Tafsiir Suuratu Al-Ankabuut-Kutaa 1.2

Caalatti ifa akka ta’uuf suuratu Al-Ankabuut irraa aayah 1-7 jiran ilaalchise wanta imaamu Ibn Al-Qayyim jedhe mee itti haa daballuu.
Aliif Laam Miim. Sila namoonni ‘Amanne’ jechuu qofaan osoo hin qoramiin dhiifamu yaadu? Dhugumatti, warra isaanin duraas qorree jirra. Dhugumatti Rabbiin warra dhugaa beekuf jira, sobdootas beekuf jira.” Suuratu Al-Ankabuut 29:1-3
Suurah (boqonnaa) tana keessatti Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa nama dhugaa fi nama kijibaa, mu’minaa fi kaafira, nama Isa galateefatu, gabbaruu, fi nama Isarraa garagalu, wanta biraa gabbaruu adda baasuf uumamtoota Isaa akka qoru ni dubbate.

Haala dhumaa warra qoramaniis ni dubbate. Addunyaa keessatti hoggantoota warra qoramanii, hordoftoota isaanii, dhimma dhumaati fi gahuumsa isaanii ni dubbate. Hoggantoonni kunniin Ergamtoota.

Nama addunya tana keessatti “Amane” jedhee odeessuun “Qormaata jalaa nagaha nan baha” jechuun yaade irratti jibbuun jalqabe. Uumamtoota Isaa keessatti ogummaan (hikmaan) fi dhimmi Isaa kana ni dida. Iccitiin qormaata kanaa nama dhugaa ta’ee fi nama sobaa, mu’minaa fi kaafira addaan baasu akka ta’e ni beeksise. Rabbiin subhaanahu kuni argamuun dura ni beeka. Garuu gabroota Isaa keessa isaanii beekuu qofaan jazaa akka isaaniif hin kafallee haqummaa fi faarun Isaa ni barbaachise. Kana irra, wanti beekkamu yoo argamee fi mirkanaa’e [jazaa isaaniif kafala]. Qormaanni wanta Isa biratti beekkamaa ta’e kana kan mul’isee fi gara argamuutti kan baasedha. Kanaafu, yeroo kanatti jazaa kafaluun ni bareedaa jechuudha. (Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa gabroota qoruun dura keessa isaanii ni beeka. Garuu beekumsa kana qofaan jazaa isaaniif hin kafalu. Kana irra, erga isaan qoree booda wanta isaan irraa mul’atuun jazaa isaaniif kafala.)

29:4

Sila warri hamtuu hojjatan Nu jalaa bahuu yaaduu? Wanti isaan murteessan waa fokkate!” Suuratu Al-Ankabuut 29:4
Ergasi Rabbiin subhaanahu nama fitnaa fi qormaata Ergamtootaa fi hordoftoota isaanii irra gahu sodaachun Rabbitti amanuu fi Ergamtoota Isaa hordofu didee irratti ni jibbe. Namni kuni iimaana fi Ergamtoota Rabbii dhugoomsu fi hordofuu irraa garagaluun fitnaa fi qormaata jalaa nagaha waan bahu isatti fakkaata. Dhugumatti, isa fuundura wanta irraa dheesse caalaa fitnaa, qormaataa fi azaaba (adabbii) guddaa fi ulfaataa ta’etu jira. (Waan amanuu fi Ergamtoota hordofuu dideef azaaba Jahannamtu isaaf jira.)

Namoonni erga Ergamtoonni isaanitti ergamanii booda dhimmoota lama jidduutti ta’u: Takkaa isaan keessaa namni tokko “Amane” jedha, takkaa immoo kana hin jedhu. Inumaa, badii hojjachuu itti fufa. Namni “Amane” jedhe, ragaan iimaana isaatii fi isarratti gadi dhaabbachu akka mirkanaa’uuf Gooftaan olta’e isa qora, ni mokkora. Iimaanni yeroo fayyaa fi badhaadhinnaa qofaa miti. Kana irra, haala qananii fi balaa keessatti iimaanni gadi dhaabbataa ta’uu qaba.  

Namni hin amanne immoo Gooftaa isaa jalaa waan miliqu isatti hin fakkaatin. Kana irra, inni qabaa Rabbii keessa jira, sammuun isaa harka Isaa jira. Nama “amane” jechuun qorame caalaa balaa guddaa ta’etu isaaf jira.

Namni Rabbii fi Ergamtoota Isaatti amane, diinota Isaatii fi diinota Ergamtoota Isaatiin qoramuun waan isaaf hin hafneedha. Qormaanni kuni kan isa dhukkubsuu fi isarratti ulfaatu ta’uu danda’a. Namni Rabbii olta’aatti fi Ergamtoota Isaatti hin amanne immoo isa adabuun waan hin hafneedha. Kanaafu, laalaa ykn dhukkubbii mu’mintoota (warra amanan) irra gahee caalaa laalaa fi rakkoon dacha dachaa ta’e isarra gaha.

Nafsee amantee ykn amanuu diddee (kaafira taate) hunda irratti laalaan gahuun waan hin oolledha. Garuu mu’minni (namni dhugaan amane) addunyaa keessatti rakkoon cimaan isarra gaha. Ergasii isarraa addaan cituun mi’aan (mijaa’inni) guddaan itti aane isaaf dhufa. Kaafirri immoo jalqaba irratti mi’aa fi gammachuun isaaf argama. Ergasii gammachuun kuni addaan cituun laalaa fi rakkoon hundarra guddaan isatti dhufa. Akkuma kana haalli warra fedhii lubbuu hordofanii. Jalqaba irratti fedhii badaa kanatti ni gammadu. Ergasii hamma mi’aa argataniin laalaan cimaan itti aane isaanirra gaha. Namoonni fedhii lubbuu irraa obsan immoo jalqaba irratti wanta barbaadan waan dhabaniif ni laalatu (keessi isaanii ni gubata). Ergasii laalaa kana booda hamma fedhii badaa kana irraa obsanii fi dhiisaniin mi’aa fi gammachuun isaaniif dhufa.

Laalaa (pain) fi mi’aan (pleasure) nama hundaafu dhimma dirqama ta’eedha. Garuu garaagarummaan isaanii ammatti argamuu, addaan cituu, xiqqaa ta’uu fi boodarra dhufuu, turaa, guddaa ta’uudha. (Kana jechuun laalaa fi mi’aan (gammachuun) takkaa ammatti kan argamu, addaan cituu fi xiqqaa ta’a takkaa immoo boodarra kan dhufu, turaa fi guddaa ta’a.) Kanaafi, warri aqlii qaban (qaruuten) dhumaa fi boodde wantootaa ilaalu. Namni haala laalaan gonkumaa isa hin tuqneen laalaa jalaa nagaha nan baha jedhee yaade yaanni isaa kijiba hunda caaledha. Sababni isaas, namni uumama mi’aa fi laalaaf, gammachuu fi gaddaaf, mirqaansu fi dhiphinnaaf saaxilamuudha. Kuni jihaa (toora) lamaan ta’a:

Jihaa ijaarsa, uumamaa fi amala isaatin. Namni wantoota walitti makaman, wal darbanii fi wal falleessan kan gara hundaan wal qixxeessun hin danda’amne ykn ulfaatu irraa kan ijaarrameedha. Wantoonni isa keessa jiran kunniin tokko kan biraa irratti daangaa darba. Kanaafu, daangaa sirraawaa keessaa ni bahu. Ergasii laalan ni argama.

Jihaa ilma namaatin. Namni uumamaan namoota waliin kan jiraatudha. Adda ofii jiraachu hin danda’u. Inumaa isaan waliin malee hin jiraatu. Innis isaaniis mi’aa fi dharraa wal faallessanii fi walitti fiduun hin danda’amne qabu. Inumaa, wantoota barbaadu kana irraa waa yoo argate, wanti biraa isa jala darba. Wanta barbaadu fi fedhii isaa irratti akka namoonni isa waliin wali galan barbaada. Isaaniis kana isarraa barbaadu. Yoo isaanin wali gale hamma wanta barbaadu irraa isa jala darbeen laalaa fi rakkoon isa qunnama. Yoo isaaniin wali galuu dide immoo isa rakkisu, ni adabu, fedhii isaa dhabamsiisuuf carraaqu.

Isaaniin wali galees faallessees inni laalaa fi rakkoo keessa ta’a. Keessumaayyu, dhimmoonni inni isaaniin irratti wali galuu amanti sobaa, fedhii badaa fi hojii dhumarratti isa miidhu yoo ta’an, kanarratti isaaniin wali galuun laalaa hundarra guddaa ta’e qaba, isaan faallessuunis laalaa fida.

Sammuun, amantiin, dhiirummaa fi beekumsi laalaa lamaan keessaa hundarra cimaa fi itti fufaa kan ta’e jalaa nagaha bahuuf laalaa salphaa fi addaan citu akka filatu fi danda’u ajaju.

Laalaa azaa isaanii jalaa nagaha bahuuf namni yakkamtoota zulmii isaanii irratti gargaare, warra fedhii qullaa fi bid’aa hordofan fedhii qullaa fi bid’aa isaanii irratti isaan gargaare, warra badii fi fedhii lubbuu hordofon badii fi fedhii lubbuu isaanii irratti isaan gargaare, ammaa fi boodatti wanta irraa dheesse caalaa laalaan isaaniin wali galuu dacha dachaa ta’ee isa qunnama. Garuu yoo laalaa isaan faallessu irratti obse, isaaniin wali galuun gammachu argatu caalaa gammachuun dacha dachaa ta’e itti aane ammaa fi booddetti isaaf dhufa. Uumamtoota Isaa keessatti seerri Rabbii, hamma obsaa, taqwaa, tawakkulaa fi ikhlaasa isaatiin sadarkaa nama kanaa isaan irratti olkaasudha, isaan immoo salphisuudha. Laalaa fi adabbiin kan hin hafne erga ta’e, namootaa fi jaalala isaanii argachuuf jedhanii adabbiin namarra gahuu irra karaa Rabbiitii fi Ergamtoota Isaa hordofuu keessatti namarra gahuutu caalaa faayda qaba. (Addunyaan iddoo qormaataa waan taatef adabbii fi wanti nama dhukkubsu namarra gahuun waan hin oolledha. Kanaafu, namoota gammachisuuf jedhanii rakkoon namarra gahuu mannaa karaa Rabbii keessatti namarra gahuutu wayya.)

Yeroo laalaa fi adabbii obsii isaa dheeraa waan ta’eef, sa’aatin guyyoota, guyyoonni ji’ootaa fi waggoota yommuu ta’an, Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa qormaanni kuni yeroo murtaa’a akka qabu ergasii akka addaan citu [isaanitti beeksisuun] warra qoraman ni jajjabeesse. Isa qunnamuuf yeroo murtaa’aa isaan ittiin jajjabeessu, nafsee isaanii ittiin tasgabbeessu fi karaa bahiinsaa isaaniif ittiin laaffisu ni kaa’e. Ni jedha:

29:5

Namni qunnamti Rabbii kajeelu, dhugumatti beellamni Rabbii dhufaadha. Inni Dhagayaa, Beekadha.” Suuratu Al-Ankabuut 29:5

Gabrichi yeroo balaa kanaa, addaan citiinsa isaa, beellama Rabbiin qunnamuu fi mindaa isaaf kennu yommuu itti yaadu, wanti inni keessa jiruu isaaf salphata, baadhachuun isaaf laafa.

Ergasii nafsee isaa, sheyxaanaa fi ilma namaatti qabsaa’un malee kuni kan hin argamne waan ta’eef, namni firiin beekumsaa fi ifaajee isaa isaaf kan deebi’u, eenyullee isa waliin qooda kan hin fudhanne ta’uu yoo beeke, qabsoo fi carraaqqin isaa guutuu fi baay’ee ta’a. Rabbiin olta’aan ni jedha:

29:6

 “Namni qabsaa’e kan inni qabsaa’u lubbuma isaatiifi. Rabbiin dhugumatti aalama hundarraa Dureessa.” Suuratu Al-Ankabuut 29:6

Akkasumas, namni faaydan obsaa, qabsoo fi danda’uu isaa kuni Rabbii olta’aa subhaanahu irratti waan deebi’u isatti hin fakkaatin. Dhugumatti, Inni aalama irraa Dureessa. Wanta isaan ajaje kan itti ajajeef isaanitti hajameeti miti. Wanta irraa dhoowwes kan irraa dhoowwe isaan irratti doy’oomufi miti. Kana irra, addunyaa fi Aakhiratti wanta faaydaa fi fooyya’insi isaa isaaniif deebi’uutti isaan ajaje. Ammas, wanta miidhaa fi rakkoon isaa isaan irratti deebi’uu irraa ni dhoowwe.

Kanaafu, firiin qormaata kanaa isaan qofaaf kan ta’uudha. Kana kaa’un nama gaarii fi badaa, dararamaa fi milkaa’aa addaan baasuutti sababa geessu akka ta’uu ogummaan (hikmaan) Isaa ni barbaachise. (Qormaanni sababa nama gaarii fi badaa, dhugaa fi kijibaa, nama milkaa’u fi kufuu addaan baasudha. Sababa qormaatatiin namoonni addaan fooyamu.) Rabbiin olta’aan ni jedha:

“Hanga gaarii irraa badaa adda baasutti Rabbiin [haala] isin irra jirtan irratti mu’mintoota kan dhiisu miti.” Suuratu Aali-Imraan 3:179

Rabbiin subhaanahu Ergamtoota isaanitti erguun ajajoota, dhoowwaa fi filannoo Isaatiin isaan qore. Ergamtoota Isaatiin namni gaariin nama badaa irraa adda bahe. Kanaafu, mindaa fi adabbiin wanta beekkamaa qormaanni kuni ifa baase irratti ta’a. (Asitti wanti beekkamaan qormaatan dura wanta qalbii namaa keessatti Rabbiin qofti beekudha.)

Ergasii, namni qoramu sababa uumama isaatiin, fedhii qullaa fi dadhabbinna isaa irraa kan ka’e karaa obsaati fi qabsoo irraa maquun isaa waan hin oollef,  Rabbiin subhaanahu akka kana isaaf irra darbuu fi isarraa haaqu waadaa galeef. Sababni isaas, yommuu namni kuni Rabbiitti amanee fi ajaja Isa qabate, badii isaa akka isarraa haaqu fi hojii isaa hundarra gaarii ta’een akka isaaf mindaa kafaluu rahmanni Isaa ni barbaachise.[1]

(Namni dhugaadhaan Rabbii olta’aatti yoo amane, Isaaf ajajamee fi badii gurguddaa irraa fagaate, Rabbiin subhaanahu badii isaa isarraa haaqa, hojii gaarii isaatiif mindaa guddaa isaaf kenna. Suuratu An-Nisaa keessatti akkana jedha:

4:31

Badii gurguddaa irraa dhoowwamtan irraa yoo fagaattan, badiiwwan keessan [xixxiqaa] isin irraa haaqna, seensa kabajaas isiniif seensifna.” Suuratu An-Nisaa 4:31

Kana jechuun yaa warra amantan! Badii gurguddaa akka shirkii, haadhaa abbaa miidhuu, haqa malee nafsee ajjeessu fi kkf irraa yoo fagaattan, badii xixxiqaa sanii gadi jiran isin irraa haaqna. Seensa gaariis isin seensifna. Seensi kunis Jannata.[2])


[1] Bidaa’u Tafsiir– 2/295-298, Ibn Al-Qayyim
[2] Tafsiiru Muyassar-83

Print Friendly, PDF & Email
Tafsiira Suuratu Al-Ankabuut-Kutaa 2.1
Tafsiira Suuratu Al-Ankabuut-Kutaa 1.1

Leave a Reply