Tafsiira Suuratu Al-Ankabuut-Xumura

Alhamdulillah kunoo Ibsa (tafsiira) suuratu Al-Ankabuut osoo ilaallu xumura irra geenye. Kutaa dhumaa ilaaluun har’a ni xumurra.

“Yeroo doonii yaabbatan, amanti Isaaf qulqulleessuun Rabbiin waammatu. Yommuu Inni gara lafaatti nagaha isaan baase, yeroma san Rabbiitti qindeessu. Wanta isaaniif kennine waakkachuu fi qanani’uuf [Rabbitti qindeessu]. Gara fuunduraatti ni beeku.” Suuratu Al-Ankabuut 29:65-66

Kaafironni yommuu galaana keessatti dooni yaabbatanii fi bishaanin nyaatamu sodaatan, Rabbiin ni tokkichoomsu. Yeroo rakkoon isaanitti cimuu fi danbaliin galaanaa gara hundaan isaan marsu, kadhaa Isa qofaaf godhu. Asitti amantiin du’aayi (kadhaadha). Namoonni kunniin wanta gabbaraa turan dagatanii Rabbiin qofa kadhatu. Yommuu Rabbiin subhaanahu gara lafaatti isaanii baasee fi rakkoon isaan irraa deeme, yoosu gara shirkii isaaniititti deebi’u.[1] Kana jechuun Rabbiin ala wanta biraa gabbaruutti fiigu.

Dhibeen nafsee isaanii gara dhimmoota lamaatti deebi’a:
1ffaa-qananii Gooftaan isaanii lakkoofsa hin qabne isaaniif kenne waakkachuu keessatti fedhii guddaa qabaachu. Of tuuluu irraa kan ka’e qananii kana irratti Isa faarsuu fi galata Isaaf galchuu hin barbaadan. Kana “wanta isaaniif kennine waakkachuuf” jedhu keessatti ni arganna. Wanta waakkachuu isaaniitiin wal qabate keessaa tokko: ma’asiyaa keessatti taruudha. Kanaafu, wanta Gooftaan isaanii itti ajaje hojjachuu fi wanta Inni dhoowwe dhiisun Isaaf hin ajajaman.
2ffaa: badii hojjachuuf of gadi furuu fi faayda addunyaa irraa wanta fedhen hundatti fayyadamuu. Kana “qanani’uuf” jedhu keessatti ni arganna.[2]

Gara fuunduraatti ni beeku.” Kana jechuun badiinsa hojii isaaniitii fi adabbii laalessaa Rabbiin Guyyaa Qiyaamaa isaaniif qopheesse gara fuunduraatti ni beeku.

29:67

“Namoonni naannawa isaaniitti kan bubbutaman ta’anii osoo jiranu akka Nuti [Makkaan] Harama nagahaa goone hin arginee? Sila baaxilatti amananii qananii Rabbii waakkatuu?” Suuratu Al-Ankabuut 29:67

Harama jechuun wanta kabajaa fi guddinna qabuudha. Sila kaafironni Makkaa Rabbiin isaaniif Makkaan iddoo kabajamaa nagaha ta’ee akka godhee hin arginee? Jiraattonni Makkaa achi keessatti ofii fi qabeenya isaanii irratti nagaha ta’u. Namoonni Makkaan ala jiran immoo ni bubbutamu. Kana jechuun wal ajjeesu, wal saamu.

Yeroo Jaahiliyyah jiraattonni Makkaan ala jiraatan nageenya hin beekan. Isaan irratti duulama, ni ajjeefamu, ni booji’amu. Qabeenyaa fi dubartoonni isaanii ni saamamu. Garuu warri Makkaa nageenya keessa ta’u. Inumaa, namni nama abbaa isaa ajjeese Harama keessatti ni arga. Garuu isa hin ajjeesu. Haa ta’uu malee, Haramaan alatti ajjeechaa, booji’amuu fi saamichaa ni argita. Kanaafu, qananiin nageenyaa Qureeshota irratti qananii guddaadha. Qananii kana galataa fi Ergamaa Rabbii dhugoomsun deebisuun isaan irra jiraa ture.

“Sila baaxilatti amananii qananii Rabbii waakkatuu?” Kana jechuun shirkiitti amananii qananii Rabbii waakkatuu?[3]

Shirkiin soba (baaxila). Namni Rabbiin alatti wanta biraa gooftaa jedhe yoo gabbare (waaqefate) sobatti amanee jiraa jechuudha. Qananii Rabbii kan akka qabeenyaa, beekkamtii, nageenyaa, hoggantummaa fi kanneen biroo kan Rabbiin isaan qananiise waakkatu. Sababni isaas, qananiiwwan kunniin gara Rabbiif ajajamuutti deebi’uun galata galchuu barbaachisa. Namni qananiin baay’achuu waliin ma’asiyaa irra yoo ture, kanaan qananii kan waakkatu ta’a.[4]

29:68

“Nama Rabbiin irratti kijiba uumee yookiin yommuu haqni isatti dhufe haqa kijibsiisee caalaa namni zaalimni eenyuu? Sila kaafirootaaf iddoon jireenyaa Jahannam keessa mitii?” Suuratu Al-Ankabuut 29:68

Kana jechuun nama Rabbiin irratti kijibee jallinnaa fi soba irra jiru Rabbii olta’aatti maxxanse yookiin haqa Rabbiin Ergamaa Isaa Muhammadin ittiin erge kijibsiisee caalaa namni zaalimni hin jiru. Nama Rabbiitti kafaree, tokkichummaa Isaa waakkatee fi Ergamaa Isaa Muhammadin (SAW) kijibsiiseef Jahannam keessa iddoo jireenyaatu jira.[5]

Rabbiin irratti kijiba uumuun gosoota baay’ee qaba. Isaan keessaa: wanta Rabbiin haraama hin goone namni tokko wanti kuni haraama yoo jedhe, Rabbiin irratti kijiba uumee jira.

Namni Rabbiin shariika ykn ilma qaba jedhe, Rabbiin irratti kijiba uumee jira. Akkasumas, namni osoo wahyiin isatti hin buufamin, wahyiin natti bu’ee jedhe Rabbiin irratti kijiba uumee jira. Namni kana hojjate nama hundarra zaalima (daangaa darbee fi haqa irraa jallateedha.) Akkasumas, namni yommuu haqni Gooftaa isaa irraa isatti dhufu kijibsiisee, zaalima. Kan jalqabaa kijiba kan uumudha, kan lammata immoo haqa kan kijibsiisuudha.

29:69

Warroota karaa Keenya keessatti qabsaa’an- dhugumatti karaalee Keenyatti ni qajeelchina. Dhugumatti, Rabbiin toltuu hojjattoota waliin jira.” Suuraa Al-Ankabut 29:69

Jihaada (qabsoo) jechuun: galma (kaayyoo barbaadan) gahuuf humna cimaa baasudha.  “Warroota karaa Keenya keessatti qabsaa’an- “ kana jechuun namoota diinii Rabbii keessatti, shari’aa Isaa ibsuu, waan gaariitti ajajuu fi waan badaa irraa dhoowwu, wanta dhoowwame irraa nafsee ofii qabuu fi wanta dirqama ta’ee akka hojjattu taasisuu fi jecha Rabbii ol’aansuuf kaafirotaan loluu keessatti qabsaa’an, jazaan (mindaan) ariifatan isaan argatan: “dhugumatti karaalee Keenyatti ni qajeelchina.”[6]

Karaaleen Rabbii hojiiwwan jaalalaa fi mindaa Isaatti nama geessaniidha.[7]

Qajeelchuun gosa lama: beekumsaan qajeelchu fi hojiin qajeelchu. Beekumsaan qajeelchu yommuu jennu gara beekumsa sirrii ta’etti qajeelchu. Hojii gaarii fi badaa, sobaa fi haqa addaan baasutti qajeelchudha. Hojiin qajeelchu jechuun immoo wanta beeke hojii irra akka oolchu dandeesisuudha. Namni qabsoo isaa keessatti dhugaa ta’ee fi ikhlaasa qabaate, Rabbiin beekumsaa fi hojiin isa qajeelcha.

Rabbiin azza wa jalla qabsaa’ota (mujaahidota) kanniin toltu hojjattoota (muhsinuun) akka ta’an ni ibse. Isaan qabsoo isaanii keessatti akka waan Rabbiin arganitti warra Isa gabbaraniidha. Kuni ikhlaasni isaanii guutuu ta’u fi hojii bareechisanii hojjachu agarsiisa.

“Dhugumatti, Rabbiin toltuu hojjattoota waliin jira.” kana jechuun Rabbiin  gargaarsaan, wanta sirrii qunnamsiisuu fi qajeelchuun isaan waliin jira. Kuni kan agarsiisuu namoonni nama hunda caalaa wanta sirrii qunnaman warra qabsaa’aniidha. Akkasumas, namni wanta itti ajajame bareechisee hojjate, Rabbiin isa gargaara, sababoota qajeelinnaa isaaf laaffisa. Namni beekumsa shari’aa barbaadu keessatti qabsaa’ee fi ciminnaan hojjate, qajeelinnaa fi gargaarsi isaaf argama, dhimmi beekumsaa isaaf laafa. Sababni isaas, beekumsa shari’aa barbaadun karaa Rabbii keessatti qabsaa’u keessaa tokko.[8]

Alhamdulillahi Rabbil aalamiin. Tafsiirri suuratu Al-Ankabuut asirratti xumuramee jira.


Kitaabban wabii:
[1] Tafsiiru Muyassar-404
[2] Ma’aariju tafakkuri-15/298
[3] Tafsiir Xabarii-18/443
[4] Tafsiir Qur’aanil Kariim-Suuratu Ankabuut-fuula 407
[5] Tafsiir Muyassar-404
[6] Tafsiir Qur’aanil Kariim-Suuratu Ankabuut-fuula 413
[7] Tahriir wa tanwiir-21/37
[8] Tafsiiru Sa’dii-747,

Print Friendly, PDF & Email
Tafsiira Suuratu Ar-Ruum-Kutaa 1
Tafsiira Suuratu Al-Ankabuut-Kutaa 20

Leave a Reply