Fakkeenya qalbii muwwahidaa fi qalbii mushrikaa

Offline dubbisuf

Muwwahida jechuun nama Rabbiin qofa gabbaruudha. Mushrika jechuun immoo nama Rabbii olta’aa waliin waan biraa gabbaruu (waaqeffatuu) dha. Dhugumatti, qalbiin namoota kanniin lamaani gonkumaa wal hin qixxaa’an. Qalbiin tawhiidaan qulqulloofte fi qalbiin shirkiin xuroofte wal qixxaa’u?

7:58

Lafti gaariin hayyama Gooftaa ishiitiin biqilaan ishii ni baha. Badduu tan taate immoo ulfaatinnaan xiqqoo malee hin baastu. Akka kanatti ummata galateefataniif aayaata addeessina.” Suuratu Al-A’araaf 7:58

“Lafti gaariin hayyama Gooftaa ishiitiin biqilaan ishii ni baha.” Kana jechuun yommuu roobni lafa qulqulluu fi bilchooftu taate irratti bu’u, hayyamaa fi fedhii Rabbiitiin biqiltuu gaarii fi bareeda baasti. Haaluma kanaan mu’minnis yommuu Qur’aana dhagayu fi hubatu, itti fayyadama, bu’aan isaa isarraa mul’ata.  

“Badduu tan taate immoo ulfaatinnaan xiqqoo malee hin baastu.” Kana jechuun lafti badduu taatee fi biyyeen ishii biqiltoota biqilchuuf hin mijoofne immoo ulfaatinnaan biqiltoota xiqqoo faaydan keessa hin jirre baasti.  Lafti tuni lafa ashaboo ykn dhagaan itti baay’atuudha. Akkuma kana kaafirri Qur’aanatti hin fayyadamu.[1] Akkuma lafti tuni roobatti fayyadamtee biqiltoota gaarii biqilchuu hin dandeenye, kaafirris Qur’aanatti fayyadamee faayda guddaa hin buusu. Akkuma lafa tanaa qalbiin isaa tan gogdeedha.

“Akka kanatti ummata galateefataniif aayaata addeessina.” Kana jechuun akka kanatti namoota Rabbiin galateeffataniif karaa adda addaatin keeyyattoota, ragaalee fi mallattoolee ibsina, fakkeenyota dhiyeessina. Isaan warra wanta Rabbiin kitaaba Isaa keessatti ibse irraa fayyadamaniidha.

Fakkeenyi armaan olii yommuu wahyiin bu’uu haala qalbii namootaa ibsa. Akkuma bishaan samii irraa bu’uu qaamaaf jireenya ta’e wahyiin samii irraa bu’us qalbiif jireenya ta’a. Qalbiin gaariin yommuu wahyiin itti dhufu, ni fudhatti, ni baratti. Gaarummaa hundee ishiiti fi bareedinna uumama ishii irratti hundaa’e bu’aa ni buusti.

Qalbiin badduu (khabiisa) taate tan kheyrin keessa hin jirre immoo yommuu wahyiin itti dhufu bakka keessa qubatu hin argatu. Kana irra, gaafila, garagaltu ykn faallessitu ta’ee argata. Akka rooba cirracha, ashawaa fi dhagaa irratti bu’eeti. Homaa dhiibbaa irratti hin geessu.[2]

Wal fakkeenya lafa gaarii fi qalbii muwwahidaa (mu’minaa), lafa badduu fi qalbii mushrikaa (kaafiraa)

Aayah armaan olii hadiisa kanaan ibsuun ni danda’ama: Ergamaan Rabbii (SAW) akkana jedhan:
Fakkeenyi beekumsaa fi qajeelinna Rabbiin azza wa jalla ittiin na ergee akka fakkeenya rooba dachii irratti bu’eeti. Dachii tana irraa lafa gaarii taate tan bishaan fudhattee kaloo fi marga baay’ee magarsitutu jira. Ammas, dachii irraa lafa jabaattu fi tan bishaan of keessatti kuustudha. Namoonni [bishaan kanatti] ni fayyadamu, ofiillee dhuganii, horiis obaasu. Lafti biraa immoo maseena tan taatetu jira. Bishaanis of keessatti hin qabattu, kaloos hin biqilchitu.

Fakkeenyi jalqabaa akka nama diinii Rabbii hubatee fi wanta Rabbiin ittiin na ergeen namoota fayyadeedha. [Fakkeenyi lammataa] nama beekumsa amantii baratee barsiisedha. [Fakkeenyi sadaffaan] immoo nama kanaan mataa isaa ol hin qabnee fi qajeelcha Rabbii kan ani ittiin ergame hin fudhanneedha.” Sahiih Muslim 2282

Namni jalqabaa akkuma lafti bilchooftun bishaan qabachuun margaa fi biqiltoota biroo baastu fi namoonni irraa fayyadaman, innis amanti Islaamaa sirritti hubachuun ofii itti fayyadama, namoota biroos ni fayyada. Namni lammataa akkuma lafti jabaattun bishaan kuufachuun namoonni irraa fayyadaman, innis beekumsa kuusun namoonni isaa irraa waraabbachuun itti fayyadamu.
Namni sadaffaan immoo akka lafa maseena bishaanis hin kuusne biqiltus hin magarsineedha. Inni beekumsa fi qajeelcha Ergamaan Rabbii (SAW) ittiin ergaman hin fudhatu.


[1] Tafsiir Muyassar-158, Tafsiir Qurxubii-9/256, Zaadul Masiir-503 [2] Tafsiir Sa’dii-329

Print Friendly, PDF & Email
Fakkeenya Hojii mushrikootaa/kaafirotaa-Kutaa 1
Fakkeenya Nama Rabbiin ala wanta biraa waaqeffatuu-kutaa 3
Offline dubbisuf

Leave a Reply