586)

(Namni Qur’aana irraa aayaanni hir’atan ykn dhokfaman jedhe ni kafara. Sababni isaas, namni Qur’aana irraa aayaatni hir’atan ykn dhokfaman jedhu, aayah tana kijibsiisaa fi mormaa jira:

15:9

Dhugumatti, Numatu Qur’aana buuse, dhugumatti Numatu isa tiiksas.” (Suuratu Al-Hijr 15:9)

Kana jechuun Dhugumatti Numatu Qur’aana Nabii Muhammad sallallahu aleyh wassallam irratti buusee. Waa irraa hir’ifamuu ykn isatti dabalamuu irraas dhugumatti Qur’aana ni eegna.)

Akkuma namni aayata Qur’aana kijibsisee fi morme kafaru, namni aayata Qur’aanatti qooses (qishnaa godhates) ni kafara. Ragaan kanaa: “Yoo isaan gaafatte, dhugumatti [akkana] jedhu: “Nuti haasawatti kan seennu fi taphannu qofa turre.” Jedhi, “Sila Rabbiitti, aayaata (keeyyattoota) Isaatti fi Ergamaa Isaatti qishnaa (qoosaa) turtanii?” Rakkoo hin dhiyeefatinaa! Erga amantanii booda kafartanii jirtu.Suuratu At-Tawbah 9:65-66 Asitti keeyyattoonni Isaa Aayaata Qur’aanati.


[1] , Al-Imaanu haqiiqatuh, khawaarimuh, nawaaqiduh inda ahli sunnati wal jama’a-fuula 262, Abdullah bin Abdulhamid Al-Asarii, sharih Usuulu Salaasaa-94, Ibn Useymiin [2] madda olii
Nawaaqidul Iimaani al-qawliyah wal amalayah” fuula 200-… Abdulaziz bin Muhammad

Print Friendly, PDF & Email
Dubbii Iimaana Diigu-Kutaa 10.1
Dubbii Iimaana Diigu-Kutaa 9.1

Leave a Reply