Tafsiira Suuratu Ar-Ruum-Kutaa 5
Ragaa Cimaa Du’aan Booda kaafamni akka jiru agarsiisuu
Namoonni erga du’anii booda kaafamuun isaanii haqa shakkii hin qabneedha. Inumaa du’aan booda kaafamuun dirqama garmalee barbaachisaa ta’eedha. Osoo du’aan booda kaafamni jiraachu baate silaa ilma namaa uumun hojii taphaa ta’aa ture. Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa kanarraa qulqullaa’e olta’e. Zaalimni humna qabu, nama dadhabaa miidhu fi cunqursuun ergasii adabbii tokko malee du’a. Mee amma of haa gaafannu: zaalimni (cunqursaan) kuni akkanumatti du’ee ni hafaa? Kan miidhamees osoo haqa isaa hin argatin achumaan du’ee ni badaa? Dhugumatti sammuun nagaha kana yommuu yaadu, dirqama du’aan booda kaafamni jiraachu akka qabu ni amana.
Ragaalee du’aan booda kaafamni akka jiru agarsiisan baay’eedha. Isaan keessaa: Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa wanta du’aa keessaa jiraa akka baasu guyyaa guyyaan ni argina. Kanaafu, akkuma du’aa keessaa wanta lubbuu qabu baase, Guyyaa Qiyaamaas namoota du’an ni jiraachisa. Ni jedha:
“Du’aa keessaa jiraataa baasa, jiraataa keessaas du’aa baasa, dachiis du’a ishiitiin booda ni jiraachisa. Akkuma kana isinis baafamtu.” Suuratu Ar-Ruum 30:19
Kana jechuun Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa du’aa keessaa jiraataa baasa. Fkn, Nabii Aadamin aleyh salaam suphee (biyyee) gogdu lubbu hin qabne keessaa baase. Biqiltoota sanyii du’aa lubbuu hin qabne keessaa baasa. Caacutis killee keessaa baasa. Ammas, “jiraataa keessaa du’aa baasa.” Kan akka lukkuu keessaa killee baasu fi kanneen biroo.[1]
“dachiis du’a ishiitiin booda ni jiraachisa.” Kana jechuun dachiin erga gogdee booda biqiltootaan ishii jiraachisa. Dachii gogduu biqiltuu magariisa homaatu ofirraa hin qabne irratti Rabbiin rooba buusa. Ergasii ajaja Isaatiin dachii magariisa taati. Osoo namoonni hundi kana hojjachuuf walitti qabamanii hojjachuu hin danda’an. Marga irraa marga takkatti biqilchuu hin danda’an. Rabbiin olta’aan dandeetti Isaatin kana hojjata.[2]
“Akkuma kana isinis baafamtu.” Kana jechuun akkuma dachii du’a ishiitiin booda jiraachisuun biqiltoota fi midhaan lafa keessaa ol baasu, akkuma kana du’a keessaniin booda isin jiraachisuun qabrii keessan keessaa isin baasa.[3]
Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa wanta hundaa irratti danda’aa ta’uu mallattoolee agarsiisan keessaa: biyyee irraa namoota uumuun dachii keessa facaasudha:
“Mallattoolee Isaa keessaa biyyee irraa isin uumee ergasii isin yoosu nama taatanii faffaca’uudha.” Suuratu 30:20
Kana jechuun yaa namoota! Mallattoolee Rabbii guddinnaa fi guutummaa dandeetti Isaa agarsiisan keessaa tokko biyyee bishaanin walitti makame irraa isin uumudha.
Rabbiin abbaa ilma namaa kan ta’e Aadamin (aleyh salaam) erga suuraa isaaf kennee fi kutaa qaama isaa sirreesefi booda dhoqqee goge irraa uume. Ergasii ruuhi itti afuufee nama guutuu taasise.
Haadha ilma namaa tan taate Hawwaa lafe cinaacha Aadam irraa uume. Hundeen ishii biyyee waan ta’eef ishiinis akkuma Aadam biyyee irraayyi.
Cophni bishaan saalaa namoonni hafan ittiin wal horan dhiiga irraa kan uumameedha. Dhiigni soorata irraa uumame. Soorannis biyyee dachii bishaaniin walitti makametti deebi’a. Sooranni biqiltoota irraa ta’e dhimmi isaa beekkamaadha. Sooranni beelladota irraa ta’es sooranni isaaniiti fi ijaarsi qaama isaanii biyyee dachii bishaanin walitti makametti deebi’a.
Akkuma mul’atu, qaamni namootaa fi lubbu-qabeenyi biroo bishaanii fi albuudota biyyee irraa ta’e irraa kan ijaarrameedha. (Kanaafu, hundeen namoonni irraa uumaman biyyeedha jechuudha.)
“ergasii isin yoosu nama taatanii faffaca’uudha.” Kana jechuun garaa haadha keessani keessatti qaamni keessan uumame erga guuttame ruuhin isinitti afuufamtee, ergasii umrii daa’imummaa fi ijoolluma erga dabartanii booda nama uumama guutuu qabu ta’uun dachii keessa faffacaatu.[4]
Akkuma beekkamu, ilmaan Aadam wal horuun addunyaa guutuu keessa faffaca’anii jiru. Dhugumatti, kuni dandeetti Rabbii olta’aa agarsiisa. Nama tokko irraa namoota lakkoofsi isaanii hangana hin jedhamne dachii keessa bittineessuun dandeetti Isaa agarsiisa.
Kitaabban wabii:
[1] Ma’aariju tafakkuri wa daqaa’iqu tadabburi-15/142
[2] Tafsiir Qur’aanil Kariim-Suuratu Ar-Ruum, Ibn Useymiin- 96
[3] Tafsiir Xabarii-18/476
[4] Ma’aariju Tafakkuri wa daqaa’iqu tadabburi-15/143-144