Tafsiira Suuratu Al-Ankabuut-Kutaa 19

Offline dubbisuf

Rabbii olta’aan ala wanta biraa gabbaruun (waaqefachuun) sirriidhaa?
Wanti tokko sirrii ta’uu ykn dogongora ta’uu isaa akkamitti beekanii? Ragaa qabatamaan beekanii miti ree? Ragaan qabatamaan yoo hin jiraatin wanti suni sirrii miti. Namni wanta tokko kan waaqefatuuf faaydaa isarraa argachuuf ykn miidhaa ofirraa deebisuuf barbaadeti. Akkasi miti ree? Wanti gabbaran kuni faayda namaaf argamsiisuf faayda kan uumuu ta’uu qaba. Akkasumas, miidhaa namarraa deebisuuf dandeetti qabaachu qaba.Rabbiin ala wanta hundaa kan uumuu ni jiraa? Ammas, Isaan ala wanta hunda irratti dandeetti Kan qabu ni jiraa? Wanta hundaa kan uumuu fi dandeetti irratti qabu Isa qofa erga ta’ee kan gabbaruu (waaqefachuu) qaban eenyuu? Rabbiin qofa. Wanta waa uumuu hin dandeenye ykn dandeetti homaatu hin qabne maal namaaf haa godhuuf gabbaranii (waaqefatanii)?

29:61

“Dhugumatti “Eenyutu samiiwwanii fi dachii uumee, aduu fi baatis laaffisee?” jette yoo isaan gaafatte, dhugumatti “Rabbiidha” jedhu. Kanaafu, akkamitti garagalfamuu?” Suuratu Al-Ankabuut 29:61

Yaa Rasuula! Mushrikoota akkana jettee yoo gaafatte: sirna dinqisiisaa kana irratti samiiwwanii fi dachii eenyutu uumee? Aduu fi ji’a laaffisee?”, isaaniis akkana jedhu, “Rabbii tokkichatu isaan uume.” Kanaafu, Rabbii Khaaliqaa fi Too’ataa waa hundaa ta’eetti amanuu irraa akkamitti garagalanii wanta biraa Isa waliin gabbaruu?[1]

Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa samii fi dachii hin sochoone jireenya namootaatiif ni uumee. Ergasii aduu fi ji’a ajaja Isaatiin socho’an ni uume. Samii fi dachiin hanga Guyyaa Qiyaamaatatti bakka isaaniiti hin socho’an. Aduu fi jiiyni immoo sarara isaanii qabatanii socho’u (deemu) itti fufu. Akkuma xaaraa manaa irraa ampuulin gadi ifu, samii irraayis adu fi jiiyni gadi ifu. Kuni fooyya’insaa fi faayda ilma namaatiif. Gara jalaatin immoo dachii keessaa biqiltoonni ol-biqilu. Biqiltoonni kunniin ifa aduutti fayyadamuun firii kennu. Namoonni firii isaanii nyaatun jiraatu. Kanaafu, haala kanaan samii fi dachii uumuun, aduu fi ji’a laaffisuun jireenya namaatiif Kan mijeesse Rabbiin ala kan biraa jiraa? Wantoonni namoonni Rabbiin alatti gabbaran (waaqefatan) kana gochuu danda’uu? Kana gochuu erga hin dandeenyee maaliif Rabbii tokkicha haala kanaan rizqii namaaf laaffisu dhiisanii wanta nama hin fayyanne gabbaruu?

29:62

“Rabbiin gabroota Isaa keessaa nama fedheef rizqii bal’isa, [nama fedhe immoo] itti dhiphisa. Dhugumatti, Rabbiin waan hundaa Beekadha.” Suuratu Al-Ankabuut 29:62

Yommuu mushrikoonni Muslimoota hiyyummaan isaan gadi xiqqeessanii fi akkana jedhan: osoo haqa irra jiraattanii, hiyyeeyyi hin taatanii turtan.” Kuni fakkeessudha. Kaafirota keessas hiyyeeyyin ni jiru turan. Rabbiin fakkeessaa kana ni oofe. Akkasumas, yaada nama, “yoo godaanne baasii hin argannu.” jedhee yaadus ni oofa. Rabbiin Khaaliqa wantoota kanaa ta’uu erga amantanii, akkamitti Kan uumamtoonni hundi harka Isaa jiran, kan gabricha Isaa razzaquu hin dadhabne rizqii keessatti shakkituu? Kanaafu, aayah armaan oli (61) “Rabbiin gabroota Isaa keessaa nama fedheef rizqii bal’isa, [nama fedhe immoo] itti dhiphisa.” Jedhuun wal qabsiise.

“Rabbiin gabroota Isaa keessaa nama fedheef rizqii bal’isa, [nama fedhe immoo] itti dhiphisa.” (Kana jechuun Rabbiin namoota qormaatuuf gabroota Isaa keessaa nama fedheef rizqii bal’isa, nama fedhe immoo itti dhiphisa. Kuni hundi beekumsaa fi ogummaa (hikmaa) Isaa irratti kan hundaa’edha.)

Dhimmi rizqii iimaanaa fi kufriin gargar hin ta’u. Bal’isuu fi dhiphisuun Isa irraayyi. Kanaafu, hiyyummaan nama gadi xiqqeessun hin jiru. Wanti hunduu murtii Isaatiin.[2]

Kaafironni fi namoonni iimaanni isaanii dadhabaa ta’ee baay’inna rizqiitiin nama madaalu. Namni qabeenya baay’ee qabaate kufrii hojjachuu yoo itti fufee, haqa irra waan jiru isaanitti fakkaata. Faallaa kanaa, qabeenya xiqqaa ykn hiyyeessa yoo ta’e sobarra waan jiru isaanitti fakkaata. Dubbiin akka isaan yaadani miti. Kaafirota keessas, Muslimoota keessas namni dureessi fi hiyyeessi ni jira. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa namoota qoruuf nama fedheef rizqii bal’isa, kan fedhe immoo itti dhiphisa. Nabii Suleymaan kana yommuu hubatu akkana jedhe: “…Kuni tola Gooftaa kiyya irraa ta’eedha. Akka ani Isa galateefadhu moo hin galateefanne na qoruuf [qananii kana naaf kenne].” (Suuratu Al-Naml 27:40)

Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa yommuu qabeenya namaaf bal’isuu galata nama kanaa qora. Galata ni galcha moo hin galchu? Yommuu qabeenya itti dhiphisuu immoo obsa isaa qora. Ni obsa moo hin obsu?

Rabbiif galata galchuun kan ta’u: qananiin Isarraa akka ta’e amanuu, arrabaan Isa faarsu, qalbiin Isaaf of gadi qabuu, wanta Inni jaallatu qananii saniin hojjachuu fi wanta Inni jibbuu ittiin hojjachuu dhiisudha. Fkn, namni dureessi qabeenyi inni qabu Rabbiin irraa akka ta’e yoo amane, Isa faarse, of tuuluu dhiisee qalbiin of gadi qabee fi hiyeeyyi yoo ittiin gargaare, galata galchee jechuudha. Obsuunis wanta itti ajajaman hojjachu itti fufuu, wanta irraa dhoowwaman dhiisu fi rakkoo nama qunnameef dallanuu dhiisudha. Fkn, namni qabeenyi itti dhiphate, hanna irraa yoo of qusate, obsee jiraa jechuudha.

“Samii irraa bishaan buusee dachii du’a ishiitiin boodaa ittiin jiraachise eenyu?” jettee yoo isaan gaafatte, dhugumatti, “Rabbii dha” jedhu. Jedhi, “Faaruun kan Rabbiiti.” Garuu irra hedduun isaanii hin hubatan.” Suuratu Al-Ankabuur 29:63

Namoota Rabbiin ala wanta biraa gabbaran akkana jettee yoo gaafatte: dumeessa irraa eenyutu bishaan buusee dachiin erga gogdee booda bishaan kanaan jiraachisaa?” dhugumatti, isaaniis, “kan kana hojjate Rabbiidha” jedhu. Dachii jiraachisuun biqiltoota ishii keessatti biqilchuudha.[3]

Jedhi, “Faaruun kan Rabbiiti.” Jedhi: Faaruun kan Rabbii jallinna irraa qajeelinna adda baasun ibsee fi soba mushrikoonni irra jiran ifa godheeti. Ammas jedhi: Faaruun kan Rabbii addunyaa oliitii fi gadii uumee, too’annaa isaaniitiin dhaabbate, isaaniif rizqii kenne, nama fedheef rizqii bal’isee fi nama fedhetti immoo dhiphiseeti.[4]

Al-Hamd (Faaruu) jechuun jaalachuu fi ol guddisuu waliin faarfamaa amaloota gugguutuun ibsuudha. Jaalalaa fi ol guddisuu kan jenneef jajuun akka keessaa bahuufi. Jajuun amaloota gugguutuun nama jajamu ibsuun ta’a. Garuu jaalala fi ol guddisuun ta’uu danda’a, jaalalli osoo hin jiraatin sababa sodaatin ta’uu danda’a. Namtichi mootii abbaa irree zaalima ta’e fuundura dhaabbachuun: “ati mootii kabajamaa, tola oolaa, haqummaan hojjataa eenyullee hin miinedha.” yoo jedhe, kuni jajuudha. Garuu jaalalaa fi ol-guddisuu irraa kan maddee miti.

Garaagarummaan faaruu fi jajuu jidduu jiru: jajuun dhugaa jiruun walitti galuu danda’a, walitti galuu dhiisuus danda’a. Garuu faaruun dhugaa jiruun walitti galuun dirqama.[5]

Kanaafu, al-hamd (faaruun)- jaallachuu fi ol-guddisuun faarfamaa amaloota gugguutuun ibsuudha. Namni dhugaan “Alhamdulillah (Faaruun hundi kan Rabbiiti)” jedhu Rabbii olta’aa jaallatu fi ol-guddisuu qaba.

“Garuu irra hedduun isaanii hin hubatan.” Yaa nama gara Rabbiitti waamu! Mushrikoota baay’ee irratti ragaalee dhaabuun shirkii isaanii achi gatuun Rabbiin malee Gooftaan biraa akka hin jirre, haqaan gabbaramaan Isa malee akka hin jirre ni amanan jettee hin dharra’in. Kana irra, aqlii waan hin qabneef baay’een isaanii soba isaanii irra turuu itti fufu.

Yaada sobaa abbooti irraa dhaalaniin sammuun isaanii waan haguuggameef beekumsa hin hubatan. (Dhimma amanti isaanii keessatti wanta isaan miidhuu fi fayyadu hin hubatan. Wallaalummaa isaanii irraa kan ka’e, Rabbii gadiitti wanta biraa gabbaruun Rabbiitti waan dhiyaatan isaanitti fakkaata. sababa kanaan kan badanii fi ibidda keessatti yeroo hunda (zalaalami) kan turan ta’uu hin beekan.)[6]

Ammas, isaan fedhii isaanii qabuu hin danda’an. Sababni isaas, fedhiin lubbuu fi dharraan isaanii shirkii fi adeemsa keessatti wanta shirkiin wal qabateen garmalee kan walitti hidhameedha.[7]


Kitaabban wabii:
[1] Tafsiir Muyassar-403
[2] Tafsiir Qurxubii-16/386
[3] Tafsiiru Xabarii-18/439
[4] Tafsiir Sa’dii-746
[5] Tafsiir Qur’aanil Kariim-Suuratu Ankabuut-fuula 385
[6] Tafsiiru Xabarii-18/439
[7] Ma’aariju tafakkuri wa daqaa’iqu tadabburi-15/296

Print Friendly, PDF & Email
Tafsiira Suuratu Al-Ankabuut-Kutaa 20
Tafsiira Suuratu Al-Ankabuut-kutaa 18
Offline dubbisuf

Leave a Reply