Tafsiira Suuratu Ar-Ruum-Kutaa 4

Offline dubbisuf

Addunyaan tuni iddoo qormaataa waan taatef, akkuma barataan dadhabaa fi cimaan daree qormaata keessatti walitti makaman, addunyaa tana keessattis namoonni badoo fi gaarii ta’an walitti makamu. Garuu akkuma yeroo firiin qormaataa ibsamu barataan dadhabaa fi cimaan addaan baafamu, namoonni badoo fi gaarii ta’anis Guyyaa Qiyaamaa addaan baafamu. Guyyaan Qiyaamaa guyyaa firiin qormaata namootaa ibsamuudha. Kanaafu:

30:14

“Guyyaa Qiyaamaan dhaabbattu, Guyyaa san addaan babahu.” Suuratu Ar-Ruum 30:14

Kana jechuun Guyyaa Qiyaamaan dhaabbattu fi namoonni du’an kaafamuun walitti qabaman, Guyyaa san namoonni ramaddi lama gurguddaatti addaan qoodamu:
Ramaddin 1ffaan: imala qormaata isaanii keessatti warra amananii fi hojii gaggaarii hojjataniidha.
Ramaddin 2ffaan: warra kafaranii fi aayaata Gooftaa isaanii kijibsiisaniidha.

Namoonni amananii fi kafaran Guyyaa Qiyaamaa addaan fooyamu. Fira garmalee namatti dhiyooyyu osoo ta’ee addaan bahu. Fkn, Osoo abbaan mu’mina ta’ee ilmi kaafira ta’eyyu, abbaa fi ilmi addaan baafamu. Warri iimaana qaban mirgaan gara Jannata fudhatamu. Warri kufrii immoo bitaan gara ibiddaatti fuudhamu.

30:15

“Warri amananii fi hojii gaggaarii hojjatan, isaan caffee [Jannataa] keessatti gammachiifamu.” Suuratu Ar-Ruum 30:15

“Yuhbaruuna”-kana jechuun ni gammachiifamu, ni qananiifamu. Caffeen lafa magariisaan, habaaboo fi biqiltoota babbareedon uwwifamteedha.[1]  

Warri qalbii isaaniitiin Rabbii olta’aatti, malaaykota Isaatti, Ergamtoota Isaati, Kitaabban Isaatti, Guyyaa Aakhiraatti fi qadaratti amananii fi qaama isaaniitiin hojii gaggaarii hojjatan, isaan caffee Jannataa keessatti gammachiifamu, ni qanani’u.

“amananii fi hojii gaggaarii hojjatan” kana jechuun amanuu (iimaanaa) fi hojii bakka tokkotti fidan. Beeki! Iimaanni kophaa isaa yoo dubbatame, hojiis of keessatti hammata. Akkuma hojiin yommuu kophaatti dubbatamee iimaana of keessatti hammatu. Garuu yommuu lamaan isaanii walitti qabsiifaman, iimaanni hojii keessaa (qalbii) ta’a, hojiin gaggaariin immoo hojii alaa (qaamaa) ta’a. Kanaafu, asitti iimaanni  Rabbii olta’aatti, malaaykota Isaatti, Ergamtoota Isaati, Kitaabban Isaatti, Guyyaa Aakhiraatti fi qadaratti amanu of keessatti qabata. Akka kanatti Nabiyyiin (SAW) Jibriiliif iimaana ibsan. Yommuu Jibriil iimaanni maali?” jedhe gaafatu, Nabiyyinis (SAW): “Rabbitti, malaaykota Isaatti, Ergamtoota Isaati, Kitaabban Isaatti, Guyyaa Aakhiraatti amanuu fi gaariis ta’e sharriis ta’e qadaratti amanuudha.” Jedhan.

hojii gaggaarii hojjatan” kuni gochaa fi dubbii of keessatti hammata. Hojiin gaariin dubbii arrabaati fi hojii qaamaa of keessatti hammata. Hojiin tokko hojii gaarii jedhamuuf ulaagaalee lama guutuu qaba:

  • Rabbiif jedhanii hojjachuu (Ikhlaasa)
  • Ergamaa Isaa (SAW) hordofuudha[2]

Itti aanse ramaddi 2ffaa dubbate:

30:16

“Warri kafaranii aaayaata Keenyaa fi Qunnamti Aakhirah kijibsiisan immoo, isaan sun adabbii keessatti kan fidamaniidha.” Suuratu Ar-Ruum 30:16

Kana jechuun warri tokkichummaa Rabbii waakkatan (morman), wanta Ergamtoonni fidan kijibsiisan, akkasumas, Aakhiratti Gooftaa isaaniitiin wal qunnamu kijibsiisan, isaan suni azaaba (adabbii) Jahannam keessa turu. Jahannam keessatti akka adabamaniif dirqamaan oofamu.[3] 

“Yeroo galgaleefattanii fi yeroo bariisifattan Rabbiin qulqulleessaa. Samiiwwanii fi dachii keessatti faaruun hundi kan Isaati. Waaree boodaa fi yeroo waaretti seentanis [Isa qulqulleessaa].” Suuratu Ar-Ruum 30:17-18

Rabbiin qulqulleessuu jechuun wanta Isaaf hin malle irraa Isa qulqulleessuudha. Isa qulqulleessuun dhimmoota lama of keessatti hammata:
1ffaa: Rabbiin amaloota hanquu hundarraa qulqulleessuu. Kan akka dadhabbii, zulmii, gaflaa, hirriba fi kkf irraa Isa qulqulleessu.
2ffaa: Uumamtootaan wal fakkaachu irraa Isa qulqulleessu. Kana ilaalchise Rabbiin olta’aan ni jedha:

“Wanti Isa fakkaatu tokkollee hin jiru. Inni Dhagahaa, Argaadha.” (Suuratu Ash-Shuura 42:11)

Uumamtootaan wal fakkaachu irraa Rabbiin qulqulleessuun haqiiqadhaan hanqinna irraa Isa qulqulleessudha. Sababni isaas, uumamni (makhluuqni) hir’uudha. Guutuu kan ta’e hir’uu kan ta’een wal fakkeessu hir’uu isa taasisa.[4]

Kanaafu, namni “subhaanallah (Rabbiin qulqullaa’e)” yommuu jedhu, Rabbiin hanqinna hundarraa qulqulluu akka ta’e fi uumamtootaan akka wal hin fakkaanne yaadachu qaba.

Yeroo galgaleefattanii fi yeroo bariisifattan Rabbiin qulqulleessaa.” Kana jechuun Yaa namoota! Rabbiin qulqulleessaa. Kana jechuun yommuu galgaleefattan Isaaf salaataa. Kuni salaata maghriibaati fi Ishaa’iti. Yommuu bariisifattanis Isaaf salaataa. Kuni salaata subii (fajriiti).[5]

“Samiiwwanii fi dachii keessatti faaruun hundi kan Isaati.” Kana jechuun Rabbiin wanta samii torbanii fi dachii keessatti uume hundaaf Kan faarfamuudha.[6]

“Waaree boodaa fi yeroo waaretti seentanis [Isa qulqulleessaa].” Waaree booda Isa qulqulleessaa. Kuni salaata Asriiti. Yeroo waaretti seentanis Isa qulqulleessaa. Kuni salaata zuhriiti.[7]

Tasbiih (qulqulleessun) as keessatti barbaadame salaata kan ta’eef waqtiilee kanniinin waan wal qabsiiseefi. Waqtiilee kanaan wal qabsiisuun wanti barbaadame salaata ta’uu agarsiisa. Salaata agarsiisuuf tasbiih (qulqulleessutti) kan fayyadameef qulqulleessuun dirqamoota salaataa keessaa tokko waan ta’eefi.[8] (Namni ruku’a fi sujuuda bu’u Rabbiin qulqulleessu qaba. Yeroo ruku’aa: “Subhaana-Rabbiyal aziim (Gooftaan kiyya guddaan qulqullaa’e)” jedha. Yeroo sujuuda immoo SubhaanaRabbiyal a’alaa (Gooftaan kiyya ol’aanaan qulqullaa’e)” jedha.)

Naafi’u ibn Al-Azraq akkana jechuun Abdullah ibn Abbaas gaafate: Kitaaba Rabbii keessatti waqtiilee salaataa shanan ni argattaa?” Innis ni jedhe: “Eeyyen. “Yeroo galgaleefattanii”: salaata maghribaa,  “yeroo bariisifattan Rabbiin qulqulleessaa”: salaata subii (fajrii). “Waaree boodaa”: Asrii, “Yeroo waaretti seentan”: Zuhrii. Itti dabalee ni jedhe:“salaata ishaa’i booda.”  Suuratu An-Nuur 24:58[9] (Kana dhiyeessu kan barbaannef, namoonni jallattoota ta’an gariin “Qur’aana keessatti salaata shanan hin argannu” jechuun namoota jallisuuf carraaqu danda’u. Kanaafu, aayan tuni fi tan biroo ragaa isaan irratti taati.)

Aayah armaan oli keessatti qulqulleessu fi faarsu walitti hidhe. Sababni isaas, qulqulleessuun hanqinna hundarra Isa qulqulleessudha. Faarsun immoo amaloota gugguutu ta’an hundaan Isa ibsuudha.


Kitaabban wabii:
[1] Ma’aariju Tafakkuri wa daqaa’iqu tadabburi-15/137, Tafsiir Xabarii-18/469 [2] Tafsiir Qur’aanil Kariim-Suuratu Ar-Ruum, Ibn Useymiin- 78-79 [3] Tafsiir Xabarii-18/473, Ma’aariju Tafakkuri wa daqaa’iqu tadabburi-15/138 [4] Tafsiir Qur’aanil Kariim-Suuratu Ar-Ruum, Ibn Useymiin- 88-89 [5] Tafsiir Xabarii-18/473 [6] Tafsiir Ibn Kasiir-6/87 [7] Tafsiir Xabarii-18/473 [8] Tafsiir Qur’aanil Kariim-Suuratu Ar-Ruum, Ibn Useymiin- 89 [9] Tafsiir Xabarii-18/474

Print Friendly, PDF & Email
Tafsiira Suuratu Ar-Ruum-Kutaa 5
Tafsiira Suuratu Ar-Ruum-Kutaa 3
Offline dubbisuf

Leave a Reply