Tafsiira Suuratu Al-Ankabuut-Kutaa 17

Sobatti amananii Rabbii olta’aatti kafaruu (amanuu diduu)

“Jedhi, ‘Anaa fi isin jiduutti ragaa ta’uuf Rabbiin gahaadha. Inni wanta samiiwwanii fi dachii keessa jiru ni beeka.’ Warroonni sobatti amananii Rabbitti kafaran, isaan sun isaanumatu kasaartota.” Suuratu Al-Ankabuut 29:52

Kana jechuun Yaa Rasuula! Warra si kijibsiisaniin akkana jedhi, “Anaa fi isin jidduutti Rabbiin ragaa ta’uuf gahaadha. Ani Ergamaa Isaa ta’uu fi Qur’aanni kuni Kitaaba Isaa ta’uu Rabbiin ragaa baha. Ammas, isin na kijibsiisuu fi haqa ani fide fudhachuu didu keessan ragaa baha. Rabbiin wanta samii torbanii fi dachii keessa jiru hunda ni beeka. Kuni Rabbiin ragaa isaan irratti ba’uu kan agarsiisuudha. Sababni isaas, Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa wantoota samii fi dachii keessa jiran hunda waan beekuuf wanta namoonni kunniin hojjatan ni arga, ni beeka. Hundemaa ragaa bahaan wanta ragaa irratti bahu kan arguu fi beekudha.

Warroonni sobatti amananii Rabbitti kafaran, isaan sun isaanumatu kasaartota.”
Asitti sobni shirkiidha. Sobni faallaa haqaati. Namoonni shirkii hojjatan wanta gabbaramaa (ilaaha) hin taane ilaaha jechuun gabbaru. Kunis, wanta gabbaran kana gabbaramaadha jedhanii amanuudha. Kanaafu sobatti amananii jiruu jechuudha. Wanti Rabbiin alatti gabbaramu soba. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa ni jedha:

22:62

“Suni waan Rabbiin [Gabbaramaa] haqaa ta’ee fi wantoonni isaan Isaa gaditti gabbaran soba (baaxila) waan ta’eefi, Ammas Rabbiin Isatu olta’aa, Guddaa ta’eefi.” Suuratu Al-Hajj 22:62

Rabbiitti kafaran jechuun immoo Tokkichummaan gabbaramu Isaa ykn Gooftummaa Isaa mormuudha. Namoonni Isaan alatti wanta sobaa gabbaran Tokkichummaa Isaa mormanii jiru. [1] Akkasumas, namoonni saayinsitti bulla jechuun “uumamtoonni ofumaan of uuman. Sababa kanaan argaman. Uumaan isaan hin uumne.” Jedhan, sobatti amananii Rabbitti kafaranii jiru.

Namoonni sobatti amananii Rabbiitti kafaran, isaan suni warra kasaaraniidha. “Beeki! Kasaarun wanta jaallatan dhabuun ta’a. Akkasumas, wanti jibban namatti bu’uunis ni ta’a. Namoota sobatti amananii Rabbiitti kafaran kanniinitti dhimmoonni lamaan kunniin bu’anii jiru. Wanti barbaadamu isaan jala darbe, wanta jibbamaattis kufan: mindaan guddaan Rabbiin warra Isatti amananiif qopheesse isaan jala darbe. Wanti jibbamaan ibiddatti kufuudha. Rabbiin kanarraa nu haa eegu. Dhimmoota lamaanu kasaaranu jiru.”[2]

Adabbii Ariifachiisu

“Adabbii akka ariifachiistu sirraa barbaadu. Osoo beellama murtaa’ef ta’uu baate, silaa adabbiin isaanitti dhufaa ture. Dhugumatti, osoo isaan hin beekin tasa isaanitti dhufa. Adabbii akka ariifachiistu sirraa barbaadu. Dhugumatti, Jahannam kaafirota ni marsiti. Guyyaa adabbiin gubbaa isaanii irraa fi miila isaanii jalaan isaan haguugu, “wanta hojjataa turtan dhandhama” jedha.” Suuratu Al-Ankabuut 29:53-55

Yaa Rasuula! Ummata kee keessaa mushrikoonni kunniin adabbii akka ariifachiistu sirraa barbaadu. Osoo adabbii isaaniitiif Rabbiin qaxaroo fuundurattis hin dabarre , duubattis hin butamne gochuu baate, silaa adabbiin yeroo barbaadan sanitti isaanitti dhufaa ture. Dhugumatti, osoo isaan hin beekin adabbiin isaanitti ni dhufa.

Adabbiin takkaa addunyaatti takkaa immoo Aakhiratti kan isaanitti dhufu ta’ee osoo jiru addunyaa keessatti akka isaaniif ariifachiistu sirraa barbaadu. Dhugumatti Aakhiratti adabbiin Jahannam gara hundaan isaan marsa. Gara itti dheessan hin qaban.

Guyyaa Qiyaamaa adabbiin (azaabni) kaafirota mataa isaan gubbaanii fi miila isaanii jalaan isaan haguuga. Gama hundaan ibiddi isaan haguuga. Yeroo sanitti Rabbiin akkana isaaniin jedha: jazaa wanta addunyaa keessatti hojjachaa turtanii dhandhamaa. Wanti isaan hojjachaa turan: Rabbiin waliin waan biraa gabbaruu (waaqefachuu), yakkaa fi badii gurguddaatti taruudha.[3]

Aayah tana irraa barnoota barannu keessaa:
1ffaa-Namoonni adabbii Rabbiin waadaa galetti hin amanne, adabbii kana akka salphaatti ilaalun dafee akka isaanitti dhufu barbaadu. Adabbiin erga dhufee booda waan jalaa bahan isaanitti fakkaata. Akkasumas, yeroo isaan barbaadanitti yoo dhufu baate, adabbiin kuni dhugaa akka hin taanetti ilaalu. Kanaafi, yakkaa fi badii isaanii hojjachuu itti fufu.

2ffaa-Yeroon adabbii murtaa’adha. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa ogeessa waan ta’eef adabbii namootatti hin ariifachiisu. Garuu adabbii kanaaf yeroo murtaa’a kaa’e jira. Hanga yeroon Inni isaan adabuuf murteesse dhufutti isaan hin adabu. Yeroon murtaa’an kuni dhufnaan jalaa bahuu hin danda’an. Namni iccitii kana hin beekne zaalimota dachii badiin balleessan yommuu argu akkana jedha, “Sila Rabbiin olta’aan badii isaanii kana hin dhaabsiisuu? Maaliif zaalimota kana hin balleessinee?” Garuu Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa waan hundaafu hammaa fi yeroo murtaa’aa kaa’e jira. Yeroon murtaa’e yoo dhufe wanti suni duubattis hin harkifatu, durattis hin darbu. Kuni seera Isaa hin jijjiramneedha. Qur’aana keessatti:

7:34

Ummata hundaafu yeroo murtaa’etu jira. Yommuu beellamni (ajalli) isaanii dhufe, sa’aati takkaaf duubatti hin hafan, duras hin darban.” Suuratu Al-A’araaf 7:34

Yeroon murtaa’e (ajalli) yommuu gahu addunyaa keessa sa’aati takkaaf turuu hin danda’an. Ammas, yeroo murtaa’e kana sa’aati takkaaf ariifachiisuu hin danda’an, yeroon gahuun dura hin badan.

3ffaa- Kaafironni dachii badiin balleessan osoo addunyaa tana keessatti adabamu baataniyyu Aakhiratti garmalee adabamu. “Adabbii akka ariifachiistu sirraa barbaadu. Dhugumatti, Jahannam kaafirota ni marsiti.” Jedhu irraa ni hubanna.


Kitaabban wabii:
[1] Tafsiir Tahriir wa tanwiir-21/17, Ma’aariju Tafakkuri wa daqaa’iqu tadabburi-15/284
[2] Tafsiir Qur’aanil Kariim-Suuratu Ankabuut-fuula 304
[3] Tafsiir Muyassar-403

Tafsiira Suuratu Al-Ankabuut-kutaa 18
Tafsiira Suuratu Al-Ankabuut-Kutaa 16

Leave a Reply