Fakkeenya Hojii Mushrikootaa/Kaafirotaa-Kutaa 2

Offline dubbisuf

Fakkeenya lammataa hojii mushrikootaa ykn kaafirotaa ibsu haala kanaan kenname:

24:40

Yookiin galaana gadi fagoo keessatti akka dukkana danbalin isa haguugu, gubbaa isaa danbalin jiru, ammallee gubbaa isaa duumessi jiruuti. Dukkanoota gariin isaa garii irratti ta’e. Yommuu harka isaa olbaase, arguutti hin dhiyaatu. Namni Rabbiin ifa isaaf hin goone, ifti isaaf hin jiru.” suuratu An-Nuur 24:40

Kuni fakkeenya biraa Rabbiin subhaanahu hojii kaafirootaatif akka fakkeenyaatti dhiyeessedha. Fakkeenya hojii kaafirota kanniinii dogongora, badiinsa, jallinnaa fi dhama’iinsa irratti waan hojjatameef hojiiwwan isaanii galaana gadi fagoo ta’ee fi bishaan baay’ee qabu keessatti akka dukkana baay’ee cimaati. “danbalin isa haguugu” kana jechuun galaana kana danbalitu haguuga. “gubbaa isaa danbalin jiru” kana jechuun danbali kana gubbaa danbalii biraatu jira. “ammallee gubbaa isaa duumessi jiruuti” kana jechuun danbalii lammaffaa gubbaa duumessatu jira.[1]

Ibsa kana haala kanaan kaa’u dandeenya:

Dukkanoota gariin isaa garii irratti ta’e.” Kana jechuun dukkana galaanaa, dukkana danbalii jalqabaa, dukkana danbalii lammataa, dukkana duumessaa, dukkana halkani. Dukkanni dukkana biraa irratti walitti tuulame. Kuni dukkanni garmalee cimaa akka ta’e agarsiisa. Namni dukkana keessa jiru waa hin argu. Inumaa, “Yommuu harka isaa olbaase, arguutti hin dhiyaatu.” Kana jechuun yommuu namni dukkana cimaa ta’e keessatti harka isaa ol baase, harka isaa kana hin argu.[2]

Hojiiwwan kaafirootaa dukkana baay’ee cimaa ta’een wal fakkeesse. Qalbii isaanii immoo galaana gadi fagoon wal fakkeesse. Wallaalummaan, kufriin, shakkii fi dhama’iinsi qalbii kaafiraa haguugu immoo akka danbalii irratti danbaliiti. Sababa badii hojjatun haguuggi qalbii isaa haguugu fi cufama qalbii akka duumessaati. Akkuma namni galaana garmalee dukkanaa’a keessatti harka isaa yoo olbaase harka isaa arguutti hin dhiyaanne, kaafirris qalbii isaatiin ifa iimaanaa hin argu.

Ubayy Ibn Ka’ab ni jedha: Kaafirri dukkana shan keessa deddeebi’a: dubbiin isaa dukkana, hojiin isaa dukkana, seensi isaa dukkana, bahiinsi isaa dukkana. Guyyaa Qiyaamaa gahuumsi isaa ibidda keessatti gara dukkanaati. Gahuumsi waa fokkate.”[3]

Mee fakkeenya kana daran hubachuuf wanta Sheykh Abdurahmaan As-Sa’dii jedhe itti haa daballu: Hojiin kaafiroota soba akka ta’e fakkeenyi lammataa agarsiisu: akka dukkana galaana gadi fagoo, danbalin isa haguugu, gubbaa kanarratti danbalin biraa jiru, ammas gubbaa kanarratti duumessi jiruuti. Dukkana irratti dukkana. Dukkana galaanaa gadi fagoo, ergasii dukkana danbaliwwan walirra tuulamanii, itti aanse gubbaa kanarratti dukkana duumessa garmalee guddaa ta’e, ergasii gubbaa kanarratti dukkana halkanii garmalee dukkanaa’e. Dukkanni garmalee cimaa ta’uu irraa kan ka’e osoo namni tokko harka isaa olbaase, isatti dhiyoo ta’u waliin harka isaa argutti hin dhiyaatu. Harka isaa isatti dhiyoo ta’e yoo hin argin, wanta isarraa fagoo ta’e hoo? Kaafiroonnis akkuma kana. Qalbii isaanii irratti dukkanni baay’een walirra tuulame. Dukkana amalaa kheyrin keessa hin jirree, gubbaa kanarratti dukkana kufrii, ammas gubbaa kanarratti dukkana wallaallummaa, ammas gubbaa kanarratti dukkana hojiiwwan isaanii. Dhama’oo ta’anii dukkana keessatti hafan, dhama’iinsa isaanii keessa jaanja’u, karaa qajeelaa irraa garagalu, karaalee jallinnaa keessa raata’u. Kunis sababa [isaan kafaraniif] Rabbiin isaan dhiisee fi ifa Isaa isaaniif hin kennineefi.[4]

“Namni Rabbiin ifa isaaf hin goone, ifti isaaf hin jiru.” Kana jechuun nama Rabbiin iimaanaa fi qajeelinna isaaf hin kenniin, isaaf iimaanni fi qajeelinni hin jiru. Nama Rabbiin qalbii isaa iimaanaa fi beekumsaan hin ibsin, eenyullee qalbii isaa ibsuu hin danda’u. Kanaafu, ifti isaaf hin jiru. [5]

Fakkeenyota lamaan kanniin ilaalchise ibn Al-Qayyim dubbii baay’ee bareeda ta’e dubbate: Rabbiin subhaanahu kaafirootaf fakkeenya lama dubbate: fakkeenya saraabaa fi fakkeenya dukkana baay’ee walirra tuulame. Sababni kanaas, namoonni qajeelinnaa fi haqa irraa garagalan gosa lama:

1ffaa-nama wayirra akka jiru yaadudha. Yommuu haqni saaqamu wanti inni yaadaa ture faallaa haqaa akka ta’e isaaf ifa ta’a. Kuni haala warra wallaalaa, warra bid’aa fi fedhii qullaa qajeelinnaa fi beekumsa irra akka jiranitti yaadaniidha. Yommuu haqiiqaan (dhugaan) saaqamu (mul’atu), homaa irra akka hin turre isaaniif ifa ta’a. Amantii fi hojiiwwan isaanii akka saraaba ija namaa keessatti bishaan fakkaatuti, garuu dhugaadhaan bishaani miti. Hojiwwan Rabbiin ala kan biraatiif ta’anii fi ajaja Isaatin ala wanta biraa irratti ta’es akkanuma. Namni [hojii Rabbiin ala wanta biraatiif hojjatu fi shari’aa Isaatin ala seera biraa hordofe hojjatu] isaaf faayda akka qabu godhee yaada. Garuu akkanaa miti…

Mee itti xinxalli: Rabbiin saraaba dirree diriiraa ijaarsa, muka fi biqiltoota hin qabne keessatti godhe. Iddoon saraabaa lafa homaa ofirraa hin qabneedha. Saraabni wanta haqiiqaa hin qabneedha. (Dhugaadhaan bishaani miti.) Kuni hojiiwwanii fi qalbii isaanii iimaanaa fi qajeelinna hin qabneen walitti gala. Jecha Isaa, “Dheebotaan bishaan se’a” jedhu jala wanta jiru itti xinxalli. Namni dheebotaan dheebun isaa itti jabaattee ergasii saraaba arge. Kanaafu, bishaan akka ta’etti yaade. Itti aanse bakka san deemu jalqabe. Yommuu achi gahu homaa hin arganne. Yeroo garmalee bishaan barbaadutti saraabni isa gowwoomse. Akkuma kana, namoonni kunniin hojiwwan isaanii Ergamaaf ajajamuu irratti waan hin hundoofnef, akkasumas, Rabbiin ala wanta biraatiif waan ta’eef, hojiiwwan isaanii akka saraabaa taasifaman. Yeroo garmalee itti dheebotanii fi itti hajamanitti isaan jalaa kaafama, isaanis homaa hin argatan. Rabbiin subhaanahu ni argatan. Ergasii hojii isaaniitiin jazaa isaaniif kafala…

Gosti 2ffaan– warra fakkeenyi isaanii akka dukkana walirra tuulameti. Isaan kuni warra haqaa fi qajeelinna beekanii ergasii dukkana sobaa fi jallinnaa filataniidha. Kanaafu, dukkanni qalbiin cufamuu, dukkanni nafsee, beekumsa isaaniitiin yommuu hojjachu dhiisan wallaaltota waan ta’aniif dukkanni wallaalummaa, dukkanni jallinnaa fi fedhii qullaa hordofuu isaan irratti walitti tuulame. Haalli isaanii akka haala nama galaana gadi fagoo daangaa hin qabnee keessa jiruuti. Danbaliin isa haguuge. Danbali kana gubbaa danbali biraatu jira. Ammas, danbali lammataa kana gubbaa duumessa dukkanaa’atu jira. Inni dukkana galaanaa, dukkana danbalii fi dukkana duumessaa keessa jira. Kuni akka nama dukkana keessa jiru keessaa gara ifa iimaanatti Rabbiin isa hin baasneti.[6]

Hojii Kaafirootaa Daaraan Wal Fakkeessuu

Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa badiinsa fi soba hojii namoota Isa waliin wanta biraa waaqeffatanii daaraa bubbeen bittineesitee homaa hin hanbifneen wal fakkeesse. Ni jedha:

14:18

“Fakkeenyi warra Gooftaa isaaniitti kafaranii, hojiiwwan isaanii guyyaa bubbisa cimaa akka daaraa bubbeen itti hammatteeti. Wanta hojjatan irraa homaattu [fayyadamu] hin danda’an. Suni isumatu jallinna fagoodha.” Suuratu Ibraahim 14:18

Kuni fakkeenya Rabbiin hojii kaafirota Isa waliin waan biraa waaqeffatan, Ergamtoota Isaa kijibsiisanii fi hojii isaanii hundee sirrii hin taane irratti ijaaraniif dhiyeessedha. Yeroo garmalee itti hajamanitti hojiin isaanii isaan jalaa bade. “Fakkeenyi warra Gooftaa isaaniitti kafaranii, hojiiwwan isaanii” kana jechuun Guyyaa Qiyaamaa fakkeenyi hojii isaanii yommuu mindaa Rabbii olta’aa irraa barbaadan akka daaraa bubbeen itti hammattee bittineessiteeti.

Namoonni kunniin wanta tokko irra akka jiranitti yaadaa turan. Garuu hojiin isaanii kufrii fi shirkii irratti waan hundaa’ef hojii kanarraa homaa hin argatan. “guyyaa bubbisa cimaa” kana jechuun guyyaa bubbeen cimtuun itti bubbistu.

Hiikni kanaa: hojiin kaafirota ni bada, fudhatama hin qabu. Daaraa jechuun wanti tokko erga gubatee booda wanta hafuudha. Akkuma yeroo bubbeen cimtuun bubbistu daaraan bittinaa’e badu, hojiin kaafirotaas ni bittinaa’a. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa ni jedha:

25:23

Hojii irraa gara wanta isaan hojjataniitti qajeelle. Dhukkee faca’aas isa taasifne.” Suuratu Al-Furqaan 25:23

“Wanta hojjatan irraa homaattu [fayyadamu] hin danda’an.”
Bubbeen garmalee cimtu taate yommuu daaraa bittineessitu walitti qabuun akkuma hin danda’amne, kaafironni kunniinis hojii isaanii irraa waa qabachuun itti fayyadamu hin danda’an. Guyyaa Qiyaamaa mindaa homaatu hin argatan. Sababni isaas, hojiin isaanii kufrii fi kijibsiisu irratti kan hundaa’edha.

“Suni isumatu jallinna fagoodha.” Kana jechuun dogongora ifa bahaa, karaa haqaa irraa kan fagaatedha. Carraaqqi fi hojiin isaanii hundee sirrii fi karaa qajeelaa irratti kan hundaa’e miti. Yeroo garmalee itti hajamanitti mindaa isaa ni dhaban. [7]  Yommuu du’an addunyatti deebi’anii hojjachuu hin danda’an.

Hundeen sirriin hojii irratti hundeessan: iimaanaa fi shari’aa hordofuudha. Kana jechuun Rabbitti, Guyyaa Aakhiraatti, malaykootatti, kitaabbanitti, Ergamtootaa fi qadaratti amanuudha. Ergasii hojii gaggaarii ikhlaasaan fi akkaataa shari’aan ajajuun hojjachuudha. Kanaan ala, hojiin iimaana, ikhlaasa fi shari’aa hordofuu of keessaa hin qabne hundee sirrii hin qabu. Abbichi Guyyaa Qiyaamaa homaa irraa hin argatu.


[1] Tafsiir Xabarii-17/329-330[2] Zaadul Masiir-1001, Tafsiir Qurxubii-15/302-304[3] Tafsiir Qurxubii-15/303, Zaadul Masiir-1001[4] Tafsiir Sa’dii-667[5] Tafsiir Xabarii-17/332-333, Tafsiir Qur’aanil Kariim-Suuratu An-Nuur-fuula 282, Ibn Useymiin[6] Ash-Shirku fiil qadiimi wal hadiisi-fuula 1383-1384, Abu Bakr Muhammad Zakariya[7] Tafsiir Xabarii-13/624-625, Tafsiir Ibn Kasiir-4/604

Print Friendly, PDF & Email
Fakkeenya Nama Hojii Gaarii hojjatee Ergasii Of jalaa Balleessuu
Fakkeenya Hojii mushrikootaa/kaafirotaa-Kutaa 1
Offline dubbisuf

Leave a Reply