Fakkeenya Nama Rabbiin ala wanta biraa waaqeffatuu-Kutaa 2

Offline dubbisuf

Kutaa darbe irraa itti fufuun fakkeenya nama Rabbiin ala wanta biraa gabbaruu (waaqeffatu) haa ilaallu.

2-Nama dhama’aan wal fakkeessu

6:71

Jedhi, “Sila Rabbii gaditti wanta nu hin fayyannee fi hin miine kadhannaa? Erga Rabbiin nu qajeelche booda gara duubaatti deebinee akka nama [osoo] hiriyyoonni isaa ‘Nutti koottu’ jechuun gara qajeelinnaatti isa waamanu, sheyxaanonni isa sossobanii dachii keessa dhama’ee [taanaa]? Jedhi, “Qajeelfamni Rabbii isumatu qajeelfama [sirriiti]. Gooftaa aalamaatiif akka harka kenninu ajajamne.” Suuratu Al-An’aam 6:71

As-Suddi ni jedha: Mushrikoonni Muslimoota gariin ni jedhan: Amanti Muhammad dhiisatii karaa keenya hordofaa. Rabbiin (azza wa jalla) aayah tana buuse: Jedhi, “Sila Rabbii gaditti wanta nu hin fayyannee fi hin miine kadhannaa?” Kana jechuun wanta yoo gabbarree nu hin fayyanne, yoo gabbaru dhiisnes nu hin miine gabbarraa? Kuni wanta Rabbii ol’aanaan alatti gabbaramu hunda. Wanti Rabbiin alatti gabbaramu nama hin fayyadu, namas hin miidhu. Yoo gabbaran faayda irraa hin argatan. Yoo gabbaru dhiisanis nama hin miidhu. 

“Erga Rabbiin nu qajeelche booda gara duubaatti deebinee akka nama [osoo] hiriyyoonni isaa ‘Nutti koottu’ jechuun gara qajeelinnaatti isa waamanu, sheyxaanonni isa sossobanii dachii keessa dhama’ee [taanaa]?
Kana jechuun erga Rabbiin gara Islaamatti nu qajeelche booda gara kufriitti deebi’uun akka nama sammuun isaa sheyxaanni isa sossobuun baddee ergasii dachii keessa raata’uu taanaa? Namni kuni hiriyyoota gamnootaa fi mu’mintoota ta’an qaba. Hiriyyoonni kunniin karaa qajeelaa fi sirrii irra jiranitti isa waamu. Garuu inni ni dida.[1]

Aayah tana ilaalchise ibn Kasiir ni jedha: Rabbiin ni jedha: iimaana keessanin booda yoo kafartan fakkeenyi keessan akka namticha namoota waliin karatti bahee Ergasii namtichi kuni karaa badeeti. Ergasii sheyxaanonni isa sossobuun dachii keessa isa dhamaasan.  Hiriyyoonni isaa karaa qajeelaa irra jiru. “Nuti karaa irra jirraa nutti koottu!” jechuun isa waamu. Namtichi kunis isaanitti dhufu dida. Kuni fakkeenya nama Muhammadin (SAW) erga beeke booda sheyxaana hordofuudha. Namoota karaatti kan waamu Muhammad (SAW) [fi Muslimoota isa hordafaniidha]. Karaan immoo Islaama.” Ibn Jariir dubbii kana gabaase.[2]

Fakkeenya ajaa’ibaa kana haala kanaanis ibsuun ni danda’ama: namni erga Islaama beekee fi qabate booda kufrii fi shirkiitti yoo deebi’e, sheyxaanni jinni fi namaa dubbii faayamaan isa sossobuun karaa qajeelaa irraa isa jallisu. Erga karaa qajeelaa irraa jallate booda sheyxaanni dachii keessa isa dhamaasa. Karaa qabeenya barbaadu deema moo? Karaa aangoo barbaadu deema moo? Karaa qaama isaa ittiin gammachiisu deema moo? Yookiin wanta mushrikoonni kunniin gabbaran gabbara moo? Yookiin wanta Kiristaanonni waaqeffatan waaqeffata moo? Karaa kamiin deemaa? Gara deemu wallaale dachii keessa dhama’a.

Fedhiin qullaan hundi gara karaa adda addaatti gara hundaan isa harkisti. Karaaleen kunniin karaa Rabbii qajeelaa ta’e kan faallessaniidha.

Sheyxaanni isa jallisuun dura karaa Rabbii qajeelaa ta’e keessatti hiriyyoota Muslimoota ta’an qabaa ture. Muslimoonni kunniin gara karaa qajeelatti isa waamun akkana jedhuun: “Gara keenya koottu. Karaalee jallinnaa dhiisi. Waamicha sheyxaanotaatii fi dubbii faayameen hin gowwoomin.”[3]

Mee wanta sheykh Abdurahmaan Sa’dii jedhe itti haa daballu: Erga Rabbiin nu qajeelche booda gara jallinnaatti, karaa Jannata qananiitti nama geessu irraa gara karaa adabbii laalessaatti nama geessutti deebinaa? Namni sammuu qabu haala kana hin filatu. Namni haala kana filate akka nama sheyxaanni karaa gahuumsa isaa ittiin gahu irraa jallisee fi raatesseeti. Ergasii dhama’aa ta’ee hafe. Hiriyyoonni isaa gara qajeelinnaatti isa waamu. Sheyxaanni immoo gara jallinnaatti isa waama. Ergasii inni waamtota lama jidduutti dhama’aa ta’ee hafa.

Nama Rabbiin tiikse malee kuni haala namoota hundaati. Isaan of keessatti waamichaa fi harkisa wal faallessan argatu. Tokko waamicha ergaa Rabbiin irraa dhufee, sammuu sirrii ta’ee fi uumama qajeelaa ta’eeti. Gara qajeelinnaa fi Jannata keessatti gara sadarkaa ol’aanutti isa waamu.

Lammaffaan waamicha sheyxaanaa, nama karaa isaa hordofee fi nafsee wanta badaatti nama ajajjuuti. Kunniin immoo gara jallinnaa, Jahannam keessatti gara sadarkaa hunda caalaa gadi aanutti waamu.

Namoota keessaa nama dhimma isaa guutuu ykn irra caalaa keessatti waamicha qajeelinnaa walin ta’utu jira. Ammas isaan keessaa faallaa kanaa kan ta’etu jira.

Ammas isaan keessaa nama waamichi lamaan isa biratti wal qixxaa’antu jira. Humni harkisaa lamaan isa biratti wal lolu. Bakka kanatti warra gammachuu warra dararaa irraa adda baafte beekta.[4]

Namni Islaama irraa duubatti deebi’ee shirkii fi kufrii keessatti kufe akkanuma. Jireenya keessatti ni dhama’a. Gara deemu hin beeku. Galma isaa hin gahu. Rabbii olta’aa irraa nagaha kadhanna. Inni kanarraa nagaha nu haa godhu.

“Jedhi, “Qajeelfamni Rabbii isumatu qajeelfama [sirriiti].” Kana jechuun qajeelfamni karaa Rabbiin arraba Ergamaa Isaa irratti baase qofaadha. Wanti karaa kanaan ala jiru jallinnaa fi badiinsa.[5] Karaan Rabbiin nuuf ibsee fi akka qabannu itti nu ajaje, amantiin Inni karaa nuuf godhee fi nuuf ibse, qajeelinna shakkiin keessa hin jirreedha. [Karaan qajeelaan] awsaanaa fi sanamoota nama hin fayyannee fi hin miine gabbaruu miti. Kanaafu, haqa dhiisne soba hin hordofnu. (Awsaana-wantoota Rabbii olta’aan alatti waaqeffataman.)

“Gooftaa aalamaatiif akka harka kenninu ajajamne.” Kana jechuun Rabbiin Gooftaan keenyaa fi Gooftaa wanta hundaa ta’e Isaaf akka harka kennuun, ajajamuu fi ibaadaan Isaaf gadi jennu nu ajaje. Ergasi kana hunda akka Isa qofaaf qulqulleessinu, [nu ajaje].[6] Aalama jechuun namoota, malaykoota, jinnoota fi uumamtoota hunda.

Guduunfaa
✏Namoonni Rabbii olta’aan alatti wanta biraa waaqeffatan gara wanta waaqeffataniitti halkanii guyyaa namoota waamu. Karaa qajeelaa irraa nama jallisuuf dhagaan isaan hin garagalchine hin jiru.
✏Yeroo kanatti, namni Islaama qabate akkana jechuun isaanitti deebisa: Sila Rabbii olta’aan alatti wanta nu hin fayyannee fi hin miine gabbarraa (waaqeffannaa)? Sila erga Rabbiin karaa qajeelatti nu qajeelche booda jallachuun akka nama sheyxaanni dachii keessa raatesse taanaa?
✏Namni Islaama dhiise akka nama sheyxaanni dachii keessatti dhamaase ta’a. Gara itti deemu hin beeku. Sababni isaas, Islaamni karaa qajeelaa Rabbiin gabrootaaf kaa’e waan ta’eef gara itti deemanii fi akkamitti akka deeman namaaf ibsa. “Jedhi, “Qajeelfamni Rabbii isumatu qajeelfama [sirriiti].”
✏Islaaman ala amantiwwan jiran immoo jallinnaa fi dukkana waan ta’aniif gahuumsaa fi akkamitti jireenya keessa akka deeman namaaf hin ibsan. Namni ifa keessaa bahee dukkana keessa yoo seene haalli isaa akkam ta’aa?


Kitaabban wabii:
[1] Tafsiir Muyassar-136
[2] Tafsiir Ibn Kasiir-3/557
[3] Ma’aariju Tafakkuri-11/291-292
[4] Tafsiir Sa’dii-291
[5] Madda olii
[6] Tafsiir Xabarii-9/333

Print Friendly, PDF & Email
Fakkeenya Nama Rabbiin ala wanta biraa waaqeffatuu-kutaa 3
Fakkeenya nama Rabbiin ala wanta biraa waaqeffatuu-Kutaa 1
Offline dubbisuf

Leave a Reply