Tafsiira Suuratu Al-Ankabuut-Kutaa 2.1

Haadhaa Abbaatti Tola OoluLakk.1
Suuratu Al-Ankabuut irraa kutaa kana keessatti waa’ee haadha abbaatti tola oolu ilaalla.

29:8

“Haadha abbaa isaatti tola oolu namaaf dhaamne jirra. Wanta beekumsa itti hin qabne akka Natti qindeessituuf yoo sitti qabsaa’an, isaaniif tole hin jedhin. Deebiin keessan garuma Kiyya, wanta hojjataa turtanis isinitti hima.” Suuratu Al-Ankabuut 29:8

“Haadha abbaa isaatti tola oolu namaaf dhaamne jirra.” Kana jechuun haadha abbaa isaatiif tola akka oolu namaaf dhaamne jirra. Dubbiin, hojii fi qabeenyaan isaanitti tola oola.

  • Rabbiin olta’aan akkana waan jedheef dubbiidhaan isaanitti tola oolu qaba:

Jecha kabajaa isaan lamaanitti dubbadhu.” Suuratu Al-Israa 17:23 (Kana jechuun dubbii isaan kabajuu fi ulfeessun keessa jiru haadhaa abbaa keetitti dubbadhu.)

  • Ammas hojiidhaan isaanitti tola oolu ilaalchise ni jedha:
17:24

“Rahmata irraa kan ka’e koola(koochoo) xiqqeenyaa isaaniif gadi qabi. “Gooftaa kiyya! Akkuma isaan anaa xiqqaa ta’ee na guddisan Atis rahmata isaaniif godhi.”jedhi.”  Suuratu Al-Israa 17: 24

Aayah tana keessatti haadhaa abbaaf of gadi qabuu allaatti yommuu caacuti ishiitiif koola ishii gadi qabduun wal fakkeesse. Hiikni kanaa:  Yaa ilma! Rahmata irraa kan ka’e haadha abbaa keetif of gadi qabuu fi garaa laafun kee akka allaatti koola caacutif gadi qabdu haa ta’u.

As keessatti gadi of qabuu fi isaaniif garaa laafun kuni na argaaf ykn qabeenya isaanii dharra’uun ykn faayda addunyaa biroo hawwuun ta’uu akka hin qabne agarsiisuuf “Rahmata irraa kan ka’e” jechuun ni dubbate.[1] Namni na argaaf ykn qabeenya haadha abbaa fudhachuuf osoo hin ta’in isaaniif rahmata gochuuf jecha isaaniif of gadi qabuu fi garaa laafufi qaba. 

  • Ammas qabeenyaan haadha abbaatti tola oolu ilaalchisee Rabbiin olta’aan ni jedha:

Firaaf, harka qalleeyyi fi karaa deemaafis haqa isaa kenni. Qisaasessuu hin qisaasessin.” Suuratu Al-Israa 17:26

Firri nama namatti dhiyoo ta’eedha. Namni hundarra namatti dhiyoo ta’e haadha abbaadha.

Fakkeenyaaf: namni haadha abbaatti qabeenyaan kan tola oolu fi qabeenya isaanitti dhangalaasun homattu kan hin hajamne yoo isaan taasise, garuu dubbiidhaan kan isaan miidhuu fi isaanitti nyakkisu, fuula isaanitti guuru yoo ta’e, namni kuni haadha abbaatti tola hin oolle. Haaluma kanaan, isaan waliin kan kolfu, dubbiidhaan isaanitti laafu, qabeenya isaanitti dhangalaasu yoo ta’e, garuu yommuu haajaan isa waamtu mataa isaatiin isaan kan hin tajaajille ta’e, inni tola hin oolle. Kanaafu, tola oolun dubbiin, gochaa fi qabeenyaan ta’uu qaba. 

“Wanta beekumsa itti hin qabne akka Natti qindeessituuf yoo sitti qabsaa’an, isaaniif tole hin jedhin.” [Kana jechuun Anaaf shariika ta’uu isaa wanta hin beekne akka Na waliin gabbartuuf (waaqefattuuf) haadhaa fi abbaan kee yoo humna baasanii fi carraaqan, isaaniif hin ajajamin, isaan hin hordofin.]

Asitti itti qabsaa’un dirqama irratti gochuu, dharraasisuu fi danquu (cinquu)dha. Shirkiitti si ajajuun, kanatti si dirqisiisuu fi sitti danquun akka Natti waa qindeessitu yoo sitti qabsaa’an, isaaniif tole hin jedhin. Yeroo garii shirkii jajuun (faarsun), yeroo biraa immoo tawhiida balaalefachuun, yeroo garii dirqisiisuu fi kajeelchisuun, yeroo biraa immoo firummaa addaan kutuuf sitti zaatun yoo kanarratti sitti qabsaa’an, isaaniif tole hin jedhin. Sababni isaas, haqni Khaaliqaa haqa makhluuqaa dursa. Rabbiitti waa qindeessun (shirkiin) haqa Khaaliqaa keessatti zulmiidha. Akkuma Rabbiin olta’aan jedhe, “Dhugumatti shirkiin zulmii guddaadha.” (Suuratu Luqmaan 31:13). Kanaafu, haqa namoota kanniiniif jettee haqa Rabbii hanqisuun hin hayyamamu.[2]

Namoonni gariin yommuu Islaama keessa seenan haadhaa fi abbaan isaanii Islaama irraa duubatti deebisuuf isatti/ishitti qabsaa’u. Islaama dhiisee wanta isaan waaqeffatan akka waaqefatu, kana jechuun shirkii hojjatu isa ajaju, ni kadhatu. Yookiin immoo miidhaa isarra geessuf itti dhaadatu. Kanaafu, namni yeroo kanatti isaaniif ajajamu hin qabu. Aayan tuni Sa’d ibn Abi Waqqaas ilaalchise akka buute mufassiroonni ni dubbatu.

Sa’d ibn Abi Waqqaas ni jedha: Ani nama haadha tiyyaaf tola oolu ture. Yommuu ani Islaama keessa seenu, haati tiyya ni jette, Yaa Sa’d! Amantiin haarofti ati qabatte kuni maaliidhaa? Takkaa amantii kee kana ni dhiista takkaa immoo ani hanga du’utti hin nyaadhu, hin dhugu. Ergasi yoo ani du’e, sababa kiyyaan ni salphatta. “Yaa nama haadha ofi ajjeese” jedhama. Anis ni jedheen: Kana hin hojjatin yaa haadha koo! Ani homaafiyyuu jedhee amanti kiyya kana hin dhiisu. Guyyaa tokko fi halkan tokko osoo homaa hin nyaatin turte. Dadhabdu taate ni bariisifatte. Ammas, guyyaa fi halkan itti aanu osoo homaa hin nyaatin ni turte. Dadhabdu taate ni bariisifatte. Ammas, guyyaa fi halkan itti aanu osoo homaa hin nyaatin ni turte. Garmalee tan dadhabdu taate bariisifatte. Yommuu kana argu ani ni jedhe: Yaa haadha koo! Ni beekta, Rabbiin kakadhe! Osoo ati nafsee dhibba (100) qabaatte, nafseen hundi takka takkaan si keessaa baate, amanti kiyya kana homaafiyyuu jedhee hin dhiisu. Yoo feete nyaadhu, yoo feete immoo hin nyaatin. Ergasii ishiinis ni nyaatte.”[3] 

Sababni bu’iinsa aayah tanaa Sa’d haa ta’uyyu malee ergaan aayah tanaa nama hundaa kan hammatuudha.

“Deebiin keessan garuma Kiyya, wanta hojjataa turtanis isinitti hima.”
Hiikni kanaa, yoo shirkiitti si ajajan haadhaa abbaa kee diduun cubbuu(dilii) akka hojjatteti hin yaadin.  Guyyaa Qiyaamaa deebiin keessan garuma Kiyya. Wanta hojjataa turtanis isinitti beeksisa. Asitti beeksisuun (itti himuun) barbaadame wanta isaan wal qabatuudha. Innis adabuu fi qabuudha. Ati tawhiida irra turuu keetiif jazaa nama tawhiida qabatee argatta. Isaan immoo shirkii irra turuu isaaniitiif jazaa mushrikaa argatu. Inumaa wanti kana caale, jazaa mushrikaa gara shirkiitti waamu argatu. Sababni isaas, isaan shirkii hojjachuu itti fufuu waliin shirkii akka hojjatu ilmatti qabsaa’an. Kanaafu, adabbii lamatu isaan irra jira:
1ffaa-Isaan lamaanu shirkii hojjachuu
2ffaa-adabbii gara shirkiitti waamu. Inumaa waamu qofaa mitii, akka ilmi shirkii hojjatu itti qabsaa’an.[2]

[Yoo ati shirkii keessatti isaaniif tole jettee isaan hordofte, kaafirota keessaa taata. Akkuma mushrikoota biroo Guyyaa Murtii jazaa kufrii keeti Jahannam keessa yeroo hundaa turuun argatta. [4]]

Guduunfaa
✏Haadha abbaatti tola oolun karaa sadiin ta’a. Isaanis: dubbiin, hojiidhaan fi qabeenyaan. Dubbii gaarii isaanitti dubbatta, hojii gaarii isaaniif hojjatta, qabeenya yoo barbaadan isaaniif kennita.
✏ Haadha abbaan Rabbiin ala wanta biraa gabbaruutti (waaqefachuutti) yoo ajajan gonkumaa isaaniif tole hin jedhin. Sababni isaas, haqni Khaaliqaa haqa haadha abbaa caala. Kanaafu, Rabbiin ala wanta biraa gabbaruun shirkii haqa Rabbiitiin walitti bu’uudha.
✏Haadha abbaan kaafirota yoo ta’an ilmi Rabbiin ala wanta biraa akka gabbaruuf (waaqefatuuf) karaa adda addaatin itti qabsaa’u. Isaan keessaa: shirkiitti ajajuun, shirkii faarsun, isa kadhachuun, sodaachisuun, miidha isarra geessuuf dhaadachu fi kkf.
✏Kanaafu, namni kana keessatti isaaniif tole jechuu hin qabu. Isaaniif tole jedhee yoo isaan hordofe, Guyyaa Murtii adabbii kaafirotaa adabama. Innis Jahannami.


Kitaabbilee wabii
[1] Ma’aariju Tafakkuri-9/599
[2] Tafsiir Qur’aanil Kariim-Suuratu Al-Ankabuut-Ibn Useymiin, fuula 34
[3] Tafsiir Ibn Kasiir 3/446
[4] Ma’aariju Tafakkuri wa daqaa’iqu tadabburi- 15/227

Tafsiira Suuratu Al-Ankabuut-Kutaa 2.2
Tafsiir Suuratu Al-Ankabuut-Kutaa 1.2

Leave a Reply