Tafsiira Suuratu Al-Ankabuut-kutaa 18

Offline dubbisuf

Karaa Rabbii keessatti Godaansa

“Yaa gabroottan Kiyya kanneen amantan! Dhugumatti dachiin Tiyya bal’oodha. Kanaafu Ana qofa gabbaraa. Nafseen hundi du’a ni dhandhamti. Ergasii gara Keenyatti deebifamtu.” Suuratu Al-Ankabuut 29:56-57

Kuni, biyya amanti ofii itti gaggeessu hin dandeenye keessaa gara biyya amanti ofii itti gaggeessu danda’anitti godaanu akka qaban ajaja Rabbiin irraa warroota amananiif darbeedha. “Yaa gabroottan Kiyya kanneen amantan! Dhugumatti dachiin Tiyya bal’oodha. Kanaafu Ana qofa gabbaraa.” Kana jechuun yaa gabroottan Kiyya kanneen amantan! iimaanaa ifatti baasu fi Rabbiin gabbaruu irraa dhiphinna keessaa yoo taatan, gara dachii Rabbii bal’oo taatetti godaanaa. Ibaadaas Ana qofaaf qulqulleessaa.[1]

Namni biyya amanti ofii sirnaan akka hin gaggeesine yoo itti dhiphifamee fi rakkifame, gara biyya biraa amanti isaa sirnaan itti gaggeessutti akka godaanu ni ajajama.

Fakkeenyaaf, gadaa Nabiyyii (sallallahu aleyh wassallam) mushrikoonni Makkaa Muslimoota garmalee rakkisaa turan. Amanti isaanii akka hin gaggeessine, inumaa amanti isaanii dhiisan rakkisaa turan. Muslimoonnis bakka amanti ofii sirnaan itti gaggeessanitti godaanan. Kunis Habashaa fi Madiinadha.  

Itti aanse wanta godaansa isaaniif laaffisu dubbate: “Nafseen hundi du’a ni dhandhamti. Ergasii gara Keenyatti deebifamtu.”  Kana jechuun: du’a irraa sodaachuun godaansa irraa duubatti isin hin harkisin. Nafseen hundi yoo ajalli ishii gahee biyya ishii keessatti taate, biyya biraatti taate du’a ni dhandhamti. Yeroon barzakha jireenya jalqabaa fi jireenya lammata addaan baasu erga xumuramee booda qorannoo fi jazaa Gooftaa keessanii qunnamuuf dirqamaan gara jireenyaatti ni deebifamtu.[2]

Akka waan akkana jedhameeti: sababa Islaama qabachuutin yommuu rakkoon namarra gahuu du’a sodaachuun godaanu dhiisun ykn inumaa Islaama irraa duubatti deebi’un, hir’inna fi kasaaraa guddaadha. Jireenya mijaawa jiraachuf godaansa yoo dhiistan duuti isin irraa hin haftu. Yoo godaansa dhiistanii Islaama irraa duubatti deebitan kasaaraa malee wanti argattan hin jiru. Garuu Rabbiif jettanii yoo godaantanii fi Islaama irratti obsitan, bu’aa baay’ee buufattu. Kanaafi itti aanse bu’aa guddaa kana dubbate:   

29:58

 “Warroota amananii fi hojii gaggaarii hojjatan, dhugumatti Jannata irraa manneen jireenyaa ol-fagoo jala isaanii laggeen yaa’an, achi keessa yeroo hundaa kan jiraatan ta’anii isaan qubsiifna. Mindaan hojjattootaa waa tole!” Suuratu Al-Ankabuut 29:58

Kana jechuun warroota Rabbii fi Ergamaa Isaa dhugoomsanii fi hojii gaggaarii irraa wanta itti ajajaman hojjatan, Jannata irraa manneen jireenyaa dhedheeroo jala isaanii laggeen yaa’an isaan qubsiifna. Achi keessa yeroo hundaa jiraatu.[3] Mindaan namoota wanta Rabbiin gammachiisu hojjatanii waa tole! Mindaan kuni Jannata keessatti manneen jireenyaa garmalee bareedanii fi ol fagoo ta’an sanniini. Ergasii itti aanse warri amananii fi hojii gaggaarii hojjatan amaloota babbareedo Jannata tana akka argataniif sababa isaaniif ta’e dubbata:

29:59

[Isaan] warra obsanii fi Gooftaa isaanii irratti hirkataniidha.” Suuratu Al-Ankabuut 29:59

Amala 1ffaa: wanta Rabbiin akka hojjatan itti ajaje hojjachuu irratti ni obsan. Wanta Rabbiin irraa dhoowwe hojjachuu irraas ni obsan. Akkasumas, rakkoo isaan tuqe irrattis ni obsan. Rakkoo kana keessaa sababa amanti isaaniitiin wanta kaafirota irraa isaan irra gahuudha.

Amala 2ffaa: Isaan Rabbiin qofa irratti hirkatu. Kuni ibaadaa qalbii keessaa isa guddaa ta’eedha. Rabbiin irratti hirkachuutti (tawakkulatti) kan nama kakaasu dhugummaa fi ciminna iimaanati. Akkuma namni iimaanni isaa sirrii fi cimaa ta’uun Rabbii olta’aa irratti hirkata.

Rabbiin irratti hirkachuu jechuun sababa danda’amu hojjachuu waliin Rabbiif harka kennuu, dhimmoota qindeessu fi wanta abdatan akka namaaf galma geessuu Isaaf dhiisudha.[4]

Fakkeenyaaf, namni rizqii barbaadu,sababoota rizqii ittiin argatan ni hojjata. Namni kuni karaa rizqii akka isaaf laaffisuu fi rizqii abdatu akka isaaf kennu Rabbii olta’aa ni amana.

29:60

Lubbu-qabeenyi irraa meeqatu rizqii isaanii kan hin baadhannetu jira. Rabbiin isaanii fi isin ni soora. Inni Dhagahaa, Beekaadha.” Suuratu Al-Ankabuut 29:60

Kana jechuun: Yaa namoota karaa Rabbii keessatti yommuu godaantan sababa rizqii keessaniitiif tasgabbii barbaaddan! Lubbu-qabeenyin baay’een rizqii isaanii kan hin baadhanne ta’uu ilaalaa. Rabbiin lubbu-qabeenyi kanniin karaa deemanii fi iddoo qubannaa isaaniitti rizqii (soorata) isaaniif kenna. Akkuma kana, Rabbiin tabaraaka wa ta’aalaa biyya keessan keessatti, bakka itti godaantanitti fi karaa irra darbitanitti rizqii (soorata) isiniif kenna.

“Inni Dhagahaa, Beekaadha.” Kana jechuun sagaleen hanga fedhe gadi bu’aa haa ta’uu Rabbiin sagalee hunda ni dhagaya. Sagalee kana keessaa kadhaa (du’aayi) rizqii keessaniif Isa kadhattaniidha. Ammas, wanta hundaa Kan beekudha. Kana keessaa haala keessanii fi haajaa isin rizqiif qabdan beekuudha.[5]

Namni waa sadii yaadachuun Islaama irratti gadi dhaabbachu fi obsuu qaba. 1ffaa-duuti nama hundarraayyu hin ooltu. 2ffaa-mindaa Islaama irratti gadi dhaabbachuu, 3ffaa-Rizqiin harka Rabbiiti.

Namoonni kan Islaama irraa duubatti deebi’aniif takkaa du’a sodaachun takkaa immoo rizqii nan dhaba jedhanii sodaachun takkaa immoo shakkii qalbii isaanii keessa jiruuni. Du’a sodaachun Islaama irraa duubatti deebi’uun dabeessummaa fi kasaaradha. Duuti waan hin oolledha. Kanaafu, jireenya xiqqoo jiraachuuf jedhanii Islaama irraa duubatti deebi’uun adabbiif of saaxiluun maal jedhamaa? Rizqiis yoo ta’e Kan lubbu-qabeenyi hundaaf rizqii kennu Rabbiidha.


Kitaabban wabii:
[1] Tafsiir Muyassar-403
[2] Ma’aariju Tafakkuri wa daqaa’iqu tadabburi-15/291
[3] Tafsiir Muyassar-403
[4] Ma’aariju tafakkuri wa daqaa’iqu tadabburi-15/293
[5] Madda olii

Print Friendly, PDF & Email
Tafsiira Suuratu Al-Ankabuut-Kutaa 19
Tafsiira Suuratu Al-Ankabuut-Kutaa 17
Offline dubbisuf

Leave a Reply