Tafsiira Suuratu Al-Ankabuut-Kutaa 9

Offline dubbisuf

Shu’ayb fi Ummata Isaa
Kutaa darbe keessatti Nabii Luuxi fi ummata isaa ilaalle jirra. Kutaa kana keessatti immoo Nabii Shu’aybi fi ummata isaa ilaalla.

Gara Madiyanittis obboleessa isaanii Shu’aybin [ergine]. Innis, “Yaa ummata koo! Rabbiin gabbaraa, Guyyaa Aakhiraas abdadhaa, balleessitoota taatanii dachii keessa badii hin tamsaasinaa.” jedheen. Isaanis isa kijibsiisan. kanaafu, kirkirri lafaa isaan qabatte. Isaanis ganda isaanii keessatti jilbiifatuun dhumanii bariisifatan. ” Suuratu Al-Ankabuut 29:36-37

Kana jechuun gara ummata Madiyanitti obboleessa isaanii Shu’aybin ergine. Innis akkana isaaniin jedhe, “Rabbiin qofa gabbara, Isaaf ajajamuun Isaaf gadi jedhaa. Isa gabbaruu keessaniin mindaa Guyyaa Aakhiraa abdadhaa. Guyyaan kuni Guyyaa Qiyaamati. Dachii keessatti badii hin baay’isinaa, hojjachuu itti hin fufinaa. Garuu gara Rabbii tawbadhaa, deebi’aa.[1]

Rajaa’a (abdachuu) jechuun wanta tokko eegu fi gara fuunduraatti akka argamu amanuudha.[2] Akka lugaatti rajaa’an hiika sodaafis itti fayyadamu. Kanaafi, hiika Qur’aana lugaalee biraatin yoo ilaalle “sodaadhaa” jechuun hiikan. Hikni kunis hiika jalqabaa hin faallessu. Sababni isaas, namni Guyyaa Aakhiraatti amanu mindaa Guyyaa sanii ni abdata, adabbiis ni sodaata. Kanaafu, asitti Shu’aybi ummata isaatiin, “mindaa Guyyaa Aakhirah abdadhaa, adabbiis sodaadhaa” jechaani jira. [3]  Mindaa Aakhiraa abdachuun Rabbiin gabbaraa, adabbii isaas sodaachuun dachii keessatti badii baay’isuu irraa of qusadhaa.

Isaanis isa kijibsiisan.” Kana jechuun ummanni Madiyan Shu’aybi Nabiyyi fi Ergamaa Rabbii gara isaanitti ergame ta’uu ni kijibsiisan, ergaa amanti isaanitti fidee fi adabbii Rabbii isaan akeekachise keessatti isa kijibsiisan. Ummanni kuni Shu’ayb Ergamaa Rabbii akka ta’e itti hin amanne. Ergaa amantii fi akeekachisa inni isaanitti beeksise akka sobaatti ilaalan. Kanaafu sababa kanaan, kirkirri lafaa isaan qabatte. Kana jechuun gara hundaan lafti isaaniin sochoote. “Isaanis ganda isaanii keessatti jilbiifatuun dhumanii bariisifatan.” Kana jechuun jilbaa fi fuula isaanitiin lafatti maxxanuun du’anii bariisifatan.[4]

Mindaa Guyyaa Aakhiraa (Qiyaamaa) abdachun hojii gaarii hojjachuun ykn adabbii isaa sodaachun hojii badaa irraa fagaachun mallattoo milkaa’innaati.

Aadi fi Samuud

Aadi fi Samuudinis [ni balleessine]. Iddoo jireenya isaanii irraa isiniif ifa ta’ee jira. Sheyxaanni hojiiwwan isaanii isaaniif miidhagse. Kanaafu, karaa irraa isaan dhoowwe, isaan kan argan turan.” Suuratu Al-Ankabuut 29:38

Aad ummata iddoo Ahqaaf jedhamu jiraachaa turaniidha. Samuud immoo iddoo Hijr jedhamu jiraachaa turan. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa sababa kufrii fi badii isaaniitiin isaan balleesse. “Iddoo jireenya isaanii irraa isiniif ifa ta’ee jira.” kana jechuun iddoo jireenya Adi fi Samuud irraa badiinsi isaanii isiniif ifa ta’ee jira. Araboonni iddoo jireenya ummanni kuni keessatti bade sirritti beeku. Daldalaaf karaa sanirra darbu.

“Sheyxaanni hojiiwwan isaanii isaaniif miidhagse.” Kana jechuun sheyxaanni hojii fokkuu isaanii isaaniif bareechise, hasaasa isaatiin gaarii akka ta’e isaanitti fakkeesse.[5] Hojiin fokkuun kuni Rabbiin ala wanta biraa gabbaruu, Ergamaa Isaa kijibsiisuu, namoota irratti daangaa dabruu fi kanneen birooti. Sheyxaanni hojiwwan kanniin isaaniif bareechisuun karaa haqaa irraa isaan dhoowwe.  Karaan haqaa kunis karaa Rabbiiti. Karaan haqaa ykn qajeelaan karaa Rabbii kan jedhameef karaa tokkicha Rabbitti nama geessudha. Akkasumas, karaa kana gabrootaaf kan kaa’e Rabbii olta’aadha.[6] 

“isaan kan argan turan.” Kana jechuun warra sammuu wanta gaarii ta’e, wanta sharrii ta’e, wanta haqa ta’e, wanta soba ta’e beektu qabaniidha. Jecha biraatin, gaari fi badaa, haqaa fi soba addaan baasanii beeku. Wanta Ergamtoonni Gooftaa isaanii itti waaman kan wallaalan hin turre.[7]

Namoonni kunniin sammuu fi beekumsa ni qabuu turan. Garuu isaan of tuultota turan. Wanta sheyxaana ofirraa ittiin ittisan Rabbiin isaaniif kennu waliin karaa Rabbii irraa ni deebi’an. Sababa sheyxaanni hojii fokkuu isaaniif bareechiseef ni moo’ataman.[8]

Kanarraa barnoota baay’ee fudhachuun ni danda’ama:
1ffaa-Namni hojii ummata Aadi fi Samuud hojjachuu itti fufee fi tawbachu dide adabbii cimaatu isa qunnama. Hojiin isaanii kunis kufrii, shirkii, Ergamtoota kijibsiisu fi kkf.

2ffaa-Sheyxaanni hojii namaaf miidhagsuun karaa qajeelaa irraa nama deebisu danda’a. Namni yommuu sheyxaanni hojii isaa isaaf bareechisu wanti inni irra jiru wanta Ergamtoonni fidan akka caalutti ilaala. Sababa kanaan, karaa qajeela hordofuu dida. Fakkeenyaaf, warri saayinsitti bulla jedhan, saayinsin dhibbaan dhibbatti haqa akka ta’etti yaadun Islaama hordofuu irraa of tuulu. Kuni sheyxaanni hojii isaanii isaaniif bareechisuudha. Dhimmoota meeqaa meeqa saayinsin kaleessa haqa jechuun odeesse har’a soba akka ta’e mirkaneessaa.

3ffaa-Namni beekumsa osoo qabaatellee sheyxaanni hojii fokkuu yoo isaaf bareechise karaa haqaa irraa jallachu danda’a.

“Namni tokko akkana jechuun gaafachu danda’a: “Sheyxaanni hojii namaaf miidhagsu qajeelfamni bu’uuraa ittiin beekan maalidhaa? Ani hojii tokko hojjachuu nan fedha. Ergasii nafsee tiyya keessatti natti miidhaguun hojjadha. Garuu kuni sheyxaanni natti miidhagsu ykn qajeelcha Rabbii irraa ta’uu hin beeku.”

Deebiin: qajeelfamni bu’uuraa kana addaan baasan: hojiin faallaa shari’aa Rabbii yoo ta’e, suni sheyxaanni namaaf bareechisu irraayyi. Shari’aa Rabbiitiin kan walitti galu yoo ta’e immoo qajeelcha Rabbii irraayyi. Sheyxaanni namaaf bareechisu irraa miti.”[9]


Kitaabban wabii:
[1] Xabarii-18/397
[2] Tahriir wa tanwiir-20/247[3] Tafsiir Qur’aanil Kariim-Suuratu Ankabuut-fuula 181, Ibn Useymiin
[4] Ma’aariju Tafakkuri wa daqaa’iqu tadabburi-15/260
[5] Tafsiir Tahriir wa Tanwiir-20/249
[6] Tafsiir Qur’aanil Kariim-Suuratu Ankabuut-fuula 192, Ibn Useymiin
[7] Ma’aariju tafakkuri wa daqaa’iqu tadabburi-15/262, Tafsiir Qurxubii-16/362
[8] Tafsiir Qur’aanil Kariim-Suuratu Ankabuut-fuula 193, Ibn Useymiin
[9] Madda olii-fuula 193-194

Print Friendly, PDF & Email
Tafsiira Suuratu Al-Ankabuut-Kutaa 10
Tafsiira Suuratu Al-Ankabuut-Kutaa 8.2
Offline dubbisuf

Leave a Reply