Soba Shirkii-Kutaa 5.1

Offline dubbisuf

Wantoonni Rabbii gaditti gabbaraman uumamtoota uumu hin danda’ankutaa 1
Wanta Gabbaramaa dhugaa gabbaramaa sobaa irraa adda baasu keessaa tokko uumamtoota uumuu fi ergasii deebisuudha. Uumamtoota Kan Uumuu Gooftaa tokkicha qofa. Isa waliin eenyullee hin hirmaatu. Kuni dhugaa namni hundu beekudha. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa akkana jedha:

35:40

Shariikota keessan kan isin Rabbii gaditti kadhattan argitanii? Dachii irraa wanta isaan uuman mee natti agarsiisaa. Yookiin samiwwan keessatti hirmaannaa qabuu? Yookiin immoo kitaaba isaaniif kenninee isaan isa irraa ragaa qabatamaa irra jiruu? Lakki! Zaalimonni gariin isaanii gariif gowwoomsaa malee homaa waadaa waliif hin galan.” Suuratu Faaxir 35:40

Ibsi kuni akkuma agarsiisuu mushrikoota waliin karaan irra gaariin isaan waliin falman gooftummaa wantoota isaan waaqeffatanii gaafachuun jalqabuudha. Wantoonni isaan waaqefatan gooftaa wantoota hundaa uumee fi too’atu yoo hin ta’in, isaan waaqefachuun faayda namaaf hin fidu, miidhaa namarraa hin deebisu. Isaan waaqefachun hojii sobaati. (Sababni isaas, kan waaqefatan (gabbaran) faayda namaaf fiduu fi miidhaa namarraa deebisu irratti danda’aa yoo hin ta’in wanta kana waaqefachuun bu’aa maalii qabaa?)

Haqa Khaaliqa gabbaramuu qabuu keessatti zulmii guddaadha. Sababni isaas, gabroonni kan Isaatii fi too’annaa Isaa jala jiru. Kanaafu ibaadan Isa qofaaf ta’uu qaba. Akkuma isaan uumuu keessatti eenyullee hin hirmaachisne gabroonnis ibaadadhaan Isa tokkichoomsu qabu.[1]
Shariikonni wantoota namoonni Rabbii olta’aa waliin gabbaraniidha.

Shariikota keessan kan isin Rabbii gaditti kadhattan argitanii?” Kana jechuun wantoota Rabbiin alatti gabbartanii fi oduu keessaniin shariikota godhattan sanniin ilaalchisee mee natti himaa. Kadhaa fi gabbarriin isaaniif ni ta’aa? Maaliidhaan gabbarrii (ibaadaa) keessatti qooda akka fudhatan taasiftaniif? Sila dachii irraa waa uumanii? Yookiin immoo samii uumuu keessatti Khaaliqa waliin hirmaatanii jiruu?[2]

“Dachii irraa wanta isaan uuman mee natti agarsiisaa.” Kana jechuun wantoonni isin Rabbiin alatti waaqeffattan dachii irraa wanta uuman ijaan natti agarsiisaa. Galaana uumanii? Gaarreen uumanii? Lubbu-qabeenyii uumanii?
Deebiin: homaa hin uumne.

Amma gara guddaa ta’etti haa dabarru: “Yookiin samiwwan keessatti hirmaannaa qabuu?” wantoonni isin gabbartan dachii keessatti homaa erga hin uumin samii torban uumuu fi too’achuu keessatti Rabbiin waliin hirmaannaa ni qabuu?[3] Deebiin: lakki. Saniis miti, kanas miti.

Yoo homaa hin uumini fi uumuu keessatti Khaaliqa waliin kan hin hirmaanne erga ta’anii, dadhabbinna isaanii mirkaneessu waliin maaliif isaan gabbartanii (waaqefattanii)? Wantoonni isin waaqefattan kunniin dadhaboo fi homaa kan hin uumne ta’uu osoo mirkaneessitanu faayda isaan irraa argachuuf ykn miidhaa ofirraa ittisuuf maaliif isaan kadhattuu?

Kanaafu, ragaa sammuutiin Rabbiin alatti wanta biraa waaqefachuun soba akka ta’e mirkanaa’e jiraa jechuudha. Itti aanse ragaa kitaabaa dubbate:
Yookiin immoo kitaaba isaaniif kenninee isaan isa irraa ragaa qabatamaa irra jiruu?” Kana jechuun sila samii irraa kitaaba “Rabbiin waliin waan biraa gabbaraa (waaqefadhaa)” jedhee ajaju buusun namoota kanniiniif kennine jirraa? Kanaafu, isaan waan biraa gabbaruu keessatti ragaa qabatamaa irra jiruu?[4]

Yaa namoota Rabbiin alatti wanta biraa waaqefattan! Kitaaba Rabbiin irraa bu’e, Isarraa bu’uun isaa sirrii ta’ee keessatti keeyyanni takkattiin ifa taate: “Rabbiin wanta biraa waaqeffachu (gabbarru) ajaje ykn hayyame” jedhu ni jiraa?

Dhugumatti, namoonni kunniin kitaaba Rabbiin irraa bu’ee fi Isarraa bu’uun mirkanaa’e keessatti ragaa qabatamaa, Rabbiin ala wanta biraa akka gabbaran (waaqefatan) isaaniif hayyamu hin argatan. Kana irra, Ergamtoonni fi nabiyyoonni hundi Rabbii tokkicha akka gabbaran ajajaa turan, Isatti qindeessu irraa ni dhoowwu. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa ni jedha:

21:25

[Yaa Muhammad] Si dura ergamaa tokkooyyuu hin ergine, “Ana malee dhugaan gabbaramaan hin jiru; kanaafu, Ana [qofa] gabbaraa” [jechuun] wahyii (beeksisa) gara isaatti kan buufnu yoo ta’e malee.” Suuratu Al-Anbiyaa 21:25
Kana jechuun Ergamtoota si dura dhufan hundatti “Dhugaan Gabbaramaan Ana malee hin jiru. Kanaafu Ana qofa gabbaraa” jechuun beeksifne.

Ergamtoonni fi kitaabban hundi amanti Rabbiif qulqulleessu irratti wali galuu. Ni jedha:

98:5

Gara haqaatti qajeelun, amanti Isaaf qulqulleessuun Rabbiin qofa gabbaruu, salaata sirreessanii salaatu fi zakaa kennuu malee homaa hin ajajamne. Kuni amanti qajeeladha.” Suuratu Al-Bayyinah 98:5

Yoo akkana jedhame: ragaan sammuu fi kitaabaa shirkiin soba ta’uu erga agarsiisee, mushrikoota maaltu shirkii akka hojjatan taasisee? Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa akkana jechuun deebii deebisa:
Lakki! Zaalimonni gariin isaanii gariif gowwoomsaa malee homaa waadaa waliif hin galan.” Kana jechuun wanta isaan itti deeman san keessatti ragaa qabatamaa hin qaban. Kana irra, suni (shirkiin) gariin gariif dhaamu, tokko kan biraatiif bareechisuu, warri boodaa warra duraanii jallate akkeessu fi hordofuu, hawwii sobaa sheyxaanni isaan hawwisisuu fi miidhagsu qofaadha. Kunis qalbii isaanii keessatti ni guddate, amala isaaniif ta’e, isa deemsisuun ni ulfaate, addaan bahuun ni jabaate.[5]

Zaalimonni kana jechuun warroonni Rabbiin ala wanta biraa waaqefatan waadaa sobaa ittiin nama gowwoomsan malee gariin gariif waadaa hin seenan.

Nama Qur’aana irratti xinxalluuf kuni ifa ni ta’a: hoggantoonni Rabbiin alatti wanta biraa akka gabbaran nama waaman kan akka qeeysotaa, paappasotaa, warroonni wanta waaqefatamu eeganii fi kanneen biroo warra kijiba uumuun namootaan “isaan waaqefachuun jireenyaa addunyaa irraa wanta barbaaddan keessatti isin fayyadu” jechuun itti odeessaniidha. Kan akka soorataa, ilma namaaf kennu, gargaarsa, dhibee irraa fayyuu, dhimmoonni salphachuu fi kkf. Fakkeenyaaf akkana jedhuun, “Iyyasuus nama fayyisa, kanaafu waaqeffadhaa.” “Sanamoonni Rabbiin biratti shafa’aa (jaarsummaa) isiniif ta’u, Isatti isin dhiyeessu.” Akkuma Rabbiin olta’aan jedhe:
Rabbii gaditti wanta isaan hin miinee fi hin fayyanne gabbaru. Ni jedhus, “Isaan kunniin Rabbiin biratti jaarsummaa (shafa’aa) nuuf ta’u.” (Suuratu Yuunus 10:18) “Dhagayaa! Amantiin qulqulluun Rabbi qofaafi. Warri Isaa gaditti awliyaa’a godhatan, “Gara Rabbiitti akka sirritti nu dhiyeessaniif qofa isaan gabbarra” [jedhu].” Suuratu az-Zumar 39:3

Waadaa sobaatin wantoota kanniin gabbaruun dhimmoota addunyaa keessatti isaan akka fayyadan itti fakkeessu. Kuni namoota gowwoomsuu fi soba dharraasisuudha.

Gabaabumatti, zaalimonni, hanga sobni akka dhugaa ta’etti, dhugaan immoo soba akka ta’e yaadanitti wanta sobaatin wal gowwoomsu.[6] Shirkiin soba. Garuu haggantoonni fi warri shirkiitti fayyadaman hordoftoota isaanii dubbii sobaatin gowwoomsu.

GUDUUNFAA
Rabbii olta’aan alatti wanta biraa waaqeffachuun soba ta’uu karaa lamaan mirkaneessu dandeenya:1ffaa-aqliyy (sammuun), 2ffaa-Naqliyy- gabaasa (kitaaba) Rabbii olta’aa irraa dhufeen
1ffaa-sammuun– Kan haqaan Gabbaramu qabu Khaaliqa waan hundaa uumedha. Rabbii olta’aan alatti wantoonni namoonni waaqeffatan dachii irraa wanta uuman qabuu? Gaarreen, galaana, mukkeen, lubbu-qabeenyi uumanii jiruu? Samii uumuu keessatti Rabbii olta’aa waliin hirmaatanii jiruu? Uumamtootas hin uumne, uumuu keessattis Rabbii olta’aa waliin hin hirmaanne. Kanaafu, isaan Khaaliqa (Uumaa) waan hin taanef, gabbaramaa ta’uu hin danda’an.
2ffaa-Kitaaba Rabbii olta’aa irraa dhufe keessatti keeyyanni takkattin, “Rabbiin waliin waan biraa gabbaraa (waaqeffadhaa)” jettu gonkumaa hin jiru. Ergamtoonni fi nabiyyoonnis kanatti hin ajajne.
☛Kanaafu, ragaa sammuuti fi kitaabaatin Rabbii olta’aan alatti wanta biraa waaqeffachun soba ta’u erga mirkanaa’e, namoota maaltu akka kana hojjatan taasisee? Deebiin isaa: zaalimonni gowwoomsaa qofa waadaa waliif seenu.
☛Hoggantoonni Rabbiin alatti wanta biraa waaqeffachuutti namoota waaman, “Kuni jireenya keessatti isin fayyada, miidhaa isin irraa deebisa, isin fayyisa…” jechuun namoota dharraasisu. Haala kanaan, namoonni Rabbiin alatti wanta biraa akka waaqeffatan isaan gowwoomsu. Haala peenxe, joova fi kanneen biroo yoo ilaalle, wanti isaan odeessan waadaa nama gowwoomsu akka ta’e ni hubanna.


Kitaabban wabii:
[1] Ma’aariju Tafakkuri wa daqaa’iqu tadabburi-7/217
[2] Zaadul Masiir-1165
[3] Tafsiiru Xabarii-19/389, Tafsiiru Sa’dii-811
[4] Tafsiiru Xabarii-19/390
[5] Tafsiiru Sa’dii-811[6] Ma’aariju Tafakkuri-7/221, Tafsiiru Qur’aanil Kariim-Suuratu Faaxir-282, Ibn Useymiin

Print Friendly, PDF & Email
Soba Shirkii-Kutaa 5.2
Soba Shirkii-Kutaa 4
Offline dubbisuf

Leave a Reply