Tafsiira Suuratu Al-Ankabuut-Kutaa 8.2

Kutaa darbe keessatti waa’ee Nabii Luuxi fi ummata isaa ilaalle turre. Ammas itti fufuun kutaa dhumaa haa ilaallu.

“Yommuu Ergamtoonni Keenya Luuxitti dhufan, sababa isaaniitiin ni yaadda’e, qomni isaas ni dhiphatte. Isaaniis ni jedhan, “Hin sodaatin, hin gaddin. Haadha manaa tee warra duubatti hafan keessaa taate malee sii fi maatii kee ni baraarra. Dhugumatti, nuti namoota magaalatti tanaa irratti sababa isaan fincilaa turaniif samii irraa adabbii ni buusna.” Suuratu Al-Ankabuut 29:33-34

Yommuu Malaaykonni Luuxitti dhufan, dhufaatin isaanii kuni garmalee isa yaachise. Sababni isaas, karaa deemtota keessumummaa waan isatti dhufan waan se’eef ummanni isaa hojii fokkuu isaan irratti raawwatu jedhee garmalee yaaddawe. Keessumaayyuu, malaaykonni kunniin suuraa dargaggoota babbareedootiin isatti dhufan. Ummanni isaa ummata gadhee waan ta’aniif hojii fokkuu isaan irratti hojjatan jedhee ni gadde, qomni isaa ni dhiphatte. Ergasii malaaykonni akkana jechuun Luuxin tasgabbeessan: Nuuf hin sodaatin, ummanni kee nu bira hin gahan. Oduu isaan baallessu sitti beeksisneefis hin gaddin. Haadha manaa tee malee sii fi maatii kee adabbii isaanitti bu’u jalaa nagaha baasna. Dhugumatti ishiin ummata kee keessaa warra badan waliin baddi.[1] Sababni isaas, haati manaa isaa amanti ummata ishiitirratti tan haftee fi isaan waliin Luuxitti shira baasaa turte. Yommuu keessummaan Luuxitti dhuftu, eenyu akka isatti dhufe akeekkaa irratti wali galaniin isaanitti beeksisti.[2] Kanaafu, yommuu adabbiin dhufu isaan waliin tan baddu taate.

Kuni kan agarsiisu namni badii irratti nama gargaaru yommuu adabbiin bu’u nama badii hojjatu kana waliin bada.

“Dhugumatti, nuti namoota magaalatti tanaa irratti sababa isaan fincilaa turaniif samii irraa adabbii ni buusna.” Kana jechuun jiraattota magaalaatti tanaa (Sodoom) sababa isaan Rabbiin faallessanii fi hojii fokkuutti lixaniif ajaja Rabbiitiin samii irraa adabbii isaanitti buusna. Finciluu (fisq) jechuun ajaja keessaa bahuu ykn ajajamu diduudha. Ni jedhama: “fasaqati samaratu” kana jechuun firiin qoola ishii keessaa baate. Akkuma beekkamu firiin jiitun qoola ishii keessaa yoo baate hatamtamaan shamiinsaaf saaxilamti.[3] Haaluma kanaan, namni ajaja Rabbii keessaa bahus badiinsaaf of saaxila.

29:35

“Dhugumatti, ishii irraa namoota hubataniif mallattoo ifa taate dhiisne jirra.” Suuratu Al-Ankabuut 29:35
Kana jechuun dhugumatti, iddoo jireenya ummata Luux irraa, namoota barnoota hubatanii fi itti fayyadamaniif hanbaa ifa ta’ee hanbisnee jirra. Hanbaan ykn mallattoon kuni “Galaana Du’aa (Dead Sea)” Filisxeem fi Jordaan jidduutti argamuudha. Bakka kanatti hafteen adabbii ni mul’ata. Ummanni Luux adabbii cimaan akka badan iddoo kanatti ni mul’ata.

Akka lugaatti aqliin hiika lama qaba: 1ffaa-waa hubachuu, 2ffaan immoo nafsee ofii waan badaa irraa qabuu fi too’achuudha.[4] Kanaafu, aaqilli dhugaan nama waa hubatuu fi nafsee ofii waan badaa irraa qabuudha. Namoonni aqlii qaban haftee kana yommuu ilaalan ummanni kuni akka baduuf wanta sababa ta’e ni hubatu. Innis, Rabbiin faallessuu fi Ergamtoota kijibsiisuudha. Ergasii, Rabbiin faallessuu fi Ergamtoota kijibsiisu irraa of qusatu.

Namni aaqilli namoota adabbiif ykn kufaatiif saaxilaman irraa barnoota fudhachuun hojii isaan hojjatan hojjachuu irraa nama of qabuudha.


Kitaabban wabii:
[1] Tafsiir Muyassar-400
[2] Tafsiir Ibn Kasiir-4/60
[3] Tafsiir Muyassar-400, Ma’aariju Tafakkuri wa daqaa’iqu tadabburi-15/257, Tafsiir Qur’aanil Kariim-Suuratu Ankabuut-fuula 172, Ibn Useymiin
[4] Maddoota olii

Print Friendly, PDF & Email
Tafsiira Suuratu Al-Ankabuut-Kutaa 9
Tafsiira Suuratu Al-Ankabuut-Kutaa 8.1

Leave a Reply