Tafsiira Suuratu Ar-Ruum-Kutaa 3

Offline dubbisuf

Namoonni yeroo baay’ee yommuu adabbiin ykn rakkoon cimaan isaanitti bu’u, quba ofitti akeeku dhiisanii gara biraatti akeeku. Inumaa waan Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa isaan miidhee isaanitti fakkaata. Garuu dhugaan isaan hubachuu qaban: namni ajaja Rabbii keessaa bahe adabbiif of saaxila. Kanaafu, yoo ajaja Isaatiif buluu didanii adabbiin isaanitti bu’e, eenyutu isaan miidhee? Ofumaa of miidhan. Sababni isaas, isaanumatu nafsee ofii haala nagaha itti ta’an keessaa baasee haala adabbiin itti bu’u keessaa kaa’e.

“Sila dachii keessa deemanii xumurri warra isaaniin duraa akkam akka ture hin ilaallee? Isaan caalaa humnaan ciccimoo turan, dachiis qotanii kan isaan misoomsan caalaa ishii misoomsan. Ergamtoonni isaanii ragaalee ifaan isaaniitti dhufan. Rabbiin kan isaan miidhu hin taane. Garuu ofumaa of miidhaa turan.” Suuratu Ar-Ruum 30:9

Aayah tana keessatti warra sababa kufrii isaaniitin badan irraa barnoota akka fudhatan ajaja. “Sila namoonni kunniin dachii keessa deemanii xumurri warra isaaniin duraa akkam akka ture hin ilaallee?” Fakkeenyaf, xumurri ummata Samuud lafa irraa xururamuu ture. Ummanni Aad dachii keessatti of tuuluun, “Nu caalaa eenyutu humnaan cimaadha?” jedhaniis dachii irraa ni badan. Fira’awni fi loltoonni isaas ni badan.

Isaan caalaa humnaan ciccimoo turan” kana jechuun ummanni badan kunniin Qureeshota caalaa humnaan ciccimoo turan. “dachiis qotanii kan isaan misoomsan caalaa ishii misoomsan.” Kana jechuun Qureeshota Makkaa caalaa namoonni badan sunniin dachii qotanii misoomsan. Qureeshota caalaa lafa ni qotan, manneeni fi gamoo ni ijaaran. Kana waliinu yommuu Ergamtoonni isaanii ragaalee ifaatiin isaanitti dhufanii fi isaan wanta isaaniif kennameen of tuulanii Ergamtoota kijibsiisan, Rabbiin sababa badii isaaniitiif isaan qabe. Homtuu Rabbiin irraa isaan hin eegne. Isaanii fi adabbii Rabbii jidduu qabeenyi fi ijoolleen isaanii seenun adabbii isaan irraa hin deebisne.[1]Rabbiin kan isaan miidhu hin taane.” Kana jechuun Rabbiin badii malee isaan adabuun ykn Ergamtoota osoo isaanitti hin argin isaan balleessuun gonkumaa isaan hin miine.[2]

Garuu isaanumatu kafaruu fi yakka gurguddaatti taruun nafsee ofii miidhe. Namni tokko, “Nama kafaree fi ajaja Gooftaa isaa faallessee, Gooftaan isaa adabbii cimaa isa adaba” jedhamuun erga itti himamee booda, yoo kafaree fi Gooftaa isaa faallesse, tawbaa fi istighfaaran nafsee ofii yoo dhaqqabuu dhiisee, adabbii Gooftaa isaatiif of saaxilu isaatiif inni nafsee ofii miidhee jira.[3] Kana haala gabaaban hubachuf fakkeenya kana ilaalu dandeenya: namni yakka hojjatee ergasii mana murtiitti erga dhiyeefamee booda yoo hidhame ykn ajjeefame, nafsee ofii kan miidhe eenyudha? Namuma yakka hojjate kanatu of miidhe.

Namni wanta Rabbiin olta’aan itti ajaje hojjachuu diduu fi wanta Inni irraa dhoowwe hojjatu, adabbii Rabbiitiif of saaxila. Kanaafu, yoo adabbiin isatti bu’e nafsee ofii kan miidhe isuma.

30:10

“Ergasii, xumurri warra badii hojjatanii sababa isaan aayaata Rabbii kijibsiisanii fi isaanitti qoosaa turaniif garmalee fokkuu ta’e.” Suuratu Ar-Ruum 30:10

Kana jechuun ergasii ummattoota darban irraa namoonni badii hojjatan dhumti isaanii garmalee fokkataa ta’e. Kana jechuun adabbii ibiddaa ta’e. Sababni isaas, isaan aayaata (keeyyattootaa fi ragaalee) Rabbiin irraa bu’an kijibsiisaa fi itti qoosaa turan. Aayaata kijibsiisuun “Kuni Rabbiin irraa hin buune, sirri miti.” jechuudha.[4] Murtiiwwan aayaanni kunniin of keessatti qabatan immoo tapha godhachuu fi akka salphaatti ilaaludha.

Odeefannoo aayaanni kunniin of keessatti qabatan ni kijibsiisan, murtiiwwan immoo itti qoosan. Fakkeenyaaf, odeefannoo waa’ee Aakhiraa ilaalchise ni kijibsiisan. “Du’aan booda kaafamni hin jiru, Jannataa fi Jahaannam hin jiran” jedhan. Murtiwwan aayaanni kunniin of keessatti qabatan kan akka salaataa, hijaabaa, haddi fi kkf itti qoosan, tapha godhatan.

Namoonni odeefannoo aayaata Rabbiin irraa bu’anii kijibsiisanii fi murtiwwan aayaata kanniin keessa jiran itti qoosan xumurri isaanii badaadha.

30:11

“Rabbiin uuminsa jalqaba, ergasii isa ni deebisa. Ergasii garuma Isaatti deebifamtu.” Suuratu Ar-Ruum 30:11

Kana jechuun uumamtoota hunda uumuu Kan jalqabuu Rabbii tokkicha. Erga du’anii booda akkuma duraan turanitti jiraattoota godhee isaan deebisa. “Ergasii garuma Isaatti deebifamtu.” Kana jechuun Guyyaa Qiyaamaa gara Isaatti deebifamuun hojii keessaniif jazaa argattu. Namni gaarii hojjate gaarummaa isaatiin mindaa argata. Namni badii hojjate badummaa isaatiin ni adabama.[5] kanaafi, itti aansee jazaa warra badii hojjatanii fi jazaa warra gaarii hojjatanii dubbate:

30:12

Guyyaa Qiyaamaan dhaabbattu, mujrimoonni (yakkamtoonni) abdii kutu.” Suuratu Ar-Ruum 30:12

Guyyaa Qiyaamaan dhaabbattu mujrimoonni adabbii jalaa nagaha bahuu irraa abdi kutatu, cicc jedhanii cal’isu, ni dhama’u. Mujrimoonni (yakkamtoonni) warra badii gurguddaa akka kufrii fi shirkii hojjataniidha. Guyyaa san kaafironni sababa adabbiitti isaan geessu waan hojjatanif, sababoota mindaa ittiin argatan waan itti hin makneef, ni cal’isuu, abdii muratu, sobni isaan uumaa turan isaan jalaa bada. Kan akka wantoonni isaan Rabbii gadiitti gabbaran “nu fayyadu ykn shafa’aa nuuf ta’uu” jechuun odeessanii. Kanaafi itti aanse ni jedha:

30:13

Shariikota isaanii irraa warri jaarsummaa isaaniif ta’an hin argaman. Isaan shariikota isaaniitti kaafirota ta’u.” Suuratu Ar-Ruum 30:13

Asitti shariikota jechuun wantoota namoonni Rabbii gaditti gabbaraniidha. Guyyaa Qiyaamaa mushrikoonni wantoota Rabbii gadiitti gabbaraa turan keessaa jaarsummaa (shafa’aa) kan isaaniif ta’u hin argatan. Addunyaa keessatti, “Kunniin Rabbiitti nu dhiyeessu, Isa biratti jaarsummaa nuuf ta’u” jechuun gabbaraa turan. Garuu Guyyaa Qiyaamaa wanta abdatan kana hin argatan. Shariikota (wantoota isaan Rabbii gadiitti gabbaran) keessaa shafa’aa (jaarsummaa) kan isaaniif ta’u erga dhabanii, “shariikoota isaaniitti kaafirota ta’u.”[6]  Kana jechuun mushrikoonni shariikota isaanii ni waakkatu (ni kaadu). Shariikonnis “Isin nu gabbaraa hin turre” jechuun isaan mormu.[7]

Kana keessa namoota gara qabrii deemun “Namni kuni Rabbitti nu dhiyeessa ykn shafa’aa ykn tawassula nuuf ta’a” jechuun nama qabrii keessatti awwaalamee kadhataniif akeekachiisa cimaatu jira. Guyyaa Qiyaamaa namni qabrii keessatti awwaalame kuni isaan morma. Ergasii isaan hoongoo guddaa hoonga’u.

Guyyaa Qiyaamaan dhaabbattu kaafironni abdi kutu, dhama’anii cal’isu.


Kitaabban wabii:
[1] Tafsiir Ibn Kasiir-6/85,[2] Tafsiir Qurxubii-16/402, Zaadul Masiir-1090 [3] Ma’aariju Tafakkuri wa daqaa’iqu tadabburi-15/135[4] Tafsiir Qur’aanil Kariim-Suuratu Ar-Ruum, Ibn Useymiin- 65, madda olii[5] Tafsiir Muyassar-405, Zaadul Masiir-1091, Tafsiir Ibn Kasiir-6/86[6] Tafsiir Qurxubii-16/404, Ma’aariju Tafakkuri wa daqaa’iqu tadabburi-15/137 [7] Tafsiir Qur’aanil Kariim-Suuratu Ar-Ruum, Ibn Useymiin- 75, Tafsiir Sa’dii-749

Print Friendly, PDF & Email
Tafsiira Suuratu Ar-Ruum-Kutaa 4
Tafsiira Suuratu Ar-Ruum-Kutaa 2
Offline dubbisuf

Leave a Reply