Tafsiira Suuratu Ar-Ruum-Xumura

Offline dubbisuf

Alhamdulillahi Rabbil aalamiin. Kunoo Tafsiira Suuratu Ar-Ruum osoo ilaallu xumura irra geenye. Barnoota guddaa akka irraa argattan abdiin qaba. Namni barnoota guddaa kana erga argatee wanti isarraa eeggamu wanta barate hojii irra oolchudha. Wanta baratan kana hojii irra oolchuuf maaltu namarraa barbaadamaa? Obsaa miti ree? Kanaafi, Rabbiin subhaanahu wa ta’aalaa suurah tana obsatti ajajuun xumure:

30:60

“Kanaafu, obsi. Dhugumatti waadaan Rabbii haqa. Warroonni yaqiina hin qabne si hin laaffisin.” Suuratu Ar-Ruum 30:60

Kanaafu, obsi. Dhugumatti waadaan Rabbii haqa.” Kana jechuun Yaa Muhammad! Rakkoo mushrikoota irraa sirra gahu irratti obsi. Ergaa Gooftaa keeti isaanitti geessi. Waadaan Rabbiin waadaa siif gale haqa, shakkii hin qabu. Waadaan kuni isaan irratti injifannoo siif kennu, sii fi hordoftoota kee dachii keessatti aangoo kennuufi dha. Kuni wanta obsa irratti nama gargaarudha. Gabrichi hojiin isaa kan hin banne ta’uu yoo beeke, inumaa mindaa guutuu ta’e akka argatu yoo beeke, rakkoon isa qunnamu isarratti laafa. Ulfaatinni hundi isaaf salphata.

Warroonni yaqiina hin qabne si hin laaffisin.” Kana jechuun namoonni Aakhiraa hin mirkaneessinee fi du’aan booda kaafamu hin dhugoomsine obsaa fi ijjannoo kee hin laaffisin. Obsaa fi ijjannoo kee laamshessuun ajaja Rabbii hojii irra oolchu irraa duubatti si hin deebisin.[1]

si hin laaffisin.” Kana jechuun akka obsuu dhiistu si hin taasisin.[2]

 Namoonni waadaa Rabbiitti hin amannee fi Aakhiraatti dhugaan hin amanne, obsi isaanii xiqqaadha. Kanaafu, namni biraas obsa akka dhabuu taasisuuf carraaqu. Fakkeenyaaf, namni tokko ollaa isa rakkisuu osoo qabaate, namni biraa isatti dhufuun: ollaa kee irraa rakkoo kana akkamitti baadhattaa ykn hiriyyaa kee ykn maatii kee irraa azaa kana akkamitti baadhattaa?” jedhaan. Ergasii obsa akka dhabuu isa taasisa. Innis hin obsu. Kanaafu, obsa dhabuun waan badaa akka hojjatu isa taasisu.

Garuu wanti nama qaruuteef maluu namoonni waadaa Rabbiin warra obsaniif waadaa galetti hin amanne obsa akka dhabuu isa taasisu hin qaban. Kana irra, hanga Rabbiin wanta waadaa isaaf gale isaaf mirkaneessutti obsuu qaba, dubbii namootatti dantaa kennuu hin qabu.[3]

Namoonni yaqiina hin qabne ajaja Rabbii irraa nama laaffisuuf carraaqu. Kanaafu, warri kuni si laaffisuu irraa of eeggadhu. Yoo ati isaan irraa of hin eeggatin, si laaffisu, ajaja Rabbii irratti gadi dhaabbannaa akka hin qabaanne si taasisu. Nafseenis kana irratti isaan gargaarti. Isaaniin akka wal fakkaattu fi wali galtu barbaaddi.

Kuni kan agarsiisu mu’minni hundi yaqiina kan qabuu fi sammuun bilchaata kan ta’eedha. obsi isarratti salphata. Namni yaqiinni isaa dadhabaa ta’e obsaa fi sammuun isaas dadhabaadha.[4] Obsi hamma yaqiinaa namni qabu irratti hundaa’a. Namni yaqiinni isaa cimaa ta’e, akkasuma obsi isaas cimaadha. Namni yaqiinni isaa dadhabaa ta’e, akkasuma obsi isaas dadhabaadha.

Yaqiina jechuun shakkii tokko malee dhugaan amanuu fi mirkaneessudha. Yaqiinni faallaa shakkiiti. Ingiliffaan certainty, Amaariffaan irgixanyinat jedhama.

Alhamdulillahi Rabbil aalamiin. Tafsiirri suuratu Ar-Ruum asirratti xumuramee jira.


Kitaabban wabii:
[1] Tafsiir Qurxubii-18/529
[2] Tahriir wa tanwiir-21/135
[3] Tafsiir Qur’aanil Kariim-Suuratu Ar-Ruum, fuula-339
[4] Tafsiir Sa’dii-758

Print Friendly, PDF & Email
Tafsiira Suuratu Luqmaan-Kutaa 1
Tafsiira Suuratu Ar-Ruum-Kutaa 18
Offline dubbisuf

Leave a Reply