Tafsiira Suuratu Al-Ankabuut-Kutaa 10

Offline dubbisuf

Moottota Abbaa Irree fi daangaa darbitoota balleessuu
Sababni guddaan namoonni Rabbii olta’aaf ajajamu itti didanii fi daangaa itti darban maalidhaa? Akkasumas, sababni isaan adabbii Rabbiitiif itti saaxilaman maalidhaa? Gaafilee kanniiniif deebii gahaa argachuun nutis akka adabbii fi dararaaf hin saaxilamne nu gargaara. Deebii isaa mee haa qorannu.

29:39

Qaaruun, Fira’awna fi Haamaanis [balleessinee jirra]. Dhugumatti, Muusaan ragaalee ifaatiin isaanitti dhufee jira, isaan dachii keessatti of tuulan. Isaan kan miliqan hin turre.” Suuratu Al-Ankabuut 29:39

Qaaruun namticha dureessa ilmaan (bani) Israa’il irraa ta’eedha. Garuu akkuma Rabbiin azza wa jalla jedhe, isaan irratti daangaa darbe. Hanga furtuun (qulfiin) kuusaa qabeenya isaa garee namoota jajjaboo irratti ulfaatutti Rabbiin qabeenya baay’ee isaaf kenne. Kanaafi, Nabii Muusaatti hin amanne. Qabeenya isaatiin ni gowwoome. Rabbiin kanarraa nu haa tiiksu. Qaarun Gooftaa isaattis hin amanne. Fira’awni akkuma beekkamu mootii Misir (Ijibtiiti). Haamaan immoo waziira (ministeera) Fira’awnaati.

Nabii Muusaan ragaalee ifaatiin namoota kanniinitti dhufe. Ragaaleen kunniin mu’ijizaa (raajii) sagal isaaf kennameedha. Kan akka uleen gara bofaatti jijjiramu, harka yommuu bobaa keessa seensisee gadi baasu, adii ta’ee bahuu fi kanneen biroo.[1]  

“isaan dachii keessatti of tuulan” kana jechuun Qaaruun, Fira’awna fi Haamaan ragaalee ifaa kanniin dhugoomsu fi Nabii Muusaa aleyh salaam hordofuu irraa garmalee of tuulan.[2] Akkasumas, gabroota Rabbii irrattis of tuuluun isaan gadi xiqqeessan.

“Isaan kan miliqan hin turre.” Kana jechuun isaan Rabbiin jalaa kan miliqan hin turre. Kana irra, Isaaf harka kennan.[3] Fira’awni yommuu adabbiin isatti bu’u akkana jedhe: “Dhugumatti Kan ilmaan israa’iil itti amanan malee haqaan gabbaramaan biraa akka hin jirre amaneera. Ani Musliimota irraayi”(Suuratu Yuunus 10:90) (Muslimoota jechuun namoota Rabbiif harka kennanii fi ajajamaniidha.)

Qaarun, Fira’awna fi Haamaan nafsee ofii keessatti garmalee waan of tuulaniif eenyullee akka isaan hin dhaqqabnetti yaadan. Garuu yommuu adabbiin Rabbii isaanitti dhufu of tuuluun isaanii homaa isaan hin fayyanne. Adabbii Rabbii jalaa miliquu hin dandeenye.

Barnoota Aayah tana irraa argatan keessaa:
1ffaa-Sababni daangaa darbuu fi of tuuluu takkaa qabeenya ta’uu danda’a takkaa immoo sadarkaa fi aangoo ta’uu danda’a. Qaaruun sababni daangaa darbuu isaa qabeenya. Fira’awnaa fi Haamaan immoo sababni daangaa darbu isaanii sadarkaa fi aangoodha. Sababoonni lamaan kunniin, kana jechuun qabeenyaa fi aangoon sababoota Rabbiif ajajamu irraa akka of tuulan nama taasisaniidha.

2ffaa-Dandeettin Rabbii guutuu ta’uu. “Isaan kan miliqan hin turre.” Jedhu keessatti ni arganna. Namoonni kunniin guddinna, of tuulinsaa fi baay’inna qabeenya isaanii waliin Rabbiin jalaa miliquu hin dandeenye. Namni hanga fedhe qabeenyi fi loltuun isaa haa baay’atan guddinni fi baay’inni isaa homaa isa hin fayyadan.

Sababni guddaan namoonni daangaa itti darbanii fi Rabbii olta’aaf ajajamu itti didaniif: qabeenyaa fi aangoodha.

“Hundumaa badii isaatiin isa qabne. Isaan keessaa namoota bubbee cirrachaa itti erginetu jira, isaan keessaa namoota iyyansi cimaan isaan qabatetu jira, isaan keessaa namoota dachii ittiin kunnetu jira, isaan keessaa namoota bishaan nyaachifnetu jira. Rabbiin kan isaan miidhu hin taane. Garuu isaanumatu nafsee ofii miidhaa turan.” Suuratu Al-Ankabuut 29:40

Kana jechuun namoota duraan badan irraa hunda isaatu sababa badii isaatin isa qabne. “Isaan keessaa namoota bubbee cirrachaa itti erginetu jira.” kana jechuun namoota adabnee fi balleessine keessaa namoota bubbee cirracha of keessaa qabdu itti ergineetu jira. Kan akka ummata Luux.

Ammas isaan keessaa namoota iyyansi cimaan isaan qabatetu jira” kuni ummata Saalih ykn Samuudi fi ummata Shu’ayb. Ammas isaan keessaa namoota dachii ittiin kunnetu jira kan akka Qaaruun. “isaan keessaa namoota bishaan nyaachifnetu jira.” kan akka ummata Nuuh, Fira’awnaa fi ummata isaa.[4]

Rabbiin badii isaan hin hojjanneen isaan hin adabne. Haqummaan Isaa guutuu waan ta’eef, ammas Dureessa homattu hin hajamne waan ta’eef Rabbiin gonkumaa namoota hin miidhu. Garuu isaanumatu badii hojjachuun adabbii Isaatiif of saaxilan. Kanaafu, ofumaa nafsee ofii miidhanii jechuudha.

Adabbiin kan namatti bu’uuf sababa namni Rabbiif ajajamu diduu fi badii hojjatuufi.


Kitaabban wabii:
[1] Tafsiir Qur’aanil Kariim-Suuratu Ankabuut-fuula 195, Ibn Useymiin
[2] Tafsiiru Xabarii-18/400
[3] Tafsiir Sa’dii-740
[4] Tafsiir Muyassar-401, Ma’aariju tafakkuri wa daqaa’iqu tadabburi-15/265-266

Print Friendly, PDF & Email
Tafsiira Suuratu Al-Ankabuut-Kutaa 11
Tafsiira Suuratu Al-Ankabuut-Kutaa 9
Offline dubbisuf

Leave a Reply