Tafsiira Suuratu Al-Ankabuut-Kutaa 1.1

Offline dubbisuf

Warra dukkana keessaa gara ifaatti, dhiphinna keessaa gara bal’innaatti, dhama’iinsa keessaa gara qajeelinnaatti bahuu barbaadaniif Qur’aanni furmaata hundarra caaludha (best solution). Kunoo, suuratu Al-Ankabuut boqonna ajaa’ibaa dhugaa jireenyaa namatti himtuudha. Yeroo qormaataa fi rakkoo iimaanni kee akkami? Kaayyoon namoota qoruu maalidhaa? Namni dhugaa fi kijibaan yoom addaan baafamaa? Gaafilee kanniiniif deebii yoo barbaadde deebii quubsaa siif kennaa na qo’adhu jetti suuratu Al-Ankabuut.

Maqaa Rabbii Ar-Rahmaan Ar-Rahiim ta’een [jalqaba]

Aliif Laam Miim. Sila namoonni ‘Amanne’ jechuu qofaan osoo hin qoramiin dhiifamu yaadu? Dhugumatti, warra isaanin duraas qorree jirra. Dhugumatti Rabbiin warra dhugaa beekuf jira, sobdootas beekuf jira.” Suuratu Al-Ankabuut 29:1-3

“Sila namoonni ‘Amanne’ jechuu qofaan osoo hin qoramiin dhiifamu yaadu?” Kana jechuun sila namoonni amanne waan jedhaniif osoo hin qoramin waan dhiifaman isaanitti fakkaataa?[1]

Dhugumatti namni jireenya addunyaa marsaa qormaataa taate tana keessatti wanta jibbuun ykn wanta isa gammachisuun yeroo hundaa qormaataaf kan saaxilamuudha. Kanaafu, Rabbitti, Ergamaa Isaatti fi kitaabban Isaatti amanuu yommuu labsuu fitnaa (qormaata) irraa akka of eegee godhee akka hin yaanne.

Dubbii isaatiin iimaana labsuu isaa keessatti takkaa saadiqa (dhugaa) ta’uu danda’a, takkaa immoo kijibaa ta’uu danda’a. Wanti dhugaa isaa ifatti baasu wanta inni jibbuun isa qoruudha. Yoo inni ajrii (mindaa) guddaa Rabbii olta’aa biratti abdachuun obsee, obsi isaa ragaa iimaana labsuu keessatti dhugaa ta’uu isaa agarsiisuudha. Hammi obsaa inni qabu hamma iimaanaa inni qabu agarsiisa. Yoo hin obsin, inumaa dallane, nyakkise, wanti isatti bu’ee iimaana labsuu isaatiin walitti akka hin galle yaade, gara karaa kufrii fi kaafirootatti dabuu jalqabe, kuni hundi arrabaan iimaana labsuu isaa keessatti kijibaa akka ta’e agarsiisa.

Rabbiin azza wa jalla qomaata keessatti arrabaan iimaana labsuun qofti gahaa akka hin taane aayah tana keessatti ifa godhe. Murtii Isaatiif garaa guutuun harka kennuu waliin Rabbiin irraa jaallachuun, wanta jibban irratti obsuu fi mindaa guddaa Isa biratti abdachuun waan hafu hin qabneedha.

“Dhugumatti, warra isaanin duraas qorree jirra.” Kana jechuun dhugumatti ummattota darban irraa namoota “Nuti amanne” jedhan qorree fi mokkorre jirra. Wanta jibbaniin isaan qorre. Iimaana isaanii labsuun isaanii wanta jibbaniin qoramu irraa isaan hin eegne. Ummattoota darban kanniin keessaa nabii Nuuh aleyh salaam fi namoota isa waliin amanan, Huud, Saalih, Ibraahim, Luux, Shu’ayb, Muusaa hunda isaanii irrattu nageenyi haa jiraatu fi mu’mintoota isaan waliin turan. [2]

Fakkeenyaf, Nabii Ibraahim ibiddatti darbamuun, ilma isaa akka gorra’u ajajamuun ni qorame. Hiikni aayaata armaan olii: Rabbiin gabroota Isaa amanan hamma iimaana isaaniitiin isaan qoruun waan hin hafneedha. Akkuma Hadiisa keessatti dhufe:  “Namoota hunda caalaa qormaanni kan itti cimu Nabiyyoota, ergasii saalihoota. Ergasii hundarra gaarii kan ta’e, itti aane gaarii kan ta’eedha. Namni hamma amanti isaatiin qorama. Amantidhaan cimaa yoo ta’e, qormaanni isaa cimaa ta’a.Jaami’u At-Tirmizi 2398

“Dhugumatti Rabbiin warra dhugaa beekuf jira, sobdootas beekuf jira.” Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa namoota qoruun dura, yeroo qormaataa fi qormaata booda wanta qalbii isaanii keessa jiru ni beeka. Garuu hiikni aayah armaan olii: isaan qoruun nama dhugaan “Rabbitti amanne” jedhe ifatti baasa.[3] Nama sobaas ifa baasa. Namoonni hundu arrabaan Rabbitti amanne jechuu danda’u. Garuu yommuu balaa fi rakkoon bu’u, namni dhugaan amane iimaana irratti gadi dhaabbata. Namni sobaa immoo iimaana irraa duubatti deebi’a. Kanaafu, dhugaan nama saniiti fi sobni nama kanaa ifatti bahee jechuudha. Fakkeenyaf, namni sababa Islaama qabachuu isaatiif reebamu, arrabfamu ykn hidhamu danda’a. Namni rakkoo isa qunname kanaaf obsee fi Islaama qabachuu isaa itti fufe, iimaanni isaa qalbii keessatti hidda qabachuu fi dhugummaan isaa ifatti baha. Namni rakkoo kana sodaachun Islaama irraa duubatti deebi’e immoo iimaanni qalbii keessatti hidda akka hin qabanne agarsiisa. Sobni isaas ifatti baha. “Ani amane” jedhee dubbachuun isaa soba akka ta’e ni beekkama.

29:4

Sila warri hamtuu hojjatan Nu jalaa bahuu yaaduu? Wanti isaan murteessan waa fokkate!” Suuratu Al-Ankabuut 29:4
Kana jechuun namoonni Iimaana keessa hin seennee [fi badii hojjatan], qormaata kana jalaa nagaha waan bahan isaanitti hin fakkaatin. Dhugumatti, qormaata kana caalaa adabbii garmalee cimaa ta’etu isaan duuba jira. Kanaafi ni jedhe, “Sila warri hamtuu hojjatan Nu jalaa bahuu yaaduu?” Kana jechuun namoonni hojii badaa dalagan waan Nu jalaa miliqan isaanitti fakkaataa? “Wanti isaan murteessan waa fokkate!” Kana jechuun wanti isaan yaadan waa fokkate![4]

Aayata lamaan jalqabaati fi aayata tana yommuu wal qabsiisnu hiika kana ni hubanna:sababa Islaama qabataniif qormaanni namarra gahuu baay’een gama kaafirootaa irraan namatti dhufa. Kaafironni Islaama irraa namoota duubatti deebisuuf isaan ni rakkisuu, ni adabu, ni dararu. Yeroo kanatti, namni dararaa fi rakkoon kuni kaafirota irraa yommuu isarra gahu, “Kaafironni kafaranii osoo jiranu, akkamitti akka nu adabanii fi rakkisan Rabbiin isaan dhiisaa?” jedhee yaadun isaa hin oolu. Kaafironnis yakka hojjatan kana adabbii Rabbii jalaa bahuu akka danda’anitti yaadu. Kanaafu, Rabbiin subhaanahu yaada sobaa kana haaquf, Muslimoota jajjabeessuu fi kaafirota akeekachisuuf, “Sila warri hamtuu hojjatan Nu jalaa bahuu yaaduu? Wanti isaan murteessan waa fokkate!” jechuun beeksisa.

Aayan tuni kaafirota qofaaf osoo hin ta’in nama badii hojjatu hunda akeekachiisti. Kaafirri Rabbii olta’aa jalaa bahu hin danda’u. Muslimni badii hojjatus Isa jalaa bahu hin danda’u. Namni “Rabbiin na hin adabu, na hin qabu” jechuun badii hojjachu itti fufuu, yaada fokkuu yaade jira.

29:5

Namni qunnamti Rabbii kajeelu, dhugumatti beellamni Rabbii dhufaadha. Inni Dhagayaa, Beekadha.” Suuratu Al-Ankabuut 29:5
Kana jechuun namni ganda Aakhiraatti Rabbiin akka qunnamu abdatee fi mindaa bareedaa Rabbiin bira jiru kajeele, beellamni Rabbiin mindaa fi adabbiif namoota kaasuf murteesse ni dhufa.[5]

Yaa nama Rabbii isaa jaallatu, Isatti dhiyaachuu fi Isa qunnamuuf dharra’u, Isa gammachisuuf fiigu! Yeroo jaallatamaan itti wal qunnamtu dhiyoo ta’uun gammadi. Dhugumatti, yeroon kuni ni dhufa. Wanti ni dhufa jedhame hundi dhiyoodha. Kanaafu, kajeellaa waliini fi Isa bira gahuu abdachuun Isa qunnamuuf siinqi (galaa) qopheeffadhu, gara Isaatti imali. Garuu wanti namni odeesse hundi oduu isaa qofaan isaaf hin kennamu. Akkasumas, namni hawwu hundi wanti hawwee [hawwii isaatiin qofa] isaaf hin kennamu. Rabbiin sagalee Kan dhagayuudha, niyyaa namaa Kan beekudha. Namni kana (Rabbiin qunnamu fi mindaa Isaa kajeelu) keessatti dhugaa ta’e, wanta inni abdate isaaf kenna. Namni kijibaa ta’e immoo oduun isaa homaa isa hin fayyadu. Inni nama jaalala Isaatiif maluu fi hin malle ni beeka.[6]

Marsaan jireenya addunyaa marsaa qormataa fi fitnaa waan taatef, ammas namoonni bakka lamatti waan qoodamaniif: warra kasaaran– kunniin warra qunnamti Rabbii hin abdanne, fedhii qullaa ofii, sheyxaanaa fi dharraa addunyaa hordofan,
warra bu’aa buufatan-isaan kuni warra Rabbiin wal qunnamu abdataniidha. Adeemsa isaanii keessatti karaa Rabbii qajeelaa qabachuuf qabsaa’u. Kanaafu, dubbii ibsuu keessatti hikmaa (ogummaa) irraa waa’ee warra dhugaan amananii fi jireenya isaanii keessatti jaalala Gooftaa isaanii barbaadun qabsaa’an ilaalchise dubbachuudha. Rabbiin olta’aan ni jedha: 

29:6

Namni qabsaa’e kan inni qabsaa’u lubbuma isaatiifi. Dhugumatti Rabbiin aalama hundarraa Dureessa.” Suuratu Al-Ankabuut 29:6
Kana jechuun namni humna guddaa isa bira jiru Rabbiif ajajamuu fi wanta Isa gammachisuu hojjachuu keessatti baase, kan inni qabsaa’uuf fooyya’insaa fi faayda nafsee ofii qofaafi. Ibaadaa fi qabsoo isaatiin Rabbiif faayda homaatu hin dhiyeessu. Sababni isaas, Rabbiin aalama hundarraa dureessa.

Dureessa- jechuun of gahaa Isaan ala wanta biraa kan hin barbaannedha. Aalama jechuun immoo Rabbiin ala wantoota jiran hunda. Aalamni namoota hunda ykn namaa fi jinni ibsuufis itti fayyadaman.[7] Qabsoon (jihaanni) bakka lamatti qoodama:
1ffaa-Qabsoo lolaa– kuni diinotatti qabsaa’udha. (Qabsoo kana irraa bu’aa buufachuu fi mindaa (ajrii) irratti argachuuf Rabbiif jedhanii yoo qabsaa’anii fi haala Inni ajajeen yoo ta’e qofaadha.)
2ffaaQabsoo nafsee-kunis wanta itti ajajaman hojjachuu fi wanta irraa dhoowwaman dhiisu irratti nafsee ofiitti qabsaa’udha.[8] Itti aansee mindaa warra haala kanaan qabsaa’anii dubbata:

29:7

Warra amananii fi hojii gaggaarii hojjatan, badii isaanii isaan irraa ni haaqna. Dhugumatti irra gaarii waan isaan dalagaa turanii isaan mindeessina.” Suuratu Al-Ankabuut 29:7
Kana jechuun warroonni Rabbii fi Ergamaa Isaa dhugoomsanii fi hojii gaggaarii hojjatan, badii isaanii isaan irraa haxoofna. Hojii isaanii gaggaariif wanta hojjataa turan caalaa mindaa isaaniif kennina.[9] Kunis hojii gaarii takkatti hojjataniif mindaa dachaa kudhanii hanga dhibba torbaa fi san caalu argatu. Garuu hojiin hojii gaarii jedhamuuf: ikhlaasaa fi shari’aa hordofuun kan hojjatame yoo ta’eedha. Ikhlaasan yommuu jennu hojii keetin Fuula Rabbiiti fi ganda Aakhirah niyyachuudha. Shari’aa hordofuun immoo akkaataa Nabiyyiin (Sallallahu aleyh wassallam) hojjataniitti hojjachuudha. Faallaan ikhlaasa shirkiidha. Faallaan shari’aa hordofuu immoo bid’aadha. Kanaafu, mushrikaa fi nama bid’aa hojjatu ta’uu hin qabdu.[10]


Kitaabban wabii:
[1] Tafsiiru Xabarii-18/356, Tafsiir Tahriir wa tanwiir-20/203
[2] Ma’aariju Tafakkuri wa daqaa’iqu Tadabburi-15/221-222
[3] Tafsiir Xabarii-18/357, Zaadul Masiir-1076
[4] Tafsiir Ibn Kasiir-6/47
[5] Tafsiir Xabarii-18/361, madda olii[6] Tafsiir As-Sa’dii-735[7] Ma’aariju Tafakkuri wa daqaa’iqu Tadabburi-15/224-225
[8] Tafsiir Qur’aanil Kariim-Suuratu Al-Ankabuut, fuula 26, Ibn Useymiin
[9] Tafsiir Muyassar-397
[10] Tafsiir Qur’aanil Kariim-Suuratu Al-Ankabuut, fuula 29, Ibn Useymiin

Print Friendly, PDF & Email
Tafsiir Suuratu Al-Ankabuut-Kutaa 1.2
Tafsiira Suuratu Qaaf-Xumura
Offline dubbisuf

Leave a Reply