Jannata Isiniif Waadaa Galamte Kafaruu fi Shirkii Hojjachuun hin dhabinaa-kutaa 2.2

Qananii Jannataa-kutaa 2

Jannata Keessatti Gamoowwan
Dhugumatti wanti namni jiruu keessatti hawwuu keessaa tokko gamoo ykn mana bareedaa qabaachudha. Jireenyi addunyaa tuni iddoo qormaataa waan taatef, hawwiin kuni nama hundaaf hin guuttamu. Kanaafu, iddoon hawwiin kuni itti guuttamu eessa jettanii yaadduu? Bakki hundarra gaariin hawwiin kuni namaaf guuttamu Jannata. Sababni isaas, gamoon addunyaa tana keessatti argatan takkaa balaan itti bu’uun diigama, takkaa immoo irraa du’uun duubatti dhiisan. Gamoon Jannataa immoo yeroo hunda turaa gonkumaa hin diigamne, namni achi keessa seenes kan hin duunedha. Kanarratti dabalatee, gamoon Jannataa bareedinna isaatii fi guddinna qananii of keessaa qabuu sammuu keessatti kaasun ni ulfaata. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa ni jedha:  

39:20

Garuu warroonni Gooftaa isaanii sodaatan, goloota gubbaa isaanii irratti goloonni ijaarraman, jala isaanii laggeen yaa’antu isaaniif jira. [Kuni] waadaa Rabbiiti. Rabbiin waadaa [Isaa] hin diigu.” Suuratu Az-Zumar 39:20

Kana jechuun namoonni Isaaf ajajamuu fi ibaadaa Isaaf qulqulleessuun Gooftaa isaanii sodaatan, Jannata qananii keessatti gamoowwan gurguddoon isaaniif qopheefamanii jiru. Gamoowwan gurguddoo kanniin keessatti goloota gubbaa gubbaan walirraan ijaarramantu isaaniif jira. Golootaa fi manneen isaanii jala laggeen ni yaa’u. Rabbiin kana gabroota Isaa Isa sodaataniif waadaa guuttamuu fi mirkanaa’u seenee jira. Rabbiin subhaanahu waadaa Isaa hin diigu.[1]

Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa ni jedha:

Yaa warra amantan! Daldala azaaba (adabbii) laalessaa irraa isin baraarutti isin qajeelchuu? Rabbii fi Ergamaa Isaatti ni amantu, karaa Rabbii keessatti qabeenya keessanii fi nafsee teessaniin ni qabsooftu. Yoo kan beektan taatan, kanatu isiniif caala.” Suuratu As-Saff 61:10-11

Yaa warra Rabbii fi Ergamaa Isaa dhugoomsitan! Daldala azaaba garmalee nama dhukkubsuu irraa isin baraarutti isin qajeelchuu? Daldalli kunis: Rabbii fi Ergamaa Isaatti amanuu itti fuftu, diinii Isaa gargaaruuf qabeenyaa fi nafsee qabdaniin karaa Rabbii keessatti ni qabsooftu. Miidhaa fi faayda wantootaa kan beektan yoo taatan, daldala addunyaa caalaa daldala kanatu isiniif caala. Itti aansee bu’aa daldala kanaa ni dubbata:

61:12

“Badiiwwan keessan isiniif araarama, Jannata jala ishii laggeen yaa’anii fi Jannata Adn keessatti iddoo jireenyaa gaarii ta’e isin seensisa. Suni Milkaa’inna Guddaadha.” Suuratu As-Saff 61:12

Yaa warra amantan! Wanta Rabbiin itti ajaju yoo hojjatan, badii fi cubbuu keessan isiniif haguuga, irra darba. Jannata gamoo fi mukkeen ishii jala laggeen yaa’an isin seensisa. Akkasumas, Jannata Adn (qubannaa yeroo hundaa keessa turan) keessatti iddoo jireenyaa qulqulluu fi bareedaa ta’e isin seensisa. Kuni milkaa’inna guddaadha.[2]

Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa warra Jannataa fi qananii Jannataa keessaa muraasa yommuu ibsu akkana jedha:

Fuulonni gariin Guyyaa san qanani’oodha. Carraaqqi isaanitti gammadoodha. Jannata ol’aantu keessatti. Ishii keessatti laaghiyah hin dhagayan. Ishii keessa burqituu yaatutu jira. Ishii keessa sireewwan ol fuudhaman, Kubbaayyawwan kaa’aman, Boraatiwwan tarree galfamanii fi afaawwan diriirfamantu jira.” Suuratu Al-Ghaashiyah 88:8-16

Guyyaa Qiyaamaa fuulli mu’mintootaa qanani’aa fi ifaadha. Fuula isaanii irraa iftii fi qananiin ni mul’ata. Rabbiif ajajamuun wanta addunyaa keessatti carraaqaa turaniif Aakhiratti mindaa hojii isaaniititti gammadu. Jannata bakki ishii ol’aanaa ta’e, sadarkaanis garmalee ol’aanaa ta’ee fi qananii hunda of keessatti hammatte keessatti. “Ishii keessatti laaghiyah hin dhagayan.” Kana jechuun Jannata keessatti dubbii faaydaa hin qabnee fi sobaa hin dhagayan. Jannata keessa burqaalee akka fedhanitti burqiisisanii fi garagalchantu keessa yaa’a. Ammas, Jannata keessa sireewwan (algaa) ol fuudhaman, kubbaayyawwan warra dhuganiif qopheefaman, boraatiwwan tarreefamanii fi minxaafi baay’ee afamantu keessa jira.[3] 

Surur jechuun sireewwan
Marfuu’ah-ol fuudhamte (olkaafamte)
Akwaab-kubbaayyawwan (Ingiliffaan Cups)-kuni meeshaa dhugaatiti.
Mawduu’ah-kaa’amte
Namaariq- boraatiwwan xixxiqoo irratti hirkatan
Masfuufah-tarree galfamte
Zaraabiyy– afaawwan (minxaafiwwan)-Ingliffaan carpets

Jannata keessatti sireewwan ol kaafaman, kubbaayyawan dhugaatiif warra Jannataaf kaa’aman, boraatiwwan irratti hirkachuuf tarreefamanii fi minxaafi baay’ee afaman ni jiru. Akkam akka jiranii fi bareedinna isaanii Rabbumatu beeka. Dhugumatti garmalee kan namatti tolanii fi fakkaatan isaanii addunyaa keessatti kan hin argamneedha. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa ni jedha:

55:54

Firaasha keessi isaa hariira furdaa irraa ta’e irratti hirkatanii taa’u. Fuduraaleen Jannata lamaanii dhiyoodha.” Suuratu Ar-Rahmaan 55:54

Hariirri uffata laafaa (lislis), qaalii ta’ee fi garmalee namatti toluudha. Keessi ykn jalli firaasha Jannataa hariira irraa kan hojjatame yoo ta’e, alli (gubbaan) isaa hoo akkam ta’inna laata! Dhugumatti bareedinna firaasha kanaa Rabbii olta’aa qofatu beeka. Firaafireen Jannataa isaanitti dhiyoodha. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa warra kana keessaa nu haa godhu.


[1] Tafsiiru muyassar-460, Ma’aariju tafakkuri-12/192
[2] Tafsiiru muyassar-552
[3] Tafsiiru Muyassar-592, Tafsiir As-Sa’dii-1088,

Print Friendly, PDF & Email
Jannata Waadaa Galamte Kafaruu fi Shirkii Dalaguun hin dhabinaa-kutaa 2.3
Barzakha fi Guyyaa Qiyaamaa

Leave a Reply