Fakkeenya nama Rabbiin ala wanta biraa waaqeffatuu-Kutaa 1

Dhugumatti, Rabbiin ala wanta biraa gabbaruun (waaqeffachuun) salphinnaa fi dararaa guddaatti nama darba. Fakkeenyaan haala nama kanaa ibsuun dhugaa kana ifa baasa. Fakkeenya nama Rabbii olta’aan ala wanta biraa waaqeffatuu bakka sadiitti qoonne ilaalu dandeenya:

1-Akka nama samii irraa kufuutiin wal fakkeessu
Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa nama Isaa waliin waan biraa gabbaruu (waaqeffatu) akka nama samii irraa kufee allaattin isa butte ykn bubbeen iddoo fagootti gadi darbiteen wal fakkeesse.

22:31

“Osoo homaa Isatti hin qindeessin Rabbiif qajeelloo taatanii [sanamootaa fi dubbii soba irraa fagaadhaa]. Namni Rabbitti waa qindeesse, akka waan samii irra kufee allaattin isa butte yookiin bubbeen iddoo fagootti isa gatteeti.” Suuratu Al-Hajj 22:31

Rabbiin olta’aan gabroota Isaa tawhiida qulqulleessuu, ajajamuu fi ibaadaan Isa tokkichoomsutti kakaasa. Fokkinnaa fi soba shirkii fakkeenya ifaatin ni dubbata. Namni Rabbii gaditti wanta biraa Isa waliin gabbare, qajeelinnaa fi haqa qunnamu irraa fagaachu, badiinsaa isaatii fi Gooftaa isaa irraa fagaachu keessatti fakkeenyi isaa akka nama samii irraa kufee ergasii allaattin isa ciccirtee du’eeti. Yookiin honboboleettin (bubbeen cimtuun) iddoo fagootti isa darbiteeti.

Fakkeenyi kuni haala nama Rabbitti waa qindeesse fi Isaan alatti kan biraatti rarra’eetin akka walitti galu itti xinxalli. Wal fakkeessu kana keessaa dhimmoota lama baasun ni danda’ama:
1ffaa-Fakeenya kana wal fakkeessu dimshaashaa (wali gala) gochuu- Wal fakkeessu dimshaashaa kana keessatti kutaa wanta fakkeefame fi itti fakkeefame tokkoon tokkoon hin ilaallu. [Haaluma wali galaatin ilaalla. Asitti wanti fakkeefame-(nama shirkii hojjatu), wanti itti fakkeefame-(nama samii irraa kufee allaattin isa ciccirtee ykn bubbeen isa darbite.)] Kanaafu, nama Rabbitti waa qindeesse fi Isa waliin waan biraa gabbare namticha nafsee ofii balleessuun wal fakkeesse. Haalli isaa akka haala nama samii irraa kufee allaattin isa ciccirtee yookiin bubbeen bakka fagootti isa darbiteeti.

2ffaa-Fakkeenya kana wal fakkeessu addaan bittinaa’e gochuu- kana keessatti kutaaleen wanta fakkeefame fi itti fakkeefame tokkon tokkoon walitti galu. Kanaafu, ol’aanaa fi kabajamaa ta’uu isaatiin tawhiida samiin wal fakkeesse. Nama tawhiida dhiisee Rabbitti waa qindeesse nama samii irraa kufeen wal fakkeesse. Sheyxaana qalbii isaa qoqqoodu fi bittineessu immoo allaatti foon isaa ciccirtuun wal fakkeesse. Fedhii lubbuu isaa baditti isa darbitu immoo bubbee iddoo fagootti isa darbiteen wal fakkeesse.”[1]

Tawhiinni iimaana keessa waan seenuf iimaanas samii ol fagoo taaten wal fakkeessun ni danda’ama. Iimaanni akka samii ol fageeffamtee fi eeggamteeti. Namni iimaana dhiise akka nama samii irraa kufeeti. Badii fi balaaf saaxilama. Allaattin isa buttee qaama isaa ciccirti. Haaluma kanaan mushrikni yommuu iimaana qabachu dhiisu sheyxaanonni gara hundaan isa cicciru, amantii fi addunyaa isaa jalaa oofu (balleessu).[2]  Fakkeenya kana chaarti armaan gadi irraa ilaalun ni danda’ama.


Kitaabban wabii:
[1] Ash-Shirku fiil qadiimi wal hadiisi-fuula 1370-1371, Abu Bakr Muhammad Zakariya
[2] Tafsiir Sa’dii-628

Print Friendly, PDF & Email
Fakkeenya Nama Rabbiin ala wanta biraa waaqeffatuu-Kutaa 2
Gabbaramaan (Ilaahni) Haqaa Rabbiin qofa-Kutaa 2

Leave a Reply