Tafsiira Suuratu Al-Ankabuut-Kutaa 20

Jireenyi Haqiiqaa Tamiidhaa?
Haqiiqaa jechuun wanta dhugaa ta’e, sobni fi faffakeessan kan keessa hin jirreedha. Jireenyi addunyaa tuni iddoo qormaataa waan taateef ija namaa keessatti faayamuun nama sobuu dandeessi. Jireenya tana keessatti har’a yoo gammaddee oolte boru gadduu dandeessa. Wanti har’a bareedu boruu fokkuu ta’e sitti mul’achuu danda’a. Jireenyi tee wantoota adda addaatin tan booroftu taate argatta. Kanaafu, jireenyi dhugaa sobni keessa hin jirree fi qulqulluu hin boorofne tamiidhaa? Jireenyi addunyaa osoo dhugaa sitti fakkaattu boru soba ta’uu dandeessi. Har’a qulqullinnaa fi mijaa’inna keessa osoo jirtu boru boora’innaa fi jeequmsa keessatti taruu dandeessa. Kanaafu, jireenyi dhugaa kana hundarraa qulqulluu taate eessatti argannaa? Mee deebii kanaa aayah armaan gadi keessa haa barbaannu:

29:64

Jireenyi addunyaa tuni bashannanaa fi tapha malee homaayyu miti. Dhugumatti, Gandi Aakhirah ishimatu Jireenya Dhugaati, osoo kan beekan ta’ani!” Suuratu Al-Ankabuut 29:64

Jireenyi addunyaa tanaa maalidhaa bashannanaa fi tapha malee. Sababa faaya fi mi’aan keessa jiruun qalbiin itti bashannanti, qaamni ni taphata. Ergasii faayni fi mi’aan addunyaa tanaa yoosu bada. Dhugumatti gandi Aakhirah jireenya dhugaa itti fuftu taatee fi duuti keessa hin jirreedha. Osoo namoonni kana beekanii silaa ganda hafuu fi turaa dhiisanii ganda baduu hin filatanu turan.[1]

Jireenyi addunyaa jireenya Aakhiraatin yommuu wal bira qabamtu bashannanaa fi tapha malee homaayyu miti. Namni hojii hojjatu keessatti jaalala Rabbiiti fi mindaa Aakhirah argachuuf yoo hin kajeelin hojiin isaa tapha. Sababni isaas, akkuma taphni erga taphatanii booda bu’aan isaa badu, hojiin nama kanaas yeroo muraasan booda ni bada. Aakhiratti mindaa waan hin kajeelleef addunyaa keessatti ni bada, itti fufiinsa hin qabu. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa ni jedha:

“Namni jireenya addunyaatii fi faaya ishii barbaadu, [firii] hojii isaanii ishii keessatti guunnee isaaniif kennina. Isaan ishii keessatti hin hir’ifaman. Isaan sun warra Aakhiratti ibidda malee homtu isaaniif hin jirreedha. Wanti isaan ishii keessatti dalagaa turan bade, wanti isaan hojjataa turanis gati-dhabeessa.” Suuratu Huud 11:15-16

Kana jechuun namni haala itti fufaan jireenya addunyaa tanaati fi faaya ishii qofa barbaadu, firii hojii isaanii irraa wanta isaaniif hirame osoo hin hir’isin haala guutuu ta’een addunyaa keessatti isaaniif kennina. Isaan sun Aakhiratti ibidda Jahannam malee homtu isaaniif hin jiru. Faaydan hojii isaan hojjatanii bade. Hojiin isaaniis gatii kan hin qabneedha. Sababni isaas, isaan jaalala Rabbii argachuuf hin hojjanne.

Hojiin gaggaarriin namoonni kunniin jireenya addunyaa keessatti hojjataa turan Guyyaa Murtii jalaa bada. Kanaafu, mindaa homaatu irratti hin argatan. Sababni isaas, isaan Rabbiitti, Ergamaa Isaatti, kitaaba Isaatti fi Guyyaa Aakhiratti kan hin amanne turan. Akkasumas, addunyaa keessatti hojii gaarii hojjatan jaalala Rabbii barbaaduun hin hojjanne. Kanaafu Isa biratti mindaan homaatu isaanif hin malu.[2]

Faallaa kanaa, hojiin gaggaariin jaalala Rabbii barbaadu fi mindaa Aakhirah kajeelun hojjatame, hojii turaa hin banneedha. Gonkuma tapha hin ta’u. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa ni jedha:

18:46

“Qabeenyi fi ilmaan faaya jireenya addunyaati. Hojiiwwan gaggaarii turaa ta’antu Gooftaa kee biratti mindaadhaan irra caala, ammas abdiidhaan irra caala.” Suuratu Al-Kahf 18:46

Hojiiwwan gaggaariin turan hojiiwwan Rabbiin gammachiisanii fi jaalala Isaa ittiin barbaadaniidha. Hojiiwwan kunniin yeroo hundaa kan turaniidha. Sababni isaas, mindaan isaanii Guyyaa murtii ganda qananii (Jannata) keessatti kan hafuu fi yeroo hundaa kan turuudha. Hojiiwwan gaggaariin akka mindaatti qabeenyaa fi ijoolle caala. (Faaydan qabeenya fi ijoollee irraa argamu kan baduudha. Garuu mindaan (ajriin) hojii gaarii yeroo hundaa turaadha.) Wanti mu’minni hojii gaarii irraa abdatu wanta qabeenyaa fi ijoollee irraa abdatu caalaa guddaadha.


Kitaabban wabii:
[1] Tafsiiru Muyassar-404
[2] Ma’aariju tafakkuri wa daqaa’iqu tadabburi-10/342-343, Tafsiir Muyassar-223

Print Friendly, PDF & Email
Tafsiira Suuratu Al-Ankabuut-Xumura
Tafsiira Suuratu Al-Ankabuut-Kutaa 19

Leave a Reply