Tafsiira Suuratu Al-Ankabuut-Kutaa 5

Rabbiin Qofa Gabbaruun Karaa Rizqii fi wanta barbaadan ittiin argataniidha
Ilmi namaa halkanii guyyaa rizqii soqachuuf oli gadi kaata. Yommuu rizqii dhabuu ykn jalaa xiqqaatu gara humna ghaybi (ijaan hin mul’anne) rizqii naaf kenna jedhee yaadutti deemun isaaf of gadi qaba. Tarii wanti inni rizqii naaf kenne jedhe sagaduuf kuni wanta homaayyu hin hojjanne ta’uu danda’a. Nabii Ibraahim (aleyh salaam) ummata isaa kana hojjatan irratti jibbuun Rabbii Tokkicha rizqii namaaf kennu danda’uuf akka gadi of qabanii fi sagadaniif isaan gorse:

Ibraahiminis yommuu ummata isaatiin, “Rabbiin gabbaraa, Isa sodaadhaa. Yoo kan beektan taatan santu isiniif caala. Rabbii gadiitti sanamoota qofa gabbartu, kijibas uumtu. Kanneen isin Rabbii gadiitti gabbartan rizqii isiniif kennuu hin danda’an. Kanaafu, Rabbuma biraa rizqii barbaadaa, Isas gabbaraa, Isaafis galata galchaa. Garuma Isaa deebifamtu.” jedhe [yaadadhu]. Suuratu Al-Ankabuut 29:16-17

Yommuu Ibraahim (aleyh salaam) ummata isaatiin akkana jechuun waame yaadadhu: ibaadaa Rabbi qofaaf qulqulleessaa, wanta Inni dirqama isin irratti godhee hojjachuu fi Isa faallessuu irraa fagaachun dallansuu Isaa irraa of eegaa. Yoo kan beektan taatan Rabbiin gabbaruu fi Isa sodaachutu isiniif caala. Dhugumatti, Rabbiin gabbaruu fi Isa sodaachuu dhiisu keessa kheyriin homaatu hin jiru. Rabbiin gabbaruu fi Isa sodaachuun namootaaf garmalee gaarii kan ta’eef addunya fi Aakhiratti kanaan malee badhaasa Isaa hin argatan. Kheeyrin hundi addunyaa fi Aakhira keessatti argamu bu’aa ibaadaa fi taqwaati.[1]

Rabbiin gabbaruu jechuun wanta Inni itti ajaje hojjachuu fi wanta Inni dhoowwe dhiisuun Isaaf of gadi qabuudha. Taqwaa jechuun immoo Rabbiif ajajamuun adabbii Isaa irraa eeggumsa godhachuudha.[2]

“Rabbii gadiitti sanamoota qofa gabbartu, kijibas uumtu.” Ibraahim (aleyh salaam) ummata isaatiin akkana jedhe, “Sanamoota harka keessaniin boccan waaqefattu. Sanamoota kanniin gabbaramoo jettanii moggaasuun kijiba uumtu.[3] Akkasumas, nama isaan gabbaruuf faayda fiduu fi miidhaa isarraa deebisu keessatti dhiibbaa hin mul’anne qabuu jechuun soba uumtu.

Kanneen isin Rabbii gadiitti gabbartan rizqii isiniif kennuu hin danda’an. Kanaafu, Rabbuma biraa rizqii barbaadaa, Isas gabbaraa, Isaafis galata galchaa. Garuma Isaa deebifamtu.” jedhe [yaadadhu].”
Karaa soorataa fi galii nuuf laaffisu jechuun wantoonni isin Rabbiin alatti waaqefattan, soorataa fi galii isiniif kennuu hin danda’an. Sababni isaas, sanamoonni kunniin wanta harka keessaniin boccaniidha, nama fayyadu hin danda’an.

Dhugumatti, rizqii kan harkaa qabu Rabbii Gooftaa keessan ta’ee fi Gooftaa samiiwwanii, dachii fi isaan jidduu ta’eeti. Inni Khaaliqa wantoota jiran hundaati. Kanaafu, Isa bira qofa rizqii keessan barbaadaa, Isa qofas gabbaraa. Qananii baay’ee isiniif kenneefis Isa galateefadhaa. Qananii kana keessaa samii irraa bishaan buusuu fi biqiltoota biqilchuun rizqii isiniif laaffisuudha.[4]

Rabbii olta’aa qofa gabbaruu fi Isa galateefachuun sababa rizqii ittiin argatanii fi sababa rizqiin ittiin turuudha. “Isa gabbaraa” kuni sababa rizqiin ittiin argamuudha. “Isaaf galata galchaa” kuni sababa rizqiin ittiin turuudha.[5]

“Garuma Isaa deebifamtu” Kana jechuun Guyyaa Qiyaamaa gara Isaatti deebifamuun wanta hojjataa turtaniif jazaa isiniif kafala, wanta dhoksitanii fi ifatti baastan isinitti beeksisa. Kanaafu, shirkii keessan irra osoo jirtanu Isatti dhufuu irraa of eeggadhaa, wanta gara Isaatti isin dhiyeessu fi yeroo Isatti dhuftan mindaa ittiin isiniif kennu kajeelaa.[6]

29:18

Yoo kijibsiiftan, dhugumatti ummattoonni isiniin duraa kijibsiisanii jiru. Itti geessu ifa ta’e malee Ergamaa irra homtu hin jiru.” Suuratu Al-Ankabuut 29:18

Yaa namoota! Ergamaa Keenya Muhammadin sallallahu aleyh wassallam yoo kijibsiiftan, isin dura ummattoonni darban Ergamtoota isaanitti ergaman kijibsiisanii jiru. Kanaafu, dallansuun Rabbii isaanitti bu’e. Dirqamni Ergamaa irra jiru Rabbiin irraa ergaa Isaa itti geessu ifa ta’e isinitti geessu qofa. “Itti geessu ifa ta’e” jechuun wanti barbaadame nama dhageefatuuf ifa kan ta’uu fi hiikni barbaadame kan irraa hubatamuudha.[7]

Jalqaba Kan Uume Lamuu Deebisuun Isatti ni ulfaataa?

29:19

“Sila akkamitti Rabbiin uumuu akka jalqabu ergasii isa deebisuu hin arginee? Dhugumatti, kuni Rabbiin irratti salphaadha.” Suuratu Al-Ankabuut 29:19

Sila namoonni du’aan booda kaafamu morman ykn shakkan, Rabbiin akkamitti uumamtoota uumuu akka jalqabu hin arginee? Biqiltootaa fi midhaan sanyii keessaa ni biqilcha, lubbu-qabeenyi copha bishaan saalaa irraa ni uuma. “Ergasii isa deebisa.” Kana jechuun Rabbiin akkuma yeroo jalqabaa uume uumamni kuni erga badee fi bututee booda ni deebisa. Kuni Isarratti hin ulfaatu. “Dhugumatti, kuni Rabbiin irratti salphaadha.” Kana jechuun uumamtoota uumuu jalqabuu fi erga badanii booda deebisuun Rabbiin irratti salphaadha. Sababni isaas, Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa wanta tokko uumuu yoo barbaade, “Ta’i” jechuuni qofa. Wanti sunis yoosu ta’ee argama.[8]

29:20

Jedhi, “Dachii keessa deematii akkamitti [Rabbiin] uumuu akka jalqabee ilaalaa. Ergasii Rabbiin uuminsa dhumaa uuma. Dhugumatti, Rabbiin wanta hundaa irratti Danda’aadha.” Suuratu Al-Ankabuut 29:20

Kana jechuun namoota du’aan booda kaafamutti hin amanneen akkana jedhi: Dachii keessa deemaatii Rabbiin akkamitti uumamtoota uumuu akka jalqabee ilaalaa, qoradhaa. Isaan ala uumamtoota kanniin kan uume Khaaliqni biraa ni jiraa?[9]

Dachii keessa deemun uumamtootatti xinxalluun: takkaa miilaan lafa keessa deemun wanta arganitti xinxalluu takkaa immoo kitaaba waa’ee uumama lubbu-qabeenyi dubbatu dubbisuun qalbiin itti xinxalluun ta’a.[10]

Dachii keessa deemun uumamtootatti xinxalluutti ajajuun faayda baay’ee qaba: namni wanta naannawa isaa yeroo hundaa waan arguuf bartee ykn aadaa godhatee jira. Barnoota hangas mara irraa hin fudhatu. Garuu yommuu dachii keessa deemuu fi wanta haarawa arguu, itti xinxalluu jalqaba. Namni gamni akkana jechuun xinxalla. “Uumamni kuni duraan kan hin jirre ture. Ergasii haala ajaa’ibaa kanaan ni uumame. Kanaafu, eenyutu uumama kana argamsiise ykn uumee? Wanti duraan hin jirre ofiin of uumu waan hin dandeenyeef Khaaliqni isa uume jiraachu qaba. Khaaliqni kuni wanta duraan hin jirre erga uume, wanta bade lamuu uumuu ni dadhabaa? Gonkumaa hin dadhabu. Jalqaba uumuu kan danda’e lamu deebisee uumuu irratti danda’aadha.” Kanaafi itti aanse ni jedha: “Ergasii Rabbiin uuminsa dhumaa uuma.” Kana jechuun uumamtoonni erga badanii booda Rabbiin yeroo kaafamaa uuminsa biraa isaan uuma. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa uumamtoota jireenya jalqabaa keessatti uume hunda erga balleesse booda Guyyaa Qiyaamaa isaan kaasa. Erga isaan balleesse booda lamuu isaan uumun homaa Isarratti hin ulfaatu. Sababni isaas, “Rabbiin wanta hundaa irratti Danda’aadha.”


[1] Tafsiiru Muyassar-398, Tafsiir Sa’dii-737[2] Tafsiir Qur’aanil Kariim-Suuratu Ankabuut-fuula 67-68, Ibn Useymiin[3] Tafsiiru Muyassar-398[4] Ma’aariju tafakkuri wa daqaa’iqu tadabburi-15/239[5] Tafsiir Qur’aanil Kariim-Suuratu Ankabuut-fuula 72, Ibn Useymiin[6] Tafsiir Sa’dii-737[7] Tafsiir Muyassar-398, Tafsiir Xabarii-18/376[8] Ma’aariju tafakkuri wa daqaa’iqu tadabburi-15/240[9] Zaadul Masiir-1080 [10] Tafsiir Qur’aanil Kariim-Suuratu Ankabuut-fuula 82, Ibn Useymiin

Print Friendly, PDF & Email
Tafsiira Suuratu Al-Ankabuut-Kutaa 6
Tafsiira Suuratu Al-Ankabuut-Kutaa 4

Leave a Reply