Tafsiira Suuratu Al-Ankabuut-Kutaa 2.2

Offline dubbisuf

Haadhaa Abbaatti Tola OoluLakk.2
Kutaa darbe keessatti akkaataa haadha abbaatti tola oolan ilaalle jirra. Har’as itti fufuun “Faayda Aayah tanaa keessaa” jedhu jalatti ni ilaalla.

Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa akkana jedha:

29:8

“Haadha abbaa isaatti tola oolu namaaf dhaamne jirra. Wanta beekumsa itti hin qabne akka Natti qindeessituuf yoo sitti qabsaa’an, isaaniif tole hin jedhin. Deebiin keessan garuma Kiyya, wanta hojjataa turtanis isinitti hima.” Suuratu Al-Ankabuut 29:8

Faaydalee Aayah tanaa keessaa:
Faaydan 1ffaan-dubbiin, hojii fi qabeenyaan haadha abbaatti tola oolun dirqama ta’uu.
Faaydan 2ffaan-haadha abbaan osoo kaafirota ta’anillee haqa qabu. Aayah keessatti Rabbiin olta’aan, “Wanta beekumsa itti hin qabne akka Natti qindeessituuf yoo sitti qabsaa’an, isaaniif tole hin jedhin.” Waan jedheef. Isaan lamaan mushrikoota ykn kaafirota. Ilmas akka shirkii hojjatu itti qabsaa’u. Kana waliinu Rabbiin isaanitti tola oolu dirqama godhe.

Faaydaa 3ffaa-Laa xaa’ata li makhluuqi fii ma’asiyatil Khaaliqi (Khaaliqa faallessuun uumamaaf (makhluuqaaf) ajajamuun hin jiru.) “isaaniif tole hin jedhin” waan jedheef. Badii keessatti makhluuqaaf ajajamuun hin jiru.

Faaydan 4ffaan- Yoo isaanitti tola ooluun wanta ma’asiyaa (badii) hin taane keessatti ta’e, isaaniif ajajamuun dirqama ta’uu. Sababni isaas, ma’asiyaa keessatti isaaniif ajajamu qofarraa dhoowwame. Asitti akkana jedhamu danda’a: shirkii keessatti namni haadha abbaaf ajajamu irraa ni dhooowwame, shirkiin ala wanta jiru keessatti isaaniif ajajamu irraa ni cal’ise. Kana jechuun ma’asiyaa keessatti isaaniif ajajamu irraa ni dhoowwe, ma’asiyaa wanta hin taane keessatti isaaniif ajajamu irraa ni cal’ise.

Wanta dirqamaa (waajibaa) keessatti isaaniif ajajamuun dirqama. Sababni isaas, waajiba kana Rabbiin dirqama godhee jira. Fakkeenyaaf: abbaan kee, ka’ii jama’adhaan salaati yoo siin jedhe, salaatun sirratti dirqama.

Wanta gaarii ykn badii hin taane keessatti isaaniif ajajamu ilaalchise immoo akkana jenna: isaaniif ajajamuun isaanitti tola oolu yoo ta’e, aayan kuni dirqama ta’uu agarsiisti. Rabbiin olta’aan, “Haadha abbaatti tola ooluu”[1] waan jedheef.

Isaaniif ajajamuun isaanitti tola oolu yoo hin ta’in, aayanni dirqama ta’uu hin agarsiistu. Kanaafi, sheykhul Islaama akkana jedha: “haadha abbaaf ajajamuun wanta isaaniif faayda qabuu fi isa hin miine keessatti qofa dirqama.

Aayanni wanta shekhni jedhe agarsiisti. Sababni isaas, Rabbiin ma’asiyaa keessatti isaaniif ajajamu irraa ni dhoowwe. Ma’asiyaan ala wanta jiru irraa ni cal’ise. Amma haa ilaallu: Isaaniif ajajamuun wanta ma’asiyaa hin taane keessatti yoo ta’ee fi isaanitti tola oolu yoo of keessatti hammate, isaaniif ajajamuun dirqama. Jecha Rabbii olta’aaf, “Haadha abbaatti tola oolu.” (Suuratu Al-Baqarah 2:83)

Fakkeenyi kanaa: yoo abbaan kee suuqidhaa waan gaarii akka bittu si ajaje, kuni sirratti dirqama. Sababni isaas, kuni isatti tola oolu irraayyi. Kanaafu, hojjachuun sirratti dirqama ta’a.

Gama biraatin ebalu nama qajeelaa waan ta’eef akka isaan hin hiriyyoomne abbaan kee yoo si ajaje, asitti isaaf ajajamuun sirratti dirqamaa miti. Sababni isaas, kana keessa miidhaatu jira. Yookiin xiqqaate xiqqaatu faaydan nama jala darbuudha. Abbaa keetifis faaydan keessa hin jiru. (Nama qajeelaa fi gaarii ta’e waliin hiriyyoomu yoo dhiiste xiqqaate xiqqaatu faaydan isarraa argattu si jala darba.)

Garuu yoo abbaan kee ebalu waliin diinummaa (gadoo) dhuunfaa waan waliin qabaniif “Nama kana waliin hin hiriyyoomin” yoo sin jedhee fi sirra miidhaan kan hin geenye, nama kana waliin hiriyyoomu irraas faayda kan hin arganne yoo taate, abbaa keetif ajajamun dirqama. Sababni isaas, diina abbaa keeti waliin hiriyyoomun abbaa kee dallansisa.

Yoo abbaan kee: niiti tee hiiki siin jedhe, fooyya’insi shari’aa kana keessa yoo jiraate malee isaaf tole jechuun dirqamaa miti. Fakkeenyaf, abbaan kee dhimma wayii arguu fi sababa kanaan niitin tee si waliin turu tan hin dandeenye ta’u. Garuu isaa fi ishii jidduu diinummaan dhuunfaa yoo jiraate, ilma irratti niiti isaa gadi dhiisun dirqamaa miti. Haa ta’u malee,haala akkanaa keessatti ishii bakka biraatti dabarsuun dhoksuu dandeessa. Kanaafu, innis, ishiinis ni boqatu.

Gocha ibni Umar abbaa isaa waliin hojjate ilaalchise Imaamu Ahmad ni gaafatame. Namni tokko Imaamu Ahmaditti dhufee, “Abbaan kiyya niiti tiyya akka hiiku na ajaje” jechuun gaafate. Imaamu Ahmadis ni jedhe: Ishii hin hiikin. Namtichis ni jedhe: Umar ilmi isaa akka niiti isaa hiiku hin ajajnee? Kanaafu, Nabiyyinis (Sallallahu aleyh wassallam) akka ishii hiiku ajaje. Imaamu Ahmadis ni jedhe, “Eeyyen. Kuni ta’ee jira. Garuu abbaan kee Umari?”

Deebiin: Inni Umari miti.
(Umar Ibn Al-Khaxxaab nama gamnaa waan ta’eef ilmi isaa niiti akka hiiku kan ajajuuf tarii waan badaa irratti argeeti. Tarii namni kuni immoo akka Umar waan hin taanef sababa qabatamaa hin taanef akka hiiku ajaju danda’a.) 

Kanaafu, aayan tuni ma’asiyaa keessatti isaaniif ajajamun dhoowwaa akka ta’e agarsiisti. Wanta maa’asiyaa hin taane keessatti immoo ni cal’ise. Kanarratti hundaa’e, jalqaba aayah keessa kan seenu yoo ta’e malee isaaniif ajajamuun dirqamaa miti. Kana jechuun isaaniif ajajamun dirqama kan ta’uu yoo isaanitti tola oolu ta’eedha. Rabbiin olta’aan waan akkana jedheef “Haadha abbaa isaatti tola oolu namaaf dhaamne jirra”

Gabaabumatti, qajeelfamni bu’uura haadha abbaaf ajajamuu: Rabbiin faallessu (ma’asiyaa) keessatti ta’uu hin qabu, isaanitti tola oolu irraa ta’uu fi isa irra miidha kan geessu ta’uu dhiisu.

Faaydaa 5ffaa: Haqni Rabbii haqoota hunda caalaa guddaadha. Kana keessa haqni Nabiyyii (sallallahu aleyh wasallam) ni seena. Haqni Nabiyyi aleyh salaatu wassalaam haqa abbaa fi haadha keeti caala.
Faaydaa 6ffaa: Shirkiin (Rabbiin waliin waan biraa gabbaruun) sirrii ta’uu ragaan agarsiisu tokkollee hin jiru. Ragaaleen hundi shirkiin soba akka ta’e agarsiisu.
Faaydaa 7ffaa: du’aan booda kaafamu fi gara Rabbii deebi’u mirkaneessu. “Deebiin keessan garuma Kiyya.” Waan jedheef.
Faaydaa 8ffaa: namni hojii isaatiin kan mindeefamuudha (jazaa argatuudha). “Wanta hojjataa turtanis isinitti hima” waan jedheef.
Faayda 9ffaa: Beekumsa Rabbii mirkaneessu. Sababni isaas, himuun beeksisuudha. Beeksisuun beekumsarraa malee hin ta’u.[3]

29:9

Warra amananii fi hojii gaggaarii hojjatan, dhugumatti saalihoota keessa isaan seensifna.” Suuratu Al-Ankabuut 29:9

Kana jechuun namoonni iimaana isaanii dhugaa fi sirrii ta’e irratti gadi dhaabbatan, fitnaan (qormaanni) iimaana isaanii irraa isaan hin sochoofne, dhugummaa iimaana (amanuu) isaanii hojii gaggaarii hojjachuun dhugoomsan, Guyyaa Murtii garee warra saalihoota (warra gaggaarii) gara Jannataa garee gareen oofaman keessa isaan seensifna.[4] Guyyaa Qiyaamaa namoonni hunduu hojii isaanii irratti hundaa’e garee gareen walitti qabamu. Mu’minni garee mu’mintootaa waliin, kaafirri garee kaafirotaa waliin walitti qabama.

“Iimaanaa fi hojiiwwan gaggaariin aasxaa milkaa’innaati.” Garuu hojiiwwan gaggaariin ulaagaalee lama kan guute ta’uu qaba: ikhlaasaa fi shari’aa hordofuudha.

Guduunfaa
Ma’asiyaa keessatti haadha abbaaf ajajamuun dhoowwadha. Ma’asiyaa jechuun Rabbiin faallessuudha. Ma’asiyaan kuni wanta Rabbiin dhoowwe hojjachuu fi wanta dirqamaa Rabbiin itti ajaje hojjachuu dhiisu of keessatti hammata. Kanaafu haadha abbaan kee wanta Rabbiin dhoowwe akka hojjattu ykn wanta dirqamaa Inni itti ajaje akka dhiistu yoo si ajajan, isaaniif ajajamu hin qabdu. Fkn, shirkii akka hojjattu yoo si ajajan, isaaniif hin ajajamin. Salaata fardii akka dhiistu yoo si ajajan, isaaniif ajajamu hin qabdu.


Kitaabban wabii:
[1] Suuratu Al-Baqarah 2:83
[2] Tafsiir Qur’aanil Kariim-Suuratu Al-Ankabuut-Ibn Useymiin, fuula 35-39
[3] Ma’aariju Tafakkuri wa daqaa’iqu tadabburi- 15/227

Print Friendly, PDF & Email
Tafsiira Suuratu Al-Ankabuut-Kutaa 3
Tafsiira Suuratu Al-Ankabuut-Kutaa 2.1
Offline dubbisuf

One comment

Leave a Reply