Tafsiira Suuratu Al-Ankabuut-Kutaa 6

Jireenyi Lammataa Maaliif Barbaachistee?
Namni xinxallu akkana jechuun of gaafata: Rabbiin maaliif jireenya lammataatiif namoota kaasaa? Namni kuni suuratu Al-Ankabuut irraa aayata duraan barate irraa akkana jechuun deebii deebisa: Rabbiin azza wa jalla karoora uuminsaa keessatti jireenya addunyaa tanaa qormaataaf qopheesse.  Jireenya lammataa immoo qorannoof, murtii dabarsuu fi jazaa hojii irra oolchuuf qopheessee jira.

Guyyaa Murtii jazaan namoota addunyaa keessatti iddoo qormaataa kaa’aman keessaa nama badii hojjateef adabbii isaaf maluu adabuu fi nama waan gaarii hojjate badhaasu waan of keessatti qabateef itti aanse akkana jedhe:

29:21

“Nama fedhe ni adaba, nama fedhe rahmata godhaaf. Garuma Isaatti deebifamtu.” Suuratu Al-Ankabuut 29:21

Kana jechuun Rabbiin uumamtoota Isaa keessaa nama fedhe sababa inni yakka hojjateef ni adaba. Ammas isaan keessaa namoota tawbatan, amananii fi hojii gaarii hojjatan irraa nama fedheef rahmata godha. Guyyaa Qiyaamaa garuma Isaatti deebifamtu. Ergasii wanta hojjataniin jazaa isiniif kafala.[1] Kanaafu, addunyaa tana keessatti wanta rahmata Isaatti nama geessu hojjadhaa, wanta adabbii Isaatti nama geessu irraas fagaadhaa.

“Nama fedhe” yommuu jedhu, fedhiin Isaa ogummaan (hikmaan) kan walitti hidhameedha. Sababni isaas, Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa waan fedheef qofa wanta tokko hin hojjatu. Kana irra, wanta hojjatu hunda keessatti fedhiin Isaa ogummaan kan walitti hidhameedha. Kuni dhimma ifa ta’eedha. Namni adabamu wanta adabbiif isa saaxilu hojjachuun isaa hin hafu. Yeroo kanatti, ogummaan (hikmaan) isa adabu ta’a. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa badii tokko malee nama fedhe hin adabu. Sababni isaas, hikmaa fi rahmanni Isaa kana ni dida.

Nama fedhe ni adaba” kuni ogummaan (hikmaan) akka walitti hidhamu dubbanne jirra. Kanaafu, nama adabbiin isaaf malu malee hin adabu.[2]

Ogummaa (hikmaa) jechuun wanta hundaa bakka isaaf malu kaa’uudha. Nama adabbiin isaaf malu adabuun, nama rahmanni isaaf maluuf rahmata gochuun hikmaadha. Kanaafu, adabbiis bakka isaaf malu kaa’e, rahmatas bakka isaaf malu kaa’e.

Rabbiin Jalaa Miliquu Hin Dandeessan

29:22

Isin dachii keessattis ta’ee samii keessatti [Rabbiin] hin dadhabsiiftan. Rabbiin alatti isiniif tiiksaa fi gargaaraan hin jiru.” Suuratu Al-Ankabuut 29:22

Dadhabsiisaa jechuun nama tokko waa hojjachuu irraa dadhabaa akka ta’u kan taasisuudha. Asitti hiikni dadhabsiisuu-jalaa miliquudha. Kanaafu, hiikni aayah tanaa, isin dachii keessattis ta’ee samii keessatti Rabbiin jalaa miliquu hin dandeessan. Yoo isin adabu fedhe, isin dhaqqaba. Sababni isaas, Rabbiin jalaa homtu hin miliqu. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa ni jedha:

“Samiiwwan keessattis ta’ee dachii keessatti wanti Rabbiin dadhabsiisu (jalaa miliqu) tokkollee hin jiru. Dhugumatti, Inni Beekaa, Danda’aa ta’eera.” Suuratu Faaxir 35:44

Beeki! Rabbiin azza wa jalla adabbiin nama qabuun Isaa yeroo garii dhimmoota qaamolee miiraatiin hubatamaniin ta’a. Rabbiin olta’aan sababoota nuti beeknu fi arginu ni murteessa. Yeroo garii immoo dhimmoota nuti hin hubanneen ta’a. Sababa nuti hin beeknen alatti adabbiin Rabbiin irraa namatti dhufa. Fakkeenyaaf, yeroo duula Khandaq Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa bubbee fi loltu nuti hin argine diina gamtoomanitti erge. Bubbeen tuni okotee isaanii garagalchite, dukkaana isaanii ni buqqiste. Gamtoominna isaanii ni facaaste. Kanaafu, bubbeen sababa adabbii nuuf beekkamaa taatedha. Loltuun nuti hin argine immoo malaaykota. Osoo Rabbiin nutti beeksisuu baate, silaa hin beeknu turre.

Kanaafu, Rabbiin olta’aan takkaa sababoota beekkamoo ijaan mul’ataniin nama qaba takkaa immoo sababoota dhokatoo ijaan hin mul’anneen nama qaba.[3]

“Isin dachii keessattis ta’ee samii keessatti [Rabbiin] hin dadhabsiiftan.” jechuudhaan bakka itti dheessan irraa abdii isaan murachiise. Kana jechuun dachii fi samii keessatti bakka itti dheessitanii Rabbiin jalaa itti miliqxan hin qabdan. Gaaratti dheessun Isa jalaa hin miliqxan. Goda keessa seenun Isa jalaa miliquu hin dandeessan. Bakka itti miliqan hundarraa erga abdii isaan murachiisee booda carraaqqi nama biraatiin adabbii Isaa jalaa bahuu irraa abdii murachisuu itti aanse dubbate[4]: “Rabbiin alatti isiniif tiiksaa fi gargaaraan hin jiru.”

Namni yakka hojjate takkaa bakka wayiitti dheessee miliqa takkaa immoo nama isa tiiksuu fi gargaaru bira deemun koola galtummaa (eeggumsa) godhata. Namni Rabbiin faallesse, ajaja Isaa didee fi kafare kanniin lamaanu hin qabu. Bakka Rabbiin jalaa itti dheessuus hin argatu, nama isa tiiksuu fi adabbii isarraa deebisus hin qabu. Kuni badii hojjachuu fi ajaja Rabbii faallessu irraa namaaf akeekachiisa ta’a. Yommuu adabbiin Isaa namoota irratti bu’uu Rabbiin alatti kan isaan eegu fi adabbii isaan irraa deebisu hin argatan. Kanaafu, Rabbii olta’aa faallessu irraa of eeggachu barbaachisa.

Kaafironni bakka Rabbiin jalaa itti dheessanii fi nama isaan tiiksuu fi adabbii isaan irraa deebisu erga hin qabaanne, rahmata Isaa irraa abdii muratu. Kanaafi, itti aanse ni jedhe:

29:23

“Warroonni aayaata Rabbiitti fi qunnamti Isaatti kafaran, isaan sun rahmata Kiyya irraa abdii muratan. Isaan sun adabbii laalessaatu isaaniif jira.” Suuratu Al-Ankabuut 29:23

Kana jechuun namoonni Qur’aanaa fi du’aan booda kaafamutti amanuu didan, isaan sun Aakhiratti yommuu adabbii cimaa isaaniif qophaa’e argan rahmata Kiyya irraa abdii muratu. Isaan suni adabbii nama dhukkubsutu isaaniif jira.[5]

Asi olitti aayaanni Qur’aanas ta’uu danda’a wantoota Rabbiin samii fi dachii keessatti uumes ta’uu danda’a. Sababni isaas, aayaata jechuun mallattoolee gara wanta tokkootti akeekaniidha. Uumamtoonni samii fi dachii keessa jiran gara jiraachu Khaaliqaa fi sifaata (amaloota) Isaa akeeku.

“Qunnamti Isaa” -‘du’aan booda kaafamutti’ jenne kan hiikneef qunnamtin Rabbii du’aan booda erga kaafamanii waan adeemsifamuufi. Namni du’aan booda kaafamutti hin amanne, Rabbiin wal qunnamuutti hin amanu.[6]

Jazaan aayaata Rabbii kijibsiisuu fi du’aan booda kaafamutti amanuu dhiisuu rahmata Rabbii irraa abdii murachuu fi adabbii laalessaadha. Kana jechuun sababa isaan Qur’aanatti kafaranii fi du’aan booda kaafamutti amanuu didaniif rahmata irraa abdii murachu fi adabbii laalessaan isaaniif male.[7] Sababni isaas, namoonni kunniin Qur’aanatti amananii wanta rahmata Rabbiitti isaan geessu hin hojjanne. Ammas, du’aan booda kaafamutti amananii shirkii fi badii irraa of hin qabne.


Kitabban wabii:
[1] Tafsiir Muyassar-398
[2] Tafsiir Qur’aanil Kariim-Suuratu Ankabuut-fuula 88, Ibn Useymiin
[3] Madda olii fuula 95-96
[4] Tafsiir Tahriir wa Tanwiir-20/232-233
[5] Zaadul Masiir-1080, Tafsiir Xabarii-18/380
[6] Tafsiir Qur’aanil Kariim-Suuratu Ankabuut-fuula 101, Ibn Useymiin
[7] Madda olii, Tafsiir Tahriir wa Tanwiir-20/233

Print Friendly, PDF & Email
Tafsiira Suuratu Al-Ankabuut-Kutaa 7
Tafsiira Suuratu Al-Ankabuut-Kutaa 5

Leave a Reply