Tafsiira Suuratu Al-Ankabuut-Kutaa 7

Roorroo Ummata Nabii Ibraahim
Nabii Ibraahim (aleyh salaam) ummata isaa Rabbii tokkicha akka gabbaranii fi sanama gabbaruu akka dhiisan affeeraa ture. Kan kana godhuuf faayda isaaniitiif jedheeti. Garuu deebiin ummanni kuni isaaf deebisee deebii roorroo ta’eedha.

29:24

“Deebiin ummata isaas, “Isa ajjeesaa yookiin isa gubaa.” jechuu malee waan biraa hin turre. Rabbiinis ibidda irraa isa baraare. Dhugumatti, kana keessa namoota amananiif mallattooletu jira.” Suuratu Al-Ankabuut 29:24

Kana jechuun yommuu Nabii Ibraahim ummata isaatiin, “Rabbiin gabbaraa, Isa sodaadhaa. Yoo kan beektan taatan santu isiniif caala.” Jedheen, deebiin ummata sanii, “Isa ajjeesaa yookiin isa gubaa” waliin jechuu malee homaa hin turre. Isaaniis kana ni hojjatan. Ibiddaan Nabii Ibraahimin gubuu ni barbaadan. Kanaafu, ibidda guddaa isaaf qabsiisan. Ergasii achi keessatti isa darban. Ergasii Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa ibidda kanarraa ni baraare. Akka ibiddi kuni isa gubu hin taasisne.[1] Inumaa qabbanaa fi nageenya godheef. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa ni jedha:

21:69

 “Yaa ibidda! Ibraahimin irratti qabbanaa fi nagaa ta’i” jenne.” Suuratu Al-Anbiyaa 21:69

“Dhugumatti, kana keessa namoota amananiif mallattooletu jira.” kana jechuun Ibraahimin ibidda irraa baraaru keessa namoota Rabbiitti amananii fi shari’aa Isaatti hojjataniif mallatoolee fi ragaaleetu jira.[2]

Mee mallattoolee kanniin keessaa muraasaa haa kaasnu:
1ffaa-Ibiddi kuni garmalee guddachuu waliin dhiibbaa isarratti hin geessine. Namoonni sunniin isa gubuuf qoraan baay’ee walitti qabanii ibidda qabsiisan. Garuu yommuu Ibraahimin keessatti darban homaa isa hin goone.
2ffaa-Ibidda guddaa kanarraa baraarun dandeetti Rabbii, kabaja Ergamaa Isaa, waadaa Isaa dhugaa gochuu fi diinota Isaa salphisuu agarsiisa. Akkasumas, uumamtoonni hundi Rabbiif kan ajajamanii fi bulan agarsiisa. Ibiddi kuni ajaja Isaatin qabbanaa fi nageenya ta’e.
3ffaa– shira namoota waan badaa isatti yaadanii jalaa fashaleessu.
4ffaa-obsaa fi danda’uu Nabii Ibraahim. Sababni isaas, dhimma akkanaa kana namoota akka Nabii Ibraahim (aleyh salaam) ta’an malee eenyulle irratti hin gootomu.

Garuu mallatoolee kanniinitti kan fayyadamu fi hubatu namoota amananiidha. Namoonni hin amanne homaa itti hin fayyadaman.[3]

“Ni jedhe, “Rabbii gadiitti sanamoota [gabbaramoo] kan godhattaniif jireenya addunyaa keessatti jidduu keessanitti wal jaallachuuf qofa. Ergasii Guyyaa Qiyaamaa gariin keessan garii morma, gariin keessan garii abaara. Itti galli keessan ibidda, gargaartonni homaatu isiniif hin jiran.” Suuratu Al-Ankabuut 29:25

Ni jedhe, “Rabbii gadiitti sanamoota [gabbaramoo] kan godhattaniif jireenya addunyaa keessatti jidduu keessanitti wal jaallachuuf qofa.” Kana jechuun Nabii Ibraahim ummata isaatiin akkana jedhe, “sanamoota kanniin gabbaramtoota kan godhattaniif, hariiroon jaalalaa, wal qunnamuu fi isaan biratti wal gahuun akka itti fufufi. Isin [siidaaleen] kunniin homaa akka hin fayyannee fi hin miine ni beektu.”[4]

Kuni hariiroo sabummaa fi biyyummaa irratti ijaarrameen wal fakkaata. Namoonni sabaan tokko ta’an, sabummaa irratti hundaa’anii wal jaallatu. Namoonni biyyaan tokko ta’aniis biyyummaa irratti hundaa’anii wal jaallatu. Namoonni amanti tokko qabaniis amantii san irratti hundaa’ani wal jaallatu. Tarii amantiin kuni amanti sobaa ta’uu danda’a. Haaluma kanaan, ummanni sanama gabbaraniis hariiroon isaan tokkoomsu fi wal jaallachiisu sanama gabbaruudha.

Nabii Ibraahimis (aleyh salaam) kana hubachuun ummata isaatiin akkana jedhe: “Walitti dhufeenyaa fi jaalala keessan Rabbii olta’aa gabbaruu irratti ijaaru dhiistanii sanama gabbaruu irratti ijaartan. Garuu wal jaallachuun keessan kuni jireenya addunyaa tana qofa keessatti ta’a. “Ergasii Guyyaa Qiyaamaa gariin keessan garii morma, gariin keessan garii abaara. Itti galli keessan ibidda, gargaartonni homaatu isiniif hin jiran.” Kana jechuun Guyyaa Qiyaamaa gariin keessan kan biraa irraa qulqullaa’a, wanta isin jidduu ture wal waakkattu. Gariin keessan garii abaara. Hordofaan hogganaa abaara. Gahuumsi dhumaa keessanis ibidda. Gargaaraan isin gargaaru hin jiru, baraaraan adabbii (azaaba) Rabbii irraa isin baraaru hin jiru. Kuni haala kaafirootati. Haalli mu’mintoota faallaa kanaati.[5]

Namoonni har’a addunyaa keessatti amanti sobaa irratti wal jaallatan Guyyaa Qiyaamaa diina walitti ta’u.

“Luuxis isaaf ni amane. Innis, ‘Dhugumatti, ani gara Gooftaa kiyyaatti godaanaadha. Dhugumatti, Inni Injifataa, Ogeessa.jedhe.” Suuratu Al-Ankabuut 29:26

Luux ilma obboleessa Ibraahim ture. Luux Ibraahimin dhugoomse isa hordofe. Nabii Ibraahimis ummata isaa gara tawhiidaatti waamun bu’aa buusaa akka hin jirre yommuu argu, “dhugumatti ani gara Gooftaa kiyyaatti godaana.” jedhe. Kana jechuun biyya badiin itti hojjatamu dhiisee biyya Rabbiin qofti itti gabbaramutti godaana.[6] Biyyi tunis Shaami (Filisxeemi fi naannawa ishii). 

29:27

Is’haaqi fi Ya’aquubinis isaaf kennine. Sanyii isaa keessatti nabiyyummaa fi kitaaba goone. Addunyaa keessatti mindaa isaa isaaf kennine. Dhugumatti, inni Aakhirattis saalihoota irraayyi.” Suuratu Al-Ankabuut 29:27

Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa Nabii Ibraahim qormaata guddaa erga darbee fi gara Shaam erga godaane booda, akka ilmaatti Is’haaqin kenneef. Ilma ilmaa kan ta’e Ya’aquubinis isaaf kenne. Ya’aquub ilma Is’haaqi. Akkuma beekkamu abbaan ilma ilma isaa akka ilmoo ofiitti ilaala.

“Sanyii isaa keessatti nabiyyummaa fi kitaaba goone.” Nabii Ibraahimin booda nabiyyiin tokkooyyu hin dhufne sanyii isaatirraa yoo ta’e malee. Kitaabni sanyii isaa irratti malee hin buune.[7] Nabii Ibraahimin booda Ismaa’il irraa jalqabee hanga Iisaa fi Muhammadin (SAW) gahutti nabiyyonni hundii sanyii isaa irraa turan. Kitaabban akka Tawraat, Zabuur, Injiili fi Qur’aanaa sanyii isaa irratti buufaman. Kuni tola Rabbiiti. Inni nama fedheef tola Isaa kenna. Dhugumatti, Inni beekaadha, Ogeessa (Hakiim).

Addunyaa keessatti mindaa isaa isaaf kennine. Dhugumatti, inni Aakhirattis saalihoota irraayyi.” Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa mindaa lama walitti isaaf qabe: mindaa addunyaa: kunis diinota isaa irratti injifannoo isaaf kennu, maqaa gaariin dhaloota hunda keessatti kaafamu, ilmaan isaatti gammaduu fi isaan (ilmaan isaa) baay’achuu, rizqii gaarii fi kanneen biroo. Mindaa Aakhirah: kunis garee saalihotaa keessaa ta’uudha.

Saalihoonni namoota gaggaarii sadarkaa ol’aanaa qabaniidha. Asitti wanti barbaadame gosoota saalihota ol’aanoo ta’aniidha. Isaanis nabiyyoota fi Ergamtoota.[8]

Faayda Aayah tana irraa argatan:
1ffaa-Sanyiin Rabbiin namaaf kennu kennaa Rabbii olta’aa irraayyi: “Isaaf kennine” waan jedhuuf. Garuu yoo namni isaan keessatti haqa Rabbii gate kennaan kuni tarii qormaata ta’uu danda’a. Yoo isaan barsiisee fi qajeelche immoo mindaa irratti argata. Yeroo baay’ee namni ilmaan isaa guddisuu fi barsisuu keessatti wanta Rabbiin dirqama godhe yoo hojjate, ilmaan isaa kuni ni fooyya’u.

2ffaa-Namni mindaan (ajriin) isaa addunyaa keessatti isaaf ariifatamu danda’a. Jecha Rabbii subhaanahu wa ta’aalaa kanaaf: “Addunyaa keessatti mindaa isaa isaaf kennine.”

Mu’minaaf mindaa isaa addunyaa keessatti isaaf ariifachiisuun mindaa Aakhiraa akka dhabuutti hin lakkaawamu. Kanaafi akkana jedhe, “Dhugumatti, inni Aakhirattis saalihoota irraayyi.”

Faayda kanarratti dabalatee, addunyaa keessatti mindaa mu’minaaf ariifachiisuun qananii Rabbiin irraa gabrichaaf ta’eedha. Sababni isaas, namni kuni bu’aa hojii gaarii isaa arguun hojii gaarii hojjachu irratti kakka’uumsa horata. Bu’aan kuni wantoota alaa irratti yookiin nafsee namaa keessattis ta’uu danda’a.

Mindaa hojii gaggaarii irraa fakkeenyi kanaa: namni gammachuu, ifaa fi hojii gaariitti boqachuu qalbii isaa keessatti argachuudha. Kuni shakkii hin qabu mindaa ariifataa irraayyi. Fakkeenyi wantoota alaa immoo abjuun gaariin nama gammachiistu isaaf mul’achuudha.[9] Kanaafu, hojii gaggaarii ikhlaasan hojjachuun mindaa addunyaa fi Aakhirah argachuuf sababa guddaa ta’a.

Namni Rabbii olta’aaf ajajamu mindaan guddaan addunyaa keessatti argatu: gammachuu fi tasgabbii qalbiiti. Aakhiratti immoo Jannata.


[1] Tafsiir Xabarii-18/381[2] Tafsiir Muyassar-399[3] Tafsiir Qur’aanil Kariim-Suuratu Ankabuut-fuula 110-111, Ibn Useymiin, Tafsiir Tahriir wa Tanwiir-20/235[4] Zaadul Masiir-1081[5] Tafsiir Ibn Kasiir-6/55[6] Tafsiir Sa’dii-738, Tafsiir Tahriir wa tanwiir-20/238[7] Tafsiir Sa’dii-739[8] Tafsiir Tahriir wa Tanwiir-20/239, Tafsiir Qur’aanil Kariim-Suuratu Ankabuut-fuula 132, Ibn Useymiin[9] Tafsiir Qur’aanil Kariim-Suuratu Ankabuut-fuula 132-134, Ibn Useymiin

Tafsiira Suuratu Al-Ankabuut-Kutaa 8.1
Tafsiira Suuratu Al-Ankabuut-Kutaa 6

Leave a Reply