Tafsiira Suuratu Ar-Ruum-Kutaa 2

Samiiwwan, Dachii fi wantoonni isaan jidduu jiran kaayyoo guddaaf uumaman
Namoonni baay’een sammuu isaanii gara biraatti waan garagalchaniif uumama samii fi dachiitti hin xinxallan. Samii fi dachiin garmalee gurguddatan kunniin akkanumaan waan uumaman isaanitti fakkaata. “Namni ni jiraata ni du’a, ni jiraata ni du’a, oduun jireenya du’aan xumurama. San booda wanti biraa hin jiru” jechuun yaadu. Kuni yaada dogongoraa kufaati guddaatti nama geessudha. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa yaada dogongoraa kana akkana jechuun haaqa.

30:8

Sila isaan nafsee ofii keessatti hin xinxallinee? Rabbiin samiiwwan, dachii fi wanta isaan lamaan jidduu jiru hunda haqaani fi yeroo murtaa’ef malee hin uumne. Dhugumatti namoota irraa baay’een isaanii qunnamti Gooftaa isaaniitti kan kafaraniidha.” Suuratu Ar-Ruum 30:8

Sila namoonni Ergamaa Rabbiitii fi Isaan wal qunnamu kijibsiisan, nafsee ofiitti hin xinxallanii? Akkamitti Rabbiin akka isaan uumee hin ilaalanii? Nafsee isaanii keessa mallattoo du’aan booda kaafamuun ittiin beekantu jira. Isaan duraan homaa hin turre. Ergasii Rabbiin isaan uume. Marsaalee adda addaa keessa dabarsuun nama guutuu isaan godhe. Kanaafu, Kan kana hojjate erga isaan du’anii badanii uumama haarawa godhee isaan deebisa. Ergasii, nama toltu hojjate tola ooltummaa isaatiin mindaa kennaaf, nama badii hojjate badummaa isaatiin isa adaba.[1]

“Rabbiin samiiwwan, dachii fi wanta isaan lamaan jidduu jiru hunda haqaani fi yeroo murtaa’ef malee hin uumne.”
Sila faayda fi faaya addunyaatti rarra’uun sammuu fi argituun isaanii ni baddee, xinxallii sirrii kaayyoo uumama samii, dachii fi wantoota isaan lamaan jidduu jiran hubachuutti isaan geessu nafsee ofii keessatti hin xinxallinee? Rabbiin guddaan aangoon Isaa ol’aanee uumamtoota gurguddoo kanniin haqaan malee hin uumne.

Haqni wanta gadi dhaabbataadha. Kutaaleen yunivarsii kanaa wantoota haqaan jiraniidha. Ammas, uumamtoonni gurguddoon kunniin kaayyoo ol’aanaa qabaachuun dirqama. Kaayyoon ol’aanaan kuni haqa.[2]

Namni sirritti xinxallu kaayyoon ol’aanaan samiin, dachii fi wantoonni isaan lamaan jidduu jiran itti uumamaniif ni beeka. Kan isaan uumeef: namoota qoruuf, gabroonni sifaata Isaa akka beekanii fi Isa qofa gabbaraniif, dhumarratti jazaa isaaniif kafaluufi. Kunniin sadan akka sansalataa wal keessa seenu. Namoota qoruu irraa wanti barbaadame ibaadaadha. Ibaadan immoo kan barbaadameef jazaa isaaniif kafaluufi. Akkasi miti ree?

Mee ragaalee kanaa haa dhiyeessinu:

“Inni Kan samiiwwanii fi dachii guyyaa jaha keessatti uumedha. Arshiin Isaas bishaan gubbaa ture. Eenyu keessantu irra gaarii akka hojjatu isin qoruuf, [isaan uume].” Suuratu Huud 11:7

Qormaata kanaan namni hojii irra gaarii hojjatu ifatti baha. Hojiin irra gaariin hojii ikhlaasaa fi shari’aa hordofuun hojjatameedha.

Ikhlaasaa fi shari’aa hordofuun ibaadaadha. Kanaafu, qormaata kana keessatti ilma namaa irraa wanti barbaadame ibaadadha. Kanaafi, Rabbiin olta’aan ni jedha:

51:56

Jinnii fi ilma namaa akka Ana qofa gabbaraniif malee hin uumne.” Suurat Az-Zaariyaat 51:56

Ammas ni jedha:

“Akka deebi’aniif toltu fi hamtuun isaan qorre.” Suuratu Al-A’araaf 7:168
Kana jechuun gara Rabbiif ajajamuu fi ma’asiyaa (cubbuu) irraa tawbataniif toltuu fi rakkoon isaan qorree.

Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa yeroo garii jireenya isaaniif mijeessa, qananii barbaadan isaaniif kenna. Yeroo biraa immoo jireenya isaanitti dhiphisa. Rakkoodhaan isaan tuqa. Kuni hundi qormaata. Kan toltuu fi rakkoon isaan qoruuf akka gara Isaaf ajajamuutti deebi’anii fi tawbataniifi. Rabbiif ajajamuu fi tawbaan immoo ibaadadha.

Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa ibaadaa (gabbarrii) namootaa irraa Dureessa. Ibaadaa isaaniititti hin hajamu. Garuu ibaadatti kan isaan ajajeef jazaa isaaniif kafaluufi. Kanaafi, ni jedha:

10:4

Deebiin hunda keessanu gara Isaa (Rabbiiti). [Kuni] waadaa Rabbii haqa [kan ta’eedha]. Dhugumatti, Inni uumuu ni jalqaba, ergasiis ni deebisa. [Kana kan godhuuf] warroota amananii fi hojii gaggaarii hojjatan haqummaan mindaa isaaniif kennuufi. Warroota kafaran immoo waan kafaraniif jecha isaaniif dhugaatii bishaan danfaa irraa ta’ee fi adabbii laaleessaatu jira.” Suuratu Yuunus 10:4

Namoota ajaja Isaa fudhatanii Isa qofa gabbaran mindaa isaaniif kenna. Namoota ajaja Isaa didanii Isa qofa gabbaru didan immoo adabbii isaaniif malu adaba.

Kanaafu, Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa samii fi dachii kaayyoo guddaaf uume. Akkanumatti taphaaf hin uumne. Kaayyoon guddaan kuni haqa.

“yeroo murtaa’ef”
Jireenyi addunyaa tuni iddoo qormaataa erga taate, qormaata booda wanti sammuutti dafee dhufu firii qormaataa (jazaa)dha. Ta’uu baannan, qoruun tapha ta’a. Ammas, qormaataaf yeroon murtaa’aan itti xumuramu jiraachu qaba. Rabbiin Hakiim, Beekaa, Danda’aa ta’ee jireenya addunyaa keessatti yeroo qormaataa daangessuu fi yeroo qormaanni kuni itti xumuramu murteessun Isaa hin hafu. Yeroon qormaataa kuni xumuramuun yeroon lubbu-qabeenyi itti balleessuu fi sirna yuniversi yeroo qormaataaf dhaabbate itti jijjiruu ni dhufa. Ergasii, yeroon kaafamaa fi sirna yuniversii jazaa guddaaf maluu dhaabun ni dhufa.

“Dhugumatti namoota irraa baay’een isaanii qunnamti Gooftaa isaaniitti kan kafaraniidha.” Kana jechuun namoonni baay’een du’aan booda kaafamutti hin amanan.[3] Du’aan booda kaafamutti waan hin amanneef Guyyaa Qiyaamaa Gooftaa isaaniitiin wal qunnamuutti hin amanan. Kanaafu, Isa qunnamuuf of hin qopheessan, Ergamtoota Isaa kana beeksisan hin dhugoomsine. Kuni ragaa tokko malee kafaruudha. Ragaaleen qabatamoon du’aan booda kaafamuu fi jazaan akka jiru agarsiisu.[4]


[1] Tafsiir Xabarii-18/464 [2] Ma’aariju Tafakkuri wa daqaa’iqu tadabburi-15/132-133 [3] Tafsiir Qurxubii-16/402 [4] Tafsiiru Sa’dii-749

Tafsiira Suuratu Ar-Ruum-Kutaa 3
Tafsiira Suuratu Ar-Ruum-Kutaa 1

Leave a Reply