Tafsiira Suuratu Ar-Ruum-Kutaa 16

Namni Qur’aana dhageefate itti fayyadamuu nama amane ykn amanuuf qophii ta’e qofaadha.

Dhugumatti, ati du’aa hin dhageesistu, duudawwanis yeroo garagalanii of duuba deebi’an waamicha hin dhageesistu. Ati jaamawwanis jallinna isaanii irraa kan qajeelchutu miti. Ati namoota aayaata Keenyatti amanan malee hin dhageessiftu. Kanaafu, isaan [Rabbiif] ajajamtoota.” Suuratu Ar-Ruum 30:52-53

Yaa nama gara haqaatti waamu! Nama qalbiin isaa duute yookiin haqa dhageefachuu irraa gurra ofii cufate hin dhageesistu. Mushrikoonni kunniin waan amanu didaniif hin gaddin. Isaan akka namoota gurraan duudaa fi du’anii homaa hin dhageenyeti. Osoo si bira jiraataniyyu homaa hin hubatan. Osoo sirraa garagalanii duubatti deebi’ani hoo haalli akkam ta’inna laata?

Ammas, namoota Rabbiin karaa qajeelinnaa irraa jaamse qajeelchu hin dandeessu. Nama aayata Keenyatti amanuu malee dhageetti faaydaa qabu hin dhageesistu. Isaan ajaja Rabbiitiif kan gadi jedhanii fi bulaniidha.[1]

Aayah tana keessatti duudan, du’aa fi jaamaan fakkeenya kaafirotaaf dhiyeefameedha.
✏Kaafiroota keessaa namoota shirkii keessatti garmalee taran, wanta shirkii kana faallessuutti hin amannee, Qur’aanni fi waamichi gara haqaa dhiibbaa isaan irratti hin finnetu jira. Kunniin akka namoota du’aniiti. Akkuma namoonni du’an waa dhagayanii hubachuu hin dandeenye, namoonni kunniinis Qur’aanaa fi ergaa Islaamaa dhagayanii hin hubatan. Kunniin warra kufrii fi shirkii keessatti taranii qalbiin isaan guutumatti duutedha.

✏Ammas kaafiroota keessaa namoota Qur’aana dhageefachuu irraa garagalantu jira. Isaan warra, “Gurra keenya keessa duudummaati jira” jedhaniidha. Ammas ni jedhu, “Qur’aana kana hin dhageefatinaa, akka injifattaniif yommuu [dubbifamuu] wacaa.” (Suuratu Fussilat 41:26) Kunniin warra hoggantoota kaafirotaa fi dhimma isaanii qindeessaniidha. Yoo Qur’aanatti gurra kennanii dhageefatan, miira isaanii ni too’ataa sodaatu. Kanaafi, isa dhageefachu irraa ni fagaatu. Kunniin akka namoota duudaati.

✏Ammas, kaafiroota keessaa namoota hoggantootaa fi abbooti isaanii hordofanii fi faana isaanii dhayantu jira. Kanaafu, hubannoon isaanii wanta sirrii irraa ni jallate. Isaan Qur’aana ni dhagayuu garuu hojii irra oolchu hin danda’an.[2] Isaan warra yommuu “wanta Rabbiin buuse hordofa” jedhaman, “Lakki, nuti wanta abbooti keenya irratti arganne hordofna.” jedhaniidha.[3]  Isaan kuni akka namoota jaamaati. Akkuma namni jaamaan nama isa qajeelchu yoo hin argatin karaa keessatti raata’u, namoonni kunniinis jallinna isaanii keessatti raata’u. Kanaafu, yoo Rabbiin isaan hin qajeelchin ati jallinna isaanii keessaa isaan baasun isaan qajeelchu hin dandeessu.

“Ati namoota aayaata Keenyatti amanan malee hin dhageessiftu. Kanaafu, isaan [Rabbiif] ajajamtoota.”
Kana jechuun dhageetti dhagahaan itti fayyadamu fi hubatu hin dhageesistu namoota aayaata keenyatti amanan ykn amanuuf qophii ta’an malee. Sababni isaas, namni aayaata Rabbiitti amanu, yommuu kitaaba Rabbii dhagayuu, itti xinxalla, ni hubata, ni qabata. Wanta keessa jirutti ni hojjata, daangaalee Rabbiin isa keessatti kaa’e darbuu irraa of qusata. Kuni nama dhageetti faayda qabu dhageefatuudha.[4]Kanaafu, isaan [Rabbiif] ajajamtoota.” Kana jechuun iimaana isaanii irratti hundaa’e isaan Muslimoota (ajajamtootaa (warra ajaja Rabbiitiif masakamaniidha)).  Sababni isaas, akkuma iimaanni (amanuun) guutuu ta’uun, masakamuun (ajajamuun) guutuu ta’a. Akkuma namni iimaanaan cimaa ta’uun, ajajamuunis cimaa ta’a. Kanaafi, iimaanni (amanuun) akka ajajaman nama taasisa. Mu’minni (namni dhugaan amane) hundi Muslima. Garuu Muslimni hundi mu’minaa miti. Tarii namni gubbaadhaa ajajamaa ta’uu danda’a, garuu qalbiin isaa kufrii irratti tan maramte ta’uu dandeessi. Kuni munaafiqa. Rabbiin kanarraa nu haa eegu. Mu’minni immoo akkana miti. Qalbiidhaan kan amanee fi gubbaadhaan kan ajajamuudha. Kanaafu, namoonni haalota sadiin kanniin keessaa hin bahan:

-Nama alaa fi keessaan kafare. Kuni kaafira kufrii isaa ifatti labseedha.
-Nama alaa fi keessaan amanee. Kuni mu’mina
-Nama gubbaadhaan amanee keessaan hin amanneedha. Kuni munaafiqa.[5]


Kitaabban Wabii:
[1] Tafsiir Muyassar-410
[2] Tafsiir Tahriir wa tanwiir-21/126
[3] Suuratu Luqmaan 31:21
[4] Tafsiir Xabarii-18/525
[5] Tafsiir Qur’aanil Kariim-Suuratu Ar-Ruum, fuula-332-334

Tafsiira Suuratu Ar-Ruum-Kutaa 17
Tafsiira Suuratu Ar-Ruum-Kutaa 15

Leave a Reply