Soba Shirkii-Kutaa 5.2

Wantoonni Rabbii gaditti gabbaraman uumamtoota uumu hin danda’ankutaa 2
Kutaa darbe keessatti Rabbii guddaa olta’een alatti wantoonni namoonni waaqeffatan uumamtoota uumuu akka hin dandeenye ragaalee sammuuti fi ragaa kitaabatin mirkaneessine jirra. Ammas itti fufuun wantuma darbe jabeessina.

46:4

Jedhi, “Wantoota Rabbii gaditti kadhattan argitanii? Dachii irraa wanta isaan uuman mee natti agarsiisaa. Yookiin samiwwan keessatti hirmaannaa qabuu? Dhugaa kan dubbattan yoo taatan, kana dura kitaaba [bu’e] yookiin beekumsa irraa haftee wayii naaf fidaa?” Suuratu Al-Ahqaaf 46:4

Namoota Rabbiin alatti wantoota biraa waaqeffataniin akkana jedhi: Yaa namoota! Wantoota Rabbiin alatti waaqefattan sanniin itti xinxallitanii? Dachii irraa wanta uuman mee natti agarsiisaa? Galaana, gaarreen, lubbu-qabeenyi uumanii jiruu? Mee naaf himaa, wantoonni isin waaqefattan dachii irraa waa uumanii sababa kanaan isaan waaqefattanii? Ragaan isaan gabbaruu (waaqeffachuu) isiniif ni jiraa? Ragaan Gooftaa kiyya gabbaruu fi Isa tokkichoomsu, “Inni dachii kan uumee fi hundee tokko malee kan jalqabeedha.” Ragaan keessan hoo maalii?

Yookiin yaa namoota! Wantoonni isin gabbartan samii torban keessatti Rabbiin waliin qooda qabuu? Sababa kanaan isaan gabbaruun isiniif ragaa ta’aa? Ragaan biraa Gooftaa kiyya qofa gabbaruu, “Inni samii uumuu keessatti kan Isa waliin qooda fudhatu (shariika) hin qabu, adda Ofii uume.”[1]

Wantoonni isaan gabbaran dachii irraas homaa hin uumne, samii keessattis hirmaannaa (qooda) hin qaban. Haala kanaan ragaan sammuu, wantoota kanniin waaqefachuun soba akka ta’e mirkaneessa. Kanaafu, Rabbiin alatti wanta biraa gabbaruun (waaqefachuun) soba, ragaa sammuutin kan hin deeggaramneedha.

Mee amma ragaa kitaabatin haa ilaallu: “Dhugaa kan dubbattan yoo taatan, kana dura kitaaba [bu’e] yookiin beekumsa irraa haftee wayii naaf fidaa?” Kana jechuun [wanta odeessitan keessatti dhugaa kan dubbattan yoo taatan], Qur’aana dura kitaaba Rabbiin irraa bu’ee fi [osoo homaa hin jijjiramin ture], isa keessa oduu sobaa keessan mirkaneessu jiru yookiin Rabbiin Isaan ala uumamtoota Isaa gabbaru (waaqefachuu) akka hayyame keessa jiru fidaa. Kitaaba kana irraa keeyyata takkatti oduu keessan mirkaneessu yoo hin fidin, haftee beekumsaa Ergamtoota irraa dhaalame fidaa.[2]

Jechoota gabaaban hiikni hima armaan olii: Wantoota waaqefattan ilaalchise wanta odeessitan keessatti dhugaa kan dubbattan yoo taatan, kitaaba gara shirkiitti waamu yookiin hambaa beekumsaa Ergamtoota darban irraa dhaalame fidaa.

Akkuma beekkamu, Ergamtoota irraa Ergamaa tokkorraallee ragaa kana agarsiisu fiduu hin danda’an. Kana irra, jala murree mirkaneefannaa guutuun Ergamtoonni hundi gara Gooftaa isaanii tokkichoomsutti waamaa turan, shirkii irraa ni dhoowwan. Kuni beekumsa keessaa wanta hundarra guddaa isaanirraa akka hambaatti hafuu fi dhaalamuudha. Ergamaan hundi ummata isaatiin akkana jechaa ture: “Rabbiin qofa gabbaraa, Isaan ala gabbaramaan biraa isiniif hin jiru.

Kanaafu beeki! Shirkii isaanii keessatti falmiin warroota Rabbiin ala wanta biraa waaqeffatanii ragaa qabatamaa irratti kan hundaa’e miti. Yaada sobaa, ilaalcha kufaa fi sammuu bade qofa irratti hirkatu.

Wanti falmiin isaanii sirrii akka hin taane sitti agarsiisu, haala, beekumsaa fi hojii isaanii qorachuu, haala namoota umrii isaanii guutuu wanta sobaa gabbaruun fixan ilaaludha. Addunyaatti ykn Aakhiratti isaan fayyadee?[3]

Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa ni jedha:

10:66

Dhagayaa! Samiiwwan keessa kan jiruu fi dachii keessa kan jiru kan Rabbiiti. Warroonni Rabbii gadiitti wantoota biraa kadhatan, dhugaadhaan shariikota (wantoota Rabbiin alatti waaqeffatan) hin hordofan. Isaan zanni malee homaa hin hordofan. Isaan kijiba qofa odeessu.” Suuratu Yuunus 10:66 (Asitti zanniin-yaada kufaa fi beekumsa dogongoraati. Ingiliffaan: “assumption” jechuun hiikan.)

Namoonni Rabbiin alatti wantoota biraa waaqeffatan ragaa qabatamaa wanti waaqeffatan sirrii ta’uu agarsiisu hin qaban. Garuu yaada kufaa fi beekumsa dogongoraa hordofu.

Guduunfaa
☞Wantoonni Rabbii olta’aan alatti waaqeffataman dachii irraa wanta uuman hin qaban. Samii keessattis qooda hin qaban. Kanaafu, ragaa sammuutiin isaan waaqeffachuun soba.
☞Qur’aana dura kitaaba Rabbiin irraa bu’ee fi osoo hin jijjiramin ture keessatti, “Rabbiin ala wanta biraa gabbarun (waaqeffachuun) hayyamamaadha.” himni jedhu gonkumaa hin jiru. Ammas, haftee beekumsaa Ergamtoota irraa dhaalame keessatti “Rabbiin alatti wanta biraa gabbaruun (waaqefachun) ni danda’ama” himni jedhu gonkumaa hin jiru.
☞Kanaafu, namoonni Rabbii olta’aan alatti wanta biraa waaqeffatan ragaa shirkii isaanii ittiin mirkaneessan hin qaban. Isaan yaada sobaa, ilaalcha kufaa fi sammuu bade qofa irratti hirkatu.
☞ “Isaan zanni malee homaa hin hordofan. Isaan kijiba qofa odeessu.


Kitaabban wabii:
[1] Tafsiir Xabarii-21/112
[2] Ma’aariju tafakkuri wa daqaa’iq tadabburi-13/156
[3] Tafsiiru Sa’dii-919

Fakkeenya waliin Fokkinnaa fi soba Shirkii-Kutaa 1
Soba Shirkii-Kutaa 5.1

Leave a Reply