Gabbaramaan (Ilaahni) Haqaa Rabbiin qofa-Kutaa 2
Kutaa darbe irraa itti fufuun maqaalee fi sifaata Rabbii olta’aa muraasaa haa ilaallu.
“Inni Allaah, Al-Khaaliq, Al-Baari, Al-Musawwir ta’eedha. Maqaaleen gaggaariin kan Isaati. Wanti samiiwwanii fi dachii keessa jiran Isa qulqulleessu. Inni Injifataa, Ogeessa.” Suuratu Al-Hashr 59:24
Imaamu Qurxubii fi Ibn Kasiir maqaalee kanniin ilaalchisee ni jedhu: Asitti Al-Khaaliq (Uumaa) jechuun [boca, hamma, bifa wanta tokko fi amaloota isaa biroo] Kan murteessu fi safaruudha. Al-Baari jechuun immoo wanta murteesse fi safare Kan argamsisuudha. Al-Musawwir immoo wantoota hundaaf suuraa fi boca barbaade kan kennuudha.[1] Maqaan al-Musawwir jedhu jecha “sawwara” jedhu irraa kan fudhatameedha. Sawwara jechuun “boca kennuufi ykn suuraa kaasu” jechuudha.[2]
Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa ilma namaa garaa haadhaa keessatti marsaalee uumamaa gurguddoo sadii keessa dabarsa: Dhangala’aa saalaa irraa alaqa (dhiiga ititaa) uuma, ergasi mudgha (muraa fooni) godha. Ergasii suuraa fi boca isaaf kenna.[3] Suuraa fi boca namaa erga isaaf kenne booda uumamtoota biroo irraa adda baafama. Suuraa fi boca isaaf kennun dura namni umamtoota biroo irraa adda hin baafamu.
Kanaafu, aaya armaan olii keessatti maqaalee kanniin tartiibaan dubbachuun hiikan kan walitti galaniidha. Jalqaba “uumuun (al-khalq)” hiika taqdiir (murteessu fi safaruu) qaba, itti aanse dhabama irraa argamsiisudha. Ergasii suuraa fi boca barbaade irratti gochuudha.[4] Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa boca, suuraa, bifaa fi amaloota biroo, nama uumuun dura murteesse fi safaree jira. Ergasii wanta murteesse fi safare ni argamsiisa. San booda boca fi suuraa barbaade isaaf kenna. Kanaafi, namoonni suuraa fi bocni isaanii kan beelladoota fi uumamtoota biroo irraa garagara. Akkasumas, namoota jidduutti suuraan isaanii garagara. Gariin diimaa, gariin gurraacha. Gariin bareedaa, gariin hin bareedu. Gariin dhiira, gariin dubartiidha. Rabbin subhaanahu wa ta’aalaa ni jedha:
“Inni Kan gadaameessa keessatti akka fedhetti isin bocuudha. Haqaan gabbaramaan Isa malee hin jiru. Inni Injifataa Ogeessa.” Suuratu Aali-Imraan 3:6
እርሱ ያ በማሕፀኖች ዉሰጥ እንደሚሻ አድርጎ የሚቀርጻችሁ ነዉ። ከርሱ በስተቀር ሌላ አምላክ የለም፤ አሸናፊዉ ጥበበኛዉ ነዉ።
Kana jechuun gadaamessa haadhaa keessatti suuraa fi boca fedhe irratti kan isin uumu Rabbiin qofaadha. Nama fedhe diimaa, kan fedhe gurraacha, nama fedhe dhiira, kan fedhe dubarti godha.
Kanaan wanti gadaamessi dubartootaa of keessatti qabate wanta Inni akka fedhetti uumee akka ta’e gabroota Isaatti beeksiisa. Iisaan (Iyyasuus) nama Rabbiin garaa haadhaa keessatti bocaa fi suuraa fedhe irratti godhee fi akka fedhetti uumee keessaa tokkoodha. Osoo Iyyasuus gooftaa ta’e silaa nama gadaamessi haadha isaa of keessatti hammate irraa hin ta’u ture. Sababni isaas, wanta gadaamessa keessa jiru kan uume gadaamessi isa (Uumaa) of keessatti qabachuu hin danda’u. Gadaamessi uumamaa (makhluuqa) qofa of keessatti qabata.[5]
Uumaan wanta gadaamessa keessa jiru kan uume ta’ee osoo jiru gadaamessi kuni Uumaa kana of keessatti qabachuu danda’aa? Kuni gonkumaa hin ta’u. Garaa haadhaa keessatti Iyyasuusin kan uume Rabbii olta’aadha. Kanaafu, Rabbiin Khaaliqa, Iyyasuus immoo makhluuqa (uumamaa) dha. Khaaliqni Gooftaadha, makhluuqni immoo gabricha. Kanaafu, haqaan gabbaramu (waaqefatamu) kan qabu Rabbii tokkicha. Kanaafi itti aanse ni jedha: Haqaan gabbaramaan Isa malee hin jiru. Inni Injifataa Ogeessa.”
“Rabbiin ala gabbaramaa biraa qabu moo? Rabbiin waan isaan itti qixxeessan irraa qulqullaa’e.” Suuratu Ax-Xuur 52:43
Jedhi, “Ani Gooftaa kiyya qofan kadha, eenyullee Isatti hin qindeessu.” Suuratu Al-Jinn 72:20
Kanaafu, Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa Gooftaa Tokkicha gabbaramuu qabuudha. Isaan alatti homtu gabbaramu (waaqeffatamu) hin qabu.
Gaafii: Namni sanama ykn nama du’e ykn wanta biraa gooftaa jechuun kadhatee ergasii wanta barbaade ni argata. Deebiin kanaa maalidhaa?
Akkana jenna: kadhaan (du’aayin) isaa homaa isa hin fayyanne. Garuu namoota wanta biraa waaqefatan kanniin qoruuf Rabbiin yeroo kadhaa wanti kuni akka argamu taasisa.[6] Shakkii tokko malee sanamni ykn namni du’ee osoo hanga Guyyaa Qiyaamatti kadhatameyyu deebisuu akka hin dandeenye jala murree amanna. Garuu Rabbiin yeroo kadhaa wanta tokko argamsiisuun gabroota qoruu danda’a. Tarii yeroo murtaa’a kadhaan itti kadhatamu kanatti wanti kuni akka argamu murteessu danda’a. Wanti kuni kadhaadhaan (du’aayin) hin argamne. Kana dhugaan ni beekna. Sababni isaas, Rabbiin akkana jedha:
“Nama Rabbiin ala wanta hanga Guyyaa Qiyaamaatti deebii isaaf hin deebisne kadhatu caalaa jallataan eenyu? Isaan (warri kadhataman) kadhaa isaanii irraa gaafilota (quba hin qaban).” Suuratu al-Ahqaaf 46:5
Wanta mirkaneessine kana keessatti of eeggannoo: kana jechuun namni sababni ma’asiyaa (badii) isaaf laafifamuu irraa of eeggachu qaba. Tarii namni qoramee sababoonni ma’asiyaa isaaf laafifamu danda’u. Ergasii nama Rabbiin fedhe malee ma’asiyaa kanatti kufa.
Wanti ijoon: Namoonni Rabbiin ala wanta biraa waaqefatanii fi Rabbiin ala wanta biraa kadhatan wanta barbaadan waan argataniif nu dhamaasuf osoo yaalanii, deebiin: kuni dhibbaan dhibbatti kadhaan (du’aayin) hin argamne. Garuu yeroo kadhaa argame.[7] (Isaan qoruuf Rabbiin yeroo kadhaa ykn kadhaa booda akka argamu taasisa.)
Kanaafu, namni warroonni Rabbiin alatti wanta biraa gabbaran (waaqeffattan) yommuu wanta kadhatan argatan gowwoomu hin qabu. Kuni isaaniif qormaata akka ta’e beeku qaba.
Kitaabban wabii:
[1] Tafsiiru Qurxubii-20/393, Ibn Kasiir 7/238
[2] Walillahi asmaa’ul Husnaa fad’uuhu bihaa– lakk.48,49; AbdulAziz bin Naasir Jaliil
[3] Tafsiiru Qurxubii-20/393
[4] Fiqhu Al-Asmaa’il Husnaa– fuula 95, Abdurazzaaq bin AbdulMuhsin Badri
[5] Tafsiir Xabarii-5/186
[6] Tafsiir Suuratu Faaxir-131, Ibn Useymiin
[7] Tafsiir Qur’aani Kariim, Suuratu Al-Maa’idah 2/224-225, Ibn Useymiin