Fakkeenya Hojii mushrikootaa/kaafirotaa-Kutaa 1

Offline dubbisuf

Jalqaba kaafirota jechuun namoota haala sirriin Rabbii olta’aatti hin amanne ykn arkaana iimaanaa keessaa tokkotti amanuu didan ykn hojii kufrii hojjataniidha. Mushrikoonni immoo namoota Rabbii olta’aa waliin waan biraa gabbaraniidha (waaqeffataniidha). Mushrikni hundi kaafira. Kanaafu, kaafirri mushrika caalaa maqaa wali gala ta’eedha. Hojiin kaafiraa Rabbii olta’aa biratti fudhatama hin qabu. Sababni isaas, ulaagaalee hojiin fudhatama itti argatu hin guunne. Ulaagaaleen kunniinis: arkaana (hundeewwan) iimaanatti haala sirriin amanuu, ikhlaasa qabaachu fi shari’aa hordofuun hojii gaggaarii hojjachuudha. Qur’aana keessatti fakkeenya hojii kaafiroota ykn mushrikoota haala ajaa’ibaatin dhiyeessa. Mee haa ilaallu.

24:39

Warri kafaran hojiiwwan isaanii akka saraaba dirree keessatti dheebotaan bishaan se’uuti. Yommuu isatti dhufu homaa hin argatu. Isa biratti Rabbiin argata, hisaaba isaa guutuu godhee isaaf kafala. Rabbiin qorannoon Isaa saffisa.” Suuratu An-Nuur 24:39

Saraaba jechuun sababa balaqqeessa ifa aduutin walakkaa guyyaa keessatti fagoo irraa yommuu ilaalan wanta akka bishaanitti mul’atuudha. Fakkii armaan gadi irraa ilaalun ni danda’ama.

Saraaba

Aspaalti kana gara fuunduratti yommuu ilaalan wanti bishaan fakkaatu ni mul’ata. Kuni saraaba jedhama. Ingiliffaan “mirage”

Warri kafaran hojiiwwan isaanii akka saraaba dirree keessatti dheebotaan bishaan se’uuti.” Kana jechuun namoonni Gooftaa isaanititti amanuu didanii fi Ergamtoota Isaa kijibsiisan hojiiwwan isaanii faayda qaba jedhanii yaadan akka saraabati. Namni dheebotee saraaba kana fagoo irraa yommuu ilaalu bishaan akka ta’etti yaada. Haaluma kanaan kaafironni hojiin isaan hojjatan hojii gaarii faayda isaaniif buusu akka ta’etti yaadu.

Fakkeenyaf, Rabbii olta’aan alatti wanta biraa yommuu waaqeffatan, “Kunniin Rabbiitti nu dhiyeessu, shafa’aa (jaarsummaa) nuuf ta’u” jedhu. Garuu akkuma namni dheebote yommuu saraabatti dhufu homaa hin argannee, isaanis Guyyaa Qiyaamaa wanta hojjatanii fi abdatan irraa homaayyu hin argan. Hojiiwwan gaggaariin biroos nu fayyada jechuun hojjatan homaa isaan hin fayyadu. Sababni isaas, waan kafaraniif kufriin hojii guutuu jalaa balleessa.    

Isa biratti Rabbiin argata, hisaaba isaa guutuu godhee isaaf kafala.”
Hojiin kaafiraa akka saraaba waan ta’eef yommuu duuti isatti dhuftu homaa hin argatu. Kana irra, Rabbiin argata. Kana jechuun erga du’ee booda Rabbiin wal-qunnama. Kanaafi, akkana jedhe, “hisaaba isaa guutuu godhee isaaf kafala” kana jechuun Guyyaa Qiyaamaa jazaa hojii isaa guutuu godhe kafalaaf.[1]  

Ibn Abbaas (radiyallahu anhu) aayah armaan oli ilaalchise ni jedha: “Inni kuni Rabbiin namticha dheebotee dheebun isaa itti jabaattee ergasii saraaba arge akka fakkeenyaatti dhiyeesse. Namni kuni saraaba kana bishaan se’e. Kanaafu, bira deemu barbaade, bishaan akka argatetti yaade. Garuu yommuu bira gahu, homaa hin arganne. Yeroo kanatti ni du’e. Kaafirris haaluma kana. Hojiin isaa akka isa fayyadu godhee yaada. Hanga duuti isatti dhuftutti homaa irrattu hin tasgabbaa’u. Yommuu duuti isatti dhuftu, hojiin isaa kan isa fayyadu ta’e hin argatu.”[2]

Wanta armaan oli chaarti armaan gadiitiin ibsuun ni danda’ama:


[1] Tafsiir Muyassar-355, Tafsiir Qur’aanil Kariim-Suuratu An-Nuur-fuula 274-275, Ibn Useymiin [2] Tafsiir Xabarii-17/328

Print Friendly, PDF & Email
Fakkeenya Hojii Mushrikootaa/Kaafirotaa-Kutaa 2
Fakkeenya qalbii muwwahidaa fi qalbii mushrikaa
Offline dubbisuf

Leave a Reply